Lallaba 9

GAZGAZAfaan Oromoo18 Keeyyattoota4:41 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:41 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Ani wanta kana hundumaa garaatti qabadheera, qoreeras; namoonni qajeelonnii fi ogeeyyiin hojii isaanii wajjin harka Waaqayyoo keessa jiru; wanti isaan eeggatu jaalala ta'ee fi jibba ta'ee isaa namni beekuu hin danda'u.

2Nama hundumaatti isa qajeelaa fi isa jal'aatti, isa gaarii fi isa gadheetti, isa qullaa'aa fi isa qullaa'aa hin ta'initti, isa gaarii fi isa cubbamaatti, isa kakuudhaan dubbii isaa jabeessuu fi isa kakachuu sodaatutti wanta tokkichatu dhufa.

3Wanta aduu jalatti hojjetamu hundumaa keessaa inni hamaan isa namoonni hundinuu dhuma tokkicha argatanii dha; kanuma irratti iyyuu garaan ilmaan namootaa hamminaan guutuu dha, bara jiraatan hundumaattis maraatummaan garaa isaanii keessa jira; kana booddee immoo in du'u.

4Garuu warra jiraatan gidduu kan jiraatu abdii qaba; leenca du'e irra saree jiru wayya.

5Warri jiran akka du'an beeku, warri du'an garuu waan tokko iyyuu hin beekan, gatii dadhabbii isaaniis deebi'anii hin argatan, seenaan isaaniis hin yaadatamu;

6jaalalli isaanii fi jibbi isaanii, hinaaffaan isaaniis egaa badeera; wanta aduu jalatti hojjetamu hundumaattiis si'achi qooda tokko illee hin qaban.

7Waaqayyo amma hojii kee faara tolaadhaan waan ilaaluuf, egaa ati dhaqii buddeena kee gammachuudhaan nyaadhu, daadhii waynii kees garaa qulqulluudhaan dhugi!

8Yeroo hundaas uffata adii uffadhu, mataa kees dhadhaa ejersaa dibadhu!

9Bara jireenya kee isa waa'ee hin baafne hundumaa kana keessatti haadha manaa kee ishee jaallattuu wajjin jireenyatti gammadi! Aduu jalatti isa kanatti akka jiraattuuf Waaqayyotu siif kenne; bara jireenya kee isa waa'ee hin baafne hundumaatti wanta ati aduu jalatti itti dadhabdee hojjetteef qoodni kee isa kana.

10Wanta harki kee hojjechuu beeku hundumaa humna kee guutuudhaan hojjedhu! Iddoo lafa jalaa lafa dhaquuf jirtu sana, hojjechuun, itti yaadanii waa qopheessuun, beekumsi, ogummaanis hin jiru.

11Ammas aduu jalatti waan tokko nan arge; innis isa fiiganii nama dura darbuu dadhaban, lolanii mo'uu dadhaban, ogeessa ta'anii buddeena dhaban, afchaala ta'anii sooromuu dadhaban, waa hojjechuu utuma beekanii jajamuu dadhabanii dha; isaan kana hundumaattis yeroon tokkichii fi wanti tokkichi in dhufa.

12Namni yeroo kamitti maal akka itti dhufu beeku hin jiru; akka qurxummoonni kiyyootti galanii qabamanitti, akka simbirroonni jigoo jala lixanii qabamanittis, akkasuma ilmaan namootaa yeroo hamaa isa dingata isaan irratti lafa dha'uun in qabamu.

13Ammas ani aduu jalatti wanta ogummaa guddaa anatti fakkaatu tokko nan arge;

14innis, mandarri xinnoon namoonni muraasi keessa jiraatan tokko turte; mootii guddaan tokko dhufee lola itti kaasee ishee marsee, wanta ittiin masaraa ishee yaabanis guddisee naannessee itti in ijaare.

15Namni hiyyeessi achi keessa jiraatu tokko immoo ogummaa isaatiin mandarattii badiisa in oolcha ture, garuu namichi hiyyeessi kun achi akka jiru namni tokko illee hin yaadanne;

16kanaafan,“Ogummaan jabina irra in caalti” jedhe; haa ta'u iyyuu malee, namichi kun hiyyeessa waan ta'eef, ogummaan isaa in tuffatame, dubbii isaas namni dhaga'u hin turre.

17Isa namni biyya mo'u gowwoota gidduu dhaabatee iyyu dhaggeeffachuu mannaa, dubbii ogeessotaa gabiitti dhaggeeffachuu wayya;

18ogummaan mi'a waraanaa irra caalti, garuu namni cubbamaan tokkichi wanta gaggaarii baay'ee in balleessa.

