Galaatiyaa 1

GAZBIBAfaan Oromoo24 Keeyyattoota4:25 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:25 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Ani Phaawulos, namoota biraa yookiis karaa nama tokkoo utuu hin ta'in, Yesus Kristosiin, Waaqayyo abbaa isa Kristosin du'aa kaaseen ergamee,

2nagaa koo, nagaa obboloota anaa wajjin jiran hundumaas waldoota kristiyaanaa kutaa biyya Galaatiyaatiif nan dhi'eessa.

3Waaqayyo abbaan keenya, gooftaan keenya Yesus Kristosis ayyaana, nagaas isiniif haa kennu!

4Kristos akka fedha Waaqayyoo abbaa keenyaatti bara hamaa isa si'anaa kana keessaa nu baasuudhaaf jedhee, sababii cubbuu keenyaaf dabarsee of kenne.

5Baraa hamma bara baraatti Waaqayyoof hooqubaan haa ta'u! Ameen.

6Isa karaa ayyaana Kristos isin waame irraa garagaltanii, akkas ariifattanii gara wangeela kan biraatti goruu keessaniif nan dinqifadha.

7Wangeelli biraa illee hin jiru; garuu namoonni isin wallaalchisanii, wangeela Kristos garagalchuudhaaf barbaadan tokko jiru.

8Haa ta'u iyyuu malee, ani yookiis ergamaan waaqa irraa tokko, wangeela isa nuyi kanaan dura isinitti himnettii kan gargar ba'e yoo isinitti hime, abaaramaa haa ta'u!

9Akkuma ani kanaan dura dubbadhe, ammas immoo keessa deebi'ee nan dubbadha; eenyu illee wangeela isa isin fudhattanittii kan gargar ba'e yoo isinitti hime, abaaramaa haa ta'u!

10Ani amma namoota moo yookiis Waaqayyoon tole jechisiisuudhaafan dubbadha ree? Yookiis namoota gammachiisuu nan barbaadaa ree? Amma iyyuu utuun namoota gammachiisee, hojjetaa Kristos hin ta'un ture.

11Ammas yaa obboloota ko! Wangeelli inni ani lallabe, waan namni of keessaa fuudhee dubbate akka hin ta'in, isinittan hima.

12Yesus Kristos anatti mul'achuu isaatiin wangeelicha nan argadhe malee, ani namattii isa hin fudhanne, namnis ana hin barsiifne.

13Amantii warra Yihudootaatti qabamee yommuun jiraachaa ture, gar-malee waldaa Waaqayyoo ari'achaa, balleessuudhaafis dhama'aa akkan ture dhageessaniittu.

14Yihudoota akka kootii warra akka amantii warra Yihudootaatti jiran keessaa hiriyoota koo nan caalan ture; seera muka abbaa keenyaatiifis caalchisee nan hinaafan ture.

15Waaqayyo garaa haadha kootii jalqabee na fo'achuutti ayyaana isaatiinis na waamuutti gammade.

16Yeroo ofii jaallatettis warra saba isaa hin ta'in gidduutti isuma wangeela godhee akkan lallabuuf, ilma isaa kana yommuu anatti mul'ise, ani duraan dursee mareedhaaf gara nama foon uffatee hin dhaqne;

17gara warra na dura ergamoota ta'aniittis Yerusaalemitti ol hin baane, garuu biyya Arabaa dhaqee Damaasqootti nan deebi'e.

18Ergasii waggaa sadii turee, Phexrosii wajjin wal baruudhaaf Yerusaalemitti ol ba'een, guyyaa kudha shan isa bira ture.

19Yaaqoobin obboleessa gooftaa irraa kan hafe, ergamoota warra kaan keessaa tokko iyyuu hin argine.

20Kunoo, waan ani isiniif caafu keessatti hin sobu, dhugaa Waaqayyoo ti!

21Ergasiin gara kutaa biyya Sooriyaa fi Qiliiqiyaa dhaqe.

22Waldoonni kristiyaanaa biyya Yihudaa fuula koo hin beekan turan.

23Garuu isa warri kaan, ?Namichi inni takka nu ari'achaa ture, amantiidhuma isa dur balleessuudhaaf dhama'aa ture sana lallabaa jira? jedhan duwwaa dhaga'an.

24Isaanis sababii kootiif Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessaniiru.

