Mul'ata 12

GAZBIBAfaan Oromoo18 Keeyyattoota4:03 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:03 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Wanti guddaan dinqisiisaan tokko, waaqa keessatti in argame; dubartiin biiftuu uffattee, ji'a miilla jala kaa'attee, gonfoo urjoota kudha lamaa mataa ishee irraa qabdu tokko in mul'atte.

2Isheen ulfa turte; ciniinsuu da'umsaatiinis dhiphattee in iyyite.

3Wanti dinqisiisaan biraa tokkos waaqa keessatti in argame; inni immoo bineensa akka jawwee guddaa, diimaa biluu, mataa torba, gaanfa kudhan, mataa isaa torban irratti wanta akka gonfoo torba qabu ture.

4Eegeen isaa urjoota waaqa keessa jiran harka sadii keessaa harka tokko haxaa'ee, lafatti gad in darbate. Bineensi akka jawwee sunis yeroo dubartittiin deessu mucaa ishee liqimsuudhaaf jedhee, ishee da'uuf jettu sana dura in dhaabate.

5Isheen ilma saba hundumaa siiqqee sibiilaatiin tiksuuf jedhu in deesse; ilmi ishee garuu gara Waaqayyootti, gara teessoo isaattis ol in butame.

6Dubartittiin immoo lafa onaatti in baqatte; achitti iddoo Waaqayyo akka isheen guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jaatamaaf, waan ittiin jiraattu argattuuf qopheesseef, qabdi turte.

7Kana booddees waaqa keessatti lolli in ka'e. Mikaa'el, ergamoota isaa wajjin bineensa akka jawwee sana in lole; bineensichi akka jawwee sunis ergamoota isaa wajjin deebisee isa in lole.

8Bineensichi mirga hin arganne, deebi'ees isaaf ergamoota isaatiif waaqa keessatti iddoon hin argamneef.

9Bineensi guddichi akka jawwee sun, bofni bara durii, inni Diiyaabilos, Seexanas jedhame, inni guutummaa biyya lafaa wallaalchisu gara biyya lafaatti gad in darbatame; ergamoonni isaas isaa wajjin gad in darbataman.

10Ani immoo waaqa keessaa sagalee guddaa tokko nan dhaga'e; innis, ?Amma fayyinni, aangoon, mootummaan kan Waaqayyo keenyaa, aboonis kan Masiihii isaatii ta'eera; hadheessituun obboloota keenyaa inni halkanii fi guyyaa Waaqayyo keenya duratti isaan hadheessaa ture immoo gad darbatameera.

11Obboloonni keenya immoo dhiiga hoolichaatiin, dubbii isa dhugaa ba'aniinis isa mo'aniiru; isaan du'atti waan isaan geessu yoo ta'e iyyuu, lubbuu isaanii hin mararsiifanne.

12Egaa yaa bantiiwwan waaqaa, warri isaan keessa jiraattanis gammadaa! Yaa lafaa, yaa galaanaa, Seexanni gara keessanitti waan gad bu'eef isiniif garuu wayyoo! Inni yeroo gabaabduu duwwaa akka qabu waan beekuuf, guddaa aareera!? jedhe.

13Bineensi akka jawwee sun gara lafaatti akka gad darbatame yeroo beeketti, dubartittii ishee ilma deesse sana ari'achuutti in ka'e.

14Dubartittiin garuu boficha duraa gara lafa onaa, iddoo itti bara sadii fi walakkaadhaaf waan ittiin jiraattu argattu sanatti, akka balaliituuf baalleen joobira guddichaa lama in kennamaniif.

15Yommus bofichi, bishaan lola'ee akka dubartittii haree adeemuuf, dugda ishee duubaan bishaan akkuma isa laga yaa'utti afaan isaa keessaa duukaa gad naqe.

16Lafti garuu dubartittii in gargaare; afaan banee laga isa bineensichi akka jawwee sun afaan isaa keessaa yaase gad in dhuge.

17Yommus bineensichi akka jawwee sun dubartittii sanatti aaree, sanyii ishee warra kaanitti lola kaasuu dhaqe; isaanis warra abboommii Waaqayyoo eeganii, isa Yesus dhugaa ba'ettis jabaatanii dha.

18Bineensichi sun immoo cirracha galaanaa irra in dhaabate.

