Mul'ata 19

GAZBIBAfaan Oromoo21 Keeyyattoota5:26 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 5:26 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Kana booddee tuuta baay'ee sagalee guddaadhaan waaqa keessaa huursu nan dhaga'e; innis, ?Haaleluyaa! Fayyinni, guddinni, aangoon kan Waaqayyo keenyaa ti!

2Firdiin isaa dhugaa, qajeelaas waan ta'eef, inni ejjituu guddittii ishee halalummaa isheetiin biyya lafaa balleessite sanatti faradeera; dhiiga hojjetoota isaatii isa isheen dhangalaaftes gumaa baaseera? jechaa ture.

3Ammas itti dabalanii, ?Haaleluyaa! Aarri mandarattii gubattu sanaas baraa hamma bara baraatti ol in ka'a? jedhan.

4Maanguddoonni digdamii arfan, uumamni lubbuu qaban arfanis gad gombifamanii, Waaqayyo isa teessoo irra taa'eef sagadanii, ?Ameen, haaleluyaa!? jedhan.

5Sagaleen tokko immoo teessicha biraa ba'ee, ?Isin hojjetoonni isaa hundinuu, isin warri isa sodaattan, xinnaanis guddaanis Waaqayyo keenya jajadhaa!? jedhe.

6Kana booddee immoo wanta akka sagalee tuuta baay'ee, kan akka huursaa bishaan baay'ee fi guungummii kakawwee humna-qabeessaa tokko nan dhaga'e; innis, ?Haaleluyaa! Gooftaan keenya Waaqayyo, inni hundumaa danda'u in mo'a.

7Kottaa in gammannaa, in ililchinas! Maqaa isaas in guddifnaa! Guyyaan gaa'ela hoolichaa ga'eera, misirroon isaas isaaf of qopheessiteetti!

8Uffata quncee talbaa irraa hojjetame, calaqqisaa fi qullaa'aa uffachuun isheedhaaf kennameera? jedhe; uffanni quncee talbaa sunis hojii warra Waaqayyoof qulqullaa'anii isa qajeelaa dha.

9Yommus ergamaan sun, ?Warri gara cidha gaa'ela hoolichaatti waamaman haa gammadan! Atis kana caafi!? Itti dabalees, ?Kun dubbii Waaqayyoo isa dhugaa dha? naan jedhe.

10Kana irratti isaaf sagaduudhaaf miilla isaatti nan kufe; inni garuu, ?Kana gochuun siif hin ta'u! Ani sii fi obboloota kee warra isa Yesus dhugaa ba'etti qabamaniifis hidhata hojii ti, Waaqayyoof sagadi!? naan jedhe. Inni Yesus dhugaa ba'e immoo isa hafuurri namoota raajii dubbachiisuu dha.

11Kana booddee ilaalee, bantiin waaqaa banamee, farda adii tokkos nan arge. Inni fardicha irra taa'es maqaan isaa, ?Amanamaa, dhugaas? in jedhama; firdiitti, lolattis qajeelummaadhaan in hojjeta.

12Iji isaa akka barbadaa ibiddaa ti, mataa isaa irra waan akka gonfoo baay'eetu jira; maqaa isa irratti caafamee jiru tokko qaba, garuu isuma malee, namni tokko illee hin beeku.

13Uffata dhiiga cuuphame tokko in uffata, maqaan isaas ?Sagalee Waaqayyoo? jedhame.

14Loltoonni waaqa keessaa immoo uffata quncee talbaa adii fi qullaa'aa uffatanii, fardeen adaadii irra taa'anii, isa duukaa in bu'an.

15Afaan isaa keessaa billaa qaramaa, isa inni ittiin saba Waaqayyoo warra hin ta'in rukututu ba'e. Inni ofii isaatii saba sana siiqqee sibiilaatiin in tiksa; inni ofii isaatii iddoo cuunfaa waynii dheekkamsa sodaachisaa, isa kan Waaqayyo hundumaa danda'uu dhidhiituuf jira.

16Uffata isaa irratti, gudeeda isaa irrattis maqaan, ?Mootii moototaa, gooftaa gooftotaas? jedhu caafamee jira.

17Kana booddee ergamaan tokko biiftuu irra dhaabatee nan arge. Innis allaattii bantii waaqaa walakkaa balali'an hundumaa sagalee guddaadhaan waamee, ?Kottaa, nyaata isa guddaa Waaqayyoo isiniif qopheesseef walitti qabamaa!

18Foon moototaa, foon abboota duulaa, foon warra goototaa, foon fardeenii, kan warra isaan irra taa'aniis, foon nama hundumaa, kan birmaduu, kan garbichaas, kan isa guddaa, kan isa xinnaas nyaachuudhaaf kottaa!? jedhe.

19Ergasii immoo bineensichi, mootonni biyya lafaas loltoota isaanii wajjin, isa fardicha irra taa'uuf loltoota isaa loluudhaaf walitti qabamanii nan arge.

