Keessa Deebii 4

GAZBIBAfaan Oromoo49 Keeyyattoota11:13 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 11:13 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Museen itti fufee saba sanaan,“Ammas isin yaa saba Israa'el, akka jiraattaniif, biyya Waaqayyo gooftaan inni kan abboota keessanii isiniif kennuttis galtanii akka qabattaniif, seerrataa fi wanta qajeelaa ta'e akka gootaniif isa ani isin barsiisu kana dhaggeeffadhaa!

2Abboommota Waaqayyo gooftaa keessanii eegaa malee, dubbii ani isin abboometti waan tokko hin dabalinaa, waan tokkos irraa hin hir'isinaa!

3Wanta Waaqayyo tulluu Phe'oritti hojjete iji keessan argeera; Waaqayyo gooftaan keessan namoota Ba'aal isa Phe'or waaqessan hundumaa isin gidduudhaa balleesseera.

4Isin warri Waaqayyo gooftaa keessanitti jabaattanii dhaabattan hundinuu garuu, hamma har'aatti jirtu.

5Kunoo, isin biyya dhuunfaa keessan godhachuudhaaf itti galtan keessatti akka hojjettaniif, ani akkuma Waaqayyo gooftaan keessan na abboometti seerrataa fi wanta qajeelaa ta'e isin barsiiseera.

6Kun saba hundumaa duratti ogummaadhaa fi hubannaa keessan waan ta'uuf, isaan seerrata kana hundumaa yeroo dhaga'an,“Dhuguma sabni guddaan kun saba ogeessaa fi hubataa dha” isiniin in jedhu; kanaaf isin kana duukaa bu'aa eegaa!

7Akkuma Waaqayyo gooftaan keenya yeroodhuma nuyi isa waammannutti nutti dhi'aatu kanatti, sabni guddaan waaqayyoliin isaa isatti dhi'aatan isa kam ree”

8Sabni guddaan seerrataa fi firdii isa qajeelaa akka seera isa ani har'a isin dura kaa'u kana hundumaa qabu isa kam ree?

9“Isin garuu dammaqaa, wanta ijaan argitan akka hin irraanfannetti, bara jireenya keessanii guutuus garaa keessan keessaa akka hin badnetti of eeggadhaa! Ijoollee keessan, ijoollee ijoollee keessaniis barsiisaa!

10Gaafa isin Siinaatti Waaqayyo gooftaa keessan dura dhaabattan,“Sabni kun bara lafa irra jiraatan hundumaatti ana sodaachuu akka baraniif, ijoollee isaaniis akkasuma akka barsiisaniif, ani dubbii koo akka dhaga'an nan godha, atis na biratti walitti isaan qabi!” jedhee Waaqayyo anatti in dubbate” jedhe.

11Gaafas isin itti dhi'aattanii, miilla tulluu sanaa jala akka dhaabattan, tulluu duumessi gurraachi dukkanaa'aan itti uffifame sana irraas ibiddi hamma bantii waaqaatti ol akka boba'e,

12yommus Waaqayyo ibidda sana gidduudhaa isinitti akka dubbate, isinis sagalee isa isinitti dubbatame sana dhageessaniittu, garuu sagalee duwwaa malee, bifa tokko illee akka hin argin,

13inni kakuu isaa isinitti akka beeksise, abboommii kurnan isa akka isin gootaniif isin abboome sanas inni gabatoota dhagaa lama irratti akka caafe,

14yeroo sana seerrataa fi wanta qajeelaa ta'e, isa isin biyya dhaaluuf jettan keessatti eegdan akkan isin barsiisuuf Waaqayyo akka na abboomes ijoollee keessanitti ijoollee ijoollee keessaniittis himaa!

15Kanaafis isin ofii keessaniif of eeggadhaa! Isin gaafa Waaqayyo Siinaatti ibidda gidduudhaa isinitti dubbate sana bifa tokko illee hin argine;

16isin fakkaattii waan tokkootiin bifa qirixame tolfachuudhaan karaa irraa akka hin kaanneef of eeggadhaa! Bifa waan tokko illee, kan dhiiraa yookiis kan dubartii,

17fakkaattii bineensa lafa irraa tokko illee, fakkaattii waan baal'eedhaan qilleensa keessa balali'uu tokko illee,

18fakkaattii wanta lafa irra munyuuquu, fakkaattii qurxummii lafa jala bishaan keessa jiruu tokko illee tolfachuu irraa of eeggadhaa!

