Yohaannis 18

GAZBIBAfaan Oromoo40 Keeyyattoota8:30 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 8:30 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yesus dubbii kana erga dubbatee bartoota isaa wajjin ka'ee, iddoo dhaabaa dachaa Qedroon gama jiru tokko dhaqe; inni, bartoonni isaas dhaabaa sana keessa lixan.

2Yesus yeroo baay'ee bartoota isaa wajjin achitti wal arga waan tureef, Yihudaan inni dabarsee isa kennuuf ture iddoo sana in beeka.

3Yommus Yihudaan loltuu kutata tokko, warra eegduu mana qulqullummaa, luboota angafootaa fi Fariisota biraa ergamanis, of duukaa buusee dhufe; jarri guca, ibsaa, mi'a lolaas in baatu turan.

4Yesus waan isatti dhufuuf jiru hundumaa beekee, ka'ee itti adeemee, ?Eenyuun barbaaddu?? isaaniin jedhe.

5Isaan immoo deebisanii, ?Yesusin namicha biyya Naazireet? jedhan; kana irratti Yesus, ?Innoo, ana? jedhe. Yihudaan inni dabarsee isa kennus isaanumaa wajjin in dhaabata ture.

6Yeroo inni, ?Innoo, ana? isaaniin jedhetti gara booddee isaaniitti deebi'anii in kukkufan.

7Ammas, ?Eenyuun barbaaddu?? jedhee isaan gaafate; isaan immoo, ?Yesusin namicha biyya Naazireet? jedhan.

8Yesus deebisee, ? ?Innoo, ana?, jedhee isinitti himeera; kanaaf ana barbaaddu yoo ta'e, isaan kana dhiisaa, haa dhaqan!? jedhe.

9Dubbiin inni kanaan dura, ?Warra ati anaaf kennite keessaa tokko illee hin ganne? jedhe, akka raawwatamuuf kana dubbate.

10Simoon Phexros, billaa qaba ture iyyuu, luqqifatee naa'oo angafa lubootaa rukutee, gurra isaa mirgaa irraa kute; maqaan naa'oo sanaa immoo Maalkos ture.

11Yesus garuu Phexrosiin, ?Billaa kee mann'ee isaatti deebisi! Xoofoo dhiphinaa abbaan anaaf kenne keessaa hin dhuguu ree?? jedhe.

12Kutati warra loltuu, angafni kumaas, karaa warra Yihudootaa immoo eegdonni mana qulqullummaa Yesusin qabanii hidhan.

13Duras Haannaasitti isa geessan; Haannaas abbiyyuu Qayyaafaa ti, Qayyaafaan immoo bara sanatti angafa lubootaa ture.

14Qayyaafaan kunis, namni tokko sabaaf du'uu akka wayyu Yihudoota isa gorse ture.

15Simoon Phexrosii fi bartuun kan biraa tokko Yesus duukaa dhaqan; bartuun inni kaan angafa lubootaa biratti beekamaa waan tureef, Yesusii wajjin oobdii mana angafa lubootaa sana lixe.

16Phexros immoo karaa alaa karra dura in dhaabata ture; kanaaf bartuun inni kaan, inni angafa lubootaa biratti beekame sun, gad ba'ee xomboree ishee karra eegdutti dubbatee, Phexrosin ol galche.

17Xomboreen karra eegdu sun Phexrosiin, ?Atis bartoota namicha kanaa keessaa tokko mitii ree?? jette; inni immoo, ?Ana miti? jedhe.

18In dhaamota waan tureef, hojjetoonnii fi eegdonni ibidda cilaattii qabsiisanii, ijaajjanii in qaqqaammatu turan; Phexrosis isaanii wajjin dhaabatee in qaqqaammata ture.

19Angafichi lubootaa yommus Yesusin waa'ee bartoota isaatii fi waa'ee barsiisa isaatii gaggaafate.

20Yesus immoo deebisee, ?Ani mul'inatti biyya lafaatti dubbadheera; yeroo hundumaas mana sagadaa fi mana qulqullummaa iddoo Yihudoonni hundinuu itti wal ga'anitti barsiiseera; dhoksaattis waan tokko illee hin dubbanne.

21Egaa maaliif na gaafatta ree? Waanan isaaniin jedhe, warra na dhaga'e gaafadhu; isaan waanan jedhe in beeku? jedheen.

22Yeroo inni kana jedhetti, eegdota isa bukkee dhaabatan keessaa tokko, ?Akkasitti angafa lubootaatiif deebii deebiftaa?? jedhee maddii isaa kabale.

