1ffaa Pheexiroos 4

GAZBIBAfaan Oromoo19 Keeyyattoota4:02 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:02 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Kristos namummaa fooniitiin erga dhiphatee, isinis immoo akkuma isaa yaaduudhaan, akka nama lolaaf mi'a hidhatetti taa'aa! Namni namummaa fooniitiin dhiphatu cubbuutti of kennuu dhiiseera.

2Egaa foon akka uffattanitti bara si'achi itti jiraattanitti akka jaalala Waaqayyootti malee, akka hawwa namaatti jiraachuun keessan haa hafu!

3Wanta warri saba Waaqayyoo hin ta'in hojjechuu jaallatan hojjechuudhaan, yeroon isin dabarsitan in ga'a. Bara sanatti gad-dhiisatti, hawwa keessan raawwachuutti, machiitti, gar-malee nyaachuutti, gar-malee dhuguutti, waaqayyolii tolfamaniif sagaduu keessattis karaa baay'ee seera Waaqayyoo irra daddarbuutti jiraachaa turtan.

4Isa isin amma isaanitti dabalamtanii lolaa jireenya ittisa hin qabneetiin fudhatamuu dhiiftan in dinqifatu, maqaa keessanis in balleessu.

5Isaan immoo waan godhan sababii isaa wajjin isa warra jiranii fi warra du'anitti faraduuf qophaa'etti himuuf jiru.

6Kanaaf warra du'aniif iyyuu wangeelli in lallabame; warri du'an sun sababii nama ta'aniif fooniin du'uun yoo itti faradame illee, hafuuraan jireenya Waaqayyo kennuufitti in jiraatu.

7Dhumni waan hundumaa dhi'aateera; egaa warra of qaban, kadhata gochuufis warra eeggatan ta'aa!

8Baay'inni cubbuu akka deebi'ee hin argamne kan godhu jaalala waan ta'eef, hundumaa dura immoo jaalala ho'aa waliif qabaadhaa!

9Wal simachuu keessatti namoonni guungummii malee keessummoota simachuu haa jaallatan!

10Akka hojii adeemsiftuu gaggaariin kennaa Waaqayyoo isa garaa garaa hojii irra oolchanitti, namni adduma addaan kennaa ayyaanaa isa argate, warra kaaniifis akka waa'ee baasutti ittiin haa hojjetu.

11Inni dubbatu, isa Waaqayyo jedhe haa dubbatu; inni waa hojjetus, humna Waaqayyo isaaf kenneen haa hojjetu; Waaqayyo waan hundumaan karaa Yesus Kristos ulfina haa argatu! Isaaf ulfinnii fi aangoon baraa hamma bara baraatti haa ta'u! Ameen.

12Michoota ko, wanti akka ibiddaa gubu isin qoruudhaaf yommuu isin irra bu'u, waan takkaa ta'ee hin beekne waan isin irra bu'e fakkaatee, isin hin dinqifachiisin!

13Kristos ulfina isaatiin yommuu mul'atu, gammaddanii akka ililchitanitti, hammuma dhiphina isaa keessaa hirmaattuu taatan, isinis hammasuma gammadaa!

14Maqaa Kristosiif jettanii yommuu arrabsamtan, isin warra gammadanii dha; hafuurri ulfinaa inni kan Waaqayyoo isin irra in boqota.

15Garuu isin keessaa tokko iyyuu nama gumaa yookiis hattuu, nama hamaa hojjete yookiis nama namatti darbe ta'e hin dhiphatin!

16Kristiiyaana ta'uu isaatiif yoo dhiphate garuu hin yeella'in! Maqaa Kristosiin waamamee isa hojjete sanaan Waaqayyoof ulfina haa kennu!

17Yeroon firdiin kennamu ga'eera; firdiin kunis warra mana Waaqayyoo keessaatti in jalqabama; erga dura nutti in jalqabama ta'ee, dhumni warra wangeela Waaqayyoo amanuu didanii maal haa ta'u ree?

18Caaffanni qulqullaa'aan, ?Namni qajeelaan fayyuun rakkinaan erga ta'ee, namni Waaqayyo malee jiraatuuf namni cubbamaan attam ta'uuf jira ree?? jedha.

19Kanaafis warri akka jaalala Waaqayyootti dhiphatan iyyuu, gaarii hojjechuudhaan lubbuu isaanii uumaa isaanii isa amanamaatti hadaraa haa kennatan!

