Isaayaas 11

GAZGAZAfaan Oromoo16 Keeyyattoota4:11 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:11 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Hidda Isey keessaa latiin in ba'a, dameenis hundee isaa keessaa ba'ee ija in godhata;

2hafuurri Waaqayyoo isa irra in buufata, innis hafuura ogummaatii fi hafuura hubannaa ti, hafuura gorsaatii fi hafuura humnaa ti, hafuura beekumsaatii fi hafuura sodaa Waaqayyoo ti.

3Inni Waaqayyoon sodaachuutti in gammada, faraduudhaaf ijaan arguu, murtoo kennuudhaafis nama irraa dhaga'uu isa hin barbaachisu;

4warra dhabaniif qajeelummaadhaan in farada, gadadamoota lafa irraatiif murtoo qajeelaa in kenna; dubbii afaan isaa keessaa isa akka uleetiinis biyya lafaa in rukuta, hafuura afaan isaa keessaa ba'uunis warra jal'oota in ajjeesa;

5qajeelummaan akka teepha mudhii isaatii ti, amanamummaanis akka sabbata inni ittiin hidhatuu ti.

6Yommus yeeyyiin ilmoolee hoolaa gidduu in jiraata, qeerransis ilmoolee reettii gidduu in ciisa, jabbiinii fi leenci saafelli walii wajjin in bobba'u, mucaan xinnoonis isaan in tiksa;

7saawwii fi amaaketi walii wajjin in sooratu, jabboonnii fi ilmooleen amaaketaa wal bira in cicciisu, leencis akka qotiyyoo cidii in nyaata;

8mucaan harma hodhu boolla mar'ataa bira in taphata, inni harma gu'es harka isaa mann'ee buutii keessa in kaa'a.

9Tulluu koo isa qulqullaa'aa irrattis nama kan miidhu, yookiis waa kan balleessu hin jiru; akkuma galaanni bishaaniin guutu, lafti beekumsa Waaqayyootiin in guuta.

10Yommus hiddi Iseyi akka faajjiitti sabaaf in dhaabata; sabni lafa irraa isa in barbaaddata, iddoon inni boqotus ulfina-qabeessa in ta'a;

11yeroo sanatti gooftichi si'a lammaffaa harka isaa diriirsee saba isaa warra biyya Asoritti, biyya Gibxitti, biyya Faaxrositti, biyya Kuushitti, biyya Elaamitti, biyya Shiinaaritti, biyya Haamaatitti, biyya daarii galaanaattis hafan in fura.

12Inni saba lafa irraaf faajjii ol in kaasa, warra Israa'el keessaa ari'atamanii ba'anis walitti in qaba; warra Yihudaa keessaa faffaca'anis golee lafaa arfanuutii walitti in sassaaba.

13Yommus hinaaffaan Efreem in bada, diinonni Yihudaas in dhumu, Efreem Yihudaatti hin hinaafu, Yihudaanis Efreemin hin rakkisu.

14Isaan walii wajjin gara lixa-biiftuutti in fiigu, gatiittii Filiisxiyaa irrattis lafa in dha'u; warra gara ba'a-biiftuu jiranis walii wajjin in saamu; Edoomii fi Mo'aabin harkatti in galfatu, warri Amoonis isaaniif in abboomamu.

15Waaqayyo arraba galaana Gibxii raawwatee in gogsa, harka isaas Efraaxiis irratti ol kaase, qilleensaan isa rukutee iddoo torbatti gargar in hira; namnis kopheedhaan keessa adeemee akka ce'u in godha;

16akkuma yommuu Israa'el biyya Gibxii ba'e karaan tolfameef, akkasuma saba isaa warra Asoritti hafaniifis karaa guddaan in tolfama.

Ibsa

11:1-9 Masiihaan Ulee fi Damee jedhamee waamama. Jechoonni kun oomisha xinnoo, laafaa; miciree salphaatti muramu argisiisu. Inni hidda Isaa'ii keessaa ni ba'a; yeroo maatiin mootummaa cicciree lafaan wal qixxaa'eetti, irra deebi'ee ni baala. Maanatiin Daawit yeroo dhaloota Kiristoositti baay'ee gad bu'ee ture. Masiihaan akkasitti mootummaan Isaa kan addunyaa kanaa akka hin taane dursee beeksise.

Haa ta'u malee, Hafuurri Qulqulluun kennaawwan isaa fi ayyaanota isaa hunda isarra qubata, isa irrattis ni jiraata; akka Kolosaayis 1:19; 2:9 dubbatutti, guutummaan Waaqummaa isaa keessa ni jiraata. Baay'een namaa kennaawwan Hafuura Qulqulluu torba akka asitti caqasamaniitti ilaalu. Akkaataa dhiibbaa Hafuura Qulqulluu ilaalchisuun barsiisni asitti ifatti barsiifameera.

Masiihaan bulchiinsa isaa hunda keessatti qajeelaa fi haqaan guutuu ta'a. Dhaadannoon isaa hojii Hafuura isaa, jecha isaa wajjin wal simuun guutummaatti raawwatama. Bulchiinsa isaa jala nagaan guddaan fi tasgabbiin ni jiraata. Wangeelli uumama namaa jijjiira, namoota warra laafaa lafaa miidhan sun warra akka isaanii laafaa fi gaarii ta'anitti jijjiira.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6