Isaayaas 35

GAZGAZAfaan Oromoo10 Keeyyattoota2:34 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 2:34 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Lafti duwwaanii fi lafti gogaan in gammadu, lafti onaanis ililchee akka arfaasee in daraara;

2baay'isee in daraara, gammadees in faarfata, ulfinni Liibaanon isaaf in kennama, surraan Qarmelosii fi dachaan Shaaron isaaf in dabalama; ulfinni Waaqayyo gooftaa maccaas achitti in argama.

3Harka dadhabe qabaatii kaasaa, jilba mudhukes jabeessaa!

4Warra garaa sodaataa qabaniin, “Jabaadhaa, hin sodaatinaas! Kunoo Waaqayyo keessan, ijaa baafachuudhaaf, adabuudhaaf, isin immoo fayyisuudhaaf gara keessan in dhufa” jedhaa!

5Yommus iji warra jaamotaa in banama, gurri warra duudaas in saaqama,

6yommus namni naafti akka borofaa in utaala, warri arrabni isaanii didaas gammadanii in ililchu; lafa duwwaa keessaa bishaanonni in ba'u, lafa onaa keessas bishaan burqituun in yaa'a;

7cirrachi akka ibiddaa gubu kuufama bishaanii in ta'a, lafa gogaa keessa bishaan burqituun in yaa'a; iddoon waangonni keessa jiraachaa turanis akka caffee in ta'a, dhallaadduu fi jajjabni isa keessatti in biqilu.

8Achi keessa karaan in ba'a, maqaan isaas,“Karaa qulqullaa'aa” in jedhama; karicha irra warra furaman kana duwwaatu adeema, warri gowwoonni iyyuu isa irraa hin kaatan; namni xuraa'aan garuu achi irra hin darbu.

9Leenci achi irratti hin argamu, bineensi hamaan achi irra hin adeemu, warra fayyan duwwaatu achi irra adeema;

10warri Waaqayyo isaan fure, deebi'anii faarfannaadhaan gara Xiyoonitti ol in ba'u; gammachuu bara baraatiin in gonfamu, gammadanii in ililchu, gaddii fi dhiphinni isaan irraa in fagaata.

Ibsa

35:1-4

Yihudaan bara Hisqiyaasitti badhaadhaa ture; haata'u malee, inni dhimma guddaan dubbatamu Mootummaa Kiristoosidha. Ayyaanni nama garaatti deebisu/jijjiiru lubbuu onaa turte gammachuu fi faarfannaan akka gammattu akkasumas baay'ee akka daraartu taasisa. Warri dadhaboo fi onnee laafonni ni jajjabeeffamu. Kun kaayyoo wangeelaati. Sodaan nama dadhabsiisa; hedduu yoo isa mormannee, hojii fi dhiphinaafis caalaatti jabaanna; inni nutti, "Jabaadhaa!" jedhu, nuuf gargaarsa Isa humna qabeessa irratti kaa'eera. Masiihichi dhufuu isaa mirkanaa'eera, humnoota dukkanaa irratti haaloo ba'uuf, warra Xiyoon keessatti gaddan jajjabina baay'een deebisee kafaluuf; Inni ni dhufa, ni oolchas. Dhuma yerootti deebi'ee ni dhufa, warra saba isaa rakkisan adabuuf; akkasumas warra rakkifaman boqonnaa rakkoo isaanii hundumaaf badhaasa guutuu ta'u kennuuf.

35:5-10

Kiristoos yeroo mootummaa Isaa addunyaa keessatti dhaabuuf dhufu, sana booda dinqiiwwan, dinqiiwwan guguddaan, lubbuu namootaa irratti hojjetamu. Dubbii fi Hafuura Kiristoosiin, jalloonni hafuuraan jallataniif ibsame; warri waamicha Waaqayyoo dhaga’uu didan immoo salphaatti akka dhaga’an godhaman.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6