Ibsa

4:1-6

Falmiiwwan cubbuu irratti cimaa fi irra caalaan, gidiraa Kiristoos irraa kan fudhatamanidha. Cubbuu balleessuuf du'eera; akkasumas, gidiraa hunda caalaa hamaa ta'e gammachuudhaan fudhatee yoo tureyyuu, cubbuu xinnoo tokkoofillee gonkumaa hin hikkane. Qorumsi ofii namaa yoo hin jiraanne, hin moo'u ture; garuu Kiristaanonni dhugaa fedha Waaqayyoo, hin taane fedha yookiin hawwii isaanii, seera jireenyaa fi hojii isaanii godhatu. Jijjiiramni dhugaan immoo garaa fi jireenya keessatti jijjiirama dinqisiisaa fida. Inni yaada, murtoo, miiraa fi amala namaa jijjiira. Namni yoo dhugumaan jijjiirame, yeroo darbe jireenya isaa akkamitti akka dabarse yaadachuun baay'ee isa gaddisiisa. Cubbuun tokko isa biraatti nama harkisa. Cubbuuwwan ja'a asitti caqasamaniiru, isaanis tokkoon tokkoon isaanii walirratti hirkatoo ta'an. Dirqama Kiristaanaa dha, jal'ina cimaa irraa fagaachuu qofa osoo hin taane, garuu immoo waan cubbuutti geessu, yookiin hamaa fakkaatu irraas fagaachuu. Wangeelli warra erga du'an sanaaf lallabameera ture, isaanis murtoo boonaa fi foonii namoota hamootaatiin, yakkaa hojjettoota jedhamanii kan faradaman, gariin isaanii du'aafillee kan saaxilaman turan. Garuu Hafuura Qulqulluudhaan gara jireenya Waaqummaatti kan jiraachifaman, isaanis hojjettoota Isaa warra kennaa godhaman ta'anii Waaqayyoof jiraatan. Amanoonni hin dhiphatin, addunyaan isaan yoo tuffattee fi arrabsiteyyuu.

4:7-11

Balballoommii waldaa fi saba Yihudootaa, Fayyisaan keenya dursee dubbate, baay'ee dhihoo ture. Dhihootti duuti fi firdii dhufuun hunduma keenya ilaallata, jechonni kunis guutummaatti yaada keenya gara sanaatti nu geessu. Dhuma keenya kan dhihaate, dhimma lafaa hunduma keessatti akka nuti of qabannu, akkasumas amantii keessatti ciminaa fi kutannoo guddaan akka jiraannuuf sababa cimaa dha. Wanti dogoggoraa namoota hunduma keessa baay'inaan jira.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ክርስቶስም በሥጋ ስለ እኛ መከራን ስለተቀበለ፥ ከእንግዲህ ወዲህ በሥጋ ልትኖሩ በቀረላችሁ ዘመን እንደ እግዚአብሔር ፈቃድ እንጂ እንደ ሰው ምኞት እንዳትኖሩ፥ እናንተ ደግሞ ያን አሳብ እንደ… አማርኛ ENGNIV Therefore, since Christ suffered in his body, arm yourselves also with the same attitude, because he who has suffered i… English BCV እምበኣር ክርስቶስ ብስጋ ምእንታና መከራ ስለዝተቐበለ፥ ነቲ ብስጋ ኽትነብሩ ዝተረፈኩም ዘመን፥ ከም እግዚኣብሄር ፍቓድ እምበር፥ ከም ትምኒት ስጋኹም ምእንቲ ኸይትነብሩ፥ ንስኻትኩምውን ነዝ … ትግርኛ BCV GIZ ወእመሰ ክርስቶስ ተሰቅለ በሥጋሁ በእንቲኣነ ወአንትሙኒ ተወልተዉ በይእቲ ኅሊና እስመ ዘሐመ በሥጋሁ ድኅነ እምኀጣውኡ። giz GAZGAZ Kristos namummaa fooniitiin erga dhiphatee, isinis immoo akkuma isaa yaaduudhaan, akka nama lolaaf mi'a hidhatetti taa'… Afaan Oromoo BCV aksum እምበኣር ክርስቶስ ብስጋ ምእንታና መከራ ስለዝተቐበለ፥ ነቲ ብስጋ ኽትነብሩ ዝተረፈኩም ዘመን፥ ከም እግዚኣብሄር ፍቓድ እምበር፥ ከም ትምኒት ስጋኹም ምእንቲ ኸይትነብሩ፥ ንስኻትኩምውን ነዝ … ትግርኛ AMHNIV እንግዲህ ክርስቶስ በሥጋው መከራን ስለ ተቀበለ እናንተም በዚሁ ዐላማ ታጥቃችሁ ተነሡ፤ ምክንያቱም በሥጋው መከራን የሚቀበል ሰው ኀጢአትን ትቶአል። አማርኛ SWAHSUV Basi kwa kuwa Kristo aliteswa katika mwili wake, ninyi nanyi jivikeni silaha ya nia ile ile; kwa maana yeye aliyeteswa … Kiswahili