Ibraa'oota 5

GAZBIBAfaan Oromoo14 Keeyyattoota2:37 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 2:37 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Angafni lubootaa tokko, qooda namootaa ta'ee kennaa fi aarsaa cubbuu dhi'eessuudhaaf, namoota gidduudhaa kaafamee hojii nama Waaqayyoo wajjin walitti fiduu irra in dhaabama.

2Innis ofii isaatii dadhabbii akkasii jala waan jiruuf, warra wallaalotaa fi warra karaa irraa badaniif beekee, qabaa gaariidhaan isaan qabuu in danda'a.

3Sababii dadhabbii jala jiruufis akkuma cubbuu sabaatiif dhi'eessu, cubbuu ofii isaatiifis aarsaa dhi'eessuun isa irra jira.

4Akkuma Aaron waamame innis Waaqayyoon in waamama malee, namni tokko illee ulfina angafa lubummaa kana ofiin hin fudhatu.

5Kristosis akkasuma angafa lubootaa ta'uudhaaf mataa isaa ol ol hin qabne; garuu Waaqayyo isa, ?Ati ilma koo ti, ani har'an si dhalche!? ittiin jedhe sanatu ulfina kana kenneef.

6Iddoo biraattis immoo, ?Akkuma lubummaa Malkiisedeqitti, ati bara baraan luba in taata? in jedha.

7Yesus biyya lafaa kana irra yeroo jiraachaa turetti, sagalee guddaadhaan imimmaaniin, kadhataa fi waammata gara isa du'a isa oolchuu danda'uutti dhi'eesse; sababii inni ulfina Waaqayyoof gad of deebisee, isatti of kennateefis, kadhanni isaa in dhaga'ameef.

8Utuma ilma Waaqayyoo ta'ee jiruu immoo, dhiphina isatti dhufe hundumaa keessaa abboomamuu bare.

9Inni isa waan hundumaa fiixaan baase ta'ee erga argamee immoo, warra isaaf abboomaman hundumaaf sababii fayyina bara baraa ta'e.

10Waaqayyos akkuma lubummaa Malkiisedeqitti, ?Angafa lubaa? jedhee isa waame.

11Waa'ee isa dubbatame kanaaf waan jennu baay'ee qabna; garuu wanta dhageessan hubachuutti daagii waan taataniif, ibsuun rakkisaa dha.

12Isin yeroo kana barsiisota ta'uuf kan maltan turtan; amma garuu dubbii Waaqayyoo isa gara jalqabaa iyyuu nama hiikee isin barsiisu in barbaachise; qooda nyaata jabaa nyaachuus warra aannan dhuguun barbaachisu taataniittu.

13Namni aananiin jiraatu immoo, mucaa waan ta'eef, akka itti Waaqayyo duratti qajeelummaatti jiraatan isa barsiisu hin hubatu.

14Nyaanni jabaan garuu kan warra ga'anii ti; warri kun sammuun isaanii hojiidhaan itti bare hamaa fi gaarii gargar baasuu in danda'u.

Ibsa

5:1-10

Angafni Lubaa nama ta'uu qaba, uumama keenya keessaa hirmaataa ta'uu qaba. Kunis namni cubbuu hojjetee akka ture agarsiisa. Waaqayyo namni cubbamaan ofii isaatiin gara isaa akka dhufu hin heyyamu tureef. Haa ta'u malee, namni Angafa Luba kana isaatiin gara Waaqayyoo dhufu kamiyyuu Waaqayyo biratti fudhatama qaba; Waaqayyo biratti fudhatamuu fi dhiifama akka dinqisiifannu, Angafa Luba keenya guddaa kana Kiristoos Yesuusitti amantii keenyaan dhiyaachuu qabna, inni warra karaa dhugaa, dirqamaa fi gammachuu irraa maqudhaaf gidduu galeessa ta'uu danda'u; karaa jal'aa dogoggoraa, cubbuu fi gidiraa irraa gara deebisuuf gara laafina qabuudha. Warri Waaqayyoon waamamanii qofatu Waaqayyo biraa gargaarsa, isaa wajjin fudhatamuu, akkasumas fuula isaa fi eebba isaa ofii isaaniitti fi tajaajila isaaniitti eeguu danda'u. Kun Kiristoositti hojii irra ooleera. Guyyaa foon isaa keessa, Kiristoos du'aaf of dabarsee kenne: beela'e: Yesuus qoramtuu, dhiphattuu fi du'uuf jirtu ture.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ሊቀ ካህናት ሁሉ ስለ ኃጢአት መባንና መሥዋዕትን ሊያቀርብ ከሰው ተመርጦ ለእግዚአብሔር በሆነው ነገር ሁሉ ስለ ሰው ይሾማልና፤ አማርኛ ENGNIV Every high priest is selected from among men and is appointed to represent them in matters related to God, to offer gif… English BCV ኵሉ ሊቀ ካህናት ዝኸውን፥ ካብ ሰብ እዩ ዝምረፅ። ንእግዚኣብሄር ድማ መባእን መስዋእትን ከቕርብ ምእንቲ ሰብ ድማ ይሽየም። ትግርኛ BCV GIZ እስመ ኵሉ ሊቀ ካህናት እምሰብእ ይትነሣእ ወበእንተ ሰብእ ይሠየም ለኀበ እግዚአብሔር፤ ከመ ያብእ ቍርባነ ወመሥዋዕተ ዘበእንተ ኀጢአት። giz GAZGAZ Angafni lubootaa tokko, qooda namootaa ta'ee kennaa fi aarsaa cubbuu dhi'eessuudhaaf, namoota gidduudhaa kaafamee hojii… Afaan Oromoo BCV aksum ኵሉ ሊቀ ካህናት ዝኸውን፥ ካብ ሰብ እዩ ዝምረፅ። ንእግዚኣብሄር ድማ መባእን መስዋእትን ከቕርብ ምእንቲ ሰብ ድማ ይሽየም። ትግርኛ AMHNIV እያንዳንዱ ሊቀ ካህናት ከሰዎች መካከል ይመረጣል፤ የእግዚአብሔርም በሆነው ነገር ላይ ሰዎችን በመወከል ለኀጢአት የሚሆነውን መባንና መሥዋዕትን ለማቅረብ ይሾማል። አማርኛ SWAHSUV Maana kila kuhani mkuu aliyetwaliwa katika wanadamu amewekwa kwa ajili ya wanadamu katika mambo yamhusuyo Mungu, ili at… Kiswahili