Amoos 7

GAZBIBAfaan Oromoo17 Keeyyattoota4:09 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:09 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Wanta Waaqayyo gooftaan mul'ataan anatti argisiise isinitti himuufan jira. Kunoo! Marga isa duraa mootichaaf erga haamanii booddee, marga isa deebi'ee biqilutti gurmuu hawaannisaa yaase.

2Hawaannisichi biqila lafaa nyaatee fixuuf jennaan, “Yaa Waaqayyo gooftaa ko, Yaaqoob ilma xinnaa waan ta'eef, attamitti kana dura dhaabachuu danda'a ree” Ati dhiisiif!” nan jedhe.

3Yommus Waaqayyo isa itti fiduuf yaade in dhiise; gooftichi, “Kun itti hin dhufin!” jedhe.

4Wanta Waaqayyo gooftaan mul'ataan anatti argisiise dabalee isinitti nan hima; kunoo, Waaqayyo gooftaan firdii biyya sana irratti raawwachuudhaaf, ibidda irratti in waame; ibiddichis galaana guddaa isa lafa jalaa gubee fixee, lafa qotiisaas xaph gochuuf jedhe.

5Kana irratti,“Yaa Waaqayyo gooftaa, Yaaqoob ilma xinnaa waan ta'eef, attamitti kana dura dhaabachuu danda'a ree” Ati wanta kana irraa ittisi!” nan jedhe.

6Yommus Waaqayyo isa itti fiduuf yaade in dhiise; Waaqayyo gooftichi,“Kunis immoo itti hin dhufin!” jedhe.

7Waaqayyo waan tokko immoo mul'ataan anatti argisiiseera; kunoo, gooftichi fo'aa tumbii isa ittiin masaraa qajeelchanii ijaaran harkatti qabatee, masaraa akkasitti ijaarame irra in dhaabata ture.

8Inni,“Yaa Amos, maal argita?” naan jedhe; Kana irrattan,“Tumbii nan arga” jedhee deebiseef; gooftichi immoo,“Ilaa, tumbii ittiin jal'inni saba koo Israa'el qoramee ilaalamu isaanitti nan qaba; ani deebi'ee irra isaaniif hin darbu.

9Iddoon ol jedhoon warri maatiin Yisihaq irratti sagadan hundinuu in onu; iddoo qulqullaa'oon warri kan Israa'el in diigamu; mana Yerobi'aam irrattis billaadhaan nan ka'a” jedhe.

10Kana booddees Amaasiyaan lubni Bet'el, Yerobi'aam mootii Israa'elitti ergee, “Amos namoota Israa'el gidduu dhaabatee sitti korateera; wanta inni dubbates lafti baachuu hin danda'u.

11Namichi,“Yerobi'aam billaadhaan in du'a, namoonni Israa'elis biyya isaaniitii inuma baafamu, inuma booji'amus” jedheera” jedhe.

12Amaasiyaan yommus Amosiin, “Yaa namicha mul'ata argituu, asii adeemi, biyya Yihudaatti baqadhu! Achitti raajii dubbadhuu ittiin buddeena nyaadhu!

13Bet'el iddoo manni qulqullummaa inni mootichi keessatti sagadu, manni sabni mootummaa kanaa itti wal ga'us jiruu dha; asitti matumaa deebitee raajii hin dubbatin!” jedhe.

14Ammas immoo deebisee Amaasiyaadhaan, “Ani horii nan horsiisa, harbuus dhaabee nan guddisa malee, hojiin koo raajii dubbachuu miti, sanyiin koos raajii hin dubbanne.

15Waaqayyo garuu horii ani tiksu biraa na fudhatee, “Dhaqii saba koo Israa'elitti raajii dubbadhu!” naan jedhe.

16Ati immoo,“Israa'el irratti raajii hin dubbatin, mana Yisihaq irrattis hin lallabin!” anaan jetteetta; egaa amma dubbii Waaqayyoo dhaggeeffadhu!