Ibsa

1:1-5

Phaawulos Qulqulluun ergamaa Yesuus Kiristoos ture; Inni karaa Yesuus Kiristoos ifatti muudame, kanaafis Abbaa Waaqayyoon, kan karaa amala Waaqummaa Isaa Kiristoosii wajjin tokko ta'eefi Kiristoosin Gidduu-dhaabaa godhee muudeen, muudame. Ayyaanni, fedha gaarii Waaqayyoo gara keenya qabu, akkasumas hojii Isaa gaarii nu keessatti hojjetu of keessatti qabata; nageenyi immoo, nageenya garaa keenyaa hundaa yookiin badhaadhina alaa nuuf dhuguma barbaachisu hundaa qabata. Isaan Abbaa Waaqayyoo, akka Maddaatti, irraa dhufu, karaa Yesuus Kiristoos. Haa ta'u malee, ilaali, dura ayyaana, sana booda nageenya; ayyaana malee nageenyi dhugaan jiraachuu hin danda'u. Kiristoos cubbuu keenyaaf of Isaa kenne, nuuf araara buusuuf; kun haqa Waaqayyoo gaafate, innis fedhii Isaa guutuudhaan kanaaf bitame. Asitti guddaan daangaa hin qabne kan gatii kaffalamee ilaalamuu qaba, sana booda ifatti ni mul'ata, humna cubbuu akkasitti guddaa waan ta'eef, Ilma Waaqayyoo isaaf kennamuu malee, cubbuun homa tokkoonillee balleeffamuu akka hin dandeenye. Namni kana sirriitti yaadu, cubbuun wanta hamaa jechamuu danda'u keessaa isa hundarra hammaa ta'uu isaa ni hubata; kunis nu qaanessuu fi dhuguma nu sodaachisuu qaba. Keessumaa jechoota 'cubbuu keenyaaf' jedhan kana sirriitti ilaali. Kun sababa uumamni keenya dadhabaan asitti duubatti deebi'uuf, innis jalqaba hojii isaa kanaan akka waan ga'umsa qabu godhamuu barbaada. Inni nama fayyaa qabu fidee dhufa, kan ogeessa fayyaa barbaadu osoo hin taane. Nu dheekkamsa Waaqayyoo fi abaarsa seeraa irraa furuuf qofa utuu hin taane; garuu immoo hojiiwwan hamaa fi duudhaa hamaa, kan nuti uumamaan garba taanee jirruuf, irraa nu deebisuufis dhufe. Haa ta'u malee, warri addunyaa hamaa ammaa kana irraa karaa qulqullina Hafuura Qulqulluu hin furamneef, dhiiga Yesuusin firdii isaa irraa bilisa ba'uu isaanii eeguun faayidaa hin qabu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በኢየሱስ ክርስቶስ ከሙታንም ባነሣው በእግዚአብሔር አብ ሐዋርያ የሆነ እንጂ ከሰዎች ወይም በሰው ያልሆነ ጳውሎስ ከእኔም ጋር ያሉት ወንድሞች ሁሉ፥ ወደ ገላትያ አብያተ ክርስቲያናት፤ አማርኛ ENGNIV Paul, an apostle–sent not from men nor by man, but by Jesus Christ and God the Father, who raised him from the dead– English BCV ካብቲ፥ ካብ ሰብ ወይ ብሰብ ዘይኮነስ፥ ብኢየሱስ ክርስቶስን፥ በቲ ኻብ ሙታን ዘተስኦ እግዚኣብሄር ኣብን፥ ሃዋርያ ክኸውን ዝተሓረየ ጳውሎስን፥ ትግርኛ BCV GIZ እምጳውሎስ ሐዋርያ ዘኢኮነ በእንተ ሰብእ ወኢኮነ እምኀበ ሰብእ፤ ዘእንበለ በእግዚእነ ኢየሱስ ክርስቶስ፤ ወእግዚአብሔር አብ ዘአንሥኦ እሙታን። giz GAZGAZ Ani Phaawulos, namoota biraa yookiis karaa nama tokkoo utuu hin ta'in, Yesus Kristosiin, Waaqayyo abbaa isa Kristosin d… Afaan Oromoo BCV aksum ካብቲ፥ ካብ ሰብ ወይ ብሰብ ዘይኮነስ፥ ብኢየሱስ ክርስቶስን፥ በቲ ኻብ ሙታን ዘተስኦ እግዚኣብሄር ኣብን፥ ሃዋርያ ክኸውን ዝተሓረየ ጳውሎስን፥ ትግርኛ AMHNIV ከሰዎች ወይም በሰው ከተላከው ሳይሆን፣ በኢየሱስ ክርስቶስና ከሙታን ባስነሣው በእግዚአብሔር አብ ሐዋርያ ከሆነው ከጳውሎስ፤ አማርኛ SWAHSUV Paulo, mtume, (si mtume wa wanadamu, wala kutumwa na mwanadamu, bali na Yesu Kristo, na Mungu Baba aliyemfufua kutoka k… Kiswahili