Ermiyaas 28

GAZBIBAfaan Oromoo17 Keeyyattoota4:05 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:05 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Zedeqiiyaan mootii Yihudaa ta'ee waggaa afuraffaa keessa, waggichattiis ji'a shanaffaatti Hanaaniiyaan raajichi ilmi Azur nama mandara Giibe'on ana Ermiyaasitti in dubbate; inni mana qulqullummaa keessatti iddoo luboonnii fi namoonni hundinuu jiranitti,

2“Waaqayyo gooftaan maccaa, Waaqayyo inni kan Israa'el,“Ani humna mootii Baabilon isa akka waanjoo nan cabsa.

3Waggaa lama gidduutti mi'a mana qulqullummaa, isa Nebukadnezaar mootiin Baabilon iddoo kanaa baasee biyya Baabilonitti geessee ture hundumaa deebisee as nan fida;

4humna mootii Baabilon isa akka waanjoo cabsee, Yekoniyaa ilma Yehoyaaqiim mootii Yihudaa fi warra isaa wajjin biyya Yihudaa keessaa booji'amanii gara biyya Baabilonitti geeffaman hundumaas as iddoo kanatti nan deebisa; ani Waaqayyo kana dubbadheera” jedhe” jedhe.

5Yommus ani Ermiyaas, lubootaa fi namoota mana qulqullummaa keessa dhaabatan hundumaa duratti deebisee Hanaaniyaa raajichaan,

6“Ameen! Waaqayyo akka ati jette kana akka godhu nan hawwa; inni isa ati raajii dubbatte kana haa raawwatu! Mi'a mana qulqullummaa, warra booji'aman hundumaas biyya Baabilonii baasee gara iddoo kanaatti haa deebisu!

7Haa ta'u iyyuu malee, mee, dubbii ani sitti, namoota kana hundumaattis himu dhaga'i!

8Raajonni durii warri ana duraa fi si dura turan biyya baay'ee fi mootummoota gurguddoota irratti lolli, dhukkubni, dha'ichis akka dhufu raajii dubbatanii turan.

9Raajiin tokko nagaan akka ta'u yoo dubbate, wanti inni dubbate sun yommuu fiixaan ba'u, Waaqayyo dhugumaan kan isa erge ta'uun isaa in beekama” jedhe.

10Kana booddee Hanaaniiyaan raajichi waanjicha morma koo irraa fuudhee cabsee,

11namoota hundumaa duratti,“Waaqayyo,“Ani akkasuma humna Nebukadnezaar mootii Baabilon isa akka waanjoo si'achi waggaa lamatti morma saba lafa irraa hundumaa irraa nan cabsa” jedha” jedhee in dubbate; kana irratti ani karaa koo irra bu'ee nan sokke.

12Hanaaniiyaan raajichi morma koo irraa waanjicha fuudhee erga cabsee, Waaqayyo ammas ergaa na ergee,

13“Dhaqii Hanaaniyaadhaan,“Ati waanjoo mukaa cabsiteetta, waanjoo sibiilaa immoo tolchitee iddoo isaa in buufta” jedha Waaqayyo” jedhiin!

14Ani Waaqayyo gooftaan maccaa, Waaqayyo inni kan Israa'el,“Waanjoo sibiilaa morma saba lafa irraa kana hundumaa irra nan kaa'a; isaan Nebukadnezaar mootii Baabiloniif in hojjetu; bineensonni caakkaa keessa jiran illee isaaf akka hojjetan nan godha” jedha.

15Ammas ani Ermiyaas Hanaaniyaa raajichaan,“Yaa Hanaaniyaa, mee dhaga'i! Ati, namoonni kun soba akka amananiif isaan wallaalchifta malee, Waaqayyo si hin ergine;

16kanaaf Waaqayyo,“Ati akka namoonni didanii ana Waaqayyo irratti ka'aniif waan dubbatteef, kunoo, ani lafa irraa sin balleessa, wagguma kana keessas in duuta” jedhe” nan jedhe.

