Lakkoofsa 29

GAZGAZAfaan Oromoo40 Keeyyattoota10:57 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 10:57 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1“Ji'a torbaffaatti, ji'ichattiis guyyaa duraatti wal ga'ii qulqullaa'aa godhadhaa! Gaafas hojii nama dadhabsiisu hin hojjetinaa! Inni guyyaa itti malakata dhageessiftan isiniif haa ta'u!

2Isin qalma gubamu isa urgaan foolii isaa ana Waaqayyotti toluuf tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo torba qopheessaa! Isaan kun hundinuu mudaa kan hin qabne haa ta'an!

3Akkasumas tuntunoo sanaa wajjin kennaa midhaanii isaanii daakuu qamadii ba'eessa isa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame, harka kurnan eefaa tokko keessaa harka sadii, korbeessicha hoolaa sanaa wajjin immoo harka kurnan eefaa tokko keessaa harka lama,

4tokkon tokkon xobbaallaa hoolaa torban sanaa wajjin harka kurnan eefaa tokko keessaa harka tokko,

5akkasumas isiniif araarsuudhaaf aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatuuf korbeessa reettii tokko qopheessaa!

6Isaan kun qalma gubamu isa ji'a ji'aan dhi'aatuuf kennaa midhaanii isaa akkasumas qalma gubamu isa ittuma fufee dhi'aatu, kennaa midhaanii isaa fi kennaa dhugaatii isaa warra akka amala ta'ee fudhatameetti, urgaa fooliin isaa garaa ciibsuuf dhi'eeffaman irratti dabalamanii ana Waaqayyoof aarsaa ibiddaan gubaman ta'anii dhi'aatanii dha.

7“Ji'a torbaffaa kana keessaa gaafa guyyaa kurnaffaa wal ga'ii qulqullaa'aa godhadhaatii soomuudhaan gad of deebisaa! Gaafas hojii tokko illee hin hojjetinaa!

8Garuu tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokko, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo torba qalma gubamu ana Waaqayyoof dhi'eessaa! Isaan kun hundinuu mudaa kan hin qabne haa ta'an!

9Akkasumas tuntunoo sanaa wajjin kennaa midhaanii isaanii daakuu qamadii ba'eessa harka kurnan eefaa tokko keessaa harka sadii isa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame, korbeessicha hoolaa sanaa wajjin immoo harka kurnan eefaa tokko keessaa harka lama,

10tokkon tokkon xobbaallaa hoolaa torban sanaa wajjin harka kurnan eefaa tokko keessaa harka tokko,

11korbeessa reettii tokkos aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatu, kun araara buusuudhaaf aarsaa sababii cubbuutiif dhi'aatu, qalma gubamu isa ittuma fufee dhi'aatuu fi kennaa midhaanii isaa fi kennaa dhugaatii isaa irratti dabalamee dhi'aatuu dha.

12“Ji'a torbaffaa keessaa gaafa guyyaa kudha shanaffaa wal ga'ii qulqullaa'aa godhadhaa! Gaafas hojii nama dadhabsiisu tokko illee hin hojjetinaa! Ayyaana guyyaa torbaa ana Waaqayyoof ayyaaneffadhaa!

13Gaafa guyyaa jalqabaaf kan qopheeffaman, tuntunoo kudha sadii, korbeeyyii hoolaa lama, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo kudha afur, qalma gubamu, aarsaa ibiddaan dhi'aatu isa urgaan foolii isaa ana Waaqayyotti tolu dhi'eessaa! Isaan kun hundinuu mudaa kan hin qabne haa ta'an!

14Tokkon tokkon tuntunoo kudha sadanii wajjin kennaan midhaanii isaanii daakuu qamadii ba'eessa harka kurnan eefaa tokko tokko keessaa harka sadii isa dhadhaa ejersaatiin sukkamame akkasumas tokkon tokkon korbeeyyii hoolaa lamaanii wajjin harka kurnan eefaa tokko keessaa harka lama,

15tokkon tokkon xobbaallaa hoolaa kudha arfanii wajjin immoo harka kurnan eefaa tokko keessaa harka tokko haa ta'u!

16Akkasumas qalma gubamu isa itti fufee dhi'aatu kennaa midhaanii isaa fi kennaa dhugaatii isaa irratti dabaltanii aarsaa sababii cubbuutiif korbeessa reettii tokko dhi'eessaa!

17“Gaafa guyyaa lammaffaaf immoo kan qopheeffaman, tuntunoo kudha lama, korbeeyyii hoolaa lama, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo kudha afur; isaan kun hundinuu mudaa kan hin qabne haa ta'an!

