Hojii Ergamootaa 14

GAZGAZAfaan Oromoo28 Keeyyattoota5:48 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 5:48 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Phaawulosii fi Baarnaabaas mandara Iqoniiyumittis akkasuma mana sagadaa warra Yihudootaatti lixanii akki isaan itti lallaban kophaa ture; kanaaf namoonni baay'een warra Yihudootaa fi warra Griikotaa keessaa amantoota ta'an.

2Yihudoonni warri dubbichatti hin amanne garuu namoota warra saba Waaqayyoo hin ta'initti yaada hamaa galchanii obboloota irratti kaasan.

3Utuma ta'uu iyyuu, ergamoonni yeroo dheeraadhaaf achi taa'anii, ija jabummaadhaan gooftaa Yesusin lallaban; gooftaan milikkinnii fi dinqiin adda addaa karaa isaanii akka raawwatamu gochuu isaatiin dubbii ayyaana isaatiif dhugaa ba'e.

4Namoonni mandarichaa garuu wal hiran; kaan gara Yihudootaa, kaan immoo gara ergamootaa goran.

5Yommus warri saba Waaqayyoo hin ta'inii fi warri Yihudootaa, warra biyya bulchanii wajjin ergamoota sana loluudhaaf dhagaadhaanis rukutuudhaaf qophaa'an.

6Ergamoonni garuu kana yommuu baran mandaroota kutaa biyya Liqaa'oniyaa Lisxiraadhaa fi Derbeetti biyya naannoo isaa jiruttis baqatanii,

7achittis wangeela lallabaa turan.

8Mandara Lisxiraa keessa namni naafti tokko ture. Namichi kun miilli isaa lawwaasa'aa waan tureef, dhalachuu isaatii jalqabee takkaa hin adeemne.

9Inni achi ciisee waan Phaawulos jedhu dhaggeeffachaa ture; yommus Phaawulos ija isaa keessa ilaalee, fayyifamuudhaaf amantii akka inni qabu arge.

10Achumaanis sagalee guddaadhaan, ?Ka'i qajeelii, miilla keetiin dhaabadhu!? jedheen, namichi utaalee ka'ee asii fi achi adeeme.

11Namoonni baay'atanii achi turan waan Phaawulos hojjete yommuu argan, sagalee isaanii ol fudhatanii afaan Liqaa'oniyaatiin, ?Waaqayyoliin namoota fakkaatanii gara keenyatti gad bu'aniiru? jedhanii dubbatan.

12Baarnaabaasin ?Zeos? jedhan, Phaawulosin immoo kan dubbate isa waan tureef, akka ergamaa waaqayyolii isaaniitti ?Hermees? jedhanii moggaasan.

13Lubni, galma Zeos isa mandaricha duubaa keessaa hojjetu tuntunootaa fi daraaraa battee dha'ame gara kellaa mandarichaatti fide; lubichi jara achi turanii wajjin ergamoota sanaaf aarsaa dhi'eessuu barbaade.

14Ergamoonni sun Baarnaabaasii fi Phaawulos waa'ee kanaa yommuu dhaga'an wayyaa isaanii tarsaasanii fiigichaan tuuta jara sanaa keessa lixanii itti iyyan.

15?Jara nana, inni isin hojjettan kun maali? Nuyi waaqayyolii miti, akkuma keessan nama. Wanta waa'ee hin baafne waaqessuutii gara Waaqayyo isa jiraataatti akka deebitaniif dubbii gammachiisaa isinitti in himna; Waaqayyo inni jiraataan waaqichaa fi laficha, galaanicha, isaan kana keessa kan jiraatan hundumaas uumeera.

16Bara dhaloota darbaniitti sabni biyya lafaa irraa hundinuu karaa isaanii haa adeemaniif isaan dhiise.

17Haa ta'u iyyuu malee, waaqa irraa bokkaa isiniif roobsee, ija midhaaniis yeroo isaatti guutachiise. Soora isiniif kennee garaa keessanis gammachuudhaan guute; waan gaarii kana hundumaa gochuu isaatiinis gooftummaa isaa mul'iseera? jedhaniin.

18Kana hundumaa irratti iyyuu ergamoonni rakkina baay'eedhaan aarsaa akka isaaniif hin dhi'eessine jara dhowwan.

19Gaafas Yihudoonni mandaroota Anxokiyaatii fi Iqoniiyumii dhufan tokko tuuta jaraa sana sossobanii, Phaawulosin dhagaadhaan rukutan; du'eera se'aniis mandaricha keessaa gad gototan.

20Amantoonni garuu dhufanii isatti naanna'anii dhaabannaan, Phaawulos lafaa ka'ee mandaratti ol deebi'e; borumtaa immoo Baarnaabaasii wajjin mandara Derbee dhaqe.

21Phaawulosii fi Baarnaabaas mandara Derbeetti wangeela lallabanii, namoota baay'ee amantoota godhan; kana booddees mandaroota Lisxiraatii fi Iqoniiyumitti Anxokiyaa isa biyya Phisiidiyaattis deebi'an.

22Isaan yaada amantootaa jajjabeessanii, amantii isaaniitti akka cimaniif gorsan; ?Gidiraa baay'ee keessa darbuudhaan mootummaa Waaqayyootti galuun nuuf in ta'a? jedhaniin.

23Ergamoonni tokkon tokkon waldaa sanaaf jaarsolii fo'an; soomanii erga kadhatanii booddee, amantoota sana hundumaa harka gooftaa isa isaan itti amananiitti hadaraa kennan.

24Isaan ergasii kutaa biyya Phisiidiyaa keessa darbanii kutaa biyya Phamfiliyaa dhufan.