17Hanaaniiyaan raajichi wagguma sana keessa ji'a torbaffaatti in du'e.

Ibsa

28:1-9

Hanaaniyaan raajii sobaa dubbate. Asitti gorsi gaariin Yihudoonni akka qalbii jijjiirratanii gara Waaqayyootti deebi'an isaan kakaasu tokko illee hin jiru. Inni maqaa Waaqayyootiin arjummaa yeroo qofaaf ta'u waadaa seene, garuu arjummaa hafuuraa kan Waaqayyo yeroo hunda eebba lafaa waliin waadaa gale hin kaasne. Kun yeroo jalqabaa Ermiyaas sabaaf kadhateef hin turre, utuu isaanitti raajii dubbatu iyyuu. Inni sobummaa Hanaaniyaa mirkaneessuuf wanta ta'e akka ragaatti dhiheessa. Raajaan nagaa fi badhaadhina qofa dubbate, akkasumas cubbuu fedhii isaaniitiin tola Waaqayyoo dhaabuu akka hin qaban kan hin dubbanne, raaj…

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በዚያም ዓመት በይሁዳ ንጉሥ በሴዴቅያስ መንግሥት መጀመሪያ በአራተኛው ዓመት በአምስተኛው ወር ነቢዩ የገባዖን ሰው የዓዙር ልጅ ሐናንያ በእግዚአብሔር ቤት በካህናትና በሕዝብ ሁሉ ፊት እንዲህ… አማርኛ ENGNIV In the fifth month of that same year, the fourth year, early in the reign of Zedekiah king of Judah, the prophet Hanani… English BCV በታ ዓመት እቲኣ ሴዴቅያስ ኣብ ይሁዳ ምስ ነገሰ፥ ኣብ ሓምሸይቲ ወርሒ ናይታ ራብዐይቲ ዓመት፥ ሃናንያ፥ ወዲ ነቢይ ዓዙር በዓል ገባዖን፥ ኣብ ቤተ መቕደስ፥ ኣብ ቅድሚ እቶም ካህናትን ኵሉ … ትግርኛ BCV GIZ ወእምዝ ኮነ በውእቱ ዓመት በቀዳሚ ዓመተ መንግሥቱ ለሴዴቅያስ ንጉሥ ይሁዳ በዓመት ራብዒት በኃምስ ወርኅ፤ ይቤለኒ ሐናንያ ወልደ ሐዞር ሐሳዊ ነቢይ ዘገባኦን በቤተ እግዚአብሔር በቅድመ ካህና… giz GAZGAZ Zedeqiiyaan mootii Yihudaa ta'ee waggaa afuraffaa keessa, waggichattiis ji'a shanaffaatti Hanaaniiyaan raajichi ilmi Az… Afaan Oromoo BCV aksum በታ ዓመት እቲኣ ሴዴቅያስ ኣብ ይሁዳ ምስ ነገሰ፥ ኣብ ሓምሸይቲ ወርሒ ናይታ ራብዐይቲ ዓመት፥ ሃናንያ፥ ወዲ ነቢይ ዓዙር በዓል ገባዖን፥ ኣብ ቤተ መቕደስ፥ ኣብ ቅድሚ እቶም ካህናትን ኵሉ … ትግርኛ AMHNIV በዚያው ዓመት የይሁዳ ንጉሥ ሴዴቅያስ እንደ ነገሠ በዐራተኛው ዓመት፣ አምስተኛ ወር፣ የገባዖኑ ሰው የዓዙር ልጅ ነቢዩ ሐናንያ በእግዚአብሔር ቤት በካህናቱና በሕዝቡ ሁሉ ፊት እንዲህ አለኝ፤ አማርኛ SWAHSUV Ikawa, katika mwaka ule ule, mwanzo wa kutawala kwake Sedekia, mfalme wa Yuda, mwaka wa nne, mwezi wa tano, Hanania, mw… Kiswahili