Amoos 2

GAZBIBAfaan Oromoo16 Keeyyattoota3:40 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:40 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Amos ammas,“Waaqayyo akka jedhu! “Warri biyya Mo'aab lafee mootii Edoom gubanii nooraa mana diban waan godhataniif, ani irra-daddarbaa isaanii isa keessa deddeebi'aniif adabni akka irraa deebi'u hin godhu!

2Kanaaf, ani biyya Mo'aab irratti ibidda nan erga; inni immoo mana jajjaboo mandara Keriyot in fixa; warri duulaa utuu wacanii, sagalee fiinoos dhageessisanii, namoonni Mo'aab goolii keessa in du'u.

3Isa biyya seerratus ishee keessaa nan balleessa, gurguddoota ishee hundumaas isaa wajjin nan ajjeesa” jedha Waaqayyo” jedhe.

4Waaqayyo akka jedhu!“Warri biyya Yihudaa seera koo seera Waaqayyo isaanii tuffatanii seerrata koos eeguu didanii, waaqayyolii sobaa warra abboonni isaanii duukaa bu'aa turaniin waan wallaalchifamaniif, ani irra-daddarbaa isaanii isa keessa deddeebi'aniif adabni akka irraa deebi'u hin godhu!

5Kanaaf,“Ani biyya Yihudaa irratti ibidda nan erga; inni immoo mana jajjaboo Yerusaalem in fixa” jedha” jedhe.

6Waaqayyo akka jedhu! “Warri Israa'el irra-daddarbaa isaanii keessa waan deddeebi'aniif, adabni akka irraa deebi'u ani hin godhu! Isaanoo nama qajeelaa meetiitti, nama dhabaa immoo gatii kophee baaqqee cimdii tokkoof jedhanii in gurguru.

7Isaanoo mataa warra dadhaboo awwaara keessatti lafatti dhidhiitan; warra gad qabamoos karaa irraa in daddarbatu; maqaa koo isa qulqulluu xureessuudhaaf, ilmis abbaanis dubartii ejjituu tokko bira in ga'u.

8Isaan iddoo aarsaa hundumaa bukkeetti immoo, uffata qabsiisaaf fuudhan irra in ciisu; daadhii waynii warra adabaman biraa dhufes, mana Waaqayyo isaanii keessatti in dhugu.

9“Ani immoo,“Amoorota warra akka birbirsaa dheeratan, warra akka muka hoomii jabaatan fuula isaanii duraa hundeedhaan buqqisee sanyii isaaniis lafa irraa balleesseen ture.

10Lafa warra Amoorotaa kan keessan akka godhattaniif, anatu biyya Gibxiitii ol isin baasee, lafa onaa keessa waggaa afurtama isin geggeesse.

11Ilmaan keessan keessaa raajota, dargaggoota keessan keessaas warra addaan baafamanii:- Naaziroota jedhamanii beekaman nan kaase; kun dhuguma akkas mitii ree, yaa warra Israa'el” Kanas ana Waaqayyo keessantu isin gaafata!

12Isin garuu Naaziroota daadhii waynii akka dhugan in gootan; raajotaanis:- Raajii hin dubbatinaa! jettanii abboomtan.

13“ ‘Ammas akkuma konkolaataan bissii midhaanii baatu wal rigee iyyu, kunoo, anis gidiraa jalaa akka iyyitan nan godha.

14Namni fiigicha danda'u lafa itti baqatu hin qabu; jabinni nama jabaa in laafa; jagni lubbuu isaa hin oolfatu.

15Inni iddaa qabu achi hin dhaabatu, inni fiigicha danda'us miilla isaatiin of hin baasu; abbaan fardaas lubbuu isaa hin oolfatu.

16Guyyaa sanatti jagnoota keessaa inni laphee-jabeessi iyyuu harka qullaa in baqata” jedhee dubbateera Waaqayyo” jedhe.

Ibsa

2:1-8

Fedhiiwwan hamoon garaa bifawwan garaagaraatiin mul’atu; garuu Gooftaan akeeka keenyaas ta’e gocha keenya ni ilaala. Warri hamminaan deeman, hamminaan isaanitti deebifama. Saboonni biroon sababa miidhaa namaaf godhaniif gaafataman; Yihudaan immoo ulfina Waaqayyoof dhabsiisaniif gaafatama. Yihudaan seera Gooftaa tuffate; inni immoo haqa qabeessummaan gowwoomsaa cimaatti isaan dabarsee kenne. Sobi sun, jechuunis waaqayyolii tolfamoo abbootiin isaanii duukaa bu’an sun, cubbuu isaaniif sababa hin turre. Jibbisiisoonni hundumaa caalan fi cunqursaan hundumaa caalaa ulfaataan warra Gooftaa waaqeffannaatti amanatan keessaa tokko tokkoon raawwataman. Amalli akkasii hedduu gara amanti dhabuufi gara waaqeffannaa tolfamoo jallootaatti geessa.

2:9-16 Yeroo baay'ee arjummaa nu argine yaadatamuu nuuf barbaachisa; kunis hammina cubbuu nu hojjenneef baay'ee dabala.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG እግዚአብሔር እንዲህ ይላል፦ “የኤዶምያስን ንጉሥ አጥንት አመድ እስኪሆን ድረስ አቃጥሎታልና ስለ ሦስት ወይም ስለ አራት የሞዓብ ኃጢአት መቅሠፍቴን ከማድረግ አልመለስም። አማርኛ ENGNIV This is what the Lord says: “For three sins of Moab, even for four, I will not turn back my wrath. Because he burned, a… English BCV እግዚኣብሄር ከምዙይ ይብል፦ “ኣዕፅምቲ ንጉስ ኤዶምያስ ሓመድ ክሳዕ ዝኸውን ኣቃፂልዎ እዩሞ፥ ስለ ሰለስተ ወይ ስለ ኣርባዕተ ሓጢኣት ሞኣብ፥ መቅሰፍተይ ካብ ምግባር ኣይምለስን። ትግርኛ BCV GIZ ከመዝ ይቤ እግዚአብሔር፦ በእንተ ሠላስ ኀጢአተ ሞአብ ወበእንተ አርባዕ ኢይመይጥ እስመ አውዐዩ አዕፅምቲሁ ለንጉሠ ኢዶምያ ለግምስስ። giz GAZGAZ Amos ammas,“Waaqayyo akka jedhu! “Warri biyya Mo'aab lafee mootii Edoom gubanii nooraa mana diban waan godhataniif, ani… Afaan Oromoo BCV aksum እግዚኣብሄር ከምዙይ ይብል፦ “ኣዕፅምቲ ንጉስ ኤዶምያስ ሓመድ ክሳዕ ዝኸውን ኣቃፂልዎ እዩሞ፥ ስለ ሰለስተ ወይ ስለ ኣርባዕተ ሓጢኣት ሞኣብ፥ መቅሰፍተይ ካብ ምግባር ኣይምለስን። ትግርኛ AMHNIV እግዚአብሔር እንዲህ ይላል፤ “ስለ ሦስቱ የሞዓብ ኀጢአት፣ ይልቁንም ስለ አራቱ፣ ቊጣዬን አልመልስም፤ የኤዶምን ንጉሥ ዐጥንት፣ ዐመድ እስኪሆን ድረስ አቃጥሎአልና፤ አማርኛ SWAHSUV Haya ndiyo asemayo Bwana; Kwa makosa matatu ya Moabu, naam, kwa manne, sitaizuia adhabu yake isimpate; kwa sababu aliic… Kiswahili