19Gara waaqaatti ol ilaaltanii, biiftuu, ji'a, urjoota, macca waaqa keessaa hundumaas yeroo argitan, walaalchifamtanii, warra Waaqayyo gooftaan keessan saba guutummaa bantii waaqaa jala jiraniif kenne sanaaf akka hin saganneef, isaaniifis akka hin hojjenneef of eeggadhaa!

20Waaqayyo garuu, biyya Gibxii isa akka iddoo ibidda sibiila itti baqsanii sana keessaa isin fuudhe, akka har'aa kana saba dhuunfaa isaa akka taataniif as isin fide.

21Waaqayyo sababii keessaniif anatti aaree, ani laga Yordaanos akkan hin ceeneef, biyya isa gaarii Waaqayyo gooftaan keessan dhaala godhee isiniif kennuttis akkan hin galleef in kakate.

22Kanaaf ani biyya kanatti nan du'a malee, laga Yordaanos gamatti hin ce'u; isin garuu ceetanii biyya gaarii sana in dhaaltu.

23Isin kakuu Waaqayyo gooftaan keessan isinii wajjin gale akka hin irraanfannetti, bifa fakkeenyaa isa Waaqayyo gooftaan keessan isin dhowwe fakkaattii waan tokkootiin akka hin tolfannettis of eeggadhaa!

24Waaqayyo gooftaan keessan ibidda xaph godhuu dha, Waaqayyo hinaafaa dhas.

25Isin ijoollee godhattanii ijoollee ijoollee keessanii yommuu argitan, biyyicha keessas yeroo dheeraa yommuu turtan, fakkaattii waan tokkoon bifa fakkeenyaa tolfachuudhaan yoo karaa irraa kaattan, tuttuqxanii isa aarsuudhaafis wanta Waaqayyo gooftaa keessan duratti hamaa ta'e yoo hojjettan,

26ani har'a waaqaa fi lafa waamee isin irratti dhugaa nan baasisa; biyya isa dhaaluudhaaf Yordaanosin ceetanii itti adeemtan kana irraa daftanii raawwattanii in balleeffamtu; isin raawwattanii in dhumtu malee yeroo dheeraa isa irra hin jiraattan.

27Waaqayyo saba warra kaan gidduu isin in bittimsa, lakkoobsi keessan muraasatee saba warra Waaqayyo isaan gidduutti isin bittimse keessattis muraasa taatanii in haftu.

28Yommus isin achitti waaqayyolii warra muka irraa, dhagaa irraas harki namaa tolche, warra hin arginee fi warra hin dhageenyeef, warra hin nyaannee fi warra hin fuunfanneefis in hojjettu.

29Garuu achitti Waaqayyoon gooftaa keessan in barbaaddattu; isin garaa keessan guutuudhaan, yaada keessan guutuudhaanis yoo isa barbaaddattan isa in argattu!

30Isin yeroo rakkattan, dubbiin kun hundinuus yeroo isin irra ga'u, bara booddeetti gara Waaqayyo gooftaa keessaniitti in deebitu, dubbii isaatiifis in abboomamtu.

31Waaqayyo gooftaan keessan, Waaqayyo araara-qabeessa waan ta'eef, isin hin gatu, isin hin balleessu; kakuu isa cimsee abboota keessanii wajjin gale sanas hin irraanfatu.

32Erga Waaqayyo nama biyya lafaa irratti uumee jalqabee waggoota isin dura darban keessatti dubbiin guddaan akkasii takkaa ta'ee yookiis dhaga'amee beeka yoo ta'eef gaafadha! Daarii waaqaa gar-tokkoo hamma gara isa kaaniittis iyyaafadhaa!

33Akka isin sagalee Waaqayyoo dhageessanii fayyaatti jiraattan kana, sabni tokko ibidda gidduudhaa utuu inni itti dubbatuu takkaa dhaga'ee beekaa”

34Akka isa Waaqayyo gooftaan keessan biyya Gibxiitti fuula keessan duratti isiniif godhe, waaqayyolii keessaa yaaliidhaan, milikkitaan, lolaan, harka aango-qabeessaan, irree diriiraadhaan, wanta gurguddaa nama naasisuunis dhaqee, saba tokko saba warra kaan keessaa fudhatee kan isaa kan godhate tokko jiraa”

35Isin garuu gooftichi Waaqayyo akka ta'e, isa bukkeettis kan biraa akka hin jirre akka beektaniif, isinitti argisiifameera.

36Inni isin gorsee deebisuudhaaf waaqa irraa sagalee isaa akka dhageessan godhe; lafa irratti ibidda isaa isa guddaa isin argisiise; ibiddicha gidduudhaas dubbii isaa in dhageessan.

