Isaayaas 6

GAZGAZAfaan Oromoo13 Keeyyattoota3:37 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:37 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Bara Uziyaan mootichi du'e, gooftichi teessoo dheeraa fi ol ka'aa irra taa'ee andaarri uffata isaas mana qulqullummaa guutee nan arge;

2Suraafel isa gara irraadhaan in dhaabatan; tokkon tokkon isaanii qoochoo ja'a ja'a qabu turan; qoochoo lama lamaan fuula isaanii, qoochoo lama lamaan miilla isaanii in golboobbatu, qoochoo lama lamaan immoo in balali'u turan;

3walitti lallabaniis, “Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluu dha Waaqayyo gooftaan maccaa; guutummaan lafaas ulfina isaatiin guutuu dha” in jedhu turan.

4Sagalee walitti lallabuu isaanii irraa kan ka'es hundeen buusaa balbalaa in socho'e; aarris manicha qulqullummaa keessa in guute.

5Yommus ani,“Wayyoo kaa! Ani nama arrabni isaa xuraa'e, namoota arrabni isaanii xuraa'e gidduus kanan jiraadhu waanan ta'eef, iji koos Waaqayyoon mootii maccaa waan argeef nan bade!” jedhee nan iyye.

6Kana irratti Suraafelli warra achi dhaabatan keessaa tokko, barbadaa ibiddaa isa qabduudhaan iddoo aarsaatii fuudhe harkatti qabatee gara kootti in balali'e;

7barbadichas afaan kootti buusee,“Kunoo, kun afaan keetti waan bu'eef, yakki kee si irraa fuudhameera, cubbuun kees siif dhiifameera” naan jedhe.

8Yommus sagalee Waaqayyoo isa,“Eenyunan erga” Eenyutus ergaa nuuf dhaqa?” jedhu nan dhaga'e; achumaan ani immoo,“Kunoo, ani jira, ana ergi!” nan jedhe.

9Kanaaf inni, “Gara saba kanaa dhaqiitii, “Dhaga'uu in dhageessa, garuu hin hubattu; ilaaluu in ilaalta, garuu hin argitu!” jedhiin!

10Itti fufees immoo, akka hin arginetti, gurra isaatiin akka hin dhageenyetti, yaada garaa isaatiinis akka hin hubannetti, gara koottis akka hin deebinetti, akka hin fayyifamnettis, yaada garaa saba kanaa hadoodchi, gurra isaa cuqqaali, ija isaas dununfachiisi!” jedhe.

11Yommus ani,“Yaa gooftaa, kun hamma yoomiitti?” jedhee nan gaafadhe; inni immoo deebisee, “Hamma mandaroonni onanii namni keessa jiraatu dhibutti, hamma namni keessaa dhibee manni duwwaa ta'utti, hamma maasiin duudee badutti,

12hamma ani Waaqayyo namoota hundumaa biyyaa baasee biyya fagootti ergee lafti raawwatee onaa ta'utti;

13biyyicha keessatti nama kudhan keessaa namni tokko yoo hafe iyyuu, innis immoo in balleeffama; garuu akkuma qilxuu guddaan yommuu muramu gufuun isaa lafa keessatti hafu akkasuma sanyii qulqullaa'aan biyyicha keessatti in hafa” jedhe.

