Hoose'aa 4

GAZGAZAfaan Oromoo19 Keeyyattoota5:45 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 5:45 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yaa namoota Israa'el, biyyicha keessa amanamummaan, jaalalli, Waaqayyoon beekuun waan hin jirreef, Waaqayyo warra biyyicha keessa jiraatanii wajjin dubbii qaba, kanaaf dubbii Waaqayyoo dhaga'aa!

2“Kakatanii haaluun, ajjeesuun, hatuun, ejjuun, humnaan nama irratti ka'uun, dhiiga dhangalaasuun, dhiiguma dhangalaasuu itti in dabala.

3Kanaafis lafichi in boo'a, warri laficha irra jiran hundinuu, bineensonni daggalaa fi simbirroonni qilleensa keessa balali'an gad in dhumu, qurxummiin galaanaa iyyuu fudhatamanii in badu.

4“Namni dubbii hin kaasin, namas hin ifatin! Ani garuu sii wajjinan dubbii qaba, yaa lubichaa!

5Ati guyyaadhaan in gufatta, raajichis immoo halkaniin sii wajjin in gufata; biyya kee ishee haadha kee sana nan balleessa.

6Sabni koo karaa ittiin na beeku waan dhabeef balleeffame; ati ana beekuu tuffattee waan dhiifteef, anis luba anaaf ta'uu kee tuffadheen si dhiise; erga ati seera koo seera Waaqayyo keetii irraanfatte, anis immoo ilmaan kee nan irraanfadha.

7“Hammuma ofii baay'atan na yakkuu isaaniis in baay'isan; ani immoo ulfina isaanii salphinatti nan geddara.

8Kennaa sabni koo waa'ee cubbuu isaatiif dhi'eessu in nyaatu; sabni akka yakkus garaa guutuudhaan in hawwu.

9Wanti saba sanatti dhufu lubichattis in dhufa; kanaaf ani adeemsa isaatiif isa nan adaba, hojii isaas mataa isaatti nan deebisa.

10Nyaachuu in nyaatu, garuu hin quufan; ejja waaqayyolii tolfamoo in ejju, garuu galanii ijoollee hin godhatan; isaanoo ana Waaqayyoon dhiisaniiru, dhimma koos hin qaban.

11“Ejja waaqayyolii tolfamoof ejjuun, daadhii waynii isa ba'aa, isa hin ba'inis dhuguun, yaada isaan keessaa fudhate.

12Sabni koo bifa muka irraa qiinqimame deebii in gaafata, dhaabbanni isaas akka isaa akka itti himuuf in eeggata; yaadni ejjummaa isaanitti galee isaan wallaalchise; Waaqayyo jalaa ba'anii ejja isaanii duukaa bu'an.

13“Isaan bantii tullootaa irratti qalma in qalu, gaarota irrattis aarsaa in dhi'eessu; kanas gaaddisi isaanii mararaa waan ta'eef, muka hoomii, qilxuu fi dambii jalatti in hojjetu; kanaafis intaloonni keessan in gaalamootu, dubartoonni ilmaan keessaniis in ejju.

14Warri dhiiraa ofii isaaniitii ejjitootaa wajjin gara tokkotti in goru, dubartoota galma keessatti ejjaaf qophaa'anii taa'anii wajjinis qalma in qalu erga ta'ee, isa intaloonni keessan gaalamootaniif, isa dubartoonni ilmaan keessanii ejjaniifis ani isaan hin adabu; sabni wallaalaanis in balleeffama.

15“Yaa Israa'el, ati ejja akkasiitti yoo gorte iyyuu, Yihudaan akka kee hin yakkin! Giilgal iddoo sagadaa hin ga'inaa! Bet'elitti [ishee“Bet-Aween” kana jechuunis “Mana jal'inaa” jedhamtetti] ol hin ba'inaa, “Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa” jettaniis hin kakatinaa!

16Israa'el akkuma goromsa didduu gara-didaa erga ta'ee, amma immoo Waaqayyo akka hoolotaatti bakkee bal'aa keessa isa tiksaa ree”

17Efreem hidhata waaqayyolii tolfamanii ta'eera, itti dhiisaa!