37Inni abboota keessan waan jaallateef, sanyii isaaniis isaan booddeedhaan fo'atee, ofii isaatii isin duratti argamee, humna isaa isa guddaadhaan biyya Gibxii keessaa isin in baase.

38Akka har'a asitti isin galche kana, yommus biyya isaaniis dhaala godhee isiniif kennuudhaaf, saba gurguddinaan, aangoodhaanis isin caalan fuula keessan duraa ari'ee in baase.

39Kanaafis har'a gooftichi ol waaqa irratti, gad lafa irrattis Waaqayyo akka ta'e, kan biraas akka hin jirre beekaa, yaadattis qabadhaa!

40Kanaaf isiniif, isin booddees ijoollee keessaniif akka tolutti, biyya Waaqayyo gooftaan keessan bara hundumaaf isiniif kennu keessattis barri keessan akka dheeratutti, seerrata isaa fi abboommii isaa warra ani har'a isin abboomu eeguun isiniif in ta'a.

41Ergasii Museen mandaroota Yordaanos irraa gara ba'a biiftuu jiran sadii addaan in baase.

42Kunis namni utuu hin beekin, duraanis haala utuu irraa hin qabaatin nama ajjeesee, mandaroota kana keessaa isa tokkotti yoo baqate akka jiraatuuf ture.

43Mandaroonni sunis, Bezer isa bakkee diriiraa lafa onaa keessaa gosa Ruubeniif kenname, Amoot isa Giil'aad keessaa gosa Gaadiif kenname, Golaan isa Baashaan keessaa gosa Minaaseetiif kenname turan.

44Seerri Museen Israa'eloota dura kaa'e kanatti aanee kan jiruu dha.

45Isaanis dhuga-baatota, seerrata, wanta qajeelaa ta'es warra Museen yeroo Israa'eloonni biyya Gibxii ba'an itti dubbatee dha.

46Inni laga Yordaanos irraa gara ba'a-biiftuu fuullee Bet-Phe'or biyya Sihoon mootii Amoorotaa isa Heshboon keessa jiraatu sanaatti ture; isa immoo Musee fi Israa'eloonni yeroo Gibxii ba'anii dhufan in balleessan.

47Yommus isaan biyya isaa, biyya Oog mootii Baashaanis, biyya mootota Amoorotaa lamaan warra dachaa Yordaanos keessaa gara ba'a-biiftuu turan sana in qabatan.

48Biyyichi Aro'er isa qarqara laga Aarnonii jalqabee hamma tulluu Siiyon isa Hermoon jedhamutti,

49guutummaa Arabaayi isa Yordaanos irraa gara ba'a-biiftuu jirutti, hamma galaana Arabaayi isa miilla tulluu Phiisgaa jalaattis in bal'ata ture.

Ibsa

4:1-23

Humnaa fi jaalalli Waaqayyoo Israa'elitti qabu, asitti sababaa fi bu'uura akeekkachiisotaa fi dinniinota hedduu jajjaboo ta'ee dhihaateera; kakuu sabaa isaanii hedduu kan ibsu yoo ta'e iyyuu, hundumtuu garuu warra Wangeela jalatti jiraatan irratti hojii irra oolchuu ni danda'ama. Seerri maaliif hojjetame malee, akka eegamuu fi ajajamuu hin turree? Ajajama keenya akka dhuunfaa keenyaatti fayyina nuuf argamsiisuu hin danda'u; garuu inni kennaa Waaqayyoo, kan jireenya bara baraa Yesuus Kiristoosiin argamu, warra argattan ta'uu keenyaaf ragaa tokkichaadha. Qoramawwan hedduu nu marsanii jiran, akkasumas fedhiiwwan cubbamaa garaa keenya keessa jiran ilaalcha keessa galchuudhaan, garaa keenya guutummaatti of eeggannoodhaan eeguun nu barbaachisa. Warri dagatanii yookaan of eeggannoo malee deeman, sirriitti deemu hin danda'an. Musiin cubbuu waaqayyolii tolfamoo waaqessuu irraa akka of eegan xiyyeeffannoo addaa kenneera. Inni warra sirriitti yaadan sanaaf qoramsi hammam laafaa akka ta'e argisiiseera; sababiin isaas waaqayyolii tolfamoo kanneen akka aduu, baatii, fi urjiilee jedhaman kun, gooftaan Waaqayyo isaanii saba hundumaaf kenne qofa waan ta'aniif. Isaan waaqessuun gowwummaa guddaa dha; nuti warra nu tajaajiluuf uumaman tajaajiluu qabnaa? Kakuu gooftaa Waaqayyo keessanii akka hin daganne of eeggadhaa. Yoomillee amantii keenya akka hin daganne of eeggannoo gochuu qabna. Dhimma ba'uun, of eeggannoon, fi dammaqinaan, dagaatii (dagachuu) hambisuuf gargaarsa dha.

