1Hafuurri Waaqayyo gooftaa ana irra jira, sagalee misraachoo warra gadadamootti akkan himuuf, Waaqayyo na dibeera; warra garaan isaanii cabe akkan fayyisuuf, warra booji'amanitti gad dhiifamuu, warra hidhamanittis hiikamuu akkan labsuuf inni na ergeera;
2waggaa Waaqayyo biratti jaallatamee fudhatame, guyyaa Waaqayyo keenya itti ijaa baafatu akkan labsuuf, warra gaddan hundumaas akkan jajjabeessuuf na ergeera;
3warri Xiyoon keessaa gadduu irra jiran, qooda daaraa mataatti firfirfatan, uffata miidhaginaa mataa irra akka buufatan, qooda gaddan, dibatanii akka gammadan, qooda hafuura gaddaas, gammachuudhaan akka faarfatan gochuudhaaf na ergeera; isaan,“Qilxuu qajeelinaa, isa Waaqayyo ulfina isaa ittiin argisiisuudhaaf dhaabe” jedhamanii in waamamu.
4Isa dur diigamee ture deebisanii in ijaaru, isa dur onee tures in haaressu; mandaroota warra dhaloota baay'ee dura diigamanii turan, deebisanii in tottolchu.
5Ormi bushaayee keessan isiniif in tiksa, ilmaan ormaas qotiisa isiniif in qotu, wayniis isiniif in dhaabu.
6Isin garuu luboota Waaqayyoo in taatu, “Warra Waaqayyo keenyaaf hojjetanis” in jedhamtu; badhaadhummaa saba warra kaanii in nyaattu, ulfina isaaniis fudhattanii ittiin of in jajju.
7Qooda yeelloof salphina baachaa turtan, amma immoo biyya keessan keessatti ulfina dachaa lama in argattu, ga'aa keessanittis in gammaddu; biyya keessan keessatti deebitanii gammachuu in argattu, bara baraanis kan keessan in ta'a.
8Ani Waaqayyo, “Firdii qajeelaa nan jaalladha, saamichaa fi jal'ina garuu nan jibba; ani amanamummaa kootiin saba kootiif gatii hojii isaanii nan kenna, isaaniifis kakuu bara baraa nan gala;
9sanyiin isaanii saba lafa irraa keessatti beekamaa in ta'a, ijoolleen isaaniis namoota gidduutti beekamoo in ta'u; namni isaan argu hundinuu, isaan sanyii isa ani Waaqayyo eebbise sanaa ta'uu isaanii in beeksisa” jedha.
10Ani Waaqayyotti guddisee nan gammada, lubbuun koos Waaqayyo kootti in ililchiti; akkuma dhirsi misirroo akka lubaatti shaashii maratu, akkuma misirroonis mi'a miidhaginaa naqattutti, akkasuma inni uffata fayyinaa anatti uffiseera, qoloo qajeelummaatiinis na gonfeera;
11akkuma lafti sanyii biqilchu, iddoon dhaabaas wanta isa keessatti facaafame magarsu, akkasuma Waaqayyo gooftaan, qajeelummaanii fi galanni afaan saba lafa irraa hundumaa keessaa akka dhaga'amu in godha.