Zakaariyaas 9

GAZBIBAfaan Oromoo17 Keeyyattoota4:21 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:21 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Dubbiin Waaqayyo waa'ee biyya Hadraakiif dubbate mandara Damaasqoo irras in ga'e; iji namoota kan biraa, iji gosoota Israa'el hundinuus gara Waaqayyoo in ilaala;

2Haamaat isheen daarii isaanii jirtu, Xiirosii fi Sidoon warri ogeessonni sun gara isaa in ilaalu.

3Xiiros masaraa in ijaarratti, meetii akka biyyootti, warqees akka dhoqqee karaa keessaatti in tuullatti.

4Kunoo! Waaqayyo garuu ishee in hiyyoomsa, humna waraanaa ishees galaanatti gad in darbata, mandarattiinis ibiddaan in dhumti.

5Ashqalon isa kana argitee in sodaatti, Gaazaan guddaa in hollatti, Eqroonis abdiin ishee waan duraa citeef, akkasuma in taati; Gaazaan mootii in dhabdi, Ashqalon keessas namni hin jiraatu.

6Ashdoodin warri ormi in fudhatu, Waaqayyo,“Ani Filisxeemota warra of korsituu kana raawwadhee nan balleessa.

7Ani dhiiga afaan isaanii keessaa, nyaata dhowwamaas ilkaan isaanii gidduudhaa nan baasa; warri hafan kan koo in ta'u, biyya Yihudaa keessatti akka warra ulfina-qabootaa in ta'u, Eqroon immoo akka warra Yibusootaa in taati.

8Ani mana koo irraa saamtota nan eeggadha, egaa ani amma ija kootiin saba koo waanan eeguuf, warri isaan cunqursan si'achi deebi'anii isaan keessa hin ba'an” jedha.

9Isin yaa namoota Xiyoon, guddaa gammadaa! Isin yaa namoota Yerusaalem, guddisaatii sagalee gammachuu dhageessisaa! Kunoo! Mootiin keessan inni qajeelaan, inni mo'aan, gad of deebisee, harree yaabii keessaa ilmoo harree irra taa'ee gara keessan in dhufa.

10Waaqayyo,“Ani biyya Israa'el keessaa konkolaataa, Yerusaalem keessaas fardeen lolaa nan balleessa; iddaan lolaa in cita, mootichi sabatti nagaa in labsa, mootummaan isaa galaanaa hamma galaanaatti, lagaa hamma dhuma lafaatti in bal'ata.

11“Isiniin immoo,“Sababii kakuu koo isa dhiigaan isiniif dhaabameetiif jedhee, warra isin duraa hidhaman, boolla bishaan hin qabne keessaa isiniif nan baasa.

12Isin warri hidhamtanii abdiidhaan jirtan deebi'aa! Har'a dachaa lama akkan isiniif deebisu ani isinitti nan hima” jedha.

13Yommuun Yihudaa akka iddaatti dabsadhu, Efreemin immoo akka xiyyaatti isatti nan kaa'adha. Yaa Xiyoon, ani ilmaan kee, ilmaan Yaawaan irratti nan kaasa, akka billaa gootaa akka ati taatu nan godha” jedha.

14Yommus Waaqayyo isaan irratti in mul'ata, xiyyi isaas akka bakakkaatti in ba'a; Waaqayyo gooftaan, fiinoo afuufee sagalee isaa in dhageessisa, bubbee gara mirgaatiinis itti in adeema;

15Waaqayyo gooftaan maccaa isaan in golbooba, dhagaa furuursaatiinis isaan in balleessa, isaan in mo'as; isaan in dhugu, akka nama daadhii waynii quufeettis in wacu; akka xuwwee isa golee iddoo aarsaatti dhiiga ittiin facaasanii in guutamu.

16Gaafas Waaqayyo gooftaan isaanii akka tiksituun horii isaa waan hamaa oolchuutti saba isaa in oolcha; isaan immoo akka dhagaa gati-jabeessaa isa gonfootti kaa'amee biyya isaa keessatti in calaqqisu.

