Ba'uu 37

GAZBIBAfaan Oromoo29 Keeyyattoota6:10 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 6:10 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yommus Bazaali'el muka laaftoo irraa sanduuqa kakuu dheerinni isaa dhundhuma lamaa fi walakkaa, bal'inni isaa dhundhuma tokkoo fi walakkaa, irraan-oleen isaa dhundhuma tokkoo fi walakkaa ta'u in tolche.

2Keessa isaa fi duuba isaatti warqee qullaa'aa uffisee, qaalaa isaattis naannessee warqee in kaa'e.

3Amartii warqee afur tolchee, miillan isaa arfanitti lama gar-tokkoon, lama immoo gara kaaniin in baqse.

4Muka laaftoo irraa danqaraa tolchee, warqee itti uffise.

5Danqaraa sana sanduuqicha kakuu ittiin baachuudhaaf amartoota bukkee garanaa fi garasiin jiran keessa loose.

6Warqee qullaa'aa irraa teessoo araaraa dheerinni isaa dhundhuma lamaa fi walakkaa, bal'inni isaa dhundhuma tokkoo fi walakkaa tolche.

7Inni Kiruubel lama warqee tumame irraa tolchee, fiixee teessoo araaraa gar lamaanitti kaa'e.

8Kiruub isa tokko fiixee gar-tokkoo irratti, Kiruub isa kaan immoo fiixee gara kaanii irratti akkasitti Kiruubel lamaan teessoo araaraa irratti garanaa fi garasiin in tolche.

9Kiruubel qoochoowwan isaanii teessoo araaraa gubbaatti bal'isanii in golbooban, fuula isaaniis walitti gara galchanii gara teessoo araaraa in ilaalu turan.

10Inni muka laaftoo irraa gabatee dheerinni isaa dhundhuma lama, bal'inni isaa dhundhuma tokko, irraan-oleen isaa dhundhuma tokkoo fi walakkaa ta'u in tolche.

11Warqee qullaa'aa itti uffisee, naannoo isaattis warqee mare.

12Xiyyoo hamma bal'ina harkaa ga'u hidhii isaatti naannessee tolchee isattis naannessee warqee mare.

13Gabatichaaf amartii warqee afur tolchee, iddoo miillan isaa arfan jiran golee arfanuutti kaa'e.

14Amartoonni sun danqaraa ittiin gabaticha baataniif akka ta'utti hidhii isaatti kaa'aman.

15Danqaraa muka laaftoo irraa tolchee, gabatichi akka ittiin baatamuuf warqee itti uffise.

16Mi'a gabaticha irra kaa'amu harkee, waciitii, xoofoo, cuggee ittiin kennaa dhugaatii dhi'eessanis warqee qullaa'aa irraa in tolche.

17Bazaali'el warqee qullaa'aa irraa baattuu ibsaa in tolche; baattuun ibsichaa warqee tumame irraa hojjetame; miillan isaa, somaan isaa, qolli isaa, xoofoon isaa fi daraaraan isaa isuma irraa itti hojjetame.

18Cinaacha isaa lamaanitti damee ja'a, dameen ibsaa sadii gar-tokkotti, dameen ibsaa sadii immoo gara kaanitti baafaman.

19Damee tokko irratti qolli daraaraa lawuzii fakkaatu sadii xoofoodhaa fi daraaraa wajjin, damee isa kaan irrattis qolli daraaraa lawuzii fakkaatu sadii xoofoodhaa fi daraaraa wajjin, akkasuma damee ja'an baattuu ibsaa irratti baafaman sana irratti hojjetaman.

20Qolli daraaraa lawuzii fakkaatu afur xoofoo isaa fi daraaraa isaa wajjin baattuu ibsaa sana irra jiru.

21Damee baattuu ibsaa sana keessaa ba'an damee lama lama gidduutti xoofoo tokko tokko, damee isaa ja'anitti immoo xoofoo lama lama tolche.

22Xoofoon isaa fi dameen isaa battee warqee qullaa'aa tumame tokko irraa tolfame.

23Inni ibsaa torba, waan ittiin fo'aa ibsaa kutan, baattuu isaas warqee qullaa'aa irraa in hojjete.

