Hojii Ergamootaa 27

GAZGAZAfaan Oromoo44 Keeyyattoota9:54 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 9:54 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Markabaan biyya Ixaaliyaa dhaquu keenyatu murtoo ta'e. Warri kana murtoo godhan, Phaawulosin, jarreen hidhaman tokkos Yulii'os angafa dhibbaatti kennan; innis kutata waraana warra Roomaa ?Awugusxaa? jedhamee waamame keessa ture.

2Markaba mandara Adraamiixosii dhufe, gara buufata markaba kutaa biyya Asiyaa keessaa dhaquudhaaf qophaa'e, yaabbannee adeemne; Arisxaarkos, namni biyya Maqedooniyaa Tasaloniiqeedhaa dhufe tokko, nu duukaa ture.

3Borumtaas mandara Sidoonitti galle; Yulii'os immoo Phaawulosiif garaa laafee, akka inni dhaqee fira isaa dubbisee, waan isa barbaachise isaan biraa argatuuf, isa dhiise.

4Sidoonii kaanee, qilleensi achii as waan nutti qilleensa'eef, Qophros biyyicha bishaan keessaa sanatti da'annee adeemne.

5Fuullee kutaa biyya Qiliiqiyaa fi Phamfiliyaa darbine; galaanicha ceenee Miiraa mandara biyya Liiqiiyaa dhufne.

6Achitti angafichi dhibbaa markaba biyya Iskindriiyaatii dhufee, biyya Ixaaliyaatti adeemu tokko argee, itti nu dabarse.

7Markabichaanis guyyaa baay'ee suuta jennee adeemne; ittuma rakkannee fuullee Kniidoos, eegee biyya bishaanii geenye. Qilleensichis karaa sana adeemuu nu dhowwinaan, Qareexis biyya bishaan keessaa sanaan da'annee, fuullee Salmooniitiin baane.

8Qarqara galaanichaa irraa utuu hin fagaatin, rakkina guddaadhaan iddoo ?Buufata ba'eessa? jedhamu isa mandara Lase'aatti dhi'oo jiru, tokko dhufne.

9Kana keessas guyyoonni baay'een darban; yeroo sanatti bubbeenii fi qorri waan jabaatuuf, markabaan adeemuun sodaachisee ture. Guyyaa araarsaa jedhame kan itti sooman waan darbeef Phaawulos,

10?Jara nana, yeroo kana markabaan itti fufnee adeemuun keenya kun rakkinatti nu galcha; fe'isichi markaba keessaa akka badu, markabichi akka cabu, lubbuun namaas akka dhumu anatti mul'ata? jedhee of eeggachiise.

11Angafichi dhibbaa garuu, dubbii Phaawulos dubbate irra, dubbii inni markabicha oofuu fi abbaan markabichaa dubbatan fudhate.

12Iddoon sun buufata yeroo gannaatiif hin ta'u ture. Kanaaf isaan keessaa garri caalan iddoo buufatichaatii ka'anii, yoo isaanii danda'ame Finiiqeetti galanii, ganna achi ba'uudhaaf murtoo godhan. Finiiqee immoo, buufata markabaa, Qareexis biyya bishaan keessaa lixa-biiftuu irraa gara mirgaatii fi gara bitaatti gara galtee dha.

13Qilleensi laphiin gara mirgaatii qilleensa'uu jalqabnaan, namoonni waan gochuuf yaadan raawwachuu waan danda'an isaanitti fakkaate; markaba isaanii hiikanii, qarqara Qareexisiin galaanicha irra adeeman.

14Baay'ee utuu hin turin qilleensi ?Qilleensa boruu gara bitaa? jedhamu Qareexis irraa galaanichatti qilleensa'e.

15Qilleensichi markabicha rukutee, fudhatee adeeme; markabichis qilleensichaan qabuu waan dadhabeef, itti gad dhiifnee oofamne.

16Kaawudaa biyya bishaan keessaa ishee xinnoo tokkoon da'annee, itti rakkannee, bidiruu isa markaba keenyatti hidhamee harkifamaa ture sana, qilleensicha harkaa baafachuu dandeenye.

17Bidiruu sana ol harkisanii markaba irra kaa'an; markabichuma iyyuu akka qilleensi gargar hin baafneef, funyyoodhaa fi fuuncaadhaan walitti hidhan. Gara bishaan ol dhi'ootti adeemanii, markabni lafa nu duraa rukuta jedhanii waan sodaataniif, mi'a markabicha suuta adeemsisu tokko bishaan keessatti gad dhiisanii, akkasumatti oofaman.

18Qilleensi baay'ee jabaan ittuma fufee waan nutti qilleensa'eef, borumtaa fe'isa markaba keessa jiru irraa galaanatti gad daddarbatan.

19Guyyaa sadaffaa isaattis immoo harka isaaniitiin mi'uma markabichaa iyyuu galaanatti gaggatan.