17Simboon isaanii fi miidhagummaan isaanii attam guddaa dha! Midhaan dargaggootaaf, daadhiin waynii inni haaraanis durbootaaf humna in kenna.

Ibsa

9:1-8 Kun murtoowwan saba hedduu irratti dursee dubbatamanidha. Maqedoononniifi dhaaltota Aleksaandir biyyoota kanneen keessa waraana irratti yommuu turanitti, Gooftaan saba isaa eeguuf waadaa gale. Mana Waaqayyoo biyya diinaa keessatti argama; Waldaan isaa akka suusii qoree gidduutti jira. Humniifi gaarummaan Waaqayyoo eegumsa ishee addaa keessatti mul'ata. Gooftaan Waldaa isaa naannawaatti qubata; loltoota mormitoota boonaa bira darbuufi deebi'anittis, ijji isaa ishee eega, akka isaan ishee hin mo'anneetti. Yeroo gabaabaa keessattis, namni gibira funaannu tokko illee ishee bira akka hin dabarre yeroon ni dhufa.

9:9-17 Raajichi gammachuudhaan dhufaatii Masiihii, isa warri Yihudii durii raajii kana hiikan, ifatti ibsa. Yeroo inni Mootii isaanii ta'uun, Yerusaalemiin gidduu hosannaa ummataatiin seenutti, amala sana fudhate. Garuu mootummaan isaa mootummaa hafuuraati. Inni humna alaa yookaan meeshaalee fooniitiin hin babal’atu. Wangeelli isaa addunyaadhaaf ni lallabama, akkasumas saba Waaqaa hin beekne biratti ni fudhatama. Haalli cubbuu haala hidhaa ti; inni boolla yookaan mana hidhaa bishaan hin qabne, jajjabina hin qabne dha; nus hundumti keenya uumamaan hidhamtoota boolla kana keessa jirra.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG የእግዚአብሔር ቃል ሸክም በሴድራክ ምድር ላይ ነው፥ በደማስቆም ላይ ያርፋል፤ የእግዚአብሔር ዓይን ወደ ሰውና ወደ እስራኤል ነገድ ሁሉ ዘንድ ነው፤ አማርኛ ENGNIV The word of the Lord is against the land of Hadrach and will rest upon Damascus– for the eyes of men and all the tribes… English BCV ፆር ቃል እግዚኣብሄር ኣብ ምድሪ ሴድራክ እዩ፤ ኣብ ልዕሊ ደማስቆውን ይዓርፍ፤ ዓይኒ እግዚኣብሄር ከዓ፥ ኣብ ልዕሊ ሰባትን ኣብ ልዕሊ ዅሉ ነገድ እስራኤልን እዩ። ትግርኛ BCV GIZ ተረፈ ቃለ እግዚአብሔር በምድረ ሴድራ ወደማስቆ መሥዋዕቱ ለእግዚአብሔር ወኵሉ ሕዝበ እስራኤል። giz GAZGAZ Dubbiin Waaqayyo waa'ee biyya Hadraakiif dubbate mandara Damaasqoo irras in ga'e; iji namoota kan biraa, iji gosoota Is… Afaan Oromoo BCV aksum ፆር ቃል እግዚኣብሄር ኣብ ምድሪ ሴድራክ እዩ፤ ኣብ ልዕሊ ደማስቆውን ይዓርፍ፤ ዓይኒ እግዚኣብሄር ከዓ፥ ኣብ ልዕሊ ሰባትን ኣብ ልዕሊ ዅሉ ነገድ እስራኤልን እዩ። ትግርኛ AMHNIV የእግዚአብሔር ቃል ንግር በሴድራክ ምድር ላይ ይወርድበታል፤ በደማስቆም ላይ ያርፍበታል፤ የሰዎችና የእስራኤል ነገዶች ሁሉ ዐይን፣ በእግዚአብሔር ላይ ዐርፎአልና። አማርኛ SWAHSUV Ufunuo wa neno la Bwana, lililosemwa juu ya nchi ya Hadraki, na Dameski itakuwa mahali pake pa kustarehe; kwa maana jic… Kiswahili