Lakk. 1-40

Dubbiin jireenya qabeessaafi baay’ee gaarii ta’e kun guutuu waan ta’eef, akkasumas wantoonni isaa baay’ee irra deddeebi’amanii waan dubbatamaniif, hiika isaa keessatti guutummaatti fudhachuu qabna; akkasumas mata duree sirrii ta’etti jijjiiruu qabna, sababiin isaas keeyyataatti addaan baasuu hin dandeenyu.

I. Waliigalaan, kun seenaa duraa sana fayyadamuufi hojiirra oolchuu dha; irraa kan argamee dha: Kanaafuu, Yaa Israa’el, dhaggeeffadhu, lakk. 1. Akkaataa kanaan hojii Waaqayyoo nuuf godhe irra deebinee ilaaluu keenyaan, hojii keenyaaf kaka’uu qabna. Seenaawwan bara durii akkasuma nuun fooyya’uu qabu.

II. Kaayyoon dubbii isaa Waaqayyotti akka dhihaatan, isaaf akka hojjetan, Waaqa biraaf isa akka hin dhiisne, akkasumas hojii isaaniitii akka hin dabsanne isaan amansiisuu dha. Amma wanta inni isaanitti dubbate, haasawa Waaqayyoo guddaan, gorsaafi qajeelfamaanis ta’e, akkasumas gorsa isaa cimsuuf sababaafi falmii ta’uun, ilaalaa.

1. Achi keessatti akkamitti akka isaan ajajeefi abboome, akkasumas wanta gaarii ta’eefi wanta Gooftaan isaan irraa barbaadu isaanitti argisiise ilaalaa.

(1.) Inni dubbii Waaqayyoofi seerotaafi murtoowwan isaan barsiifamanitti xiyyeeffannaa guddaan akka dhaggeeffatan isaan gaafata: Yaa Israa’el, dhaggeeffadhu. Kunis, amma isa dhaggeeffachuu qofa osoo hin taane, yeroo kitaabni seeraa isaanitti dubbifamu yookaan isaan dubbisan, xiyyeeffannaa akka kennan jechuu dha. “Seerota Waaqayyoo gurguddoo, akkasumas dhimmoota lubbuu keessanii gurguddoo waan of keessaa qabaniif, xiyyeeffannaa keessan guutuu barbaadu waan ta’eef, seerota kana dhaggeeffadhaa.” Hoorebitti Waaqayyo dubbii isaa akka dhaga’an godhee ture (lakk. 10), ragaa wajjin dhaga’an; xiyyeeffannaan yeroo sana haala dubbii sanaatiin dirqame, booda immoo gaarummaa wantoota sanaatiin kaka’uu qaba. Wanta Waaqayyo yeroo tokko dubbate, nu yeroo lama, yeroo baay’ee dhaga’uu qabna.

(2.) Inni seera Waaqayyoo qulqulluufi guutuu ta’e gidduu isaaniitti akka eegan isaan ajaja, lakk. 2. Qulqullummaan eegaa, akkasumas itti hin dabaliinaa; guutummaatti eegaa, akkasumas irraa hin hir’isiinaa. Hojiidhaan osoo hin taane, akkas jedhu warri tokko tokko: “Seerri wanta dhoorku hojjechuudhaan itti hin dabaliinaa, akkasumas seerri wanta gaarii ta’e barbaadu dhiisuudhaan irraa hin hir’isiinaa.” Yaadaan osoo hin taane, akkas jedhu warri kaan: “Wantoota ofii keessanii hin dabaliinaa, akka waan seerri Waaqayyoo hir’ina qabuutti, akkasumas sirna waaqeffannaa Waaqayyo hin ajajne hin fidinaa, yookaan hin dirqisiisiinaa; akkasumas wanta ajajame kamiyyuu, akka waan barbaachisaa hin taaneetti yookaan baay’ee ta’eetti hin hir’isiinaa yookaan hin dhiisiinaa.” Hojiin Waaqayyoo guutuu dha, wanti tokkollee itti dabalamuu yookaan irraa hir’ifamuu hin danda’u, yoo hin balleessine malee. Lall. 3:14 ilaalaa. Yihuudoonni kun seera keessatti jijjiirama gochuu, jecha yookaan qubee xiqqoo illee, akka dhoorkuutti hubatu; kunis, qulqullinaafi guutummaa kitaaba Ibrootaatiif, Waaqayyo jala, baay’ee isaanitti galateeffamoo dha. Seera Kakuu Haaraa dhuma isaa irratti, Mul. 22:18, 19 irratti, daangaa akkasii argina.

