Isaayaas 61

GAZBIBAfaan Oromoo11 Keeyyattoota2:51 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 2:51 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Hafuurri Waaqayyo gooftaa ana irra jira, sagalee misraachoo warra gadadamootti akkan himuuf, Waaqayyo na dibeera; warra garaan isaanii cabe akkan fayyisuuf, warra booji'amanitti gad dhiifamuu, warra hidhamanittis hiikamuu akkan labsuuf inni na ergeera;

2waggaa Waaqayyo biratti jaallatamee fudhatame, guyyaa Waaqayyo keenya itti ijaa baafatu akkan labsuuf, warra gaddan hundumaas akkan jajjabeessuuf na ergeera;

3warri Xiyoon keessaa gadduu irra jiran, qooda daaraa mataatti firfirfatan, uffata miidhaginaa mataa irra akka buufatan, qooda gaddan, dibatanii akka gammadan, qooda hafuura gaddaas, gammachuudhaan akka faarfatan gochuudhaaf na ergeera; isaan,“Qilxuu qajeelinaa, isa Waaqayyo ulfina isaa ittiin argisiisuudhaaf dhaabe” jedhamanii in waamamu.

4Isa dur diigamee ture deebisanii in ijaaru, isa dur onee tures in haaressu; mandaroota warra dhaloota baay'ee dura diigamanii turan, deebisanii in tottolchu.

5Ormi bushaayee keessan isiniif in tiksa, ilmaan ormaas qotiisa isiniif in qotu, wayniis isiniif in dhaabu.

6Isin garuu luboota Waaqayyoo in taatu, “Warra Waaqayyo keenyaaf hojjetanis” in jedhamtu; badhaadhummaa saba warra kaanii in nyaattu, ulfina isaaniis fudhattanii ittiin of in jajju.

7Qooda yeelloof salphina baachaa turtan, amma immoo biyya keessan keessatti ulfina dachaa lama in argattu, ga'aa keessanittis in gammaddu; biyya keessan keessatti deebitanii gammachuu in argattu, bara baraanis kan keessan in ta'a.

8Ani Waaqayyo, “Firdii qajeelaa nan jaalladha, saamichaa fi jal'ina garuu nan jibba; ani amanamummaa kootiin saba kootiif gatii hojii isaanii nan kenna, isaaniifis kakuu bara baraa nan gala;

9sanyiin isaanii saba lafa irraa keessatti beekamaa in ta'a, ijoolleen isaaniis namoota gidduutti beekamoo in ta'u; namni isaan argu hundinuu, isaan sanyii isa ani Waaqayyo eebbise sanaa ta'uu isaanii in beeksisa” jedha.

10Ani Waaqayyotti guddisee nan gammada, lubbuun koos Waaqayyo kootti in ililchiti; akkuma dhirsi misirroo akka lubaatti shaashii maratu, akkuma misirroonis mi'a miidhaginaa naqattutti, akkasuma inni uffata fayyinaa anatti uffiseera, qoloo qajeelummaatiinis na gonfeera;

11akkuma lafti sanyii biqilchu, iddoon dhaabaas wanta isa keessatti facaafame magarsu, akkasuma Waaqayyo gooftaan, qajeelummaanii fi galanni afaan saba lafa irraa hundumaa keessaa akka dhaga'amu in godha.

Ibsa

61:1-3

Qoroonni yeroo tokko tokko Hafuura Qulqulluu Waaqayyoo qabu turan, isaanis maal akka dubbatan barsiisuun, akka dubbataniifis isaan kakaasuu turan; Haa ta'u malee, Kiristoos Hafuuricha yeroo hundumaa, safara malee qaba ture, akka namaatti, hojii inni itti muudameef isa qopheessuuf.

