1ffaa Tasalonqee 1

GAZGAZAfaan Oromoo10 Keeyyattoota2:04 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 2:04 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Phaawulos, Silwaanosii fi Ximotewos biraa, gara waldaa warra Tasaloniiqee isa kan Waaqayyoo abbaa fi kan gooftaa Yesus Kristositti caafame. Ayyaannii fi nagaan isiniif haa ta'u!

2Nuyi kadhata keenya keessatti maqaa keessan dhoofnee, yeroo hundumaa waa'ee hunduma keessaniif Waaqayyoon in galateeffanna.

3Fuula Waaqayyo keenyaa fi abbaa keenyaa duratti hojii amantii keessanii, jaalalaaf dadhabuu keessan, gooftaa keenya Yesus Kristosin abdachuutti jabaachuu keessanis in yaadanna.

4Obboloota nana! Waaqayyo akka isin jaallate akka isin fo'ates nuyi in beekna.

5Wangeelli nuyi isiniif lallabne humnaan, hafuura qulqulluudhaan akkasumas amansiisa guutuudhaan malee, sagalee duwwaadhaan gara keessan hin dhufne; nuyi immoo sababii keessaniif namoota attamii taanee akka isin gidduu turre in beektu.

6Isinis fakkeenya keenyaa fi fakkeenya gooftaa duukaa buutaniittu; yoo baay'ee rakkattan iyyuu, gammachuu hafuura qulqulluu biraa dhufuun dubbicha fudhattaniittu.

7Kanaan isinis amantoota warra Maqedooniyaa fi, warra Akaayyaa hundumaaf fakkeenya taatan.

8Dubbiin gooftaa inni isin biraa ka'e Maqedooniyaa fi Akaayyaa duwwaatti dhaga'ame miti; amantiin isin Waaqayyotti qabdan iddoo halletti ba'ee barameera; waa'ee kanaafis waan jechuun nu barbaachisu tokko illee hin jiru.

9Nuyi attamitti akka isin gidduutti simatamne isinis Waaqayyo isa jiraataa fi isa dhugaadhaaf hojjechuuf attamitti waaqayyolii tolfaman irraa gara Waaqayyootti akka deebitan isaan ofuma isaaniitii iyyuu in himu.

10Deebi'uun keessanis ilma isaa isa waaqa irraa dhufu, isa inni warra du'an keessaa kaase Yesus isa dheekkamsa dhufu jalaa nu oolchu eeggachuudhaaf.

Ibsa

1:1-5

Wanti gaariin hundinuu Waaqayyo irraa waan dhufeef, cubbamoonni garuu Waaqayyo isa Kiristoos keessaa malee, homaa gaarii abdachuu hin danda'an. Wantoota gaggaarii hunda caalan immoo Waaqayyo irraa, akka Abbaa keenyaa, Kiristoosiif jedhee eeguun ni danda'ama. Ofiif qofa osoo hin taane, warra kaaniifis kadhachuu qabna; dhaabii malee isaan yaadachuudhaan. Amantiin dhugaan bakka jiru hundatti ni hojjeta; onnee fi jireenya lamaanuu irratti dhiibbaa uuma. Amantiin jaalalaan hojjeta; inni jaalala Waaqayyoof qabnuu fi jaalala ollaa keenyaaf qabnuun of mul'isa. Akkasumas, abdii jireenya bara baraa jabeeffamee jiru bakka jiru hundatti, kun obsaan hojjechuu keenyaan ni mul'ata; hojiiwwan keenya hundatti Waaqayyo duratti of fudhachiisuu yoo barbaanne, kun mallattoo qulqullummaa onnee keenyaa ti.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ጳውሎስና ስልዋኖስ ጢሞቴዎስም፥ በእግዚአብሔር አብ በጌታ በኢየሱስ ክርስቶስም ወደምትሆን ወደ ተሰሎንቄ ሰዎች ቤተ ክርስቲያን፤ ከእግዚአብሔር ከአባታችን ከጌታ ከኢየሱስ ክርስቶስም ጸጋ ሰላም… አማርኛ ENGNIV Paul, Silas and Timothy, To the church of the Thessalonians in God the Father and the Lord Jesus Christ: Grace and peac… English BCV ካብ ጳውሎስን ስልዋኖስን ጢሞቴዎስን፥ ናብታ ኣብ እግዚኣብሄር ኣቦናን፥ ኣብ ጐይታና ኢየሱስ ክርስቶስን ዘላ ቤተ ክርስቲያን ተሰሎንቄ፥ ኻብ እግዚኣብሄር ኣቦናን፥ ካብ ጐይታና ኢየሱስ ክርስቶ… ትግርኛ GAZBIB Phaawulos, Silwaanosii fi Ximotewos biraa, gara waldaa warra Tasaloniiqee isa kan Waaqayyoo abbaa fi kan gooftaa Yesus … Afaan Oromoo BCV GIZ እምጳውሎስ ወስልዋኖስ ወጢሞቴዎስ ለቤተ ክርስቲያን ዘተሰሎንቄ፤ ምእመናን በእግዚአብሔር፣ አቡነ ወእግዚእነ ኢየሱስ ክርስቶስ፣ ሰላም ለክሙ ወጸጋ እግዚአብሔር አቡነ ወእግዚእነ ኢየሱስ ክርስቶ… giz BCV aksum ካብ ጳውሎስን ስልዋኖስን ጢሞቴዎስን፥ ናብታ ኣብ እግዚኣብሄር ኣቦናን፥ ኣብ ጐይታና ኢየሱስ ክርስቶስን ዘላ ቤተ ክርስቲያን ተሰሎንቄ፥ ኻብ እግዚኣብሄር ኣቦናን፥ ካብ ጐይታና ኢየሱስ ክርስቶ… ትግርኛ AMHNIV ከጳውሎስ፣ ከሲላስና ከጢሞቴዎስ፤ የእግዚአብሔር አብና የጌታ የኢየሱስ ክርስቶስ ለሆኑት ለተሰሎንቄ ሰዎች ቤተ ክርስቲያን፤ ከእግዚአብሔር ከአባታችን ከጌታም ከኢየሱስ ክርስቶስ ጸጋና ሰላም ለ… አማርኛ SWAHSUV Paulo, na Silwano, na Timotheo, kwa kanisa la Wathesalonike, lililo katika Mungu Baba, na katika Bwana Yesu Kristo. Nee… Kiswahili