Haggaayii 1

GAZGAZAfaan Oromoo15 Keeyyattoota4:04 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:04 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Daariyos biyya Faares irratti mo'ee waggaa lammaffaatti, waggicha keessaa ji'a ja'affaatti, ji'icha keessaa guyyaa tokkoffaatti, dubbiin Waaqayyoo karaa Haagee raajichaa gara Zarubaabel ilma She'altii'el isa biyya Yihudaa bulchuu akkasumas gara Iyaasuu angafa lubootaa ilma Yozaadaaq in dhufe;

2Waaqayyo gooftaan maccaa,“Sabni kun, ‘Yeroon manni qulqullummaa Waaqayyoof itti ijaaramu hin geenye’ in jedhu” jedhe.

3Yommus dubbiin Waaqayyoo karaa Haagee raajichaa dhufee,

4“Yaa saba ko, manni qulqullummaa koo kun diigamee utuu jiruu isin ofii keessanii mana ba'eessa ta'ee ijaarame keessa taa'uun yeroo isaa tii ree?” jedhe.

5Waaqayyo gooftaan maccaa,“Mee, wanta isin irra ga'aa jiru ilaalaa!

6Baay'ee facaaftu, muraasa galfattu; in nyaattu, garuu beela hin baatan; in dhugdu, garuu hin quuftan; in uffattu, garuu isinitti hin ho'u; namni qacaramee hojjetus mindaa argatu korojoo tarsa'aa keessa in kaa'ata” jedha.

7Waaqayyo gooftaan maccaa,“Mee, kun maaliif akka isin irra ga'e ilaalaa!

8Amma gara tulluutti ol ba'aa muka fidaatii, mana qulqullummaa koo ijaaraa! Yommus ani isatti nan gammada, ittis nan galateeffama.

9Isin baay'ee galfanna jettanii abdattan; garuu muraasa galfattan; wanta isin galfattan sanas ani afuufee nan balleesse; maaliifan kana godhe” Manni qulqullummaa koo diigamee utuu jiruu isin immoo adduma addaan waa'ee mana keessaniitiif asii fi achi waan fiigdaniif kun ta'e.

10Sababii keessaniif waaqni fixeensa in dhowwata, laftis midhaan hin baasu;

11ani lafa irratti, tulloota irratti, midhaan irratti, muka waynii irratti, muka ejersaa irratti, waanuma lafti biqilchu irratti, nama irratti, horii irratti, wanta harki keessan hojjete hundumaa irrattis gogii nan fida” jedhe.

12Ergasii Zarubaabel ilmi She'altii'el, Iyaasuun angafni lubaa, ilmi Yozaadaaq, saba keessaa warri hafan hundinuus Waaqayyo raajicha waan ergeef, sagalee Waaqayyo gooftaa isaaniitiif, ergaa Haagee raajichi isaanitti hime sanaafis in abboomaman; jarris Waaqayyoon in sodaatan.

13Kanaaf Haageen inni Waaqayyo erge sun, ergaa kanatti fufee jiru sabatti in hime. Waaqayyo,“Ani isinii wajjinan jira” jedhee dubbateera.

14Ergasii Waaqayyo hafuura Zarubaabel ilma She'altii'el isa Yihudaa bulchuu, hafuura Iyaasuu ilma Yozaadaaq isa angafa lubaa turee fi hafuura saba warra hafan hundumaa in dammaqse; yommus isaan dhufanii hojii mana qulqullummaa Waaqayyo isaanii isa kan Waaqayyo gooftaa maccaa sana hojjechuu in jalqaban.

15Kun immoo Daariyos mo'ee waggaa lammaffaa isaatti, waggicha keessaa, ji'a ja'affaatti, ji'icha keessaas guyyaa digdamii afuraffaatti ta'e.

