Malaakii 3

GAZBIBAfaan Oromoo18 Keeyyattoota4:24 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:24 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Waaqayyo gooftaan maccaa,“Kunoo, ani ergamaa koo isa karaa anaaf qopheessu of dura nan erga; dingatas gooftichi inni isin barbaaddan sun gara mana qulqullummaa isaa in dhufa; kunoo, ergamaan kakichaa inni isin hawwitan sun in dhufa” jedha.

2Garuu guyyaa dhufa isaatti eenyutu obsuu danda'a ree” Yeroo inni mul'atus eenyutu dhaabachuu danda'a ree” Inni akka ibidda isa sibiila qulleessuu ti, akka saamunaa isa ittiin uffata miicanii tis.

3Inni akka nama sibiila baqsuutti, akka nama meetii qulleessuuttis taa'ee warra Lewwootaa baqsee akka warqee fi akka meetiitti isaan in qulleessa; isaanis warra Waaqayyoof aarsaa qajeelaa dhi'eessan in ta'u.

4Yommus aarsaan Yihudaa fi aarsaan Yerusaalem akka baroota darbanii, akka waggoota durii sanaattis Waaqayyo duratti fudhatamaa in ta'a.

5Waaqayyo gooftaan maccaa,“Ani firdii kennuudhaaf isinitti dhi'aadheera; warra qoricha namatti godhan irratti, warra ejjitoota irratti, warra sobaan kakatan irratti, namoota warra hojjetoota, haadha hiyyeessaa fi ijoollee abbaa fi haati irra hin jirre cunqursan irratti, warra nama galaa firdii dhowwatan irratti, warra ana hin sodaanne irrattis dafee dhugaa nan ba'a” jedha.

6Itti fufees,“Ani Waaqayyo waanan ta'eef, hin geddaramu; kanaaf yaa ilmaan Yaaqoob isin raawwattanii hin badne.

7Bara abboota keessaniitii jalqabdanii hamma ammaatti isin seerrata koo irraa gortaniittu, isa hin eegnes; ani Waaqayyo gooftaan maccaa,“Gara kootti deebi'aa! Anis gara keessanitti nan deebi'a” isiniin jedheera; isin garuu,“Attamitti deebina?” in jettu.

8Namni Waaqayyoon in saamaa” Isin garuu ana in saamtu,“Attamitti si saamna?” jettanii in gaafattu; isin kudhan keessaa tokkoon, aarsaadhaanis ana in saamtu;

9isin, sabni hundinuu ana waan saamtaniif, dhugumaan abaaramtaniittu;

10mana koo keessatti nyaanni akka ta'uuf kudhan keessaa tokko guutummaatti gombisaa kootti galchaa! Ani immoo ittisa bantii waaqaa banee, eebba danuu isin irratti yoon dhangalaasuu dhabaadheef qoraa ana ilaalaa!

11Midhaan keessan kan balleessu isin irraa nan ifadha; maasii keessan keessaa mukti waynii keessanii hin maseenu; kana ana Waaqayyo gooftaa maccaatu dubbate.

12Isin biyya nama gammachiisu keessa waan jiraattaniif sabni warri kaan hundinuu,“Isin warra eebbifamoo dha” isiniin in jedhu.

13“Isin ana irratti dubbii cimaa dubbattaniittu; kanuma keessaa immoo,“Maal si irratti dubbanne?” in jettu;

14isin,“Waaqayyoof hojjechuun akkasumaan; akka warra gaddaniitti fuula Waaqayyo gooftaa maccaa dura utuu deddeebi'aa jirruu, wanta inni abboome eeguun keenya maal waa'ee baasa”

15Warri of gurguddisan kan eebbifamanii dha, warri hamaa hojjetan in guddatu, Waaqayyoon qoraniis isa jalaa in ba'u” in jettu” jedha.

16Amma immoo warri Waaqayyoon sodaatan walii wajjin utuu dudubbatanii Waaqayyo isaan dhaggeeffatee, waan isaan dubbatan in dhaga'e; macaafni seenaa waa'ee warra isa sodaatanii fi warra maqaa isaatiif ulfina kennanii, fuula isaa duratti caafameera.

17Waaqayyo gooftaan maccaa,“Guyyaa ani murtoo godhe sanatti isaan qabeenya dhuunfaa koo in ta'u; akkuma abbaan ilma isaaf hojjetuuf oo'u akkasuma anis isaaniif nan oo'a;

18yommus isin garaa garummaa warra qajeelotaa fi warra jal'oota gidduu jiru, warra ana Waaqayyoof hojjetuu fi warra anaaf hin hojjenne gidduu jirus dabaltanii in argitu” jedha.