(3.) Inni ajajawwan Waaqayyoo akka eegan isaan ajaja (lakk. 2), akka hojjetan (lakk. 5, 14), akka eeganiifi akka hojjetan (lakk. 6), kakuu akka raawwatan, lakk. 13. Dhaggeeffachuun hojjechuuf, beekumsi immoo hojiirra oolchuuf ta’uu qaba. Ajajawwan Waaqayyoo karaa isaan irra deeman, seera isaan hordofan turan; ajajawwan amalaatiin of bulchuu qabu, sirna waaqeffannaa Waaqayyoo wajjin wal simsiisanii waaqeffachuu qabu, akkasumas seera firdii wajjin wal simsiisanii haqa raawwachuu qabu. Dubbii isaa (lakk. 40) ajaja irra deebi’ame kanaan xumura: Seerota isaa, ajajawwan isaa ani si ajaju ni eegda. Seerri maaliif hojjetama, yoo hin eegamneefi hin hojjetamne ta’e?

(4.) Inni seera eeguu keessatti baay’ee dammaqoo akka ta’an isaan ajaja (lakk. 9): Of eeggannoo qofa godhi, akkasumas lubbuu kee dammaqinaan eegi; akkasumas (lakk. 15), Kanaafuu, of eeggannoo gaarii godhaa; akkasumas deebisee (lakk. 23), Of eeggadhaa. Warri amantii qaban baay’ee of eeggannoo qabeeyyii ta’uu qabu, akkasumas dammaqinaan jiraachuu qabu. Qorumsa baay’ee nu marsuufi fedhii gadhee garaa keenya keessa jiru yoo ilaalle, of eeggannoo guddaa gochuufi garaa keenya dammaqinaan eeguun nu barbaachisa. Warri dammaqina hin qabneefi wanta hundumaaf of kennan sirriitti deemu hin danda’an.

(5.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG አሁንም፥ እስራኤል ሆይ፥ እንድታደርጉአቸው በሕይወትም እንድትኖሩ፥ የአባቶቻችሁም አምላክ እግዚአብሔር ወደሚሰጣችሁ ምድር ገብታችሁ እንድትወርሱ፥ የማስተምራችሁን ሥርዓትና ፍርድ ስሙ። አማርኛ ENGNIV Hear now, O Israel, the decrees and laws I am about to teach you. Follow them so that you may live and may go in and ta… English BCV “ሕዚ ድማ፥ ኦ እስራኤል! ምእንቲ ብህይወት ክትነብሩን ናብታ እግዚኣብሄር ኣምላኽ ኣቦታትኩም ዝህበኩም ምድሪ ኽትኣትዉን ክትወርስዋን፥ ነዝ ኣነ ኽትገብርዎ ኢለ ዝምህረኩም ዘለኹ ሕግጋትን ፍ… ትግርኛ BCV GIZ ወይእዜኒ እስራኤል ስምዑ ኵነኔሁ ወፍትሖ ዛእሜህረክሙ አነ ዮም ከመ ትግበሩ ወትኅየው ወትትባዝኁ ወትባኡ ወትትዋረስዋ ለምድር እንተ ይሁበክሙ እግዚአብሔር አምላኮሙ ለአበዊክሙ። giz GAZGAZ Museen itti fufee saba sanaan,“Ammas isin yaa saba Israa'el, akka jiraattaniif, biyya Waaqayyo gooftaan inni kan abboot… Afaan Oromoo BCV aksum “ሕዚ ድማ፥ ኦ እስራኤል! ምእንቲ ብህይወት ክትነብሩን ናብታ እግዚኣብሄር ኣምላኽ ኣቦታትኩም ዝህበኩም ምድሪ ኽትኣትዉን ክትወርስዋን፥ ነዝ ኣነ ኽትገብርዎ ኢለ ዝምህረኩም ዘለኹ ሕግጋትን ፍ… ትግርኛ AMHNIV አሁንም እስራኤል ሆይ፤ በሕይወት እንድትኖሩ፣ የአባቶቻችሁ አምላክእግዚአብሔር (ኤሎሂም ያህዌ) ወደሚሰጣችሁ ምድር እንድትገቡና እንድትወርሱ የማስተምራችሁን ሥርዐትና ሕግ ስሙ፤ ጠብቋቸውም። አማርኛ SWAHSUV Na sasa, Ee Israeli, zisikilizeni amri na hukumu niwafundishazo, ili mzitende; mpate kuishi na kuingia na kuimiliki nch… Kiswahili