Hoose'aa 11

GAZBIBAfaan Oromoo12 Keeyyattoota2:28 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 2:28 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1“Israa'el ijoollee yeroo turetti ani isa nan jaalladhe, biyya Gibxii keessaas ilma koo nan waame.

2Hammuma ani isaan waame immoo isaan caalchisanii ana irraa in fagaatan; isaan Ba'aaliif aarsaa dhi'eessuu, bifa fakkeenyaafis ixaana aarsuu ittuma in fufan.

3“Ani illee sanyii Efreem daaddisuu nan barsiise, kaasuuttis ol isaan nan fuudhe, isaan garuu kan isaan fayyisu ana akka ta'e hin beekne.

4Ani lookoo gara-laafinaatiin hidhaa jaalalaatiin isaan nan harkise; akka isa waanjoo boquu isaanii irraa itti laafisees isaaniif nan ta'e, gara isaaniittis gad jedhee isaan nan nyaachise.

5“Isaan gara kootti deebi'uu waan didaniif, gara biyya Gibxiitti deebi'uuf jiru, warri Asoris isaan irratti in mo'u.

6Billaan mandaroota isaanii keessatti gad isaan in cira, danqaraa karra dallaa isaaniis in kukkuta, namoota isaanii warra koratanis in fixa.

7“Sabni koo ana irraa gara galuutti liqimfamanii jiru, yoo ol isaan waamanis, isaan takkaa iyyuu ol hin ka'an.

8“Yaa Efreem, attamittan kan biraatti si kennuu danda'a ree” Yaa Israa'el, ani attamitti garaa kutadhee si dhiisu ree” Ani attamittan akka mandara Aadimaa dabarsee si kennuu danda'a ree” Yookiis attamittan akka mandara Zebo'iim si gochuu danda'a ree” Kana gochuuf garaan koo hin dandeenye, oo'i koos ittuma caale.

9Ani dheekkamsa koo isa boba'aa gad hin dhiisu, deebi'ee Efreemin hin balleessu; ani Waaqayyoo dha malee, nama miti; ani isa qulqulluu si gidduu jiruu dha, ani ija aariitiin hin dhufu.

10“Isaan ana Waaqayyo duukaa in bu'u, ani sagalee koo isa akka leencaa aadu nan dhageessisa, eyyee, ani sagalee koo nan dhageessisa! Ilmaan koos hollataa gara lixa biiftuutii in dhufu,

11wareeranii akka simbirrootaatti biyya Gibxiitii, akka gugeettis biyya Asorii in dhufu, ani immoo mana isaaniitti isaan nan deebisa; kana ana Waaqayyotu dubbate.

12“Efreem sobaan, manni Israa'elis gowwoomsaadhaan na marsaniiru; Yihudaan immoo ana Waaqayyo irratti ka'ee asii fi achi in naanna'a, warra ofii qulqulluutti lakkaa'ateef immoo amanamaa dha.

Ibsa

11:1-7

Yeroo Israa'el akka daa'imman laafaa fi gargaarsa barbaadan, akkasumas akka daa'imman wallaaloo fi jabeeyyii turanitti, Waaqayyo isaan jaallate; inni akka haati hoosiftuun daa'ima hoosistu isaan baate, isaan soore, akkasumas amala isaanii isa hin taaneef obse. Warri gurguddatan hundi gaarummaa Waaqayyoo yeroo ijoollummaa isaaniitti isaanitti argisiise yeroo baay'ee yaaduu qabu. Inni isaan eegumsa godheef, isaaniif rakkate/dhama'e, akka abbaa yookiin barsiisaa qofa osoo hin taane, akka haadhaa yookiin haadha hoosiftuuttis. Yeroo lafa onaa keessa turanitti, Waaqayyo daandii isaan irra deeman isaanitti argisiise, harka isaanii qabee isaan deegare. Karaa ajajawwan isaa, seera sirnaa kan Museen kennameen isaan barsiise. Harka isaanii qabee, akka isaan hin jallanneef isaan qajeelchuu fi akkasumas akka isaan hin gufannee fi hin kufneef isaan deegaruuf. Israa'el Waaqayyoo inni hafuuraa hundinuu haala kanaan deegaramaa jiru. Lubbuu hiyyeessaa gara ofii isaatti harkisuun hojii Waaqayyooti; inni yoo isaan hin harkifne, eenyu iyyuu gara isaatti dhufuu hin danda'u. Funyoo jaalalaa qabaatee; jechi kun funyoo sana duraa irra kan jabaatu ibsa. Inni ba'aa isaan yeroo dheeraaf jalatti dhiphatanii turan irraa isaan boqochiise.

Israa'el Waaqayyoof baay'ee galata dhabde.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6