Mul'ata 11

GAZGAZAfaan Oromoo19 Keeyyattoota4:45 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:45 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Uleen akka ulee safaraa tokko anaaf in kenname; yommus tokko anatti dubbatee, ?Ka'i! Mana qulqullummaa Waaqayyoo iddoo aarsichaas safariitii namoota achitti sagadanis lakkaa'i!

2Garuu oobdii mana qulqullummaa safaruu dhiisi! Inni warra saba Waaqayyoo hin ta'initti kennameera; isaan immoo ji'a afurtamii lamaaf mandara qulqullaa'aa sana dhidhiituuf jiru.

3Dhuga-baatonni koo lamaan uffata gaddaa uffatanii, guyyoota kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jaataman sana raajii akka dubbataniif ani karaa nan kennaaf? jedhe.

4Dhuga-baatonni lamaan immoo, muka ejersaa lamaanii fi baattuu ibsaa lamaan Waaqayyo gooftaa biyya lafaa dura dhaabatanii dha.

5Eenyu illee isaan miidhuu yoo barbaade, ibiddi afaan isaanii keessaa ba'ee diinota isaanii in fixa; eenyu illee isaan miidhuu yoo barbaades akkasitti ajjeefamuun irra jira.

6Isaan kun lamaan bara raajii dubbatan sana waaqa keessaa bokkaan akka hin roobneef cufuudhaaf aboo qabu; bishaanota dhiigatti geddaruudhaaf, yeroo barbaadanittis dha'icha waan jedhamu hundumaan biyya lafaa rukutuudhaaf aboo qabu.

7Yommuu isaan dhugaa ba'uu isaanii raawwatan, bineensichi iddoo lafa jalaa sana keessaa ba'ee, lola isaanitti kaasuuf, isaan mo'uuf, isaan ajjeesuufis jira.

8Reeffi isaaniis mandaricha guddicha isa gooftaan isaanii duraan itti fannifame keessaa karaa irratti argamuuf jira; mandarri sunis ija hafuuraatiin yommuu ilaalamu ?Sodoom yookiis Gibxi? jedhamee in waamama.

9Nama hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, afaan hundumaa keessaa, saba hundumaa keessaa warri dhufan, guyyaa sadii fi walakkaadhaaf reeffa isaanii lafatti in ilaalu malee, hin awwaalchisan.

10Warri biyya lafaa irra jiraatan kanatti in gammadu; kun isaanitti in tola; raajonni warra biyya lafaa irra jiraatan dhiphisan kun waan du'aniifis, namoonni gammadanii kennaa waliif in ergu.

11Guyyaa sadii fi walakkaa booddee immoo hafuurri jireenya kennu Waaqayyo biraa dhufee, raajota du'an sanatti gale. Isaanis ka'anii dhaabatan; warri isaan argan hundinuu guddaa in sodaatan.

12Yommus raajonni lamaan sun waaqa keessaa sagalee guddaa, ?As ol kottaa!? jedhee isaan waamu tokko in dhaga'an. Isaan duumessa keessa gara waaqaatti ol in ba'an; diinonni isaaniis kana in argan.

13Yeroo sanattis socho'a lafaa guddaatu ta'e; harka kudhan keessaa harki tokkon mandarichaa in jijjige. Namoonni beekamoonni kumni torba socho'a lafaa kanaan ajjeefamanii, warri hafan immoo sodaatanii, Waaqayyo gooftaa waaqaaf hooqubaa dhi'eessan.

14Wayyoon inni lammaffaan darbeera; wayyoon inni sadaffaan immoo kunoo dafee in dhufa.

15Kana booddees ergamichi torbaffaan malakata isaa afuufe. Waaqa keessaas sagaleen guddaan, ?Mootummaan biyya lafaa kan gooftaa keenyaa, kan Masiihii isaatiis ta'eera; inni immoo baraa hamma bara baraatti in mo'a? jedhu in dhaga'ame.

16Maanguddoonni digdamii arfan warri fuula Waaqayyoo dura teessoo isaanii irra taa'an, adda isaaniitiin gombifamanii Waaqayyoof in sagadan.

17Isaan, ?Yaa Waaqayyo gooftaa hundumaa dandeessuu, kan jirtuu, kan turtes, humna kee isa guddaa fudhattee waan mooteef, galata siif in dhi'eessina!

18Saba Waaqayyoo warri hin ta'in dheekkamaniiru, garuu dheekkamsi kee dhufeera; yeroon warri du'an firdii argatan ga'eera; yeroon hojjetoonni kee raajonni, warri siif qulqullaa'an, warri si sodaatan xixinnaan, gurguddaanis, gatii isaanii itti argatan ga'eera; yeroon warri biyya lafaa balleessan itti balleeffamanis ga'eera? jedhan.

19Kana booddee manni qulqullummaa Waaqayyoo inni waaqa keessaa banamee, sanduuqi kakuu mana qulqullummaa isaa keessaas in argame; balaqqeessi in balaqqeessa'e, sagaleen biraa, kakawweenis wal jalaa in qaban, lafti in socho'e, cabbiin guddaanis in bu'e.

