Hoose'aa 12

GAZGAZAfaan Oromoo14 Keeyyattoota3:26 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:26 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1“Efreem qilleensaa wajjin in oola, guyyaa guutuus qilleensa gara ba'a-biiftuu duukaa in fiiga; soba, humnaan nama irratti ka'uus in baay'isa; biyya Asorii wajjin walii galee, biyya Gibxiittis dhadhaa ejersaa in geessa” jedhe.

2Waaqayyo gooftaan, warra Yihudaa wajjin dubbii qaba, adeemsa isaatiif Yaaqoobitti in ilaala, akka hojii isaattis isaaf in deebisa.

3Yaaqoob garaa haadha isaatii keessatti iyyuu booddeetti akka hin hafneef, koomee obboleessa isaa in qabate, yeroo nama ga'aa ta'es Waaqayyotti marmee gad dhiisuu dide.

4Ergamaa Waaqayyoo ofitti qabee gad dhiisuu dide, in danda'es; ergasii immoo boo'ee akka inni faara toluuf in kadhate; Waaqayyo Bet'elitti itti mul'ate, achittis isatti dubbate.

5Inni Waaqayyo gooftaa maccaa ti; Waaqayyo isa yaadatamuun ta'uufii dha.

6Ati immoo amma gocha Waaqayyo keetiin in deebita; egaa jaalalatti, wanta dhugaa ta'ettis qabamii jiraadhu! Yeroo hundumaas Waaqayyo kee abdiidhaan eeggadhu!

7Ati immoo naggaadee madaalii sobaa harkatti baatuu dha, nama gowwoomsuus in jaallatta.

8Kana irratti Efreem, “Ani dhuguma sooromeera, geessifadheeras; wanta ani argadhe hundumaa keessatti immoo yakki cubbuudhaaf natti muramu hin argamu” jedhe.

9Kanaaf Waaqayyo, “Ani Waaqayyo gooftaan kee biyya Gibxiitii kanan si baase, akkuma bara durii dhaabaan wal argaa turre sanatti, ammas deebisee godoowwan keessa sin jiraachisa.

10“Ani raajotatti dubbadheera, ani mul'ata baay'ee akka argan nan godhe; karaa isaaniis fakkeenyaan nan dubbadhe” jedhe.

11Hamminni mandara Giil'aad keessa jira, namoonni achitti argamanis kan waa'ee hin baafne in ta'u; Giilgalitti korommii aarsaadhaaf in dhi'eessu, iddoowwan aarsaa isaanii immoo akka tuullaa dhagaa isa bo'oo qotiisaa keessa tuulamee in ta'u.

12Yaaqoob biyya Aaramitti baqate, Israa'el haadha manaa argachuudhaaf namaaf hojjete, niitii fuudhuufis hoolota tikse.

13Waaqayyo garuu harka raajiitiin warra Israa'el biyya Gibxiitii ol baase; harka raajiitiin akka eegamanis in godhe.

14Efreem tuttuqee gooftaa isaa gar-malee waan aarseef, inni immoo yakki isaa inni du'aan ga'u isuma irratti akka hafu in godha, arrabsoo isaas mataa isaatti in deebisa.

Ibsa

12:1-6

Efraayim, yommuu Waaqayyoo wajjin diinummaa qabu, gargaarsa namaarraa argamuun abdii sobaan of sooraa ture. Yihuudonni immoo, kennaa midhaan biyya isaanii kenneen warra Gibxii ofitti qabuuf abdii sobaan yaadan. Yihudaanis akkasuma falmicha keessa galeera. Waaqayyo cubbuu saba Isaa ni arga, akkasumas isaanitti ni murteessa. Waan Yaaqoob hojjete, akkasumas Waaqayyo isaaf waan godhe yaddachiifamu. Yommuu amantiin isaa, abdii Waaqayyoo irratti ture, sodaa isaa hunda injifate, sana booda humna isaatiin Waaqayyoo wajjin dandeettii qabaate. Inni Yihowaa dha, isa ture, isa jiru, fi isa dhufu. Waan nama tokkoof mul'ata Waaqayyoo ture, warra baay'eef, dhaloota hundumaaf immoo yaadannoo Isaa ti. Ergasiis warri Waaqayyoo irraa fagaatan gara Isaatti haa deebi'an.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ኤፍሬም ነፋስን ይበላል፥ የምሥራቅንም ነፋስ ይከተላል፤ ሁልጊዜም ሐሰትንና ተንኰልን ያበዛል፤ ከአሦር ጋር ቃል ኪዳን ያደርጋሉ፥ ወደ ግብፅም ዘይት ይወስዳሉ። አማርኛ ENGNIV Ephraim feeds on the wind; he pursues the east wind all day and multiplies lies and violence. He makes a treaty with As… English BCV ኤፍሬም ንፋስ ይምገብ፤ ደድሕሪ ንፋስ ምብራቕ ከዓ ይስዕብ። ኵሉ መዓልቲ ሓሰትን ዓመፅን የብዝሕ። ምስ ኣሶር ቃል ኪዳን ይኣትዉ፤ ናብ ግብፂ ድማ ዘይቲ ይወስዱ። ትግርኛ GAZBIB “Efreem qilleensaa wajjin in oola, guyyaa guutuus qilleensa gara ba'a-biiftuu duukaa in fiiga; soba, humnaan nama irrat… Afaan Oromoo BCV GIZ ኤፍሬምሰ ጋኔን እኩይ ዘይዴግን ክብረ ወኵሎ ኩንቶ ወሐሰተ አብዝኅ፤ ወተካየደ ኪዳነ ምስለ ፋርስ ወየሐውር ግብፀ ከመ ይምህርዎ። giz BCV aksum ኤፍሬም ንፋስ ይምገብ፤ ደድሕሪ ንፋስ ምብራቕ ከዓ ይስዕብ። ኵሉ መዓልቲ ሓሰትን ዓመፅን የብዝሕ። ምስ ኣሶር ቃል ኪዳን ይኣትዉ፤ ናብ ግብፂ ድማ ዘይቲ ይወስዱ። ትግርኛ AMHNIV ኤፍሬም የነፋስ እረኛ ነው፤ ቀኑን ሙሉ የምሥራቅን ነፋስ ይከተላል፤ ሐሰትንና ዐመፅን ያበዛል። ከአሦር ጋር ቃል ኪዳን ያደርጋል፤ የወይራ ዘይትንም ወደ ግብፅ ይልካል። አማርኛ SWAHSUV Efraimu hujilisha upepo, na kuandamana na upepo wa mashariki; haachi kuongeza uongo na uharibifu; nao wafanya agano na … Kiswahili