Isaayaas 21

GAZBIBAfaan Oromoo17 Keeyyattoota3:12 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:12 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Wanti waa'ee lafa onaa isa galaana bukkeetiif dubbatame, kanatti fufee jira; bubbeen biyya gara-mirgaa akkuma bubbisu, akkasuma lafa onaadhaa, biyya nama sodaachisuu wanti balleessu tokko in dhufa;

2wanti anatti mul'ate kun nama sodaachisa; mul'atichis, “Inni saamu in saama, inni balleessus in balleessa; yaa Elaam ka'i! Yaa Medoon marsi! Inni Baabilon nama rakkisaa turte hundinuu asuma irratti akka dhaabatu nan godha” kan jedhu ture.

3Ani kana yommuun arge, yommuun dhaga'es, na'ee dugdi koo na cite, akka dubartii ciniinsifattuus ta'ee, gad nan gugguufe.

4Garaan koo in raafame, naasuunis na rom'isiise, “Aara galfachuudhaaf yoom anaaf dhi'a?” jedhee nan hawwe; inni garuu naasuutti na duraa geddarame.

5Wanta irra taa'an afaa, maaddii qopheessaa! Nyaadhaa, dhugaa! isin gurguddoota nana ka'aa, gaachana keessan dibaatii haxaa'aa!

6Waaqayyo gooftaan anatti dubbatee, “Dhaqii eegduu dhaabi, inni immoo wanta argu haa himu!

7Konkolaataa, abboota fardeenii lama lama ta'anii adeeman konkolaataa harreedhaan harkifamuu fi konkolaataa gaalaan harkifamu yommuu argu, ba'eessa godhee hubatee haa ilaalu!” naan jedhe.

8Eegdichis iyyee, “Yaa gooftaa, ani guyyaa hundumaa iddoo dhaabatanii eegan kana nan dhaabadha, halkan hundumaas dammaqee nan eega.

9Ilaa! Jarreen tokko konkolaataa fardeeniin harkifamu yaabbatanii dhufaa jiru” jedha; isaan keessaa inni tokko immoo ka'ee, “In kufte! Baabilon in kufte! Fakkeenyi waaqayyolii tolfamoo ishee hundinuus caccabanii lafatti in dabalaman” jedhe.

10Yaa warra akka midhaan oobdii keessaa rukutamtanii, ani wantan Waaqayyo gooftaa maccaa isa kan Israa'el irraa dhaga'e isinitti nan hima.

11Wanti waa'ee Edoomiif dubbatame kanatti fufee jira; namni tokko Se'iirii na waamee, “Yaa eegduu, halkan kun bari'uuf hammamtu hafe” Yaa eegduu, halkan kun bari'uuf hammamtu hafe?” naan jedhe.

12Eegdichis deebiseefii, “Ganamni, galgallis in dhufa, wanta gaafattu yoo qabaatte garuu deebi'ii kottuutii gaafadhu!” jedhe.

13Wanti waa'ee biyya Arabaatiif dubbatame kanatti fufee jira; yaa imaltuu warra Dedaan, caakkaa keessa buufadhaatii achuma bulaa!

14Yaa warra biyya Teemaa, warra dheebotaniif bishaan kennaa! Warra Dedaanii baqatanii dhufan buddeenaan simadhaa!

15Isaan billaa jalaa, billaa luqqifame jalaa baqatan; iddaa dhifamee fi lola guddaa jalaas in ba'an.

16Ammas wanti Waaqayyo anatti himee,“Akka namni qacaramee hojjetu waggaa lakkaa'atutti, si'achi waggaa tokko keessatti, ulfinni Qedaar gad in deebi'a;

17ilmaan Qedaar warra jajjaboo warra xiyyaan warraanan keessaas muraasi in hafu” kan jedhuu dha; Waaqayyo gooftaan Israa'el kana dubbateera.

