Mul'ata 1

GAZGAZAfaan Oromoo20 Keeyyattoota5:11 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 5:11 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Kun mul'ata Yesus Kristos, isa inni ittiin wanta dafee ta'uun irra jiru hojjetoota isaatti argisiisuuf Waaqayyo biraa argatee dha; inni ergamaa isaa waaqa irraa ergee kana hojjetaa isaa Yohannisitti beeksise.

2Yohannis wanta Waaqayyo dubbate, Yesus Kristos isaaf dhugaa ba'uu isaa, hamma dhaga'ee fi hamma arge dhugaa ba'eera.

3Barri kun itti raawwatamu waan dhi'aateef, namni isa inni dhugaa ba'e kana dhageessisee dubbisu, warri dubbii raajii dubbatame kana dhaga'anii, wanta isa keessatti caafames eegan attam haa gammadan!

4Ani Yohannis, waldoota kristiiyaanaa torban kutaa biyya Asiyaa keessa jirtaniif kana caafuu koo ti. ?Ayyaanni, nagaanis Waaqayyo isa jiru, isa ture, isa dhufuuf jiru biraa, hafuurota torban teessoo isaa dura jiran biraa,

5Yesus Kristos biraas isiniif haa ta'u!? jedhee nagaa koo isiniif nan dhi'eessa. Yesus Kristos dhuga-baatuu amanamaa dha, inni warra du'an keessaa angafa ta'ee kaafame, mootota lafa kanaas in abbooma. Inni nu jaallatee, dhiiga isaa isa nuuf dhangala'een cubbuu keenya irraa nu fure.

6Isa mootummaadhaa fi Waaqayyo abbaa isaatiif luboota akka taanu nu godhate sanaaf, ulfinnii fi aangoon baraa hamma bara baraatti haa ta'u! Ameen.

7Kunoo! Inni duumessaa wajjin dhufuuf jira; iji hundinuu isa ilaaluuf jiru, warri isa waraananis immoo isa arguuf jiru; gossi nama lafa irraa hundinuu isaaf in wawwaatu; eyyee akkasuma in ta'a.

8Waaqayyo gooftichi, inni jiru, inni ture, inni dhufuuf jiru, inni hundumaa danda'u, ?Ani Alfaa dha, Omeegaa dhas? jedha; [kana jechuun, ?Ani isa duraa ti, isa booddee tis? jechuu dha].

9Ani Yohannis obboleessi keessan rakkina keessaa, mootummaa keessaa, obsaan Yesusii wajjin hafuu keessaas isinii wajjin nan hirmaadha. Dubbii Waaqayyoo duukaa, wanta Yesus dhugaa ba'e duukaas waanan bu'eef, biyya bishaan keessaa ishee ?Phaaximoo? jedhamtu tokkotti nan geeffame.

10Guyyaa isa ?Guyyaa Gooftaa? jedhamee beekametti, ani hafuuraan guutameen booddee kootiin sagalee guddaa, sagalee malakataa fakkaatu tokko dhaga'e.

11Sagalichis, ?Waan argaa jirtu akka inni macaafa ta'utti caafi! Isas waldoota kristiiyaanaa mandara Efesoon, mandara Simiirnaa, mandara Phergamoon, mandara Tiyaatiraa, mandara Saardes, mandara Filaadelfiyaa, mandara Laa'odiiqeyaa jiran torbaniif ergi!? jedhe.

12Ani sagalee dhaga'een isa anatti dubbatu ilaaluudhaaf gara gale; yommuun gara gales baattuu ibsaa warqee irraa hojjetame torba nan arge.

13Baattuuwwan ibsaa sana gidduu immoo ilma namaa kan fakkaatu tokko uffata gad dheeraa miilla bira ga'u uffatee, wanta akka hidhata warqeetiinis qoma isaa hidhatee ture.

14Rifeensi mataa isaa akka rifeensa hidamaa yookiis akka cabbii in calaqqisa; iji isaas akka barbadaa ibiddaa ti.

15Miilli isaa akka sibiila diimaa isa boolla ibiddaa keessatti baqfamee ifuu ti, sagaleen isaas akka sagalee huursaa bishaan baay'ee ti.