18Akka lakkoobsa isaanii fi akkuma amala ta'ee fudhatametti tuntunoota sanaa fi korbeeyyii hoolaa sana, xobbaallota hoolaa sanaa wajjin kennaa midhaanii isaanii fi kennaa dhugaatii isaanii dhi'eessaa!

19Akkasumas qalma gubamu isa itti fufee dhi'aatu, kennaa midhaanii isaa, kennaa dhugaatii isaa irratti dabaltanii aarsaa sababii cubbuutiif korbeessa reettii tokko dhi'eessaa!

20“Gaafa guyyaa sadaffaaf kan qopheeffaman, tuntunoo kudha tokko, korbeeyyii hoolaa lama, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo kudha afur; isaan kun hundinuu kan mudaa hin qabne haa ta'an!

21Akka lakkoobsa isaanii fi akkuma amala ta'ee fudhatametti tuntunoota sana, korbeeyyii hoolaa sana, xobbaallota hoolaa sanaa wajjin kennaa midhaanii isaanii fi kennaa dhugaatii isaanii qopheessaa!

22Qalma gubamu isa itti fufee dhi'aatu, kennaa midhaanii isaa fi kennaa dhugaatii isaa irratti dabalamee aarsaa sababii cubbuutiif korbeessi reettii tokko haa dhi'aatu!

23“Gaafa guyyaa afuraffaaf kan qopheeffaman, tuntunoo kudhan, korbeeyyii hoolaa lama, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo kudha afur; isaan kun hundinuu mudaa kan hin qabne haa ta'an!

24Akka lakkoobsa isaaniitii fi akkuma amala ta'ee fudhatametti tuntunoota sana, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallota hoolaa sanaa wajjin kennaa midhaanii isaaniitii fi kennaa dhugaatii isaanii qopheessaa!

25Akkasumas qalma gubamu isa itti fufee dhi'aatu, kennaa midhaanii isaa kennaa dhugaatii isaa irratti dabalaatii aarsaa sababii cubbuutiif korbeessa reettii tokko dhi'eessaa!

26“Gaafa guyyaa shanaffaaf kan qopheeffaman, tuntunoo sagal, korbeeyyii hoolaa lama, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo kudha afur; isaan kun hundinuu mudaa kan hin qabne haa ta'an!

27Akka lakkoobsa isaanii fi akkuma amala ta'ee fudhatametti tuntunoota sanaa fi korbeeyyii hoolaa sana, xobbaallota hoolaa sanaa wajjin kennaa midhaanii isaaniitii fi kennaa dhugaatii isaanii qopheessaa!

28Akkasumas qalma gubamu isa itti fufee dhi'aatu, kennaa midhaanii isaa fi kennaa dhugaatii isaatiitti dabalaatii aarsaa sababii cubbuutiif korbeessa reettii tokko dhi'eessaa!

29“Gaafa guyyaa ja'affaaf kan qopheeffaman, tuntunoo saddeet, korbeeyyii hoolaa lama, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo kudha afur; isaan kun hundinuu mudaa kan hin qabne haa ta'an!

30Akka lakkoobsa isaanii fi akkuma amala ta'ee fudhatametti tuntunoota sana, korbeeyyii hoolaa sanaa fi xobbaallota hoolaa sanaa wajjin kennaa midhaanii isaanii fi kennaa dhugaatii isaanii qopheessaa!

31Akkasumas qalma gubamu isa itti fufee dhi'aatu, kennaa midhaanii isaa fi kennaa dhugaatii isaa irratti dabalaatii aarsaa sababii cubbuutiif korbeessa reettii tokko dhi'eessaa!

32“Gaafa guyyaa torbaffaaf kan qopheeffaman tuntunoo torba, korbeeyyii hoolaa lama, xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo kudha afur; isaan kun hundinuu mudaa kan hin qabne haa ta'an!

33Akka lakkoobsa isaanii fi akkuma amala ta'ee fudhatametti tuntunoota sanaa fi korbeeyyii hoolaa sana, xobbaallota hoolaa sanaa wajjin kennaa midhaanii isaanii fi kennaa dhugaatii isaanii qopheessaa!

34Akkasumas qalma gubamu isa itti fufee dhi'aatu, kennaa midhaanii isaa fi kennaa dhugaatii isaatiitti dabalaatii aarsaa sababii cubbuutiif korbeessa reettii tokko dhi'eessaa!

35“Guyyaa saddeettaffaa wal ga'ii ulfina-qabeessa godhadhaa! Gaafas hojii nama dadhabsiisu tokko illee hin hojjetinaa!

36Qalma gubamuuf aarsaa ibiddaan gubamu isa urgaan foolii isaa ana Waaqayyotti toluuf tuntunoo tokko, korbeessa hoolaa tokko xobbaallaa hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo torba dhi'eessaa! Isaan kun hundinuu mudaa kan hin qabne haa ta'an!