25Phergeettis dubbicha lallabanii mandara Ataalii'aatti gad bu'an.

26Achiis markabaan ka'anii Anxokiyaa biyya Sooriyaatti, hojii amma raawwatan kanaaf iddoo itti ayyaana Waaqayyootti kennamanii turanitti deebi'an.

27Erga Anxokiyaa ga'anii amantoota waldaa sanaa walitti waaman; Waaqayyo inni isaanii wajjin ture kan hojjete hundumaa, attamittis karaa itti warri saba Waaqayyoo hin ta'in amanan, akka isaaniif bane itti himan.

28Yeroo dheeraas amantootaa wajjin turan.

Ibsa

14:1-7 Ergamoonni ifatti, ragaa fi mirkaneeffannaa Hafuuraatiin, akkasumas humna guddaadhaan dubbatan; onnee ho'aadhaan, akkasumas lubbuu namaatiif yaaddoo guddaadhaan, kanaaf warri isaan dhaga'an Waaqayyo dhuguma isaan wajjin jira jedhan malee hin hafne. Haata'u malee, milkaa'inni sun mala lallaba isaaniitiif hin lakkaa'amne, garuu Hafuura Waaqayyoo karaa sana fayyadameef ture. Gaarummaa hojjechuu keessatti, balaa fi rakkina gidduutti jabaatanii dhaabachuun, ragaa ayyaana eebbifamaadha. Tajaajiltoonni Waaqayyoo eessaayyuu yoo deeman, dhugaa beeksisuuf barbaaduu qabu. Yommuu maqaa Kiristoosiin fi humna Isaatiin itti fufanitti, inni dubbii ayyaana Isaa ragaa ba'uudhaaf hin oolle. Inni dubbiin sun dubbii Waaqayyoo ta'uu nuuf mirkaneesseera, akkasumas lubbuu keenya isa irratti abdachuu dandeenyuuf. Orofonni fi Yihuudoonni walitti diina turan, haata'u malee Kiristaanota irratti tokkummaa qabaatan. Yoo diinonni waldaa Kiristaanaa isa balleessuuf walitti qabaman, jaallattoonni isaa isa eeguuf hin tokkummaan? Waaqayyo yeroo obomboleettii keessatti uummata Isaatiif dhoksaa qaba; inni iddoo dhoksaa isaanii dha, akkasumas ni ta'a. Yeroo ari'atamaa keessatti, warri amantootaa iddoo tokko dhiisuuf sababa arguu danda'u, haata'u malee hojii Gooftaa isaanii hin dhiisan.

14:8-18

Wanti hundinuu warra amananitti ni danda'ama. Yommuu amantii, kennaa Waaqayyoo isa baay'ee gati-jabeessa ta'e, qabannu, dadhabbii hafuuraa keessaatti dhalanne keessaa ni bilisa baana, akkasumas gochoota cubbuu booda uumaman to'annaa jalaa ni baana; karaa Gooftaa keessa guutummaatti dhaabachuu fi gammachuudhaan deemuuf dandeettii ni arganna.

Yeroo Kiristoos, Ilmi Waaqayyoo, fakkaattii namaatiin mul'ate, akkasumas dinqiiwwan baay'ee hojjete, namoonni isaaf aarsaa dhiheessuu irraa baay'ee fagaatanii, dirree gandummaa isaanii fi hammina isaaniitiif aarsaa isa godhan; hata'u malee Phaawuloosii fi Baarnaabaas, yommuu dinqii tokko hojjetanitti, akka waaqotaatti ilaalaman.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በኢቆንዮንም እንደ ቀድሞ ወደ አይሁድ ምኵራብ ገብተው ከአይሁድና ከግሪክ ሰዎች ብዙ እስኪያምኑ ድረስ ተናገሩ። አማርኛ ENGNIV At Iconium Paul and Barnabas went as usual into the Jewish synagogue. There they spoke so effectively that a great numb… English BCV ከምኡ ድማ ኣብ ኢቆንዮን፥ ጳውሎስን በርናባስን፥ ኣብ ቤተ ፀሎት ኣይሁድ(ሀ) ኣትዮም፥ ብዙሓት ኣይሁድን ግሪካውያንን ክሳዕ ዝኣምኑ ሰበኹ። ትግርኛ GAZBIB Phaawulosii fi Baarnaabaas mandara Iqoniiyumittis akkasuma mana sagadaa warra Yihudootaatti lixanii akki isaan itti lal… Afaan Oromoo BCV GIZ ወበሀገረ ኢቆንዮን ቦኡ ምኵራበ አይሁድ ወአረሚ ወነገሩ ዘከመ ይነግሩ ዘልፈ እስከ አምኑ ብዙኃን ጥቀ እምአይሁድ ወእምአረሚኒ። giz BCV aksum ከምኡ ድማ ኣብ ኢቆንዮን፥ ጳውሎስን በርናባስን፥ ኣብ ቤተ ፀሎት ኣይሁድ(ሀ) ኣትዮም፥ ብዙሓት ኣይሁድን ግሪካውያንን ክሳዕ ዝኣምኑ ሰበኹ። ትግርኛ AMHNIV በኢቆንዮንም ጳውሎስና በርናባስ አብረው ወደ አይሁድ ምኵራብ ገቡ፤ በዚያም በሚገባ ስላስተማሩ፣ ከአይሁድም ከግሪክም እጅግ ብዙ ሰዎች አመኑ። አማርኛ SWAHSUV Ikawa huko Ikonio wakaingia pamoja katika sinagogi la Wayahudi; na kwa vile walivyonena, kundi kubwa la Wayahudi na la … Kiswahili