16Harka isaa mirgaa keessaa urjoota torba qaba; afaan isaa keessaa billaa qara-qabeessa gara lamaan qarametu ba'a; fuulli isaas akka biiftuu saafaa in ifa.

17Yommuun isa arge akka nama du'ee miilla isaa jalatti nan kufe. Inni immoo harka isaa mirgaa ana irra kaa'ee, ?Hin sodaatin! Inni duraa, inni booddees ana;

18inni jiraatus ana. Takka illee du'een ture, amma garuu kunoo baraa hamma bara baraatti jiraachuuttan jira; du'a irratti, balbala iddoo warra du'anii banu irrattis ani gooftummaa qaba.

19Ammas wanta amma ta'uutti jiru, wanta kana booddee ta'uuf jirus isa argite caafi!

20Hiikaan urjoota torban harka koo mirgaa keessatti argite akkasumas baattuuwwan ibsaa warqee irraa hojjetaman torbanii dhokataa ture; amma garuu urjoonni torban ergamoota waldoota torbanii ti, baattuuwwan ibsaa torbanis waldoota torban sanatti in hiikama? jedhe.

Ibsa

1:1-3

Kitaabni kun Mul'ata Yesuus Kiristoosidha; Macaafni Qulqulluun guutuun akkasuma; mul'inni hundinuu Kiristoosiin waan dhufuuf, akkasumas hundinuu isatti hidhata qaba. Dhimmi isaa inni guddaan kaayyoo Waaqayyoo, dhimmoota waldaa Kiristaanaa fi saba biyyootaa isaan wajjin wal qabatanii jiran, kan hanga dhuma addunyaatti dhaqqaban mul'isuudha. Wantoonni kunniin dhuguma ni raawwatamu turan; akkasumas baay'ee dafanii raawwatamuu ni jalqabu turan. Kiristoos ofii isaatii Waaqayyo ta'ee, ifaa fi jireenya of keessaa qabus, akkuma gidduu galeessa Waaqayyoo fi namaa ta'eetti garuu, Abbaa irraa qajeelfama ni fudhata. Waaqayyo irraa maal akka eegnuufi innis nu irraa maal akka eegu beekumsi keenya isa irraan dhufa. Dhimmi mul'ata kanaa wantoota dafanii raawwatamuu qaban turan. Warra dubbii raajii kana dubbisan yookiin dhaga'an hunduma irratti eebbi ni labsama. Warri Macaafa Qulqulluu sakatta'an hojii gaarii keessa jiru. Dubbisuufi dhaga'uun qofti ga'aa miti; garuu wantoota barreeffaman kana yaadannoo keenya keessa, sammuu keenya keessa, jaalala keenya keessa akkasumas hojii irra oolchuudhaan eeguu qabna; akkasumas raawwii isaatiin ni eebbifamna. Ibsii fi rakkinoonni kitaaba kanaa illee mul'ata Waaqayyoo wajjin wal qabatu, kan sammuu kabajaan guutuufi lubbuu dubbisaa qulqulleessuuf kan ta'aniidha, inni hiika raajichaa guutummaatti osoo hin hubatin illee. Kutaan Caaffata Qulqullaa'aa kamiyyuu wangeela kana caalaa guutummaatti hin ibsu, akkasumas hammeenya cubbuu irraa kana caalaa hin akeekkachiisu.

