Isaayaas 22

GAZGAZAfaan Oromoo25 Keeyyattoota6:18 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 6:18 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Wanti dachaa isa “Dachaa mul'ataa” jedhamee beekame irratti dubbatame kanatti fufee jira; isin maal taatan” Maaliif hundumti keessan bantii manaa irratti ol baatan”

2Yaa mandara iyyaa fi wacaan guutuu yaa ishee gammadduu! Loltoonni kee warri dhuman, billaadhaan yookiis lola keessatti hin dhumne;

3bulchitoonni kee hundinuu walii wajjin in baqatan, xiyya tokko illee utuu gad itti hin dhiisin hundumti isaanii in qabaman; warri si keessa jiraatan hundinuu fagoodhumatti diina jalaa baqatanii turan, hundumti isaanii garuu in qabaman.

4Kanaafis,“Mandarri saba koo waan diigamteef, mararamee nan boo'aatii ana hin ilaalinaa, na jajjabeessus hin yaalinaa!” nan jedhe.

5Waaqayyo gooftaan maccaa, gaaf tokko, raafamuu, lafatti dhidhiitamuu, walii walaalchifamuus “Dachaa mul'ataa” isa jedhamu sanatti in erga; gaafas dallaan dhagaa in jijjiga, iyyis gara tulluutti ol in ba'a.

6Warri Elaam korojoo xiyyaa, konkolaataa namni irra taa'uu fi fardeen fudhatanii in ka'u; warri Qiir gaachana isaanii mann'ee keessaa in baasu.

7Dachaa kee isa miidhagaa keessa konkolaataan in guuta, abootiin fardeeniis karra mandara kee dura in ijaajju;

8Yihudaa irraa golgaan in fuudhame; yommus isin gara mi'a waraanaa isa mana isa “Caakkaa Liibaanon” jedhamu keessa jiru in ilaaltan.

9Cabaa dallaa mandara Daawit isa baay'ees in argitan, kuufama bishaanii isa gara gadii keessaa bishaan waraabdanii walitti in qabdan.

10Manneen mandara Yerusaalem keessa jiran in lakkooftan, isaan keessaas gar tokko diigdanii ittiin dallaa mandarichaa in cimsitan;

11bishaan isa kuufama bishaanii isa durii keessaa ba'uu fi dallaa lamaan gidduutti iddoo itti bishaan walitti qaban in ijaartan; gara isa kana hojjetee garuu hin ilaalle, isa durii durii jalqabee tolches hin argine.

12Guyyaa sanatti Waaqayyo gooftaan maccaa, gadditanii, boossanii, mataa haaddattanii, uffata gaddaas akka uffattaniif isin in waame.

13Kunoo! Garuu gammaduu, ililchuu, sangootaa fi hoolota qaluu, foon nyaachuu, daadhii wayniis dhuguutu ture; “Bor in duuna erga ta'e, kottaa har'a in nyaana, in dhugnas” waliin in jedhu.

14Waaqayyo gooftaan maccaa anatti dubbatee, “Dhugumaan yakka kanaan in duutu malee, isiniif hin dhiifamu!” jedhe; Waaqayyo gooftaan maccaa kana dubbateera.

15Wanti Waaqayyo gooftaan maccaa dubbate kanatti fufe jira, “Ka'ii gara Shebnaa isa hojii mana mootummaa adeemsisu dhaqii itti dubbadhuutii,

16“Ati asitti iddoo awwaalaa lafa ol ka'aa garaa dhagaa keessatti kan qopheessifatte, iddoo bultii kees kattaa keessatti kan tolchiifatte, asii maal qabda” Eenyunis asii abdatta”

17Yaa nama aango-qabeessaa, kunoo! Waaqayyo jabeessee si qabee, furguggisee si baasuuf jira;

18inni akka ijoo kollee si furuursee biyya fagoo keessa si buusa; ati achitti in duuta, konkolaattonni kee warri ulfina-qabeeyyiinis achitti in hafu; ati mana gooftaa keetiitti muka salphinaa in taata;

19kanaaf inni immoo iddoo keetii gad si buusa, hojii kee irraas si kaasa” jedhiin.

20“Ani Waaqayyo yommus garbicha koo Eliyaaqimin ilma Hilqiiyaa nan waama;

21qoloo kee isatti nan uffisa, sabbata kees mudhii isaatti nan hidha, hojii isa ati adeemsisaa turtes isatti nan kenna; inni warra mandara Yerusaalem keessa jiraataniif, mana Yihudaatiifis abbaa in ta'a;

22gooftummaa inni ittiin mana Daawit banu ani gatiittii isaa irra nan kaa'a; kan inni banu namni tokko illee hin cufu; kan inni cufus namni tokko illee hin banu;

23ani iddoo amanamaa irra jabeessee isa nan dhaaba; inni mana abbaa isaatiif gonfoo ulfinaa in ta'a.

24“Ulfinni mana abbaa isaatii jiru hundinuu, ijoolleen, ijoolleen ijoollee isaanii, qodaa xixinnaan mana keessaa, kan akka xuwwee fi okkotee isatti ba'aa in ta'u.

25Ani Waaqayyo gooftaan maccaas yommus,“Inni akka qofootti iddoo amanamaa irra jabaatee dhaabate sun maramee lafa in dha'a; wanti inni baatee jiru hundinuus in caccaba” nan jedha” jedhe; Waaqayyo kana dubbateera.

Ibsa

22:1-7

Maaliif Yerusaalem sodaachaa akkana guddaa keessa jira? Warri ishee ajjeefaman goraadeedhaan utuu hin taane, beelaan; yookiin, sodaadhaan ajjeefamanii, garaan isaanii cabee jira. Bulchitoonni isaanii baqatan, garuu qabaman. Tajaajiltoonni Waaqayyoo, warri rakkoowwan dhufaa jiran duraan dursee arganii cubbamoota dinqisiisan, arattii kanaan dhiphatan. Garuu, wantoonni hamaa magaalaa lolaan qabamte keessatti mul’atan hundinuu, sodaa Guyyaa Dheekkamsaa isa guddaa calaqqisan malee, guutummaatti ibsuu hin danda’an.

22:8-14

Yeroo kana laafinni Yihudaa duraan caalaa mul'ateera. Ammas of amantii foonii isaanii fi tasgabbii foonii isaanii calaqqisiisan. Karaa dhuunchoolee isaanii ilaalan. Bishaan magaalaa isaaniif mirkanneeffatan. Haa ta'u malee, qophiiwwan kana hunda keessatti Waaqayyoon hin yaadanne. Waan isaan hojjetan keessatti ulfina Isaa hin dhimmanne. Yaaliiwwan isaanii irratti eebba argachuuf Isa irratti hin hirkannaan. Sababiin isaas, uumamni hundinuu Waaqayyo akka ta'uuf isa godhe nutti ta'a; kanaafis Isa galateeffachuu qabna, akkasumas Isaaf fayyadamuu qabna. Isaaniin falmuun, dallansuu fi qajeelummaa Waaqayyoo tuffachuu guddaa ture. Kaayyoon Waaqayyoo isaan gadi deebisuu fi gara gaabbii isaan fiduu ture. Isaan garuu kanaaf faallaa deeman. Dhugumaan jireenya booda kanaa amanuu dhabuun, bu'uura tasgabbii foonii fi fedhiiwwan beeyladaa ti; isaan kun immoo cubbuu, qaanessaa fi badiisa nama baay'eeti. Waaqayyo kanaan hin gammannaan.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6