Yohaannis 13

GAZBIBAfaan Oromoo38 Keeyyattoota7:02 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 7:02 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Ayyaana Faasiikaa dura, Yesus biyya lafaa kana keessaa gara abbaa dhaquudhaaf yeroon isaa akka ga'e in beeke; inni biyya lafaa kana keessatti kan isaa warra ta'an akkuma jaallate, hamma dhumaatti jaalala guutuu isaan argisiise.

2Yeroo irbaataatti, Seexanni akka Yihudaan ilmi Simoon, namni biyya Keriyot, Yesusin dabarsee kennuuf yaada isaa irra kaa'ate.

3Yesus immoo Waaqayyo abbaan waan hundumaa harka isaatti akka kenne, inni ofii isaatii Waaqayyo biraa akka dhufe, gara Waaqayyoos akka dhaqu in beeke.

4Kanaafis irbaata irraa ka'ee, wayyaa isaa of irraa fuudhee kaa'ee, erbee tokkos fuudhee mudhiitti suuqate.

5Xuwwee miillaatti bishaan buusee, miilla bartootaa dhiqee, erbicha mudhiitti suuqate sanaanis qoorsuutti ka'e.

6Simoon Phexros biras geenyaan, Phexros, ?Gooftaa situ miilla koo dhiqaa?? ittiin jedhe.

7Yesus immoo, ?Waan ani hojjechaa jiru ati amma hin beektu; gara booddeetti garuu in hubatta? jedhee deebiseef.

8Phexrosis, ?Yoom iyyuu taanaan miilla koo hin dhiqxu? jedheen. Kana irratti Yesus, ?Ani yoon si dhiquu dhabaadhe, na biraa qooda hin qabdu? jedhee deebiseef.

9Simoon Phexros yommus, ?Yoos miilla koo duwwaa utuu hin ta'in, harkas mataas na dhiqi!? ittiin jedhe.

10Yesus immoo, ?Kanaan dura kan dhiqate miilla isaa duwwaa dhiqachuu malee, lammaffaa isaaf hin barbaachisu inni guutummaatti qullaa'aa dha'o; isin qullaa'oo dha, garuu hunda keessan miti? jedheen.

11Innoo dabarsee isa kennuuf kan ture, eenyu akka ta'e waan beekeef, ?Hundumti keessan qullaa'oo miti? jedhe.

12Yesus miilla isaanii dhiqee wayyaa isaa fudhatee, iddoo isaatti erga deebi'ee booddee, ?Waanan isiniif godhe hubattuu ree?

13?Barsiisaa, gooftaas? jettanii na waamtu, isin akkuma jettan iyyuu ani isa.

14Ani barsiisaan keessaniif gooftaan keessan ergan miilla isiniif dhiqee, isin immoo miilla walii walii keessaniif dhiquun isiniif in ta'a.

15Ani akkuman isiniif godhe, isinis immoo akka gootanitti fakkeenya isiniif ta'eera.

16Dhuguma, dhuguman isinitti hima, hojjetaan isa isa hojjechiifatu irra hin caalu, inni ergames isa ergate irra hin caalu.

17Kana erga beektanii, akkuma kanaatti yoo hojjettan kan ayyaanomtanii dha.

18?Ani waa'ee hunduma keessaniitiif hin dubbadhu, warra ani fo'adhe immoo beeka; inni macaafni, ?Namichi buddeena koo nyaate na dhiite!? jedhu garuu, raawwatamuun in ta'a.

19Yommuu inni ta'u ?Ani isa ta'uu koo? akka amantaniif, utuu inni hin ta'in duraan dursee amma isinitti nan hima.

20Dhuguma, dhuguman isinitti hima, namni isa ani erge simatu ana simachuu isaa ti, namni ana simatus isa ana erge simachuu isaa ti? jedhee isaanitti dubbate.

21Yesus erga kana dubbatee booddee, hafuura isaatti dhiphatee, ?Dhuguma, dhuguman isinitti hima, tokko isin keessaa dabarsee na kennuuf jedha? jedhee dhugaa ba'e.

22Bartoonni garuu waa'ee eenyuutiif akka inni dubbate walii wallaalanii, ija keessa wal ilaalan.

23Bartoota isaa keessaa inni Yesus jaallate tokko baay'ee Yesusitti maxanee in taa'a ture.

24Kanaaf Simoon Phexros waa'ee eenyuutiif akka Yesus dubbate haa gaafatuuf, nyaaraan bartichatti argisiise.