17Waaqayyo, “Haati manaa kee mandara keessatti ejjituu in taati, ilmaan kee fi intaloonni kee billaadhaan in kufu, lafti kee funyoo safaraatiin in hirmama, atis ofii keetii biyya xuraa'aa keessatti in duuta; namoonni Israa'elis biyya isaaniitii inuma baafamu, inuma booji'amus” siin jedha” jedhe.

Ibsa

7:1-9

Waaqayyo dheeraa obsa, garuu saba isa kakaasu waliin yeroo hundumaa hin obsu. Yaadannoon garaa laafina dura nuuf ta'e, akka oomisha lafaa isa duraatti, yeroo oomisha boodaatti abdii kutannaa argannu, fedha Waaqayyootiif akka ajajamnu nu gochuu qaba. Goonfoon saba cubbamaa salphisuuf karaa baay'eetti dhimma baha. Rakkoo kamiyyuu keessa yoo jirru, dhiifama cubbuu keenyaaf Waaqayyoon guddaatti kadhachuu qabna. Cubbuun dafee saba guddaa xinneessa. Yoo harki isa ol qabu isa irratti diriire, Israa'eliif maaltu ta'a? Humna kadhannaa ilaalaa. Saba kadhatoon biyyaaf eebba akkamii akka ta'an ilaalaa. Waaqayyo garaa laafina agarsiisuuf hammam qophaa'aa, hammam saffisaa akka ta'e; akkasumas hammam ayyaana kennuuf akka eegu ilaalaa. Israa'el dallaa, dallaa jabaa Waaqayyo mataan isaa bakka qulqullummaa isaatiif eegumsaaf ijaare ture. Goonfoon amma dallaa kana irra dhaabatee jira fakkaata.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ጌታ እግዚአብሔር እንዲህ አሳየኝ፤ እነሆም፥ የኋለኛው ሣር በሚበቅልበት መጀመሪያ ላይ አንበጣን ፈጠረ፤ እነሆም፥ ከንጉሡ አጨዳ በኋላ የበቀለ የገቦ ነበረ። አማርኛ ENGNIV This is what the Sovereign Lord showed me: He was preparing swarms of locusts after the king's share had been harvested… English BCV እግዚኣብሄር ኣምላኽ፥ ነዙይ ኣርኣየኒ፦ እንሆ እቲ ዳሕረዋይ ናይ ንጉስ ዝኾነ ሳዕሪ ምስ ተዓፅደ፥ ገና ምጭላድ ክጅምር እንተሎ፥ እግዚኣብሄር ኣንበጣ ፈጠረ፤ እንሆ ድሕሪ ዓፂድ እቲ ንጉስ ዝ… ትግርኛ BCV GIZ እስመ ከመዝ አርአየኒ እግዚአብሔር፤ ወናሁ ይመጽእ አንበጣ በጽባሕ ወአሐዱ ደጎብያ ጎግ ንጉሥ። giz GAZGAZ Wanta Waaqayyo gooftaan mul'ataan anatti argisiise isinitti himuufan jira. Kunoo! Marga isa duraa mootichaaf erga haama… Afaan Oromoo BCV aksum እግዚኣብሄር ኣምላኽ፥ ነዙይ ኣርኣየኒ፦ እንሆ እቲ ዳሕረዋይ ናይ ንጉስ ዝኾነ ሳዕሪ ምስ ተዓፅደ፥ ገና ምጭላድ ክጅምር እንተሎ፥ እግዚኣብሄር ኣንበጣ ፈጠረ፤ እንሆ ድሕሪ ዓፂድ እቲ ንጉስ ዝ… ትግርኛ AMHNIV ጌታ እግዚአብሔር ይህን አሳየኝ፤ የንጉሡ የመከር እህል ከተሰበሰበ በኋላ ገቦው መብቀል በጀመረ ጊዜ፣ እርሱ የአንበጣ መንጋ እንዲፈለፈል አደረገ። አማርኛ SWAHSUV Haya ndiyo aliyonionyesha Bwana MUNGU; tazama, aliumba nzige mwanzo wa kuchipuka kwake mimea wakati wa vuli; na tazama,… Kiswahili