Yaaqoob 4

GAZGAZAfaan Oromoo17 Keeyyattoota3:10 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:10 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Wal loluu, wal qoccoluus maaltu isin gidduutti kaase? Kajeellaa keessan isa bu'aa dhagna keessanii keessatti wal loluutu kana kaasa mitii ree?

2Waa kajeeltu malee, hin qabaattan; waan namaa hawwitanii ajjeesuuf in kaatu, garuu isa hawwitan argachuu hin dandeessan. Nama qoccoltu, nama loltus, kanaanis hin argattan; Waaqayyoon kadhachuu waan dhiiftaniif, wanta barbaaddan qabaachuu dadhabdan.

3Yoo kadhattan immoo, yaada hamaadhaan waan kadhattaniif hin fudhattan; isin kajeellaa keessan itti ba'uudhaaf yaaddanii in kadhattu.

4Isin namoota gara gaggaltuu nana! Biyya lafaatti michoomuun diina Waaqayyoo akka nama godhu hin beektanii ree? Namni michuu biyya lafaa ta'uu barbaadu, diina Waaqayyoo of in godha.

5Yookiis caaffanni qulqullaa'aan, ?Waaqayyo, hawwa hinaaffaatiin hafuura isa nu keessa kaa'e duukaa bu'aa jira? yommuu jedhu, akkasumaan kan dubbatu isinitti fakkaataa ree?

6Inni ayyaana isa caalu immoo in kenna; kanaaf caaffanni qulqullaa'aan, ?Waaqayyo warra kooraan ol of qabaniin in morma; warra gad of deebisaniif garuu ayyaana in kenna? in jedha.

7Yoos harka Waaqayyoo jala of galchaa; Seexanaan immoo mormaa! Innis isin dhiisee in baqata.

8Waaqayyootti dhi'aadhaa, innis isinitti in dhi'aata. Isin warri cubbamoonni, harka keessan qulleeffadhaa. Isin warri garaa walaallammii, garaa keessan qulqulleeffadhaa!

9Akka gadadamtan beekaatii, gaddaa, boo'aa! Kolfi keessan boo'ichatti, gammachuun keessan gaddatti haa diddiiramu!

10Goofticha duratti gad of deebisaa, inni ol isin in qaba.

11Wal hin hammeessinaa obboloota ko! Namni obboleessa tokko hammeessu yookiis obboleessa isaatti faradu, seericha hammeessuu isaa ti, seerichattis faraduu isaa ti. Ati seerichatti yoo faraddee immoo, seericha irratti abbaa firdii ta'uu kee ti malee, nama seericha hojii irra oolchu ta'uu kee miti.

12Inni seera tumu, inni firdii kennus isuma tokkicha sana; inni oolchuu, balleessuus in danda'a; ati inni nama akka keetiitti faraddu immoo eenyu ree?

13Isin warra, ?Har'a yookiis bor mandara akkasii fi akkasii dhaqnee waggaa tokko achi in teenya, in naganna, in buufannas? jettanitti waanan dubbadhu qaba.

14Isin waan bor ta'uuf jiru, jireenyi keessanis attam akka ta'u hin beektan; isin akka hurrii yeroo muraasaaf argamee deebi'ee dhabamuu ti.

15Kanaa mannaa, ?Gooftaan yoo jedhe in jiraanna, kana yookiis sana in goonas? jechuutu isiniif ta'a ture.

16Amma garuu waan guddaa of se'uu keessaniin isin of in jaju; of jajuun akkasii kun hundinuu hamaa dha.

17Namni wanta gaarii hojjechuu beeku, wanta gaarii sana yoo hojjechuu dhiise, cubbuu itti in ta'a.

Ibsa

Yaaqoob 4:1-10

Lolliifi waldhabbiin hundinuu malaammaaltummaa garaa keenyaa irraa kan maddan waan ta’eef, fedhiiwwan miidhaa buusan, kan qaama keenya keessa lola qaban sana dhabaa gochuun sirrii dha. Fedhiin addunyaa fi foonii dhibeewwan gammachuu yookaan quufa hin kennine dha. Fedhiiwwan cubbamaafi jaalalli dogoggoraa kadhannaa fi fedhiiwwan keenya gara Waaqayyootti hojjechuu dhorku. Akkasumas kadhatni yommuu nuuf deebii argatu, akeeka garaa keenyaa dogoggoraatiin arjummaa nuuf kenname hin balleessine yookaan hin dogoggorsiifneef haa of eeggannu. Yeroo namoonni Waaqayyoon badhaadhina gaafatan, yeroo baay'ee kaayyoo fi akeeka dogoggoraatiin gaafatu. Yoo akkasitti wantoota addunyaa kanaa barbaanne, Waaqayyoof isaan diduun qajeelaa dha. Fedhiin amantii hin qabneefi qabbanaa'oon diddaa fidu; akkasumas kadhannaan sagalee fedhii cubbamaa malee, sagalee ayyaanaa yoo ta'e, deebii tokko malee akka deebi'an mirkanaa'oo ta'uu dandeenya.

Asitti akeekkachiisa cimaan hariiroo cubbamaa addunyaa kanaa hunda irraa fagaachuuf jira. Yaadni addunyaa-qabeessa diinummaa Waaqayyoof dha. Diinni tokko araaramuu danda'a, garuu diinummaan matumaa araaramuu hin danda'u. Namni tokko wantoota jireenya kanaa keessatti qooda guddaa qabaachuu danda'a, garuu jaalala Waaqayyoo keessa eegamuu danda'a; inni garaa isaa addunyaa irratti godhate, jaalala ishee dhabuu mannaa isheetti kan hirkatu/qana'u garuu diina Waaqayyoo ti. Kanaafuu, namni haala kamiyyuu keessatti addunyaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuuf murteeffate kamiyyuu, diina Waaqayyoo ta'uu qaba. Maarree, Yihudoonni yookaan Kiristaanummaa maqaa malee hordofan, Barreeffamni qulqullaa'aan yaada addunyaa-qabeessa kanaaf duwwaatti akka dubbate yaadu turanii? Yookaan Hafuurri Qulqulluun Kiristaanota hunduma keessa jiraatu, yookaan uumamni haaraan inni uumu, fudhaa akkasii fidaa?

Malaammaaltummaan uumamaa keenyaa hinaaffaadhaan of mul'isa. Hafuurri addunyaa nu barsiisa, fedhii keenyaafi hawwii keenyatti hirkachuudhaan ofii keenyaaf akka kuufannu yookaan akka fayyadamnu. Waaqayyo Hafuurri Qulqulluun nu barsiisa, akkuma dandeenyetti namoota naannoo keenya jiran hundumaaf gaarii gochuuf fedhii akka qabaannu. Ayyaanri Waaqayyoo hafuura nuti uumamaan qabnu sirreessaafi ni fayyisa; inni eessa yoo ayyaana kenne, hafuura addunyaa kanaa irra kan adda ta'e kenna.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6