25Bartuun sunis gara Yesusitti jedhee, ?Yaa gooftaa, eenyu inni?? jedhee gaafate.

26Yesus immoo, ?Inni ani buddeena afaan-kaa'ata tokko cuuphee kennuuf isa? jedhee deebiseef; si'uma sanas buddeena afaan-kaa'ata tokko cuuphee, Yihudaa ilma Simoon nama biyya Keriyotiif kenne.

27Yihudaan akkuma buddeenicha afaan kaa'ateen, Seexanni isatti gale; yommus Yesus, ?Waan gochuuf jettu dafii godhi!? ittiin jedhe.

28Warra maaddiitti taa'an sana keessaas, maaliif Yesus akkas akka ittiin jedhe, homtinuu hin hubanne.

29Kaan Yihudaan korojoo horii waan baateef Yesus, ?Waan ayyaanaaf nu barbaachisu biti!? ittiin jedhe; yookiis immoo akka inni hiyyeessotaaf waa kennuuf, itti hime se'an.

30Yihudaan buddeena afaan-kaa'ata tokko sana fudhatee, achumaan gad ba'e; yeroon isaa immoo halkan ture.

31Yihudaan erga gad ba'ee booddee, Yesus, ?Egaa ilmi namaa ulfina argachuu isaa ti; Waaqayyos isaan ulfina argachuu isaa ti.

32[Waaqayyo isaan ulfina erga argatee], Waaqayyo immoo deebisee ulfina isa in argachiisa, dafees in argachiisa.

33Yaa ijoollee koo si'achi yeroo gabaabaa duwwaadhaafan isinii wajjin jira; na barbaaduuf jirtu, ?Iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan? jedhee Yihudootatti akkuman hime, isinittis immoo amma nan hima.

34Akka isin wal jaallattaniif abboommii haaraa isiniif nan kenna; ani akkuman isin jaalladhe, isinis immoo akka wal jaallattan isin abboomeera.

35Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku? jedhe.

36Yommus Simoon Phexros, ?Eessa dhaquuf jetta yaa gooftaa?? jedheen; Yesus immoo, ?Iddoo ani dhaquudhaaf jedhu amma na duukaa dhufuu hin dandeessu, booddee garuu na duukaa in buuta? jedhee deebiseef.

37Kana irratti Phexros, ?Gooftaa maaliifan amma si duukaa bu'uu hin danda'u? Anoo siif jedhee lubbuu koo kennuuf jira? jedheen.

38Yesus immoo deebisee, ?Maal akkas anaaf jettee lubbuu kee kennita? Dhuguma, dhuguman sitti hima, indaanqoon utuu hin iyyin si'a sadii na ganta? jedhe.