37Akka lakkoobsa isaanii fi akkuma amala ta'ee fudhatametti tuntunoo sana, korbeessa hoolaa sanaa fi xobbaallota hoolaa sanaa wajjin kennaa midhaanii isaanii fi kennaa dhugaatii isaanii qopheessaa!

38Akkasumas qalma gubamu isa itti fufee dhi'aatu, kennaa midhaanii isaa kennaa dhugaatii isaa irratti dabalaatii aarsaa sababii cubbuutiif korbeessa reettii tokko dhi'eessaa!

39“Isin guyyoota ayyaanaa beekaman irratti, aarsaa wareega keessanii fi kennaa jaalala keessaniin dhi'eessitan irratti, isaan kanas qalma keessan isa gubamuuf, kennaa midhaanii keessanii fi kennaa dhugaatii keessanii fi qalma araaraa keessaniifis in qopheessitu” jedhe.

40Akkasitti Museen waan Waaqayyo isa abboome hundumaa Israa'elootatti in hime.

Ibsa

29:1-11

Ji'a torbaffaa keessa ayyaanota qulqullaa'oo ji'oota biroo kamirra iyyuu caalan turan. Kun yeroo haamuu fi facaasu gidduu ture. Jireenya kana keessa hojiiwwan nutti ulfaatan irraa boqonnaa baay'ee yoo arganne, tajaajila Waaqayyoo isa battalaa keessatti yeroo baay'ee dabarsuu qabna. Utubuu xoofoo ni ramadame ture, Le 22:24. Asitti aarsaa guyyaa sana dhiyeessuuf maal akka qaban itti himame. Warri Qoriiqoota Qulqulluu keessatti sammuu Waaqayyoo beekuu barbaadan, kutaa tokko isa kaanii wajjin madaaluu qabu. Mul'anni ifa Waaqummaa isa boodaa wanta dukkanoo ture ni ibsa, akkasumas wanta isa duraa keessa ture dhabame ni guuta, akkasitti namni Waaqayyoo guutuu akka ta'uuf.

Boqonnaa 29

Boqonnaan kun aarsaa gurguddaa sadii ji'a torbaffaa keessa Waaqayyoof ibiddaan dhiyeffamuu qabu ajaja.

I. Guyyaa jalqabaa ji'ichaa ayyaana malakataa keessatti (lakk. 1-6).

II. Guyyaa kurnaffaa irratti guyyaa araaraa keessatti (lakk. 7-11).

III. Guyyaa kudha shanaffaa irratti fi guyyoota torban itti aananitti ayyaana dunkaanaa keessatti (lakk. 12-38). Achiis, ajajoota kana xumuruun (lakk. 39, 40).

Lakk. 1-11

Ji'a torbaffaa keessa ayyaanota qulqullaa'oo ji'oota biroo kamiyyuu caalaa turan. Kunis, Israa'el biyya Gibxii keessaa ba'uun dura ji'a jalqabaa waan tureef qofa osoo hin taane (kunis ji'a Abib keessa waan ta'eef, sana booda lakkoofsa ji'oota amantii hundumaa keessatti jalqaba ji'ootaa akka ta'u godhameera), garuu sababiin isaa inni ammas lakkoofsa waggoota yubileewwanii fi waggoota bilisummaa keessatti ji'a jalqabaa ta'ee itti fufeera. Akkasumas, yeroo hojii qonnaa fi facaasaa gidduu jiru, yeroo boqonnaa ture, yeroo sanatti iddoo qulqullaa'aa tajaajiluuf yeroo baay'ee qabu turan. Kunis, Waaqayyo hojiiwwan barbaachisoo fi gara laafinaaf jedhee aarsaa dhiisuu danda'us, haa ta'u malee, hojiiwwan jireenya kanaa kanneen nu dhiphisan irraa yeroo baay'ee yoo qabaanne, yeroo sana caalaa tajaajila Waaqayyoo keessatti dabarsuu akka qabnu agarsiisa.

