Mul'ata 10

GAZGAZAfaan Oromoo11 Keeyyattoota2:42 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 2:42 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Ergasii immoo ergamaan aango-qabeessi biraa tokko waaqa keessaa utuu gad bu'uu nan arge. Inni duumessa ofitti maree, naannoo mataa isaattis sabbata Waaqayyoo qaba ture; fuulli isaa akka biiftuu in calaqqisa, miillan isaas akka utuboota ibiddaa turan.

2Inni macaafa maramu xinnaa banamaa isaa of harkaa qaba ture; miilla isaa mirgaa galaana irra, miilla isaa bitaas lafa gogaa irra in kaa'ate;

3sagalee guddaa akka sagalee leenca aaduutiinis in iyye. Yeroo inni iyye sanatti kakawween torban sagalee isaanii in dhageessisan.

4Akkuma isaan dubbataniin, ani waan isaan jedhan caafuufan ture; garuu sagalee waaqa keessaa, ?Wanta kakawween torban dubbatan cufii garaatti qabadhu malee, hin caafin!? jedhu nan dhaga'e.

5Ergamaan inni ani galaana irra, lafa gogaa irras dhaabatee arge sun, harka isaa mirgaa gara waaqaatti ol qabe.

6Maqaa isa baraa hamma bara baraatti jiraatu, isa waaqa, wanta isa keessa jirus, lafa, wanta isa keessa jirus, galaana, wanta isa keessa jirus, uume sanaan kakatee, ?Si'achi lafa irra harkisuun hin jiru;

7bara malakanni inni torbaffaan afuufamutti garuu, wanti Waaqayyo dhoksaatti akeeke, akkuma inni raajota hojjetoota isaatti himee ture sanatti, raawwatamuuf jira? jedhe.

8Yommus sagaleen inni duraan waaqa irraa anatti dubbachuu isaa dhaga'e sun, deebisee anatti dubbatee, ?Dhaqiitii macaafa maramu isa banamaa, ergamaa isa miilla tokkoon galaana irra, miilla tokkoon lafa gogaa irra dhaabate sana harkaa fudhadhu!? naan jedhe.

9Ani yommus gara ergamichaa dhaqeen, macaafa maramu isa xinnaa sana anaaf akka kennuuf nan gaafadhe. Inni immoo, ?Macaaficha fudhadhu, nyaadhu! Inni garaa kee hadhaa'aa in godha, afaan kee keessatti immoo miyaa'aa akka dammaa in ta'a? naan jedhe.

10Kanaaf ani macaafa maramu isa xinnaa sana harka ergamichaa keessaa fuudhee nan yaadhe; inni afaan koo keessatti akka dammaa miyaa'aa ture; ergan isa nyaadhee booddee garuu garaan koo hadhaa'aa ta'e.

11Akkasumas, ?Ati waa'ee namoota baay'ee, saba baay'ee, afaan baay'ee, mootota baay'ee raajii dubbachuun si irra jira? jedhamee anatti himame.

Ibsa

10:1-7 Ergamaan mul'ata biraa arge. Mul'ata kana kan beeksise Namichi Gooftaa keenya fi Furtuu keenya Yesus Kiristoos ta'uu hin oolu, yookaan ulfina Isaa mul'isuuf ture. Inni ulfina Isaa, kan ija nama du'aa bira ga'uuf baay'ee guddaa ta'e sana, haguuga; akkasumas bulchiinsa Isaa irratti haguuggii buusa. Qaanqeen bokkaa mataa Isaa irra ture; Gooftaan keenya kakuu Isaa yeroo hundumaa ni yaadatti. Sagaleen Isaa inni sodaachisaan danfala torbaan cinaachifameera; kunis yaada Waaqayyoo karaa ulfina qabeessa fi sodaachisaa ta'een ibsuuf ture. Wanta danfala torban sanaan dubbatame, akkasumas maaliif akka dhokfaman sababa isaa hin beeknu. Seenaa keessa wantoonni gurguddoon jiru, kanneen Kiristaanummaa wajjin wal qabachuu danda'an, garuu raajii ifa ta'e keessatti hin tuqamne.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ሌላም ብርቱ መልአክ ደመና ተጐናጽፎ ከሰማይ ሲወርድ አየሁ፤ በራሱም ላይ ቀስተ ደመና ነበረ፥ ፊቱም እንደ ፀሐይ እግሮቹም እንደ እሳት ዓምዶች ነበሩ፥ አማርኛ ENGNIV Then I saw another mighty angel coming down from heaven. He was robed in a cloud, with a rainbow above his head; his fa… English BCV ድሕሪዙይ ካልእ ብርቱዕ መልኣኽ፥ ደመና ተወንዚፉ፥ ካብ ሰማይ ክወርድ እንተሎ ረአኹ። ኣብ ልዕሊ ርእሱ ኸዓ፥ ቀስተ ደመና ነበረ፤ ገፁ ድማ ኸም ፀሓይ ብሩህ ነበረ፤ ኣእጋሩውን፥ ከም ኣዕማድ… ትግርኛ GAZBIB Ergasii immoo ergamaan aango-qabeessi biraa tokko waaqa keessaa utuu gad bu'uu nan arge. Inni duumessa ofitti maree, na… Afaan Oromoo BCV GIZ ወእምዝ ወረደ ካልእ መልአክ ዐቢይ እምሰማይ ወይትዐጸፍ ደመና ውስተ ርእሱ ወብሩህ ገጹ ከመ ፀሓይ ወእገሪሁ ከመ አዕማደ እሳት። giz BCV aksum ድሕሪዙይ ካልእ ብርቱዕ መልኣኽ፥ ደመና ተወንዚፉ፥ ካብ ሰማይ ክወርድ እንተሎ ረአኹ። ኣብ ልዕሊ ርእሱ ኸዓ፥ ቀስተ ደመና ነበረ፤ ገፁ ድማ ኸም ፀሓይ ብሩህ ነበረ፤ ኣእጋሩውን፥ ከም ኣዕማድ… ትግርኛ AMHNIV ከዚህ በኋላ ሌላ ብርቱ መልአክ ደመና ተጐናጽፎ ከሰማይ ሲወርድ አየሁ፤ እርሱም በራሱ ላይ ቀስተ ደመና ነበር። ፊቱ እንደ ፀሓይ፣ እግሮቹ እንደ እሳት ዐምዶች ነበሩ። አማርኛ SWAHSUV Kisha nikaona malaika mwingine mwenye nguvu akishuka kutoka mbinguni, amevikwa wingu; na upinde wa mvua juu ya kichwa c… Kiswahili