Isaayaas 66

GAZGAZAfaan Oromoo24 Keeyyattoota7:20 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 7:20 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Waaqayyo,“Bantiin waaqaa teessoo koo ti, laftis ejjeta miilla kootii ti, eessatti mana anaaf ijaartu” Iddoon boqonnaa kootiis eessa”

2Kana hundumaa harka kootu hojjete, wanti kun hundinuus akkasuma in ta'an; ani gara isa gad deebi'aa fi isa hafuura cabaa, gara isa yommuun itti dubbadhu hollatuu nan ilaala.

3“Namni korma qalee aarsaa anaaf dhi'eessu, akka waan nama ajjeesee ti; namni hoolaa qalee aarsaa anaaf dhi'eessu, akka waan saggoo saree kutee ti; namni kennaa midhaanii aarsaa anaaf dhi'eessu, akka nama dhiiga boyyee anaaf dhi'eessuu ti; namni aarsaa ixaanaa dhi'eessu, akka nama waaqayyolii tolfamoo waaqessuu ti; warri akkas godhan karaa oofii isaanii in fo'atu, hojii oofii isaanii isa ciiggaasisaatti in gammadu.

4Yommuun isaan waame isaan ana jalaa waan hin oowwaatiniif, yommuun isaanitti dubbadhes isaan waan anaaf hin dhaga'iniif, ani isaan adabuu nan barbaada, naasuus isaanitti nan fida; isaan ana duratti hamaa in hojjetan, wanta ani jibbus in fo'atan” jedhe.

5Isin warri sagalee isaa dhageessanii hollattan, dubbii Waaqayyoo dhaga'aa! Waaqayyo, “Obboloonni keessan warri maqaa kootiif jedhanii isin jibbanii, tokkummaa isaanii keessaa isin baasan, warri,“Mee Waaqayyo haa galateeffamu! Nus gammachuu keessan in argina” jedhanii isinitti ga'isan in yeellaasifamu.

6Waca isa mandara keessaa, sagalee isa mana qulqullummaa keessaas dhaggeeffadhaa! Kunis sagalee, Waaqayyo isa diinota isaatiif gatii isaanii kennuufiitti jiruu ti.

7“Dubartiin utuu hin ciniinsifatin, utuu dhukkubbiin itti hin dhaga'aminis ilma in deessii”

8Namni wanta akkasii dhaga'ee beeku, wanta akkasii argee beekus jiraa” Lafti, miixuu guyyaa tokkootiin, saba tokko si'a tokkotti of keessaa in baaftii ree” Xiyoon garuu akkuma miixatteen ilmaan in deesse.

9Wanta ani dhalachuu biraan ga'e akka inni hin dhalanne nan godhaa ree” Akka inni dhalatu kanan godhus gadameessa nan cufaa ree?” jedha Waaqayyo keessan.

10Yerusaalemii wajjin gammadaa, isheedhaafis ililchaa! Warri ishee jaallattan hundinuu, warri isheedhaaf boo'aa turtan hundinuus guddisaatii isheedhaa wajjin gammadaa!

11Isin harma ishee isa nama jajjabeessu hootanii in quuftu, guutummaa ulfina ishee irraas waraabbattanii itti in gammaddu.

12Waaqayyo,“Kunoo! Ani nagaa akka yaa'aa bishaanii ishee keessa nan yaasa, badhaadhummaa saba lafa irraas akka burqaa bishaanii ishee keessa nan lolaasa; isin akka aannaniitti isa in dhugdu, akka mucaatti kaasuu ishee irratti in baatamtu, gudeeda ishee irrattis in ururfamtu.

13Haati mucaa ishee akkuma urursitu, anis akkasuma isin nan urursa; Yerusaalem keessatti jajjabina in argattu.

14Isin kana yommuu argitan in gammaddu, akka margaas in laliftu; irreen ana Waaqayyoo, garboota koo biratti in beekama; diinonni koo garuu dheekkamsa koo in argu” jedha.

15Kunoo! Waaqayyo ibiddaan in dhufa, konkolaataan isaas akka bubbee ti; inni aarii dheekkamsaatiin, bobaa ibiddaatiinis in ifata.

16Waaqayyo ibiddaa fi billaa isaatiin nama hundumaatti in farada, namoota baay'ees in fixa.

17Waaqayyo,“Warri iddoo dhaabaatti Waaqayyittii tolfamtuu ishee achi keessa jirtuuf hojjechuudhaaf of qopheessanii fi of qulleessan hundinuu, warri foon boyyee nyaatan, warri foon hantuutaa nyaatan, warri wanta ciiggaasisaa nyaatan hundinuus walii wajjin in dhumu.

18Ani hojii isaanii fi yaada isaanii beeka; kanaafis dhufee saba afaan garaa garaa dubbatan hundumaa walitti nan qaba; isaanis dhufanii ulfina koo in argu.

19Ani isaan gidduu milikkita nan dhaaba; warra isaan keessaa baqatanii oolanis gara saba Tarshiish, gara saba Fux, gara saba Lud, gara saba Meshek, gara saba Tubaalii fi Yaawaanitti, gara saba biyya galaana gidduu jiran warra fagootti, gara warra maqaa koo hin dhaga'in, ulfina koos hin argin jiraniitti nan erga; isaan saba lafa irraa gidduutti ulfina koo in himu.

