Isaayaas 47

GAZBIBAfaan Oromoo15 Keeyyattoota3:27 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:27 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1“Yaa intala Baabilon, yaa ishee takkaa hin tuqamin jirtuu, ka'ii gad bu'ii awwaara keessa taa'i! Yaa intala Kaldootaa, teessoo kee irraa ka'ii lafa taa'i! Ati si'achi, “Ishee lallaaftuu yookiis qananiituu” hin jedhamtu;

2shaashii kee isa haguuggatte of irraa fuudhii, majii qabadhuu midhaan daaki! Uffata kee ol soqoladhuu gudeeda kee mul'isii, bishaan keessa adeemi!

3Uffanni kee si irraa in fuudhama, qullaan kees in argama; ani ijaa nan baafadha, kan kana na dhowwus hin jiru!” jedhe.

4Maqaan isa nu furuu “Waaqayyo gooftaa maccaa ti?, inni isa qulqulluu kan Israa'el.

5Waaqayyo ammas Baabiloniin, “Yaa intala Baabilon, namni si'achi, “Ati giiftii mootummoota biyya lafaa ti” siin jedhu hin jiru; kanaaf dhaqiitii calluma jedhii dukkana keessa taa'i!

6Ani saba kootti nan aare, kanaafan warra dhuunfaa koo ta'an akka waan xuraa'aatti, harka keetti dabarsee kenne; ati immoo warra dullooman irra iyyuu waanjoo ulfaataa in keesse, isaaniifis garaa hin laafne;

7ati illee,“Ani bara baraan giiftii ta'een jiraadha” jettee yaadde malee, kun booddee attam akka ta'u itti hin yaadne; waan tokkos yaadatti hin qabanne.

8“Yaa ishee qanani'uu jaallattuu! Yaa ishee bir'aa malee teessuu, egaa dhaga'i! Ati illee garaa kee keessatti, “Ana malee namni biraa hin jiru, haadha hiyyeessaa ta'uun ana irra hin jiru, ijoollee koo dhabuunis ana irra hin jiru” in jetta;

9wanti kun lamaan garuu dingata guyyaa tokkotti sitti in dhufu, ijoollee kee dhabuun kee fi haadha hiyyeessaa ta'uun kee hin hafu, isaan kun hundinuu wal ga'anii sitti in dhufu; warra qoricha namatti godhan baay'ee yoo qabaatte iyyuu, warri nama dawweessan danuun achi yoo jiraatan iyyuu, homaa si hin gargaaran.

10“Ati jal'ina kee amanattee “Namni na argu hin jiru” jette; ogummaan kee fi beekumsi kee karaa irraa si kaachise; ati garaa kee keessatti, “Ana malee namni biraa hin jiru” jette.

11Kanaafis wanti hamaan sitti in dhufa, ati garuu lafa inni ba'u hin beektu; badiisi sitti in dhufa, ati garuu of irraa deebisuu hin dandeessu; diigamuunis dingata sitti in dhufa, ati garuu akka inni dhufu hin beektu.

12Warra nama dawweessanii fi warra qoricha namatti godhanii fi warra mucummaa keetii jalqabdee dadhabaafii turte sanaa wajjin mee ka'ii dhaabadhu! Isaan tarii diinota kee ittiin sodaachisuudhaaf si gargaaru ta'a;

13gorsa baay'ee dhaga'uun si dadhabsiiseera; warri naannoo bantii waaqaa gargar hiranii bifa isaa qoratan, warri urjoota ilaalan, warri baatii ji'aatti wanta sitti dhufuuf jiru sitti himaa turan, mee ka'anii si haa oolchan kaa!

14“Kunoo! Isaan akka cidii ti, ibiddi xaph isaan in godha; isaan humna ibidda sanaa jalaa of oolchu hin danda'an; inni barbadaa ibiddaa isa qaammatan yookiis isa bira taa'anii haasa'an miti;

15nagaadonni kee warri ati mucummaa keetii jalqabdee wajjin dhama'aa turte hammasuma; tokkon tokkon isaanii kara karaa in badan, tokko illee si gargaaruu hin dandeenye” jedha.

Ibsa

47:1-6

Baabilon, mallattoo dubartii rakkina cimaa keessa jirtuun bakka buuteetti ilaalamti. Isheen salphattee rakkina baachuu qabdi ture; akkasumas lafa teesse burqaa (dhagaa ciraa) daaktuutti, tajaajila isa hundarraa gadii fi dadhabsiisaa ta'e raawwattuutti, agarsiifamte. Waaqayyo haxaya isaa keessatti qajeelaa ture, namni tokkollee gidduu galuu hin qabu. Raajiin Gooftaa humnootaa, isa Furaa fi Qulqulluu Israa'el ta'e sana, in jajata. Waaqayyo yeroo baay'ee namoonni hamoon saba isaa irratti mo'uu ni hayyama; garuu warri isaan gara jabinaan cunqursan ni adabamu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG አንቺ ድንግል የባቢሎን ልጅ ሆይ፥ ውረጂ በትቢያም ላይ ተቀመጪ፤ የከለዳውያን ሴት ልጅ ሆይ፥ ከዚህ በኋላ ቅልጣናምና ቅምጥል አትባይምና ያለ ዙፋን በመሬት ላይ ተቀመጪ። አማርኛ ENGNIV “Go down, sit in the dust, Virgin Daughter of Babylon; sit on the ground without a throne, Daughter of the Babylonians.… English BCV “ኣቲ ድንግል ጓል ባቢሎን፥ ውረዲ፤ ኣብ ሓመድ ከዓ ተቐመጢ፤ ደጊም ምልክዕትን ሕንቅቕትን፥ ኣይትበሃሊን ኢኽሞ፥ ኣቲ ድንግል ጓል ባቢሎን፥ ብዘይ ዙፋን ኣብ ምድሪ ተቐመጢ። ትግርኛ BCV GIZ ረዲ ወንበሪ ውስተ ምድር አንቲ ድንግል ወለተ ባቢሎን፤ ንበሪ ውስተ መሬት ወአልብኪ መንበረ ወለተ ፋርስ ወኢትሰመዪ እንከ ልሕደ ወሥብሕተ። giz GAZGAZ “Yaa intala Baabilon, yaa ishee takkaa hin tuqamin jirtuu, ka'ii gad bu'ii awwaara keessa taa'i! Yaa intala Kaldootaa, … Afaan Oromoo BCV aksum “ኣቲ ድንግል ጓል ባቢሎን፥ ውረዲ፤ ኣብ ሓመድ ከዓ ተቐመጢ፤ ደጊም ምልክዕትን ሕንቅቕትን፥ ኣይትበሃሊን ኢኽሞ፥ ኣቲ ድንግል ጓል ባቢሎን፥ ብዘይ ዙፋን ኣብ ምድሪ ተቐመጢ። ትግርኛ AMHNIV “አንቺ የባቢሎን ድንግል ልጅ ሆይ፤ ውረጂ፤ በትቢያ ላይ ተቀመጪ፤ አንቺ የባቢሎናውያን ልጅ ሆይ፤ ከዙፋንሽ ውረጂ፤ መሬት ላይ ተቀመጪ፤ ከእንግዲህ ውብ ወይም ለግላጋ፣ ተብለሽ አትጠሪም። አማርኛ SWAHSUV Haya, shuka, keti mavumbini, Ewe bikira, binti Babeli; Keti chini pasipo kiti cha enzi, Ewe binti wa Wakaldayo; Maana h… Kiswahili