Ibsa

12:1-6

Waldaan Kiristaanaa, mallattoo dubartii, haadha amantootaa kan taateen, ergamaadhan mul'ata keessatti Waaqa irratti argamte. Aduudhaan uffattee, qajeelcha argattee, qulqullina qabattee, Kiristoos Aduu Qajeelummaa wajjin tokkummaa qabaachuudhaan ifaa turte. Ji'i miilla ishee jala ture; kunis isheen ifa calaqqisuu fi dadhabaa mul'ata Museedhaan kennamee irra caaltuu ta'uu ishee argisiisa. Mataatti gonfoo urjii kudha lamaa qabdi turte; kunis barumsi wangeelaa ergamoota kudha lamaan lallabame amantoota dhugaa hundumaaf gonfoo ulfinaa ta'uu isaa agarsiisa. Maatii qulqulluu deessuuf dhukkuba dhalootaa keessa turte; kunis cubbamoonni hubannoo argatanii gara jijjiirama isaaniitti akka dhufan hawwaa turuu ishee argisiisa.

Jawwichi mallattoo Seexanaa fi ergamoota isaa warra guguddoo, yookiin warra lafa irratti isaaf bitan, yeroo sana mootummaa Roomaa Waaqayyo hin beekne, magaalaa gaara torba irratti ijaaramte sanaa ture. Gafareewwan kudhan qabaatee, mootummoota kudhaniitti qoodamee ture. Gonfoowwan torba qabaatee, karaalee bulchiinsa torba bakka bu'a. Eegduu isaatiin urjoota samii keessa jiran qooqa tokko sadaffaa harkisee, lafa irratti darbachuun isaa tajaajiltootaa fi barsiisota rakkisuu fi dogoggorsuu isaa agarsiisa. Amantii Kiristaanaa balleessuuf dammaqaan dhama'aa ture; garuu mormii diinotaa hunda cinatti, waldaan Kiristaanaa ijoollee dhiiraa, amantoota dhugaa fi amanamoo, kanneen keessatti Kiristoos dhugaatti deebi'ina dhalootaa argate dhalche. Kunis sirriitti iccitii Kiristoos, Ilma Waaqayyoo saba lafa bulchuu qabu, akkasumas mirga isaatiin miseensonni isaa ulfina wal fakkaataa qooddatanidha. Dhaloonni eebbifame kun Waaqayyo biratti eegame.

12:7-11 Yaaliin jawwichaa mana kiristaanaa irratti milkaa'aa hin turre; kanaa mannaa faayidaa mataa isaatiif balaa ta'e. Bakki waraana kanaa samii keessa ture; mana kiristaanaa Kiristoos, mootummaa Waaqaa lafa irraa keessas ture.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ታላቅ ምልክትም በሰማይ ታየ ፀሐይን ተጐናጽፋ ጨረቃ ከእግሮችዋ በታች ያላት በራስዋም ላይ የአሥራ ሁለት ከዋክብት አክሊል የሆነላት አንዲት ሴት ነበረች። አማርኛ ENGNIV A great and wondrous sign appeared in heaven: a woman clothed with the sun, with the moon under her feet and a crown of… English BCV ዓብዪ ምልክት ድማ ኣብ ሰማይ ተርኣየ፦ ፀሓይ ዝተወንዘፈት፥ ወርሒ እውን ኣብ ትሕቲ ኣእጋራ ዘለዋ፥ ዓሰርተ ኽልተ ኸዋኽብቲ ዘለዎ ኣክሊል ድማ፥ ኣብ ርእሳ ዝደፍአት፥ ሓንቲ ሰበይቲ ተርኣየት። ትግርኛ BCV GIZ ወአስተርአየ ተኣምር ዐቢይ በውስተ ሰማይ ብእሲት እንተ ትለብስ ፀሓየ፤ ወወርኅ ታሕተ እገሪሃ ወዲበ ርእሳኒ አክሊል ዘዐሠርቱ ወክልኤቱ ከዋክብት። giz GAZGAZ Wanti guddaan dinqisiisaan tokko, waaqa keessatti in argame; dubartiin biiftuu uffattee, ji'a miilla jala kaa'attee, go… Afaan Oromoo AMHNIV ታላቅና አስደናቂ ምልክት በሰማይ ታየ፤ ፀሓይን የለበሰች፣ ጨረቃን ከእግሮቿ በታች የረገጠችና በራሷም ላይ ዐሥራ ሁለት ከዋክብት ያሉት አክሊል የደፋች አንዲት ሴት ታየች። አማርኛ SWAHSUV Na ishara kuu ilionekana mbinguni; mwanamke aliyevikwa jua, na mwezi ulikuwa chini ya miguu yake, na juu ya kichwa chak… Kiswahili ENGESV And a great sign appeared in heaven: a woman clothed with the sun, with the moon under her feet, and on her head a crow… English