20Isaan akka nama anaaf aarsaa dhi'eessuutti saba lafa irraa hundumaa keessaa obboloota keessan fardaan, konkolaataadhaan, konkolaataa mi'a baatuun, gaangoodhaan, gaalaanis gara tulluu koo isa qulqullaa'aatti gara Yerusaalemitti in fidu; akkuma ijoolleen Israa'el kennaa midhaanii qodaa qulqullaa'aatti mana qulqullummaa kootti dhi'eessan, isaanis akkasuma obboloota keessan in dhi'eessu.

21Ani immoo isaan keessaa gar tokko lubootaa fi Lewwoota akka ta'aniif nan fo'adha.

22“Akkuma bantiiwwan waaqaa haaraanii fi lafti haaraan warri ani uumu ana dura jiraatan, akkasuma sanyiin keessanii fi maqaan keessan fuula koo dura in jiraata.

23Ayyaana baatii ji'a hundumaatti, Sanbata hundumaattis nama kan ta'e hundinuu ana duratti sagaduudhaaf in dhufa.

24Kana booddees gad ba'anii reeffa warra na yakkanii in argu; raammoon isaan nyaatu hin du'u, ibiddi isaan gubus hin dhaamu; isaan nama kan ta'e hundumaa duratti jibbisiisoo in ta'u” jedhe; Waaqayyo kana dubbateera.

Ibsa

66:1-4 Yihudoonni mana qulqullummaa isaaniitiin baay'ee boonan. Haa ta'u malee, Sammuun Bara Baraa (Waaqayyo) mana nama harkaan hojjetame irraa gammachuu akkamii argachuu danda'a? Waaqayyo samii fi lafa mataa isaa uume, akkasumas mana qulqullummaa namaan ijaarame qaba; garuu isaan irra darbee, nama hafuuraan gadadoo fi dammaqaa, of gadi qabee of ganu, onneen isaa cubbuudhaaf dhugumaan gadditu tolaan ilaala: onneen akkasii Waaqayyoof mana qulqullummaa jiraataadha. Aarsaan hamootaa fudhatama dhabuu qofa osoo hin taane, Waaqayyoof hammina guddaadha. Namni amma seeraan aarsaa dhiheessu, aarsaa Kiristoos guutummaatti lafa keessa kaa'a. Namni ixaana gubatu, ixaana gidduu-galeessummaa Kiristoos tuffata, akkasumas akka waaqeffannaa tolfamaa eebbiseetti lakkaa'ama. Namoonni amanannaa ofittummaa bu'aa hin qabne isa ittiin of gowwoomfan sanaan ni gowwoomfammu. Onneewwan hin amanneefi yaanni garaa hin qulqulloofne, isaan rakkoo keessa buusuuf, sodaawwan isaanii ofuma isaaniitti dhufuu caalaa waan dabalataa hin barbaadan. Wanta namoonni bakka lubummaa, arakuumaa fi gidduu-galeessummaa Kiristoos buusan kamiyyuu Waaqayyoof jibbamaa akka ta'e ni argama.

66:5-14

Raagaan gara warra dubbii Waaqayyoo duratti rom'anitti deebi'ee, isaan jajjabeessee fi isaan cimsa. Gooftaan ni mul'ata; kunis amanaa gad of qabataa gammachiisa, fakkeessitootaa fi warra ari'atan immoo ni qaanessa.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG እግዚአብሔር እንዲህ ይላል፦ ሰማይ ዙፋኔ ነው፥ ምድርም የእግሬ መረገጫ ናት፤ የምትሠሩልኝ ቤት ምን ዓይነት ነው? የማርፍበትስ ስፍራ ምንድር ነው? አማርኛ ENGNIV This is what the Lord says: “Heaven is my throne, and the earth is my footstool. Where is the house you will build for … English BCV እግዚኣብሄር ከምዙይ ይብል ኣሎ፦ “ሰማይ ዙፋነይ እዩ፤ ምድሪ ኸዓ መርገፂ እግረይ እያ። እቲ ንስኻትኩም እትሰርሑለይ ቤት ደኣ፥ ከመይ ዝበለ እዩ? እቲ ኣነ ዝዓርፈሉ ስፍራኸ፥ ከመይ ዝበለ … ትግርኛ GAZBIB Waaqayyo,“Bantiin waaqaa teessoo koo ti, laftis ejjeta miilla kootii ti, eessatti mana anaaf ijaartu” Iddoon boqonnaa k… Afaan Oromoo BCV GIZ ከመዝ ይቤ እግዚአብሔር፦ ሰማይኒ መንበርየ ወምድርኒ መከየደ እገርየ፤ አየኑ ቤተ ተሐንጹ ሊተ ወአይኑ ማኅደረ ምዕራፍየ? giz BCV aksum እግዚኣብሄር ከምዙይ ይብል ኣሎ፦ “ሰማይ ዙፋነይ እዩ፤ ምድሪ ኸዓ መርገፂ እግረይ እያ። እቲ ንስኻትኩም እትሰርሑለይ ቤት ደኣ፥ ከመይ ዝበለ እዩ? እቲ ኣነ ዝዓርፈሉ ስፍራኸ፥ ከመይ ዝበለ … ትግርኛ AMHNIV እግዚአብሔር እንዲህ ይላል፤ “ሰማይ ዙፋኔ ነው፤ ምድርም የእግሬ ማረፊያ ናት፤ ታዲያ የምትሠሩልኝ ቤት፣ የማርፍበትስ ስፍራ የቱ ነው? አማርኛ SWAHSUV Bwana asema hivi, Mbingu ni kiti changu cha enzi, na dunia ni mahali pa kuweka miguu yangu; mtanijengea nyumba ya namna… Kiswahili