Ibsa

13:1-17

Gooftaan keenya Yesuus addunyaa keessa saba Isaa ofii qaba; isaan bitateera, gatii jabaa isaaniif kaffaleera, akkasumas ofii Isaa qofaaf isaan addaan baaseera; isaanis saba addaa ta'uudhaan Isaaf of kennu. Kiristoos warra jaallatu, dhumaatti isaan jaallata. Wanti tokkoyyuu amanaa dhugaa jaalala Kiristoosirraa addaan baasuu hin danda'u. Sa'aatiin keenya yoom akka dhufu hin beeknu, kanaaf, wanti nuti yeroo hundumaa isaaf qophaa'uuf gochuu qabnu, takkaa hojjetamuu dhiisuu hin qabu. Seexanni garaa namootaatti karaa akkamiin akka seenu nuti dubbachuu hin dandeenyu. Haata’u malee, cubbuuwwan tokko tokko baay'ee cubbuu kan ta'an, akkasumas addunyaa fi foonirraa isaanitti qoruun xiqqaa waan ta'eef, isaan kallattiidhaan Seexana irraa akka dhufan ifa dha. Yesuus miila barattoota Isaa dhiqe; kunis waan tokko akka nurraa gadi jiruutti akka hin lakkoofne nu barsiisuuf ture, wantoota isa keessatti ulfina Waaqayyoo fi gaarummaa obboleewwan keenyaa babal’isuu dandeenyu keessatti. Of hojiitti qajeelchuu qabna, akkasumas wanta nuti gochuu qabnu keessatti nu gufachiisuu danda'u hundumaa dhiisuu qabna. Kiristoos miila barattoota Isaa dhiqe; kunis miiccaa hafuuraa fi gatii isaa, akkasumas lubbuu xurii cubbuutirraa qulqulleessuu isaanitti argisiisuuf ture. Gooftaan keenya Yesuus wantoota baay'ee godha, wantoota kana keessaa, barattoonni Isaa ofii iyyuu amma hiika isaa hin beekan, garuu booda ni beeku. Dhuma irratti wantoota jal'aa fakkaatanirraa gaarummaan akkamii akka dhufe ni argina. Beeksisawwan wangeelaa, "keenyaaf baay'ee qabeenya-qabeessa dha yookiin oduu gaarii dhugaa ta'uu hin dandeenye dha" jechuudhaan ofirraa dhiisuun, gad of qabuu miti, garuu amantii dhabuu dha. Warri Kiristoosiin hafuuraan dhiqaman hundi, isaan qofatu Kiristoos keessaa qooda qabu. Kiristoos warra Isaa kan jedhuu fi fayyisu hunda, inni isaan qajeelcha fi qulqulleessa. Pheexiros of kennuu qofaa osoo hin taane; Kiristoosiin akka dhiqamu ni kadhata. Ayyaana qulqulleessaa Gooftaa Yesuusii fi guutummaa bu'aa isaa, harka isaa fi mataa isaa irratti iyyuu argachuuf akkam akka dhiphatu! Warri dhugumaan qulqulleeffamuu fedhan, guutummaatti qulqulleeffamuu, namicha guutuu, kutaa isaa hundaatii fi humna isaa waliin qulqullaa'aa ta'uu fedhu. Amanaan dhugaan yeroo Kiristoos fayyina isaatiif fudhatu, haala kanaan ni dhiqama. Kanaaf, warri ayyaanaan haala qajeelchaa keessa jiran, eegumsa guyyaa-guyyaa akkamii gochuu akka qaban ilaalaa: Kunis miila isaanii dhiquu, cubbuu guyyaa-guyyaatiin of qulqulleessuu, akkasumas wanta xureessu hundumaa irraa eeggachuu dha.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ኢየሱስም ከፋሲካ በዓል በፊት፥ ከዚህ ዓለም ወደ አብ የሚሄድበት ሰዓት እንደ ደረሰ አውቆ፥ በዚህ ዓለም ያሉትን ወገኖቹን የወደዳቸውን እስከ መጨረሻ ወደዳቸው። አማርኛ ENGNIV It was just before the Passover Feast. Jesus knew that the time had come for him to leave this world and go to the Fath… English BCV ኢየሱስ ቅድሚ በዓል ፋሲካ፥ ካብዝ ዓለም እዙይ፥ ናብ ኣብ፥ ዝኸደላ ሰዓት ከም ዝበፅሐት ፈሊጡ፥ ነቶም ዘፍቀሮም ኣብዛ ዓለም እዚኣ ዘለዉ ናቱ፥ ክሳዕ መወዳእታ ኣፍቀሮም። ትግርኛ BCV GIZ ወእምቅድመ በዓለ ፋሲካ ሶበ ኮነ የአምር እግዚእ ኢየሱስ ከመ በጽሐ ጊዜሁ ከመ ይፈልስ እምዝንቱ ዓለም ወየሐውር ኀበ አብ። ዘፈነዎ ወአፍቀሮሙ ለእሊኣሁ እለ ውስተ ዓለም ወለዝሉፉ አፍቀሮሙ። giz GAZGAZ Ayyaana Faasiikaa dura, Yesus biyya lafaa kana keessaa gara abbaa dhaquudhaaf yeroon isaa akka ga'e in beeke; inni biyy… Afaan Oromoo BCV aksum ኢየሱስ ቅድሚ በዓል ፋሲካ፥ ካብዝ ዓለም እዙይ፥ ናብ ኣብ፥ ዝኸደላ ሰዓት ከም ዝበፅሐት ፈሊጡ፥ ነቶም ዘፍቀሮም ኣብዛ ዓለም እዚኣ ዘለዉ ናቱ፥ ክሳዕ መወዳእታ ኣፍቀሮም። ትግርኛ AMHNIV ጊዜው ልክ ከፋሲካ በዓል በፊት ነበረ፤ ኢየሱስም ይህን ዓለም ትቶ ወደ አብ የሚሄድበት ጊዜ እንደ ደረሰ ዐወቀ። በዓለም የነበሩትን፣ የራሱ የሆኑትን ወደዳቸው፤ በፍጹም ፍቅሩም ወደዳቸው። አማርኛ SWAHSUV Basi, kabla ya sikukuu ya Pasaka, Yesu, hali akijua ya kuwa saa yake imefika, atakayotoka katika ulimwengu kwenda kwa B… Kiswahili