Ibsa

21:1-10

Baabilon biyya diriiraa fi bishaaniin baay'ee kan badhaadhe ture. Baabilon diigamuun isaa, kan Isaayaasiin irra deddeebi'ee raajeffame, diina guddaa waldaa Kiristaanaa Kakuu Haaraa, isa kitaaba Mul'ataa keessatti dursee raajeffame, diigamuu isaatiif fakkeenya ture. Booji'amtoota hiyyeeyyii fi cunqurfamtootaaf oduu gammachuu ta'a ture; cunqursitoota boonaadhaaf ammoo kan gaddisiisu ture. Gammachuun sun gadda akkamii keessatti akka xumuramu waan hin beeknuuf, kun gammachuu faayidaa hin qabne fi fedhii foonii irraa akka of qusannu nu haa akeekkachiisu. Akeekkachiisni Baabiloniin yeroo Qooresiin ishee lolatti qabeef asitti ibsameera. Harreenii fi gaalli mallattoo Meedotaa fi Faarsotaa akka ta'an ni mul'ata. Waaqolii tolfamoo Baabilon ishee eeguu hin danda'an, garuu ni cabu. Amantoota dhugaan qamadii oolmaa Waaqayyoo ti; warri fakkeessitoonni garuu daaraa fi qola qamadii waliin yeroo ammaatti makaman, garuu kan irraa adda baafamanidha. Qamadiin oolmaa Waaqayyoo rakkinaa fi ari'atamaadhaan dhiramuu ni eega. Israa'el Waaqayyoo durii rakkifamee ture. Waaqayyo garuu ammallee kan isaa ta'uu isaa ni mirkaneesse. Waliigala dhimma waldaa Kiristaanaa hunda keessatti, kan darbe, kan amma jiru, fi kan dhufu, Waaqayyootti ilaaluu qabna; Innis humna waan hundumaa waldaa isaatiif hojjechuu danda'u, akkasumas ayyaana waan gaarii hundumaa isheef gochuuf qaba.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በባሕር አጠገብ ስላለው ስለ ምድረ በዳ የተነገረ ሸክም። ዐውሎ ነፋስ ከደቡብ እንደሚወጣ፥ እንዲሁ ከሚያስፈራ አገር ከምድረ በዳ ይወጣል። አማርኛ ENGNIV An oracle concerning the Desert by the Sea: Like whirlwinds sweeping through the southland, an invader comes from the d… English BCV ኣብ ጥቓ ባሕሪ ብዛዕባ ዘሎ ምድረ በዳ ዝተነግረ ፆር። ከምቲ ህቦብላ ንፋስ ካብ ደቡብ ዝለዓል፥ ከምኡ ኻብ ምድረ በዳ፥ ካብቲ ዝፍራሕ ሃገር ወራሪ ኽመፅእ እዩ። ትግርኛ BCV GIZ ነገር በእንተ ብሔረ በድው፤ ከመ አውሎ ነፋስ እምገዳም ኀለፈ ውስተ በድው ወመጽአ እምብሔር ግሩም። giz GAZGAZ Wanti waa'ee lafa onaa isa galaana bukkeetiif dubbatame, kanatti fufee jira; bubbeen biyya gara-mirgaa akkuma bubbisu, … Afaan Oromoo BCV aksum ኣብ ጥቓ ባሕሪ ብዛዕባ ዘሎ ምድረ በዳ ዝተነግረ ፆር። ከምቲ ህቦብላ ንፋስ ካብ ደቡብ ዝለዓል፥ ከምኡ ኻብ ምድረ በዳ፥ ካብቲ ዝፍራሕ ሃገር ወራሪ ኽመፅእ እዩ። ትግርኛ AMHNIV በባሕሩ ዳር ባለው ምድረ በዳ ላይ የተነገረ ንግር፤ ዐውሎ ነፋስ ከደቡብ እየጠራረገ እንደሚመጣ፣ ወራሪ ከአሸባሪ ምድር፣ ከምድረ በዳ ይመጣል። አማርኛ SWAHSUV Ufunuo juu ya bara ya bahari. Kama tufani za Negebu Kiswahili