Weedduu Weedduuwwan 5

GAZGAZAfaan Oromoo16 Keeyyattoota4:02 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:02 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1“Yaa obboleettii ko, kaadhima ko! Ani gara iddoo dhaabaa kootii dhufeera, qumbii koo fi urgooftuu koo walitti qabadheera, nadhii dhaaba-dammaa kootii nyaadheera, daadhii waynii koo fi aannan koo dhugeera; yaa firoota ko, jaalatamoo ko, nyaadhaa, hamma quuftanittis dhugaa!” jedhe.

2“Ani rafeera, yaadni koo garuu hin rafne, sagaleen hiriyee kootii in dhaga'ama, inni balbala in rukuta, “Balbala anaaf bani! Yaa obboleettii ko, yaa michuu ko, yaa kuullee akka gugee ko yaa ishee mudaa hin qabnee! Mataa koo fixeensi jiiseera, rifeensa mataa koos tiifuun halkanii tortorseera” in jedha.

3Ani immoo,“Anoo uffata koo of irraa baaseera attamittan deebisee uffadha ree” Anoo miilla koo dhiqadheera, attamittan deebisee lafa ittiin ejjedhee xureessa ree?” nan jedha.

4Yommuu michuun koo karaa qaawwaa harka isaa ol liccisiifate, lapheen koo in dha'ate;

5ani michuu koof balbala banuudhaaf ka'ee, harka kootiin qabannoo balbalaa yommuun qabe, qumbiin bishaanii quba harka koo irraa qabannoo sana irratti in coccophe.

6Ani michuu koof balbala yommuun bane, inni dur illee deebi'ee sokke; yommuu inni dubbate yaadni koo isa bira ga'ee ture; haa ta'u iyyuu malee, ani isa nan barbaade, garuu isa hin arganne; ani isa nan waame, garuu inni na jalaa hin oowwaanne.

7Eegdonni warri naanna'anii mandara eegan na arganii reebanii na madeessan; eegdonni kellaa sun uffata koo ana irraa fudhatan;

8yaa intaloota Yerusaalem, michuu koo yommuu argitan maal itti himtu” Jaalalli na dhukkubsachiisuu isaa isatti akka himtan anaaf kakadhaa!” jette.

9Hiriyoonni ishee immoo, “Michuun kee michuu warra kaanii irra maal caala” Yaa ishee dubartoota hundumaa keessaa baay'ee miidhagduu! Michuun kee kan warra kaanii irra maal caalaa iyyuu ati akkas nu kaksiifta?” jedhan.

10“Michuun koo diimaa barbadaa dha, namoota kuma kudhan keessatti iyyuu in mul'ata;

11buqqeen mataa isaa warqee qullaa'aa fakkaata, rifeensi mataa isaa inni gad jigaan gurraacha akka qurruu ti;

12iji isaa kuullee akka gugee laga bishaanii bukkee teessuu, ishee naannoon agartuu ija isheetii akka aannanii addaatuu ti;

13maddiin isaa akka madabii biqiltuun urgooftuu hundinuu irratti guddifamuu ti, hidhiin isaa akka daraaraa isa qumbii coccophsuu ti;

14harki isaa buttujjii warqee fakkaata, dhagaa gati-jabeessa bifa margaa qabuunis miidhagfameera; dhagni isaa akka ilka arbaa isa Safiiros itti uffifamee in calaqqisa;

15miilli isaa utubaa dhagaa warqee qullaa'aa irra dhaabatu fakkaata; inni surra-qabeessa akka tulluu Liibaanonii fi akka muka gaattiraa isa hundumaa caaluu ti;

16afaan isaa dhungannaatti baay'ee miyaa'aa dha, inni karaa hundaa nama in marara; yaa intaloota Yerusaalem, kunoo isa kana michuun koo, isa kana firri koo” jette.

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG እኅቴ ሙሽራዬ ሆይ፥ ወደ ገነቴ ገባሁ፥ ከርቤዬን ከሽቱዬ ጋር ለቀምሁ፥ እንጀራዬን ከማሬ ጋር በላሁ፥ የወይን ጠጄን ከወተቴ ጋር ጠጣሁ። ባልንጀሮቼ ሆይ፥ ብሉ፤ ወዳጄ ሆይ፥ ጠጪ እስክትረኪ … አማርኛ ENGNIV I have come into my garden, my sister, my bride; I have gathered my myrrh with my spice. I have eaten my honeycomb and … English BCV ሓፍተይ፥ መርዓተይ፥ ናብ ገነተይ ኣትየ፥ ከርበይን ምዑዝ ቀመማተይን እእክብ ኣለኹ። ሕብስተይ ምስ መዓረይ፥ ወይነይ ድማ ምስ ፀባይ ሰተኹ። ኣቱም ኣዕርኽተይ፥ ብልዑ፤ ስተዩ፤ ኣቱም ፍቑራት፥… ትግርኛ GAZBIB “Yaa obboleettii ko, kaadhima ko! Ani gara iddoo dhaabaa kootii dhufeera, qumbii koo fi urgooftuu koo walitti qabadheer… Afaan Oromoo BCV GIZ ቦእኩ ውስተ ገነትየ እኅትየ መርዓት አረርኩ ከርቤ ምስለ አፈዋትየ፤ በላዕኩ ኅብስትየ ምስለ መዓርየ፤ ሰተይኩ ወይንየ ምስለ ሐሊብየ፣ በልዑ ካልአንየ፤ ሰትዩ ወሰከሩ ውሉድ አኃውየ። giz BCV aksum ሓፍተይ፥ መርዓተይ፥ ናብ ገነተይ ኣትየ፥ ከርበይን ምዑዝ ቀመማተይን እእክብ ኣለኹ። ሕብስተይ ምስ መዓረይ፥ ወይነይ ድማ ምስ ፀባይ ሰተኹ። ኣቱም ኣዕርኽተይ፥ ብልዑ፤ ስተዩ፤ ኣቱም ፍቑራት፥… ትግርኛ AMHNIV እኅቴ ሙሽራዬ፣ ወደ አትክልት ቦታዬ መጥቻለሁ፤ ከርቤዬን ከቅመሜ ጋር ሰብስቤአለሁ፤ የማር እንጀራዬን ከነወለላው በልቻለሁ፤ ወይኔንና ወተቴንም ጠጥቻለሁ። ወዳጆች ሆይ፤ ብሉ፤ ጠጡ፤ እናንት … አማርኛ SWAHSUV Naingia bustanini mwangu, umbu langu, bibi arusi, Nachuma manemane yangu na rihani, Nala sega la asali na asali yangu, … Kiswahili