Ibsa

11:1,2 Qabiyyeen raajii kun, mana qulqullummaa safaruu ilaalchisee, mul'ata Hizqi'el kan agarsiisu fakkaata. Kaayyoon safartii kanaa eegumsa waldaa Kiristiyaanaa yeroo balaa ummataatti, yookiin qorumsa isheetiif, yookiin fooyya'iinsa isheetiif ta'uu danda'a. Warri waaqeffatan ni safaramuu qabu; kunis hojii waaqeffannaa isaanii hunduma keessatti ulfina Waaqayyoo kaayyoo isaanii isa dhumaa godhatanii fi Dubbii isaa akka seeraatti fudhatan yoo ta'e ilaaluudha. Warri balbala alaa keessa jiran, haala sobaan yookiin garaa dhoksaadhaan waaqeffatu, akkasumas diinota isaa gidduutti argamu. Waaqayyo addunyaa keessatti mana qulqullummaa fi iddoo aarsaa hanga dhuma yerootti ni qabaata. Mana qulqullummaa isaa sirriitti ni ilaala. Magaalaan qulqulluu, jechuunis waldaan Kiristiyaanaa mul'attu, miilaan ukkaanfameetti; waaqeffattoota waaqa tolfamaa, amantoota hin taanee fi warra fakkeessitootaan guutamteetti. Garuu, onoon waldaa Kiristiyaanaa daangeffamaa dha, akkasumas rakkoowwan ishee hunduma keessaa ni fayyifamti.

11:3-13

Yeroo dhiibbaa fi cabsii turetti, Waaqayyo dhugaa dubbii fi waaqeffannaa isaa, akkasumas gaarummaa daandii isaa dhugaa ba'uuf, dhugaa baatonnisaa amanamoo ni eeggate. Lakkoofsi dhugaa baatoota kanaa xinnaa ta'us, ga'aa ture. Uffata gaddaa uffatanii raajii dubbatu. Kun haala isaanii miidhamee fi ari'atamaa ture, akkasumas jibbamoo isaan morman sanaaf gadda isaanii guddaa argisiisa. Hojii isaanii guddaa fi ulfaataa hanga xumuramuutti deeggaramu. Yeroo waggoota 1260 irra caalaa uffata gaddaa uffatanii raajii dubbatanii, Kiristoos-diinni, meeshaa Seexanaa isa guddaan, yeroo tokkoof humnaan fi jabaan isaan irratti waraana ni kaasa. Warri ifatti diddaa murteessan, barumsaanii fi amalli isaanii isaan giddisu sana, tajaajiltoota Kiristoos amanamoo cal jedhisiisuu, fageessuu yookiin balleessuu yeroo danda'anitti, akkuma taatee gammachiisaatti ni gammadu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በትር የሚመስል መለኪያ ለእኔ ተሰጠኝ፥ እንዲህም ተባለልኝ፦ “ተነሥተህ የእግዚአብሔርን መቅደስና መሠዊያውን በዚያም የሚሰግዱትን ለካ። አማርኛ ENGNIV I was given a reed like a measuring rod and was told, “Go and measure the temple of God and the altar, and count the wo… English BCV ድሕሪዙይ ዘንጊ ዝመስል መዐቀኒ ተውሃበኒ እሞ “ተስእ፤ ነቲ መቕደስ እግዚኣብሄርን፥ ነቲ መሰውእን ዓቅኖ፤ ነቶም ኣብኡ ዝሰግዱ ዘለዉውን ቍፀሮም።(ሀ) ትግርኛ GAZBIB Uleen akka ulee safaraa tokko anaaf in kenname; yommus tokko anatti dubbatee, ?Ka'i! Mana qulqullummaa Waaqayyoo iddoo … Afaan Oromoo BCV GIZ ወመጠወኒ ኅለተ ወርቅ ዘመጠነ በትር ወይቤለኒ፦ “ንሣእ ወመጥን ቤተ መቅደሱ ለእግዚአብሔር ወምሥዋዖ ወኀበሂ ይሰግዱ ሎቱ። giz BCV aksum ድሕሪዙይ ዘንጊ ዝመስል መዐቀኒ ተውሃበኒ እሞ “ተስእ፤ ነቲ መቕደስ እግዚኣብሄርን፥ ነቲ መሰውእን ዓቅኖ፤ ነቶም ኣብኡ ዝሰግዱ ዘለዉውን ቍፀሮም።(ሀ) ትግርኛ AMHNIV ከዚያም ሸምበቆ የመሰለ መለኪያ በትር ተሰጠኝ፤ እንዲህም ተባልሁ፤ “ሄደህ የእግዚአብሔርን ቤተ መቅደስና መሠዊያውን ለካ፤ በዚያም የሚያመልኩትን ቊጠር። አማርኛ SWAHSUV Nikapewa mwanzi kama fimbo; na mmoja akaniambia, Inuka, ukalipime hekalu la Mungu, na madhabahu, na hao wasujuduo humo. Kiswahili