1Lafti duwwaanii fi lafti gogaan in gammadu, lafti onaanis ililchee akka arfaasee in daraara;
2baay'isee in daraara, gammadees in faarfata, ulfinni Liibaanon isaaf in kennama, surraan Qarmelosii fi dachaan Shaaron isaaf in dabalama; ulfinni Waaqayyo gooftaa maccaas achitti in argama.
3Harka dadhabe qabaatii kaasaa, jilba mudhukes jabeessaa!
4Warra garaa sodaataa qabaniin, “Jabaadhaa, hin sodaatinaas! Kunoo Waaqayyo keessan, ijaa baafachuudhaaf, adabuudhaaf, isin immoo fayyisuudhaaf gara keessan in dhufa” jedhaa!
5Yommus iji warra jaamotaa in banama, gurri warra duudaas in saaqama,
6yommus namni naafti akka borofaa in utaala, warri arrabni isaanii didaas gammadanii in ililchu; lafa duwwaa keessaa bishaanonni in ba'u, lafa onaa keessas bishaan burqituun in yaa'a;
7cirrachi akka ibiddaa gubu kuufama bishaanii in ta'a, lafa gogaa keessa bishaan burqituun in yaa'a; iddoon waangonni keessa jiraachaa turanis akka caffee in ta'a, dhallaadduu fi jajjabni isa keessatti in biqilu.
8Achi keessa karaan in ba'a, maqaan isaas,“Karaa qulqullaa'aa” in jedhama; karicha irra warra furaman kana duwwaatu adeema, warri gowwoonni iyyuu isa irraa hin kaatan; namni xuraa'aan garuu achi irra hin darbu.
9Leenci achi irratti hin argamu, bineensi hamaan achi irra hin adeemu, warra fayyan duwwaatu achi irra adeema;
10warri Waaqayyo isaan fure, deebi'anii faarfannaadhaan gara Xiyoonitti ol in ba'u; gammachuu bara baraatiin in gonfamu, gammadanii in ililchu, gaddii fi dhiphinni isaan irraa in fagaata.