1. Asii olitti guyyaa jalqabaa ji'ichaa, guyyaa malakata afuufamuu, kan ayyaanota gurguddoo lamaaf qophii ture, jechuunis guyyaa araaraa irratti gadda qulqulluu fi ayyaana dunkaanaa keessatti gammachuu qulqulluu, aarsaan dhiyeffamuu qabu ajajameera. Kaayyoon seerota Waaqayyoo tokko tajaajila amantii biraatiif yoo nu qopheesse fi hundumtuu jannataaf yoo ta'e sirriitti deebii argata. Malakata afuufuun Lewwoota 23:24 irratti ajajameera. Asitti immoo sabni guyyaa sana aarsaa akkamii akka dhiyeessan itti himameera, kan yeroo sana hin dubbatamne ture. Hubadhaa, namoonni yaada Waaqayyoo Macaafa Qulqulluu keessatti beekuu barbaadan, kutaa Macaafa Qulqulluu tokko isa biraatiin wal bira qabuu qabu, akkasumas kutaa tokko kan isa biraatiin wal qabatu walitti qabuu qabu; sababiin isaa ifni Waaqayyoo kan booda mul'ate, kan duraan dukkanaa'aa ture ni ibsa, kan duraan hir'ate ni guuta, akkasitti namni Waaqayyoo guutuu ta'a. Aarsaan yeroo sana dhiyeffamuu qabu asitti addatti ajajameera (lakk. 2-6), akkasumas kun aarsaa guyyaa guyyaa fi kan ji'a haaraa bakka bu'uu akka hin qabneef of eeggannoon godhameera. Kanaanis, tajaajila Waaqayyoo keessatti fedhii keenya hir'isuuf sababa barbaaduu hin qabnu, akkasumas hojii gaarii dhiisuuf sababa argachuutti gammaduu hin qabnu, garuu caalaatti amantii keessatti dabaluu fi waan barame caalaa hojjechuuf carraa argachuutti gammaduu qabna. Yoo sagada maatii raawwanne, kun sagada keenya dhoksaa irraa nu dhiisuu hin qabnu jennee yaaduu hin qabnu; akkasumas guyyoota gara mana amantaa deemnu, Waaqayyoon kophaa keenya fi maatii keenya waliin sagaduun nu hin barbaachisu jennee yaaduu hin qabnu; garuu yeroo hundumaa hojii Gooftaa keessatti baay'achuu qabna.

2. Guyyaa araaraa irratti. Tajaajiloota guyyaa sanaa hundumaa malees, kan Lewwoota 16 irratti ajajni isaa nuuf kenname, fi kan namni tokko dhiphinaa fi baasii ga'aa barbaada jedhee yaaduu danda'u, asitti aarsaan gubamu akka dhiyeffamu ajajameera, lakk. 8-10. Sababiin isaa, amantii keenya fi qalbii jijjiirannaa keenya keessatti, ayyaana guyyaa sanaatiin kan agarsiifaman ayyaanota wangeelaa gurguddoo lamaan kana keessatti, ulfinaa fi kabaja Waaqayyoo ilaaluu qabna, kan aarsaa gubamuu keessatti qulqullummaan barbaadame ture; akkasumas, hoolaa re'ee tokko aarsaa cubbuu ta'uuf ture, aarsaa cubbuu araaraa isa guddaa malees (lakk.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በሰባተኛውም ወር ከወሩ በመጀመሪያ ቀን የተቀደሰ ጉባኤ ይሁንላችሁ፤ የተግባርን ሥራ ሁሉ አትሥሩበት፤ መለከቶች የሚነፉበት ቀን ነው። አማርኛ ENGNIV “ ‘On the first day of the seventh month hold a sacred assembly and do no regular work. It is a day for you to sound th… English BCV በታ ቐዳመይቲ መዓልቲ ናይታ ሻውዐይቲ ወርሒ፥ ቅዱስ ጉባኤ ግበሩ። ዝኾነ ስራሕ ኣይትስርሑ። ንሳ መለኸት እትነፍሑላ መዓልቲ ትኹነልኩም። ትግርኛ GAZBIB “Ji'a torbaffaatti, ji'ichattiis guyyaa duraatti wal ga'ii qulqullaa'aa godhadhaa! Gaafas hojii nama dadhabsiisu hin ho… Afaan Oromoo BCV GIZ ወበሳብዕ ወርኅ አመ ሠርቀ ወርኅ ቅድስተ ትሰመይ ለክሙ ይእቲ ዕለት ኵሎ ግብረ ማሕረስ ኢትግበሩ ባቲ ወዕለተ ትእምርት ትኩንክሙ። giz BCV aksum በታ ቐዳመይቲ መዓልቲ ናይታ ሻውዐይቲ ወርሒ፥ ቅዱስ ጉባኤ ግበሩ። ዝኾነ ስራሕ ኣይትስርሑ። ንሳ መለኸት እትነፍሑላ መዓልቲ ትኹነልኩም። ትግርኛ AMHNIV “ ‘በሰባተኛው ወር በመጀመሪያው ቀን የተቀደሰ ጉባኤ አድርጉ፤ የዘወትር ሥራም አትሥሩበት፤ ይህም የመለከት ድምፅ የምታሰሙበት ቀናችሁ ነው። አማርኛ SWAHSUV Tena mwezi wa saba, siku ya kwanza ya mwezi, mtakuwa na kusanyiko takatifu; hamtafanya kazi yo yote ya utumishi; ni sik… Kiswahili