Isaayaas 12

GAZBIBAfaan Oromoo6 Keeyyattoota1:07 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 1:07 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yaa saba nana, yeroo sanatti ati, “Yaa Waaqayyo, ati anatti dheekkamtee turte, amma garuu dheekkamsa kee ana irraa deebiftee waan na jajjabeessituuf sin jajadha.

2Kunoo! Waaqayyo fayyisaa koo ti, ani isa nan amanadha, homaas hin sodaadhu; Waaqayyo gooftaan humna koo isa ani faarfadhuu dha, inni fayyisaa koo anaaf ta'eera” in jetta.

3Isin gammachuudhaan burqaa fayyinaa keessaa, bishaan in waraabbattu.

4Yeroo sanatti isin, “Waaqayyoon galateeffadhaa, maqaa isaas waammadhaa! Gocha isaa saba hundumaa keessatti beeksisaa, maqaan isaa akka ol ka'es himaa!

5Inni wanta guddaa waan hojjeteef, Waaqayyoon faarfadhaa! Wanti inni godhes guutummaa biyya lafaa irratti haa beekamu!

6Yaa Xiyoon! Sagalee guddaadhaan faarfadhuu, gammadis! Waaqayyo inni qulqulluun kan Israa'el, inni guddaan saba isaa gidduu in jiraata” in jettu.

Ibsa

**12:10-16 Injiiilichi yeroo ifatti lallabamu, saboonni addunyaa Kiristoos Yesus Gooftaa fi Fayyisaa isaanii godhatanii isa barbaadu, akkasumas boqonnaa lubbuu argatu. Yeroon Waaqayyoo saba isaa bilisa baasuuf ga’u, gaaronni mormii dura isaa lafa diriiraa ta’u. Waaqayyo guyyoota dukkanaa’oo dafee gara guyyoota ulfaatootti j…

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በዚያም ቀን፦ አቤቱ፥ ተቈጥተኸኛልና፥ ቍጣህንም ከእኔ መልሰሃልና፥ አጽናንተኸኛልምና አመሰግንሃለሁ። አማርኛ ENGNIV In that day you will say: “I will praise you, O Lord. Although you were angry with me, your anger has turned away and y… English BCV በታ መዓልቲ እቲኣ፦ ኦ እግዚኣብሄር! ተቘጢዕኻኒ ኔርካ፤ ግና ቝጥዓኻ ኻባይ መሊስካ ኢኻሞ፥ ኣፀናኒዕኻኒ ኢኻሞ፥ አመስግነካ ኣለኹ። ትግርኛ BCV GIZ ወትብል ይእተ አሚረ፦ ኣእኵተከ እግዚኦ እስመ ተመዐዕከኒ ወቀሠፍከኒ ወሜጥከ መቅሠፍተከ ወካዕበ ተሠሃልከኒ። giz GAZGAZ Yaa saba nana, yeroo sanatti ati, “Yaa Waaqayyo, ati anatti dheekkamtee turte, amma garuu dheekkamsa kee ana irraa deeb… Afaan Oromoo BCV aksum በታ መዓልቲ እቲኣ፦ ኦ እግዚኣብሄር! ተቘጢዕኻኒ ኔርካ፤ ግና ቝጥዓኻ ኻባይ መሊስካ ኢኻሞ፥ ኣፀናኒዕኻኒ ኢኻሞ፥ አመስግነካ ኣለኹ። ትግርኛ AMHNIV በዚያን ቀን እንዲህ ትላለህ፤ “እግዚአብሔር ሆይ፤ ቀድሞ ተቈጥተኸኝ ነበር፤ አሁን ግን ከቍጣህ ተመለስህ፤ ደግሞም አጽናንተኸኛልና እወድስሃለሁ። አማርኛ SWAHSUV Na katika siku hiyo utasema, Ee Bwana, nitakushukuru wewe; Kwa kuwa ijapokuwa ulinikasirikia, Hasira yako imegeukia mba… Kiswahili