18Gurguddoonni isaa warri gaachana baatan iyyuu dhugaatiin isaanii erga dhumee, ejja isaaniitti in ka'u; salphina kanas baay'isanii in jaallatu.

19Bubbeen akka waan qoochoo itti mareetti isaan fuudhee in adeema; sababii aarsaa isa waaqayyolii isaaniitiif dhi'eessaniif in yeellaasifamu.

Ibsa

4:1-5 Hoseyaan sanyii gadhummaa fi akkasumas waaqeffannaa tolfamoo balaaleffata. Biyyattii sana keessa dhugaan, gara laafinni yookaan beekumsi Waaqayyoo hin turre: ajjeechaan guutamee ture, 2Ki 21:16. Kanaafuu, balaawwan biyyattii onsuuf jedhan dhihoo turan. Cubbuun keenya, akka namoota dhuunfaa, akka maatii, akka ollaa, akkasumas akka sabaatti, Waaqayyo akka nuu wajjin falmii qabaatu taasisa. Akka inni nu balleessuu itti hin fufneef, fuula Isaa duratti haajilamnuu fi of gadi buusnu.

Hosee 4:6-11

Luboonniifi ummanni lamaanuu beekumsa didan; Waaqayyo haqaadhaan isaan dida. Seera Waaqayyoo dagatan, sammuu isaanii keessa tursuuf hin barbaanne, akkasumas yaadannoo isaa dhaloota isaaniitti dabarsuuf hin carraaqne; kanaafuu, Waaqayyo haqaadhaan isaanifi ijoollee isaanii ni dagata.

Yoo nuti waan kabaja keenya ture sanatti dhimma ba’uun Waaqayyoon salphisne, dafee yookiin booda salphina nutti ta'a.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG እናንተ የእስራኤል ልጆች ሆይ፥ እውነትና ምሕረት እግዚአብሔርንም ማወቅ በምድር ስለሌለ እግዚአብሔር በምድሩ ላይ ከሚኖሩ ጋር ክርክር አለውና የእግዚአብሔርን ቃል ስሙ። አማርኛ ENGNIV Hear the word of the Lord, you Israelites, because the Lord has a charge to bring against you who live in the land: “Th… English BCV ኣቱም ደቂ እስራኤል፥ “ሓቅን ምሕረትን ንእግዚኣብሄር ምፍላጥን፥ ኣብታ ምድሪ የለን፤ እግዚኣብሄር ምስቶም ኣብታ ምድሪ ዝነብሩ ዘለዉ ነገር ኣለዎ እሞ፥ ቃል እግዚኣብሄር ስምዑ። ትግርኛ GAZBIB Yaa namoota Israa'el, biyyicha keessa amanamummaan, jaalalli, Waaqayyoon beekuun waan hin jirreef, Waaqayyo warra biyyi… Afaan Oromoo BCV GIZ ስምዑ ቃለ እግዚአብሔር ደቂቀ እስራኤል እስመ ይትዋቀሦሙ እግዚአብሔር ለእለ ይነብሩ ውስተ ምድር። giz BCV aksum ኣቱም ደቂ እስራኤል፥ “ሓቅን ምሕረትን ንእግዚኣብሄር ምፍላጥን፥ ኣብታ ምድሪ የለን፤ እግዚኣብሄር ምስቶም ኣብታ ምድሪ ዝነብሩ ዘለዉ ነገር ኣለዎ እሞ፥ ቃል እግዚኣብሄር ስምዑ። ትግርኛ AMHNIV በምድሪቱ በምትኖሩ በእናንተ ላይ እግዚአብሔር የሚያቀርበው ክስ ስላለው፣ እናንት እስራኤላውያን ይህን የእግዚአብሔርን ቃል ስሙ፤ “ታማኝነት የለም፤ ፍቅርም የለም፤ እግዚአብሔርንም ማወቅ በም… አማርኛ SWAHSUV Lisikieni neno la Bwana, enyi wana wa Israeli; kwa maana Bwana ana mateto nao wakaao katika nchi, kwa sababu hapana kwe… Kiswahili