Isaayaas 43

GAZBIBAfaan Oromoo28 Keeyyattoota5:09 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 5:09 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Amma garuu yaa Yaaqoob, yaa Israa'el, Waaqayyo inni si uume, inni si tolches, “Ani si fureera hin sodaatin, “Ati kan koo ti” jedhees maqaa keetiin si waameera;

2yommuu ati bishaan keessa adeemtu ani sii wajjinan jira, yommuu ati bishaan keessa ceetus bishaan si fudhatee hin badu; ibidda keessa yommuu darbitu hin gubattu, arrabni ibiddaas si hin qabatu;

3ani Waaqayyo gooftaan kee isa qulqulluu kan Israa'el, ani fayyisaa kee ti; ani Gibxin furee keetiif, Kuushii fi Saabaas qooda kee nan kenna;

4ati ana duratti gati-jabeessaa fi ulfina-qabeessa waan taateef, waanan si jaalladhuufis qooda lubbuu keetii, saba warra kaan dabarsee nan kenna;

5ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin! Sanyii kee gara ba'a-biiftuutii nan fida, gara lixa-biiftuutiis walitti siif nan qaba;

6ani biyya gara bitaatiin, “Gad isaan dhiisi!” biyya gara mirgaatiinis, “Isaan hin dhowwatin!” nan jedha; ilmaan koo biyya fagoodhaa, intaloonni koos andaara lafaatii haa dhufan!

7Warri maqaa kootiin waamaman hundinuu, warri ani ulfina kootiif uummadhe, warri ani tolchee bifa itti godhe haa dhufan!” jedhe.

8Sabni ija utuu qabuu jaamaa ta'e, gurras utuu qabuu duudaa ta'e as haa dhufu!

9Sabni lafa irraa hundinuu walitti haa qabaman, sabni garaa garaas wal haa ga'an, kun dhugaa ta'uu isaa akka himanitti, namnis kana dhaga'ee, “Kun dhuguma!” akka jedhutti, isaan keessaa eenyutu wanta amma ta'e kana duraan dursee hime” Mee nama kana dhugaa isaaniif ba'u as haa dhi'eessan kaa!

10Waaqayyo,“Yaa saba nana, isin dhuga-baatuu koo ti, garbichi ani fo'adhes isinuma, isin akka beektaniif akka amantanitti, isa kana kan godhe ana Waaqayyo akka ta'e akka hubattanitti, ana dura Waaqayyo kan biraa hin turre, ana booddees Waaqayyo kan biraa hin jiraatu.

11Ana duwwaatu Waaqayyoo dha, ana malee fayyisaan kan biraa hin jiru.

12Ani duraan dursee himeera, isin oolcheera, isinitti dubbadheeras; waaqayyoliin ormaa garuu isin gidduutti kana hin goone; ani duwwaan Waaqayyo akkan ta'e isin dhuga-baatuu koo ti!” jedhe; Waaqayyo kana dubbateera.

13Waaqayyo itti fufe, “Ani ammas Waaqayyoo dha, gara fuula duraattis kan jiraatu anuma; harka koo keessaa waan tokko illee baasuu kan danda'u hin jiru, wanta ani hojjedhus kan gara galchu hin jiru” jedhe.

14Waaqayyo inni isin fure, inni qulqulluun kan Israa'el, “Ani isiniif jedhee Baabilonitti nama nan erga; innis hunduma isaanii, warra Kaldootaa iyyuu utuu hin hambisin, booji'ee markaboota isaaniitiin iyyaa akka adeeman in godha.

15Ani Waaqayyo isa qulqulluu kan keessanii ti, isin warra Israa'el kan uume ana; mootiin keessanis ana” in jedha.

16Waaqayyo inni galaana keessa karaa baase, inni bishaan humna-qabeeyyii keessatti daandii tolche,

17inni konkolaataa fi fardeen diinaa gad yaasise, loltuu fi mi'a lolaa achitti baasise sun, jara immoo achii utuu hin ka'in akka dhuman, akka fo'aa ibsaas dimimmisaa'anii akka dhaaman in godhe.

18Kanaafis Waaqayyo, “Isa durii hin yaadatinaa, wanta darbettis yaada keessan hin hidhinaa!

19Kunoo! Ani wanta haaraa nan godha, inni amma iyyuu as ba'uutti jira; isin hin argitanii” Ani lafa onaa keessa karaa nan baasa, lafa duwwaa keessas bishaanota nan yaasa;

20ani saba koo warra ani fo'adhe obaasuudhaaf, lafa onaa keessaa bishaan burqisiisee, laga lafa duwwaa keessas bishaan waanan yaaseef, bineensonni caakkaa ulfina anaaf in kennu, waangonnii fi guchiiwwan na galateeffatu.

21Saba kana ofii kootiif uummachuun koo, akka inni na galateeffatuuf ture.

22“Haa ta'u iyyuu malee, yaa Yaaqoob, ati ana hin waammanne, yaa Israa'el, ati na yaadachuu iyyuu in dadhabde;

23qalma gubamu anaaf dhi'eessuudhaaf xobbaallaa hin fidne, aarsaa keetiinis anaaf ulfina hin laanne; kennaa midhaanii akka anaaf dhi'eessituuf si hin giddisiifne, ixaanas akka anaaf aarsituuf si hin dadhabsiifne.