23Yesus deebisee, ?Yoon dabaa dubbadheera ta'e, dabaa sana mul'isii dhugaa ba'i! Dubbii qajeelaa yoon dubbadhe garuu maaliif na rukutta ree?? jedheen.

24Haannaas ergasii Yesusin, akkuma inni hidhamee jirutti, gara Qayyaafaa angaficha lubootaatti in erge.

25Simoon Phexros dhaabatee utuu ibidda qaqqaammachaa jiruu, warri kaan, ?Atis bartoota isaa keessaa tokko mitii?? jedhanii isa gaafatan; inni garuu, ?Ana miti? jedhee gane.

26Hojjetoota angafa lubootaa keessaas tokko, firri isa Phexros gurra isaa kutee, ?Isaa wajjin iddoo dhaabaa sana keessatti ani si hin arginee?? jedhe.

27Phexros garuu ammas in gane; yommusumas indaanqoon in iyyite.

28Ergasii Yesusin mana Qayyaafaatii gara mana mootummaa warra Roomaa, lafa inni biyya bulchu jiraatutti geessan; yeroon isaas ganama barii ture. Warri Yihudootaa ofii isaaniitii hoolaa Faasiikaa nyaachuudhaaf of in eeggatu waan turaniif, akka hin xuroofneef mana mootummaa warra Roomaa sana hin linne.

29Kanaaf Philaaxos gara isaaniitti gad ba'ee, ?Wanti isin namicha kana ittiin hadheessitan maali?? jedheen.

30Isaan immoo deebisanii, ?Utuu inni kun nama hamaa hojjete ta'uu dhabaate, nuyi sitti dabarsinee isa hin laannu turre? jedhaniin.

31Philaaxos immoo, ?Isinumti isa fudhadhaa! Dhaqaatii akka seera keessaniitti isatti faradaa? isaaniin jedhe. Warri Yihudootaa garuu, ?Nuyi nama tokko illee ajjeesuuf seerri nuuf hin kennu? jedhaniin.

32Kanas, Yesus du'a attamiitiin du'uuf akka jiru tuquudhaaf kan inni jedhe, akka raawwatamuuf dubbatan.

33Philaaxos yommus gara mana mootummaa sanatti ol deebi'e, Yesusin waamsisee, ?Ati mooticha Yihudootaa tii?? jedhee isa gaafate.

34Yesus deebisee, ?Kana yaaduma keetiin dubbatta moo yookiis warra kaantu waa'ee koo sitti hime?? jedhe.

35Philaaxos immoo, ?Anatu Yihudii dha moo ree? Saba keetu, luboota warra angafootatus anatti dabarsee si kenne, ati maal goote?? jedhe.

36Yesus garuu deebisee, ?Mootummaan inni kan kootii mootummaa biyya lafa kanaa miti; utuu mootummaa biyya lafa kanaa ta'ee, akka ani warra Yihudootaatti hin kennamneef, namoonni koo anaaf in lolu turan; garuu mootummaan inni kan kootii mootummaa biyya lafa kanaa miti? jedhe.

37Philaaxos, ?Yoos immoo ati mootii dha kaa?? jedheen; Yesus deebisee, ?Akka ani mootii ta'e ati iyyuu in jetta, dhugaadhaaf dhugaa ba'uufan dhaladhe, kanumaaf anis gara biyya lafaa dhufe; inni kan dhugaa ta'e hundinuus, sagalee koo in dhaga'a? jedhe.

38Kana irratti Philaaxos, ?Dhugaan maal inni?? jedheen. Kana dubbatee ammas gara warra Yihudootaatti gad ba'ee, ?Ani dabaa tokko illee isa irratti hin argu.

39Garuu Faasiikaatti nama hidhame tokko akkan isiniif gad dhiisu, amala godhattaniittu; mooticha Yihudootaa kana akkan isiniif gad dhiisu in feetuu?? isaaniin jedhe.

40Isaan itti iyyanii, ?Isa kana miti, Barabbaa malee!? jedhan; Barabbaan kun immoo saamtuu ture.

Ibsa

18:1-12

Cubbuun iddoo dhaabaa Eedenitti jalqabe; achittis abaarsi labsame; achittis Furee waadaa gale; akkasumas, iddoo dhaabaa sanatti, Sanyii waadaa galame sun boficha durii wajjin walgalteettii seene. Kiristoos akkasumas iddoo dhaabaatti awwaalame. Nuuf, yeroo iddoo dhaabaa keenya keessa deemnu, achirraa sababa fudhannee dhukkubbiilee Kiristoos iddoo dhaabaatti danda'e irratti haa xiinxallu. Gooftaan keenya Yesuus, waan hundi isa mudatu beekee, gara fuulduraatti ba'ee, "Hoo eenyu barbaaddu?" jedhee gaafate. Yeroo namoonni isa gonfootti dirqisiisuuf yaalan, inni of duuba deebi'e, ch.