20Bineensichi in qabame; raajichi sobduun inni fuula isaa duratti milikkita argisiise isaa wajjin in qabame; inni warra gubaa bineensichaa of irratti fudhatanii, bifa fakkeenya isaatiif sagadan milikkita sanaan gowwoomsee ture. Warri qabaman kun lamaan fayyumatti kuufama ibiddaa isa dhagaa boba'uun balalchu keessatti in darbataman.

21Warri hafan immoo billaa afaan isa farda irra taa'uu sana keessaa ba'een in ajjeefaman; allaattiin sun hundinuus foon isaan kanaa quufanii in nyaatan.

Ibsa

19:1-10 Waaqayyoof waan nuuf kenneef ulfina kennuun, waan dabalata nuuf gochuuf jiruufis kadhachuu dha. Sirba injifannoo kana keessatti ergamootaa fi qulqulloota gidduutti tokkummaan jira. Kiristoos jaarsa mana kiristaanaa Isaa furamtee dha. Tokkummaan lammaffaan kun samii keessatti guutama; garuu jalqabbiin kumaatama ulfina qabeessaa (kan Kiristoos bara kuma tokkoof lafa irratti mootummaa yookiin haala gammachuu keessa jiraachuun Isaa ittiin ibsamu) kabaja kadhaa fuudhaa Isaa isa lafa irraa ta'ee fudhatamuu danda'a. Yeroo sana mana kiristaanaa Kiristoos, dogoggora, qoqqooddii fi manca'ina barumsaa, sirna amantii, sagadaa fi hojii keessa jiru irraa qulqullooftee, ifatti akka miidhagina Isaa fi jaalallee Isaa taatuuf Isaan qophoofti. Mana kiristaanaa mul'atte; uffata miidhagaa, bareedaa haadha ejjituu sanaatiin osoo hin taane, huccuu talbaa qulqulluu fi adii uffattee. Uffata qajeelummaa Kiristoos keessatti, qajeelchaaf lakkaa'amee fi qulqullinaaf kennamee. Kakuuwwan wangeelaa, dubbii dhugaa Waaqayyoo, haala qulqullaa'aa keessatti Hafuura Waaqayyootiin banaman, hojii irra oolan, fi mallatteeffaman, cidha fuudhaa sana dha. Kun ayyaana baay'ee fi jajjabina Kiristaanonni bara gammachiisaa dhufu keessatti argatan kan agarsiisuu fakkaata. Ergamaan ulfina ergamichaa kenne. Ergamichi dide. Inni ergamicha gara Waaqeffannaa amantaa dhugaa fi tokkichaatti; Waaqayyoon, Isaa qofa Waaqeffachuutti qajeelche.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ከዚህ በኋላ በሰማይ፦ “ሃሌ ሉያ፤ በዝሙትዋ ምድርን ያጠፋችይቱን ታላቂቱን ጋለሞታ ስለ ፈረደባት፥ የባሪያዎቹንም ደም ከእጅዋ ስለ ተበቀለ፥ ፍርዶቹ እውነትና ጽድቅ ናቸውና ማዳንና ክብር ኃይ… አማርኛ ENGNIV After this I heard what sounded like the roar of a great multitude in heaven shouting: “Hallelujah! Salvation and glory… English BCV ድሕሪዙይ፥ ኣብ ሰማይ ከም ናይ ብዙሕ ህዝቢ ዝበለ፥ ብርቱዕ ድምፂ፥ “ሃሌ ሉያ! ምድሓንን ክብርን ሓይልን ናይ ኣምላኽና እዩ። ትግርኛ BCV GIZ ወእምድኅረ ዝንቱ ተሰምዐ ቃል ዐቢይ እምሰማይ ከመ ዘብዙኅ ሰብእ ወይብሉ፦ “ሃሌ ሉያ እስመ ስብሐት ወፍርቃን ወኀይል ለአምላክነ። giz GAZGAZ Kana booddee tuuta baay'ee sagalee guddaadhaan waaqa keessaa huursu nan dhaga'e; innis, ?Haaleluyaa! Fayyinni, guddinni… Afaan Oromoo BCV aksum ድሕሪዙይ፥ ኣብ ሰማይ ከም ናይ ብዙሕ ህዝቢ ዝበለ፥ ብርቱዕ ድምፂ፥ “ሃሌ ሉያ! ምድሓንን ክብርን ሓይልን ናይ ኣምላኽና እዩ። ትግርኛ AMHNIV “ከዚህ በኋላ የብዙ ሰዎችን ድምፅ የሚመስል ታላቅ ድምፅ በሰማይ እንዲህ ሲል ሰማሁ፤ ሃሌ ሉያ! ማዳን፣ ክብርና ኀይል የአምላካችን ነው፤ አማርኛ SWAHSUV Baada ya hayo nikasikia sauti kama sauti ya makutano mengi, sauti kubwa mbinguni, ikisema, Haleluya; Kiswahili