24Ati cubbuu keetiin na rakkifte, yakka keetiinis na dadhabsiifte malee, meetii keetiin muka urgooftuu anaaf hin binne, cooma aarsaa keetiinis garaa ana hin ciibsine.

25“Ana, anumatu ofuma kootiif jedhee, irra-daddarbaa kee siif balleessa; cubbuu kees deebi'ee hin yaadadhu;

26wantan si godhe mee himadhu! Kottu walii wajjin dhugaa isaa keessaa in baafnaa! Dhugaa qabda yoo ta'eef akka siif beekamutti, dhimma kee himadhu!

27Dura abbaa keetu cubbuu hojjete, amma immoo warra siif dubbatantu na yakke;

28kanaafan gurguddoota mana qulqullummaa keessaa hojjetan, akka wanta xuraa'aatti dabarsee kennee Yaaqoobin raawwadhee balleessee Israa'elin yeellaasise.

Ibsa

Isaayaas 43:1-7

Ayyaanni Waaqayyoo fi jaalalli isaa saba isaatiif jajjabina guddaa warra amantoota hundumaatiif dubbatu. Uumamni haaraan, eessattiyyuu yoo jiraate, kan uumame Waaqayyoodhaani. Warri dhiiga Ilma isaa kanaan furaman hundi, inni ofii isaatiif adda baaseera. Warri Waaqayyo isaanii wajjin jiru hin sodaachuu qaban eenyu yookiin maal isaanitti mormuu akka danda'u. Gibxii fi Itoophiyaan maalidha, jireenyi isaanii hundii fi qabeenyi isaanii dhiiga Kiristoos wajjin yoo wal-bira qabaman? Amantoonni dhugaan ija Waaqayyoo duratti gati jabeessoo dha; inni isaanitti gammada saba kamiyyuu caalaa. Ifata (ibidda) fi bishaan keessa yoo darbanillee, haa ta'u malee, Waaqayyo isaan wajjin waan jiruuf, hammina kamiyyuu hin sodaachuu qaban; ni ol-fuudhamu, ni baafamus. Warri amanamoon ni jajjabeeffamu. Isaan gara hundumaa irraa walitti qabamuu turan. Kaayyoo gammachiisaa kana ilaalcha keessa qabaachuudhaan, raajichi deebisee sodaa yaaddoo irraa dhorkeera.

43:8-13

Sanamoota waaqessitoonni sanamoota isaanii ittisuuf akka dhaabbatanii argaman waamamaniiru. Warri isaan tolchan, akkasumas isaanitti amanatan, isaanuma fakkaatu. Isaan fakkii fi dandeettii namaa qabu, garuu hubannaa waliigalaa hin qaban. Garuu sabni Waaqayyoo humna ayyaana isaa, mi'aa jajjabina isaa, kununsa gaarii qophii isaa, akkasumas dhugaa abdii isaa ni beeku.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG አሁንም ያዕቆብ ሆይ፥ የፈጠረህ፥ እስራኤልም ሆይ፥ የሠራህ እግዚአብሔር እንዲህ ይላል፦ ተቤዥቼሃለሁና አትፍራ፤ በስምህም ጠርቼሃለሁ፥ አንተ የእኔ ነህ። አማርኛ ENGNIV But now, this is what the Lord says– he who created you, O Jacob, he who formed you, O Israel: “Fear not, for I have re… English BCV ሕዚ ግና ኦ ያእቆብ፥ እቲ ዝፈጠረካ፥ ኦ እስራኤል፥ እቲ ዝሰርሐካ፥ እግዚኣብሄር ከምዙይ ይብል ኣሎ፦ “ተቤዚወካ እየ እሞ፥ ኣይትፍራሕ፤ ብስምካ ፀዋዕኩኻ፤ ንስኻ ናተይ ኢኻ። ትግርኛ BCV GIZ ወይእዜኒ ከመዝ ይቤ እግዚአብሔር አምላክ ዘገብረኪ ያዕቆብ ወዘፈጠረከ እስራኤል፦ ኢትፍራህ እንከ እስመ አድኀንኩከ ወሰመይኩ ስመከ ወዚአየ አንተ። giz GAZGAZ Amma garuu yaa Yaaqoob, yaa Israa'el, Waaqayyo inni si uume, inni si tolches, “Ani si fureera hin sodaatin, “Ati kan ko… Afaan Oromoo BCV aksum ሕዚ ግና ኦ ያእቆብ፥ እቲ ዝፈጠረካ፥ ኦ እስራኤል፥ እቲ ዝሰርሐካ፥ እግዚኣብሄር ከምዙይ ይብል ኣሎ፦ “ተቤዚወካ እየ እሞ፥ ኣይትፍራሕ፤ ብስምካ ፀዋዕኩኻ፤ ንስኻ ናተይ ኢኻ። ትግርኛ AMHNIV አሁን ግን፣ ያዕቆብ ሆይ! የፈጠረህ፤ እስራኤል ሆይ! የሠራህ፣ እግዚአብሔር እንዲህ ይላል፤ “ተቤዥቼሃለሁና አትፍራ፤ በስምህ ጠርቼሃለሁ፤ አንተ የእኔ ነህ፤ አማርኛ SWAHSUV Lakini sasa, Bwana aliyekuhuluku, Ee Yakobo, yeye aliyekuumba, Ee Israeli, asema hivi, Usiogope, maana nimekukomboa; ni… Kiswahili