24Baattuu ibsaa sanaa fi mi'a isaa hundumaa warqee qullaa'aa akka kiilo graamii soddomii shanii ulfaatuun hojjete.

25Yommus inni muka laaftoo irraa iddoo aarsaa isa ixaanni irratti aarfamu, dheerinni isaa dhundhuma tokko, bal'inni isaa dhundhuma tokko, gara arfanuun wal qixxee, irraan-oleen isaa dhundhuma lama ta'u tolche; gaanfonni isaas isuma irraa itti in baafaman.

26Inni naannoo hundumaatti, irra keessa isaatti, bukkee isaatti, gaanfa isaattis warqee qullaa'aa uffise; naannoo isaattis warqee in hojjete.

27Danqaraa keessa loosanii ittiin baachuudhaaf, amartii warqee lama sabbata isaa sana jalatti karaa lachuu andaara isaa lamaanitti tolche.

28Danqaraa sana muka laaftoo irraa tolchee, warqee itti uffise.

29Akka warri urgooftuu gaarii qopheessan hojjetanitti, urgooftuu dibataa isa qulqullaa'aa in tolche.

Ibsa

37:1-29 Sanduuqa kakuu hojjechuunii fi meeshaaleen dunkaana qulqullummaa.

Meeshaalee dunkaana qulqullummaa keessatti mallattoowwan tajaajila hafuuraa fi fudhatamaa turan. Iibsi urgaa'aan kadhannaa qulqullootaa bakka bu'e. Aarsaan iddoo aarsaa irra jiru Hoola Waaqayyoo, inni cubbuu addunyaa kan fudhatu, bakka bu'e. Okokan warqii maannaa yookiin buddeenni samii irraa dhufe, foon Gooftaa Yesuus Kiristoos isa inni jireenya addunyaaf kenne dha. Masaraa-ibsaa ibsaa isaa wajjin, barsiisaa fi ifa Hafuura Qulqulluu dha. Buddeenni fuduraa qophii warra qajeelummaaf beela'anii fi dheebotan, isa Wangeelli, dhaabbiiwwan fi sirnoonni qulqullummaa mana kadhannaa guutummaatti kennan, bakka bu'e. Hojjettoonni qajeelfama isaanii eeguun sirrummaa hojjetanii turan, nutis kana hordofuu qabna; geggeessummaa Hafuura Qulqulluu barbaachaadhaan, akka nuti addunyaa kana keessa utuu jirruu Waaqayyoon gammannuuf, ulfina isaaf kenninuuf, fi dhuma irratti bara baraan isaa wajjin taanuuf.

Boqonnaa 37

Bezaaleelii fi hojjettoonni isaa ammas hojiitti jiru, kanneen hojjetan:

I. Sanduuqa kakuu teessoo araaraa fi kiruubeloota waliin (Lakk. 1-9).

II. Minjaala meeshaalee isaa waliin (Lakk. 10–16).

III. Ifaa dhaabii meeshaalee isaa waliin (Lakk. 17–24).

IV. Iddoo aarsaa warqee ixaanaaf (Lakk. 25–28).

V. Zayitii qulqulluu fi ixaana (Lakk. 29). Qajeelfamni addaa waa’ee isaan kanaa boqonnaa 25ffaa fi 30ffaa keessatti duraan argineerra.

Lakk. 1-9

I. Museen, qajeelfama waa’ee wantoota kana hundumaa hojjechuuf tulluu irratti kennameef guutummaatti erga galmeessee booda, asitti hojjetamuu isaanii akkasuma bal’inaan galmeessuun isaa nama dinqisiisuu danda’a; yoo inni jechoota muraasaan, wantoonni kun hundinuu qajeelfama duraan dubbatame hordofuun sirriitti hojjetaman jedhee dubbatee ga’aa ta’uu danda’a ture. Museen yeroo hafuura Waaqayyootiin barreesse, deebii hin barbaachifne akka hin fayyadamne ni beekna; Caaffata Qulqullaa’oo keessa jechi hojii dhabeessa hin jiru. Kanaafuu, seenaa kanaaf boqonnaawwan baay’een kan fudhataman maaliif? Nuti akka hin barbaachifne fi nama nuffisiisuutti yaaduuf qoramna. Garuu, yaada keessa galchuu qabna:

1. Museen duraan dursee saba Israa’eliif barreesse, isaanis waa’ee qabeenya Waaqayyoof qulqulluu kanaa, kan itti amanaman, yeroo baay’ee dubbisuu fi dhaga’uun faayidaa guddaa qaba ture. Miidhagina adda addaa kan dunkaana qulqullummaa ittiin miidhagfame kana isaan ilaaluuf hin hayyamamne, luboonni qofti malee, kanaafuu, isaanitti bal’inaan ibsamuun barbaachisaa ture. Wanti isaan irra deebi’anii dubbisuu qaban (akka hin daganneef) irra deddeebi’amee barreeffameera: akkasumas, kutaan seenaa Kiristoos baay’een Kakuu Haaraa keessatti lallabdoota lama yookiin sadii, tokko tokko immoo afuriin sababa walfakkaatuuf dubbatameera. Wantoota gurguddoo seeraa fi wangeela Waaqayyoo irra deddeebiin nutti himamuu qabu. Waa’ee kanaa barreessuun (Phaawuloos Qulqulluun akkas jedha) anaaf ulfaataa miti, isiniif garuu nagaadha, Fil. 3:1.

2. Museen akkasitti of eeggannoo guddaa inni fi hojjettoonni isaa wanta hundumaa akka fakkeenya tulluu irratti isaaf argisiifameetti sirriitti hojjechuuf godhan agarsiisa. Duraan kan jalqabaa nuuf kenneera, asitti immoo kan irraa garagalchame nuuf kenna, akka isaan wal bira qabnee ilaallu, akkamitti sirriitti walii galanis akka hubannu. Akkasitti inni nama isa muudeef amanamummaa isaa, mana isaa hundumaa keessatti, fi bal’ina isaa hundumaa keessatti, dubbisaa hundumaatti ni iyyata, Ibr. 3:5. Akkasumas, ajajawwan Waaqayyoo hundumaaf, hanga qubee xiqqaa fi tuqaa isaaniitti illee, kabaja akka qabaannu nu barsiisa.

3.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ባስልኤልም ከግራር እንጨት ታቦቱን ሠራ፤ ርዝመቱም ሁለት ክንድ ተኩል፥ ወርዱም አንድ ክንድ ተኩል፥ ቁመቱም አንድ ክንድ ተኩል ነበረ። አማርኛ ENGNIV Bezalel made the ark of acacia wood–two and a half cubits long, a cubit and a half wide, and a cubit and a half high. English BCV ባስልኤል ድማ ብዕንፀይቲ ሰራው ገይሩ ታቦት ሰርሐ፤ ንውሓቱ ኽልተ እመትን ፈረቓን፥ ስፍሓቱ ኸዓ እመትን ፈረቓን፥ ምብራኹውን እመትን ፈረቓን ነበረ። ትግርኛ BCV GIZ ወገብረ ቤሴሌእል ታቦተ እምዕፅ ዘኢይነቅዝ ዘካዕበ እመት ወመንፈቀ እመት ኑኃ፡ እመት ወመንፈቀ እመት ራኅባ፡ እመት ወመንፈቀ እመት ቆማ። giz GAZGAZ Yommus Bazaali'el muka laaftoo irraa sanduuqa kakuu dheerinni isaa dhundhuma lamaa fi walakkaa, bal'inni isaa dhundhuma… Afaan Oromoo BCV aksum ባስልኤል ድማ ብዕንፀይቲ ሰራው ገይሩ ታቦት ሰርሐ፤ ንውሓቱ ኽልተ እመትን ፈረቓን፥ ስፍሓቱ ኸዓ እመትን ፈረቓን፥ ምብራኹውን እመትን ፈረቓን ነበረ። ትግርኛ AMHNIV ባስልኤል ርዝመቱ ሁለት ክንድ ተኩል፣ ወርዱ አንድ ክንድ ተኩል፣ ከፍታው አንድ ክንድ ተኩል የሆነ ታቦት ከግራር ዕንጨት ሠራ። አማርኛ SWAHSUV Kisha Bezaleli akalifanya lile sanduku la mti wa mshita, urefu wake ulikuwa dhiraa mbili na nusu, na upana wake ulikuwa… Kiswahili