Ibsa

1:1-11

Cubbuu Yihudoonni boojuu Baabilon irraa erga deebi'anii booda hojjetan hubadhaa. Warri Waaqayyoof hojjetan qilleensa hamaan hojii isaanii irraa yoo ari'atamanillee, gara hojii isaaniitti deebi'uu qabu. Isaan mana qulqullummaa hin ijaarru hin jenne, garuu, "Amma miti" jedhan. Akkuma kana namoonnis, "Matumaa hin qalbii diddiirrannu, hin jijjiirramnu, amantii hin eegallu" hin jedhan, garuu, "Amma miti" jedhan. Kanaanis hojiin guddaan nuuf kennamee biyya lafaatti ergame jennee hojjechuu qabnu hin raawwatamne. Nuti hojii keenya keessatti gufuu nutti ta'an dogoggoraan akka waan hojii keenya irraa nu hiikanitti ilaaluuf fedhii qabna, utuu isaan dandeettii fi amantii keenya qorachuuf qofa ta'anii. Isaan manneen Waaqayyoo ijaaruu dhiisan, akka dhimma addunyaaf yeroo fi maallaqa dabalataa argatanitti. Adabbiin cubbuu sanaaf deebii akka kennuuf, humaa qabeenyaa isaan mana qulqullummaa ijaaruu dhiisuudhaan ittisuuf yaadan sana, Waaqayyo mana sana waan hin ijaarreef isaanitti fide. Hojiin gaarii hedduun yaaddameera, garuu hin hojjetamne, sababiin isaa namoonni yeroon sirriin hin geenye jedhanii waan yaadaniif. Akkuma kana amantoonni carraawwan tajaajilaa dhabu, cubbamoonnis dhimma lubbuu isaanii yeroo isaa darbutti tursiisu. Yoo akkuma Yihudootaa asitti, nyaata badeessa qofaaf hojjenne, hojii keenya dhabuuf gaaga'ama keessa jirra; garuu yoo nyaata jireenya bara baraatiif tursuuf hojjenne, Waaqayyo biratti hojiin keenya matumaa akka hin badne mirkaneeffanna.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በንጉሡ በዳርዮስ በሁለተኛው ዓመት በስድስተኛው ወር ከወሩም በመጀመሪያው ቀን የእግዚአብሔር ቃል በነቢዩ በሐጌ እጅ ወደ ይሁዳ አለቃ ወደ ሰላትያል ልጅ ወደ ዘሩባቤል፥ ወደ ታላቁም ካህን ወ… አማርኛ ENGNIV In the second year of King Darius, on the first day of the sixth month, the word of the Lord came through the prophet H… English BCV ዳርዮስ፥ ኣብ ሜዶን ምስ ነገሰ ኣብ ካልአይቲ ዓመቱ፥ ብቐዳመይቲ መዓልቲ ናይታ ሻድሸይቲ ወርሒ፥ ከምዙይ ዝብል ቃል እግዚኣብሄር፥ ብኢድ ነቢይ ሓጌ ናብ ዘሩባቤል ወዲ ሰላትያል ገዛኢ ይሁዳን… ትግርኛ GAZBIB Daariyos biyya Faares irratti mo'ee waggaa lammaffaatti, waggicha keessaa ji'a ja'affaatti, ji'icha keessaa guyyaa tokk… Afaan Oromoo BCV GIZ በካልእት ዓመተ መንግሥቱ ለዳርዮስ ንጉሥ በሳድስ ወርኅ አመ ሠርቅ ኮነ ቃለ እግዚአብሔር በእደ ሐጌ ነቢይ ወይቤሎ፦ በሎ ለዝሩባቤል ወልደ ሰላትየል ዘሕዝበ ይሁዳ ወለዮሴዕ ወልደ ዮሴዴቅ ካህ… giz BCV aksum ዳርዮስ፥ ኣብ ሜዶን ምስ ነገሰ ኣብ ካልአይቲ ዓመቱ፥ ብቐዳመይቲ መዓልቲ ናይታ ሻድሸይቲ ወርሒ፥ ከምዙይ ዝብል ቃል እግዚኣብሄር፥ ብኢድ ነቢይ ሓጌ ናብ ዘሩባቤል ወዲ ሰላትያል ገዛኢ ይሁዳን… ትግርኛ AMHNIV ዳርዮስ በነገሠ በሁለተኛው ዓመት፣ በስድስተኛው ወር የመጀመሪያ ቀን፣ የእግዚአብሔር ቃል በነቢዩ በሐጌ በኩል ወደ ይሁዳ ገዥ ወደ ሰላትያል ልጅ ወደ ዘሩባቤልና ወደ ሊቀ ካህናቱ ወደ ኢዮሴዴ… አማርኛ SWAHSUV Katika mwaka wa pili wa Dario mfalme, mwezi wa sita, siku ya kwanza ya mwezi, neno la Bwana lilimjia Zerubabeli, mwana … Kiswahili