1:4-8 Nagaan dhugaan iddoo ayyaanni dhugaan hin jirretti jiraachuu hin danda'u; ayyaanni dura deemee nagaan ni hordofa. Eebbi kun maqaa Waaqayyoo, Sadan-Tokkummaa Qulqulluutiin kan kenname yoo ta'u, waaqeffannaa dha. Abbaan dura ni eerama; inni akka Yihowaa isa jiru, isa ture, fi isa dhufu, isa bara baraa fi kan hin jijjiiramneetti ibsama. Hafuurri Qulqulluun Hafuroota Torban, Hafuura Waaqayyoo guutuu isa kennaawwan garaa garaa fi hojiin adda addaa keessa jiru jedhamee waamama. Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos bara baraa irraa jalqabee jira, gorsa Waaqayyoo hundumaaf Dhugaa Baatuu dha. Inni jalqaba warra du'an keessaa kaafame dha, kan humna ofiisaatiin saba isaa kaasu. Inni Angafa Mootota lafaa ti; Gorsi isaanii isaan irra ni taa'a, fi isaaf itti gaafatamoodha. Cubbuun lubbuu irratti xurii yakkaa fi xuraa'ummaa ni dhiisa. Wanti kamiyyuu dhiiga Kiristoos malee xurii kana baasuu hin danda'u; Kiristoosis haqa Waaqayyoo guutuuf, akkasumas saba isaatiif dhiifamaa fi qulqullina bituuf dhiiga isaa dhangalaase. Kiristoos amantoota Waaqayyoof, Abbaa isaatiif, moototaa fi luboota isaan godheera. Akkuma kanaan isaan addunyaa injifatu, cubbuu ajjeesu, hafuura ofii to'atu, Seexana mormu, kadhannaadhaan Waaqayyoon mo'u, fi addunyaa ni faradu. Inni luboota isaan godheera, gara Waaqayyoottis karaa baneeraaf, aarsaa hafuuraa fi fudhatamaa akka dhiheessan isaan dandeessiseera; ayyaanota kanneeniifis aboo fi ulfina bara baraaf isaaf kennuuf dirqamu. Inni addunyaa ni farada. Xiyyeeffannoon gara guyyaa guddaa sanaatti waamameera, yeroo hunduu ogummaa fi gammachuu michoota Kiristoos, akkasumas maraatummaa fi rakkoo diinota isaa argu. Nu dhufaatii Kiristoos isa lammaffaa irratti yeroo baay'ee haa yaannu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ቶሎ ይሆን ዘንድ የሚገባውን ነገር ለባሪያዎቹ ያሳይ ዘንድ እግዚአብሔር ለኢየሱስ ክርስቶስ የሰጠው በእርሱም የተገለጠው ይህ ነው፥ ኢየሱስም በመልአኩ ልኮ ለባሪያው ለዮሐንስ አመለከተ፥ አማርኛ ENGNIV The revelation of Jesus Christ, which God gave him to show his servants what must soon take place. He made it known by … English BCV ብቕልጡፍ ክኸውን ዘለዎ፥ ንኣገልገልቱ ምእንቲ ኽገልፀሎም ኢሉ፥ እግዚኣብሄር ንመልኣኹ ልኢኹ፥ ንኣገልጋሊኡ ዮሃንስ፥ ብዛዕባ ኢየሱስ ክርስቶስ ዝገለፀሉ ራእይ እዙይ እዩ። ትግርኛ GAZBIB Kun mul'ata Yesus Kristos, isa inni ittiin wanta dafee ta'uun irra jiru hojjetoota isaatti argisiisuuf Waaqayyo biraa a… Afaan Oromoo BCV GIZ ራእዩ ለዮሐንስ ዘከመ ርእዮ ለኢየሱስ ክርስቶስ ዘወሀቦ እግዚአብሔር ከመ ያርእዮሙ ለአግብርቲሁ ዘሀለዎ ይኩን ፍጡነ ወዘይከውን እምድኅረዝ ወፈነወ ምስለ መልአኩ ኀበ ዮሐንስ ገብሩ። giz BCV aksum ብቕልጡፍ ክኸውን ዘለዎ፥ ንኣገልገልቱ ምእንቲ ኽገልፀሎም ኢሉ፥ እግዚኣብሄር ንመልኣኹ ልኢኹ፥ ንኣገልጋሊኡ ዮሃንስ፥ ብዛዕባ ኢየሱስ ክርስቶስ ዝገለፀሉ ራእይ እዙይ እዩ። ትግርኛ AMHNIV ቶሎ መሆን የሚገባውን ነገር ለአገልጋዮቹ እንዲያሳይ፣ እግዚአብሔር ለእርሱ የሰጠው የኢየሱስ ክርስቶስ ራእይ ይህ ነው፤ ኢየሱስም መልአኩን ልኮ ለአገልጋዩ ለዮሐንስ ገለጠለት፤ አማርኛ SWAHSUV Ufunuo wa Yesu Kristo, aliopewa na Mungu awaonyeshe watumwa wake mambo ambayo kwamba hayana budi kuwako upesi; naye aka… Kiswahili