18:13-27

Siimon Pheexiros Gooftaa isaa haale. Bal'inni haalawwan kanaa yaadawwan Wangeelota biroo irratti ibsamaniiru. Jalqabbiin cubbuu bishaan lolaasuu fakkaata. Cubbuun sobaa cubbuu firii baay'e qabudha; sobni tokko kan biraa isa deeggaru barbaada, inni biraanis kan biraa barbaada. Yoo waamichi of balaaf saaxiluu ifa ta'e, Waaqayyo akka isa kabajnu nu dandeessisu abdachuu dandeenya; yoo akkas hin taane garuu, Waaqayyo akka of qaanessinuuf nu dhiisa jennee sodaachuu dandeenya. Isaan dinqiiwwan Yesuus, kanneen inni hojii gaarii baay'ee isaaniin hojjete, akkasumas kanneen barumsa isaa mirkaneessan ilaalchisee waan tokkollee hin jenne. Kanaaf diinonni Kiristoos, yeroo dhugaa isaatti falman, fedhiidhaan ija isaanii irratti cufu. Inni warra isa dhaga'anitti ol iyyate. Barumsi Kiristoos warra isa beekan hundatti nagaadhaan of dhiheessuu danda'a, warri dhugaadhaan murteessanis isaaf ragaa bahu. Dallansaan keenya kan sababa miidhaa dhufu yoomiyyuu miira cimaa hin qabaatin. Inni namicha isa miidhe sana waliin sababa dubbate, nutis akkasuma gochuu dandeenya.

18:28-32 Namicha gaarii akkana baay'ee hojjete du'atti dabarsanii kennuun haqa miti ture; kanaaf Yihudoonni qaanii yookiin komii irraa of oolchuu barbaadan. Namoonni baay'een cubbuu isaa caalaa qaanii yookiin fudhatama dhabuu hojii hamaa tokkoo ni sodaatu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ኢየሱስም ይህን ብሎ አትክልት ወዳለበት ስፍራ ወደ ቄድሮን ወንዝ ማዶ ከደቀ መዛሙርቱ ጋር ወጣ፤ እርሱም ደቀ መዛሙርቱም በዚያ ገቡ። አማርኛ ENGNIV When he had finished praying, Jesus left with his disciples and crossed the Kidron Valley. On the other side there was … English BCV ኢየሱስ እዙይ ምስ በለ፥ ምስ ደቀ መዛሙርቱ፥ ናብ ማዕዶ ሩባ ቄድሮን ሰጊሩ፥ ናብታ ኣታኽልቲ ዘለዋ ቦታ ኸደ፤ ምስ ደቀ መዛሙርቱውን ናብኣ ኣተወ። ትግርኛ BCV GIZ ወዘንተ ብሂሎ ወጽአ እግዚእ ኢየሱስ ምስለ አርዳኢሁ ማዕዶተ ቄድሮስ ፈለገ አርዝ። ወቦ ህየ ገነት ዐጸደ ሐምል ወቦአ እግዚእ ኢየሱስ ውስቴታ ምስለ አርዳኢሁ። giz GAZGAZ Yesus dubbii kana erga dubbatee bartoota isaa wajjin ka'ee, iddoo dhaabaa dachaa Qedroon gama jiru tokko dhaqe; inni, b… Afaan Oromoo BCV aksum ኢየሱስ እዙይ ምስ በለ፥ ምስ ደቀ መዛሙርቱ፥ ናብ ማዕዶ ሩባ ቄድሮን ሰጊሩ፥ ናብታ ኣታኽልቲ ዘለዋ ቦታ ኸደ፤ ምስ ደቀ መዛሙርቱውን ናብኣ ኣተወ። ትግርኛ AMHNIV ኢየሱስ ይህን ካለ በኋላ ከደቀ መዛሙርቱ ጋር ሆኖ የቄድሮንን ሸለቆ ተሻገረ፤ ማዶ ወደ ነበረውም የአትክልት ስፍራ ገቡ። አማርኛ SWAHSUV Alipokwisha kusema hayo, Yesu alitoka pamoja na wanafunzi wake kwenda ng'ambo ya kijito Kedroni, palipokuwapo bustani; … Kiswahili