Ibsa

9:1-3 Qorannoon keenya dubbii Waaqayyoo yookiin hojiiwwan Isaa keessa galuun faayidaa hin qabne jennee yaaduun sirrii miti, sababii rakkowwan hundumaa ibsuu hin dandeenyeef. Wantoota nuuf gaarii ta'an, warra kaaniifis fayyadan baay'ee barachuu dandeenya. Garuu namni yeroo hundumaa eenyu akka jaalala addaa Waaqayyoo argatu, yookiin dallansaa Isaa jalatti akka jiru murteessuu hin danda'u; Waaqayyo immoo addunyaa dhufu keessatti dhugumaan addummaa kan qabeessaa fi kan salphinaa gidduutti ni godha. Gammachuu yeroo ammaa jiru ilaalchisee addummaan mul'atu, deggersa keessoo fi jajjabina qajeeloon argatan irraa, akkasumas faayidaa qorumsoota adda addaa fi arjummaa Waaqayyoo irraa argatan irraa kan madde dha. Hanga ilmaan namootaa mataa isaaniitti dhiifamanitti, garaa isaanii hamaadhaan guutuu dha; badhaadhina cubbuu keessaa immoo hammina ija jabaa qabuun Waaqayyoonillee akka morman isaan taasisa. Haa ta'u malee, gama du'aa kanaan qajeeloonii fi hamoon yeroo baay'ee wal fakkaatanii jiraatan fakkaatanillee, gama biraatti garuu addummaan guddaan gidduu isaanii jiraata.

9:4-10

Haalli nama lubbuu qabu isa xuraa'aa/jibbamaa, kan nama kabajamaa garuu kan qalbii hin jijjiirranne du'e caala. Solomoon warra ogeeyyii fi amantoota Waaqayyotti amanannaa gammachuu qabu, haalli jireenya isaanii maaluma iyyuu yoo ta'e akka qabaatan gorsa.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ጻድቃንና ጠቢባን ሥራዎቻቸውም በእግዚአብሔር እጅ እንደ ሆኑ፥ ይህን ሁሉ እመረምር ዘንድ በልቤ አኖርሁ፤ ፍቅር ወይም ጥል ቢሆን ሰው አያውቅም ሁሉ ወደ ፊታቸው ነው። አማርኛ ENGNIV So I reflected on all this and concluded that the righteous and the wise and what they do are in God's hands, but no ma… English BCV ብዛዕባ እዙይ ኣፀቢቐ ሓሰብኩ። ፃድቃንን ጥበበኛታትን፥ ኵሉ ዝሰርሕዎን፥ ኣብ ኢድ እግዚኣብሄር ከም ዝኾነ፥ ነዝ ዅሉ ኽምርምር ብልበይ ሓሰብኩ፤ ፍቕሪ ወይ ፅልኢ ይኹን ሰብ ኣይፈልጥን፤ ኵሉ… ትግርኛ GAZBIB Ani wanta kana hundumaa garaatti qabadheera, qoreeras; namoonni qajeelonnii fi ogeeyyiin hojii isaanii wajjin harka Waa… Afaan Oromoo BCV GIZ ከመ ጻድቃን ወጠበብት ወምግባሮሙ ውስተ እደ እግዚአብሔር ፍቅረ ወጸልአ አልቦ ዘያአምር ሰብእ ኵሉ ቅድመ ገጾሙ። giz BCV aksum ብዛዕባ እዙይ ኣፀቢቐ ሓሰብኩ። ፃድቃንን ጥበበኛታትን፥ ኵሉ ዝሰርሕዎን፥ ኣብ ኢድ እግዚኣብሄር ከም ዝኾነ፥ ነዝ ዅሉ ኽምርምር ብልበይ ሓሰብኩ፤ ፍቕሪ ወይ ፅልኢ ይኹን ሰብ ኣይፈልጥን፤ ኵሉ… ትግርኛ AMHNIV ስለዚህ ይህን ሁሉ በልቤ አስቤ እንዲህ አልሁ፤ ጻድቃንና ጠቢባን የሚሠሩትም ሥራ በእግዚአብሔር እጅ ነው፤ ነገር ግን ፍቅር ይሁን ወይም ጥላቻ የሚጠብቀውን ማንም አያውቅም። አማርኛ SWAHSUV Na kwa ajili ya hayo yote, nikatia moyo wangu katika kuyatafutatafuta haya; ya kuwa wenye haki, na wenye hekima, pamoja… Kiswahili