Hiyyeeyyiin yeroo baay'ee wangeelicha fudhachuuf haala gaariin qophaa'oodha, Yaq 2:5; akkasumas ulfina qabeessummaan yoo fudhatame qofa nuuf bu'aa buusuu danda'a. Warra hafuuraan hiyyeeyyii ta'aniif, Kiristoos yeroo "Warri gadi of deebisan eebbifamoodha" jedhe oduu gaarii lallabe. Fudhannaan Kiristoos fudhatama argateera. To'annaa cubbuu nu keessa jiruu irraa kan ka'e, humna Seexanaa jala hidhamnee jirra; garuu Ilmi, Hafuura Isaa irraan kan ka'e, nu bilisa baasuuf qophaa'eera; sana booda dhuguma bilisa taana.

Cubbuun fi Seexanni balleeffamuu turan; Kiristoosis fannoo Isaa irratti isaan injifateera. Haa ta'u malee, ijoolleen namootaa warri dhiyeessiilee kana didan, akka diinootaatti ilaalamu. Kiristoos Jajjabessaa ta'uuf ture, akkasumas inni jajjabessaa dha; inni kan ergameme warra gaddan hundumaa, akkasumas warra jajjabinaaf addunyaa osoo hin taane, Isa barbaadan jajjabeessuuf. Inni kana hundumaa saba Isaa Waaqayyoof ni godha, akka isaan akka dameelee Waaqayyo dhaabeetti, firii qajeelummaatiin baay'atan.

Araarri Waaqayyoo, du'a qonnaa Kiristoos, akkasumas wangeelli ayyaana warra of danda'oo fi boonaa ta'aniif bu'aa hin buusu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG የጌታ የእግዚአብሔር መንፈስ በእኔ ላይ ነው፥ ለድሆች የምሥራችን እሰብክ ዘንድ እግዚአብሔር ቀብቶኛልና፤ ልባቸው የተሰበረውን እጠግን ዘንድ፥ ለተማረኩትም ነጻነትን ለታሰሩትም መፈታትን እናገ… አማርኛ ENGNIV The Spirit of the Sovereign Lord is on me, because the Lord has anointed me to preach good news to the poor. He has sen… English BCV ናይ ጐይታ እግዚኣብሄር መንፈስ፥ ኣብ ልዕለይ እዩ፤ ንድኻታት ብስራት ክሰብኽ፥ እግዚኣብሄር ቀቢኡኒ እዩሞ። ንስቡራት ልቢ ኽፅግን፥ ንምሩኻት ሓርነት፥ ንእሱራት ከዓ ምፍታሕ፥ ክእውጅ ለኣኸኒ። ትግርኛ BCV GIZ መንፈሰ እግዚአብሔር ላዕሌየ በእንቲአሁ ዘቀብአኒ ኣስተፈሥሖሙ ለነዳያን ፈነወኒ፤ ወእፈውሶሙ ለቍሱላነ ልብ፤ ወእስብክ ግዕዛነ ለፂዉዋን ወይርአዩ ዕዉራን። giz GAZGAZ Hafuurri Waaqayyo gooftaa ana irra jira, sagalee misraachoo warra gadadamootti akkan himuuf, Waaqayyo na dibeera; warra… Afaan Oromoo BCV aksum ናይ ጐይታ እግዚኣብሄር መንፈስ፥ ኣብ ልዕለይ እዩ፤ ንድኻታት ብስራት ክሰብኽ፥ እግዚኣብሄር ቀቢኡኒ እዩሞ። ንስቡራት ልቢ ኽፅግን፥ ንምሩኻት ሓርነት፥ ንእሱራት ከዓ ምፍታሕ፥ ክእውጅ ለኣኸኒ። ትግርኛ AMHNIV የጌታ የእግዚአብሔር መንፈስ በእኔ ላይ ነው፤ ለድኾች የምሥራች እንድሰብክ፣ እግዚአብሔር ቀብቶኛል። ልባቸው የተሰበረውን እንድጠግን፣ ለምርኮኞች ነጻነትን፣ ለእስረኞች መፈታትን እንዳውጅ ልኮ… አማርኛ SWAHSUV Roho ya Bwana MUNGU i juu yangu; kwa sababu Bwana amenitia mafuta niwahubiri wanyenyekevu habari njema; amenituma ili k… Kiswahili