Ibsa

6:1-8

Mul'ata fakkeenya ta'e kana keessatti, mana qulqullummaa, hamma iddoo qulqulluu hundumaatti, ifatti mul'ateera. Raajaan, mana qulqullummaa ala dhaabatee, Addaamummaa Waaqayyoo teessoo araaraa irra, sanduqa kakuu irratti ol kaafamee, Keruubeelotaafi Seraafeelota gidduutti taa'ee argeera, ulfinni Waaqayyoo mana qulqullummaa guutuu guuteera. Waaqayyoon teessoo Isaa irra ilaalaa. Mul'anni kun, Yoh 12:41 irratti, Isaayaas yeroo sana ulfina Kiristoos argee, Isaa waa'ee dubbate, kunis Fayisaan keenya Waaqayyo ta'uu Isaa ragaa guutuu dha jedhamee ibsameera. Kiristoos Yesuus keessatti, Waaqayyo teessoo ayyaanaa irra taa'eera; inniimmoo karaa gara iddoo qulqulluu hundumaatti geessu baneera. Mana qulqullummaa Waaqayyoo, jechuunis waldaa Isaa lafa irraa, ulfina Isaatiin guutamee ilaalaa. Ujubiin uffata Isaa, jechuunis keessi uffata Isaa, mana qulqullummaa, guutummaa addunyaa guuteera, hundinuu mana qulqullummaa Waaqayyoo waan ta'eef. Ammas garaa qalbii jijjiirrate hundumaa keessa jiraata. Hoogganummaan Isaa tajaajilamuu kan irra ta'an tajaajiltoota eebbifamoo ilaalaa. Teessoo sanaa ol ergamoonni qulqulloonni, Seraafeelota jedhaman, dhaabatanii turan, jechuunis 'gubbistoota' jechuu dha; isaan jaalala Waaqayyoof qabaniifi ulfina Isaatiif cubbuu irratti fedhii cimaa qabaniin gubatu. Seraafeelonni fuula isaanii haguuganii mul'isuun, ajaja Waaqayyoo hundumaaf ajajamuuf qophaa'oo ta'uu isaanii argisiisa, osoo sababii icciitii gorsa Isaa, hoogganummaa Isaa, yookiin abdii Isaa hin hubatinillee.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ንጉሡ ዖዝያን በሞተበት ዓመት እግዚአብሔርን በረጅምና ከፍ ባለ ዙፋን ላይ ተቀምጦ አየሁት፥ የልብሱም ዘርፍ መቅደሱን ሞልቶት ነበር። አማርኛ ENGNIV In the year that King Uzziah died, I saw the Lord seated on a throne, high and exalted, and the train of his robe fille… English BCV በታ ንጉስ ኦዝያን ዝሞተላ ዓመት፥ ንእግዚኣብሄር ኣብ በሪኽን፥ ልዕል ኣብ ዝበለ ዙፋንን ተቐሚጡ ረአኽዎ፤ ዘፈር ልብሱ ኸዓ ነቲ ቤተ መቕደስ መሊእዎ ነበረ። ትግርኛ GAZBIB Bara Uziyaan mootichi du'e, gooftichi teessoo dheeraa fi ol ka'aa irra taa'ee andaarri uffata isaas mana qulqullummaa g… Afaan Oromoo BCV GIZ ወእምዝ በዓመት በዘ ሞተ ዖዝያን ንጉሥ ርኢክዎ ለእግዚአብሔር እንዘ ይነብር ዲበ መንበሩ ልዑል ወነዋኅ ወምሉእ ቤተ ስብሓቲሁ። giz BCV aksum በታ ንጉስ ኦዝያን ዝሞተላ ዓመት፥ ንእግዚኣብሄር ኣብ በሪኽን፥ ልዕል ኣብ ዝበለ ዙፋንን ተቐሚጡ ረአኽዎ፤ ዘፈር ልብሱ ኸዓ ነቲ ቤተ መቕደስ መሊእዎ ነበረ። ትግርኛ AMHNIV ንጉሥ ዖዝያን በሞተበት ዓመት እግዚአብሔርን ከፍ ባለና በከበረ ዙፋን ላይ ተቀምጦ አየሁት፤ የልብሱም ዘርፍ ቤተ መቅደሱን ሞልቶት ነበር። አማርኛ SWAHSUV Katika mwaka ule aliokufa mfalme Uzia nalimwona Bwana ameketi katika kiti cha enzi, kilicho juu sana na kuinuliwa sana,… Kiswahili