Ibsa

Malki 3:1-6

Jechootni jalqabaa boqonnaa kanaa, warra yeroo sana qoosanii fi arrabsoo dubbatan sanaaf deebii kennuu kan fakkaatanidha. Asitti Yohannis Cuuphaan mul'achuu isaa ilaalchisee raajiin jira. Inni ergamaa Kiristoos duraati. Namoota gara gaabbiitti waamuudhaan, karaa isaa dura qopheessa. Masiihichi yeroo dheeraadhaaf "Inni dhufuu qabu" jedhamee waamameera; amma immoo yeroo gabaabaatti ni dhufa. Inni Ergamaa Kakuuti. Warri Yesuusin barbaadan, yeroo baay'ee yeroo hin eegamnetti illee, gammachuu isa keessatti ni argatu. Gooftaan Yesuus, tajaajila sagalee isaa fi amansiisa Hafuura isaa kanaan, garaa cubbamaa mana qulqullummaa isaa ta'uuf qopheessa; akkasumas Inni Ergamaa nagaa fi jajjabinaa ta'ee isheetti seena. Namni fakkeessaa yookiin nama seera malee humna Hafuuraatiin hin jijjiiramne tokkollee barumsa isaa hin danda'u, yookiin fuuldura teessoo firdii isaa hin dhaabatu. Kiristoos namoota addaan baasuuf, warra qaalii fi warra jibbaman addaan hiruuf dhufe. Inni akka warqii qulqulleessaa (Refiner) taa'a. Kiristoos, wangeela isaa kanaan waldaa isaa ni qulqulleessa, ni haaromsa; akkasumas Hafuura isaa isa ishee wajjin hojjetu kanaan, lubbuu deebi'ina dhalootaa geggeessee ni qulqulleessa. Dhoobii isaan keessatti argamu ni fudhata. Tortora isaanii, kan humna isaanii gatii hin qabne fi faayidaa hin qabne godhu, addaan ni baasa. Amantichaa qorumsa ibiddaa kan rakkinaa fi qorumsaa, kan Fayyisaan warqii isaa ittiin qulqulleessu, sodaachuu hin qabu. Inni akka qorumsi sun hamma gaariidhaaf isatti barbaachisu caalaa cimaa yookiin dheeraa hin taane ni eega; qorumsi kunis kan warra hamootaa irraa haala guutummaatti adda ta'een ni xumurama. Kiristoos, isaan gidduu seenaatiin, isaan fudhatama qabeessa ni taasisa. Bakka sodaan Waaqayyoo hin jirretti, wanti gaariin hin eegamu. Hamaan cubbamoota hordofa. Waaqayyo hin jijjiiramu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG እነሆ፥ መልእክተኛዬን እልካለሁ፥ መንገድንም በፊቴ ያስተካክላል፤ እናንተም የምትፈልጉት ጌታ በድንገት ወደ መቅደሱ ይመጣል፤ የምትወዱትም የቃል ኪዳን መልእክተኛ፥ እነሆ፥ ይመጣል፥ ይላል የሠ… አማርኛ ENGNIV “See, I will send my messenger, who will prepare the way before me. Then suddenly the Lord you are seeking will come to… English BCV “እንሆ፥ መንገዲ ዝፀርግ ልኡኸይ ቀቅድመይ እልእኽ ኣለኹ። እቲ እትደልይዎ ጐይታ ኸዓ ናብ መቕደሱ ድንገት ክመፅእ እዩ፤ እቲ እትሕጐሱሉ መልእኽተኛ ቃል ኪዳን፥ እንሆ፥ ይመፅእ ኣሎ” ይብል … ትግርኛ BCV GIZ ናሁ አነ እፌኑ መልእክየ ዘይጸይሕ ወይርኢ ፍኖትየ ቅድመ ገጽከ፡ ወይመጽእ ውስተ ጽርሑ ግብተ እግዚአብሔር ዘአንትሙ ተኀሥሡ መልአከ ሥርዓትየ ዘአንትሙ ትፈቅዱ፤ ናሁ ይመጽእ፡ ይቤ እግዚአብሔ… giz GAZGAZ Waaqayyo gooftaan maccaa,“Kunoo, ani ergamaa koo isa karaa anaaf qopheessu of dura nan erga; dingatas gooftichi inni is… Afaan Oromoo BCV aksum “እንሆ፥ መንገዲ ዝፀርግ ልኡኸይ ቀቅድመይ እልእኽ ኣለኹ። እቲ እትደልይዎ ጐይታ ኸዓ ናብ መቕደሱ ድንገት ክመፅእ እዩ፤ እቲ እትሕጐሱሉ መልእኽተኛ ቃል ኪዳን፥ እንሆ፥ ይመፅእ ኣሎ” ይብል … ትግርኛ AMHNIV “እነሆ፤ በፊቴ መንገድ እንዲያዘጋጅ መልእክተኛዬን እልካለሁ፤ የምትፈልጉት ጌታ በድንገት ወደ ቤተ መቅደሱ ይመጣል፤ ደስ የምትሰኙበትም የቃል ኪዳኑ መልእክተኛ ይመጣል” ይላል እግዚአብሔር ጸ… አማርኛ SWAHSUV Angalieni, namtuma mjumbe wangu, naye ataitengeneza njia mbele yangu; naye Bwana mnayemtafuta atalijilia hekalu lake gh… Kiswahili