20Aduudhaa fi urjoota utuu hin argin guyyaa baay'ee dabarsine; qilleensi baay'ee jabaan sun nutti qilleensofnaan, yommusuma ooluudhaaf abdiin nuyi qabnu hundinuu in cite.

21Namoonni yeroo dheeraadhaaf nyaata lagannaan, Phaawulos ka'ee isaan gidduu dhaabatee, ?Jara nana, rakkinaa fi badiisa kana oolchuudhaaf, dubbii koo dhaga'uun, Qareexisii ka'uu dhiisuun in ta'a ture.

22Amma garuu isinan gorsa, jabaadhaa! Markabicha malee isin keessaa lubbuun nama tokkoo iyyuu hin badu.

23Waaqayyo koo isa ani kan isaa ta'e hojjedhuuf biraa, ergamaan eda halkan na bira dhufee,

24?Hin sodaatin yaa Phaawulos, mootii warra Roomaa dura dhaabachuuf jirta; kunoo Waaqayyo ayyaana isaatiin, namoonni warri si duukaa jiran hundinuu du'a akka oolan, in godha? anaan jedhe.

25Kanaafis jabaadhaa yaa jarana! Akkuma ergamichaan anatti himame, akka inni ta'uuf Waaqayyotti nan amanadha.

26Haa ta'u iyyuu malee, markabni keenya biyya bishaan keessaa tokkotti lafa rukutuun isaa hin oolu? jedhe.

27Gaafa guyyaa kudha afuraffaa halkan, nuyi galaana Adriiyaa keessa asii fi achi oofamaa turre, gara halkan walakkaatti warri markabicha oofan biyyatti waan dhi'aatan se'an.

28Funyoo ittiin gad fageenya galaanaa safaran gad buusanii, gad fageenya bishaanichaa dhundhuma torbaatamii afur ta'uu isaa argan. Takka adeemanii ammas funyoo safaraa sana gad buusanii, dhundhuma shantamii ja'a ta'uu isaa in argan.

29Dhagaatti buuna jedhanii sodaatanii, qofoo sibiilaa isa ittiin markaba dhaaban afur, markabicha duubaan galaana keessatti gad darbatanii, barii lafaa hawwaan in eeggatu turan.

30Warri markaba oofan immoo markabicha keessaa ba'anii sokkuu barbaadan. Kanaaf qofoo sibiilaa isa ittiin markaba dhaaban, huuruu markabichaa duraan galaanatti kan gad darbachuu barbaadan fakkeessanii, bidiricha markaba irraa galaanatti gad buusuuf jedhan.

31Phaawulos garuu, ?Yoo warri kun markabicha keessa turan malee, isin ooluu hin dandeessan? jedhee angafa dhibbaatti, loltootattis in dubbate.

32Kana irratti loltoonni funyoota bidirichi ittiin hidhamee ture sana kutanii, bidiricha galaanatti gad gatan.

33Hamma lafti bari'utti immoo nyaata akka nyaataniif, Phaawulos namoota sana hundumaa gorsee, ?Nyaata utuu hin nyaatin turuun keessan har'a guyyaa kudha afuraffaa dha, homaas afaaniin hin qabne.

34Ooluudhaaf iyyuu nyaachuun isin barbaachisa, kanaaf nyaata akka nyaattan isin nan gorsa; isin keessaa mataa nama tokko irraa iyyuu rifeensi tokkichi illee hin badu? jedhe.

35Phaawulos kana erga jedhee booddee, buddeena fudhatee fuula isaanii duratti Waaqayyoof galata galche; buddeenichas cabsatee nyaachuu jalqabe.

36Isa irratti hundumti isaanii jajjabaatanii, ofuma isaaniitii iyyuu nyaata nyaatan.

37Nuyi namoonni markabicha keessaa walitti dhibba lamaa fi torbaatamii ja'a turre.

38Isaan erga nyaatanii quufanii booddee, markabichatti haa salphatu jedhanii, qamadii fe'amee ture galaanatti gad daddarbatan.

39Yommuu lafti bari'es, warri markaba oofan biyyichi eessa akka ta'e baruu dadhaban; garuu golba galaanaa, malkaan isaa kuufama cirrachaa qabu tokko ijaan qabanii, yoo isaanii danda'ameef markabicha itti qabuu barbaadan.

40Funyoo qofoo sibiilaa arfanuu, isa ittiin markaba dhaaban sanas kutanii, qofoo isaa galaana keessatti dhiisan. Achumaanis funyoo batoo isa ittiin markaba karaa agarsiisanii hiikan; sharaa qilleensaa isa fuula duraa qilleensatti qajeelchanii, markabicha gara golba galaanaatti qaban.

41Markabichi garuu kuufama cirrachaa isa bishaan jala jirutti lixe qabame; fuul dureen markabichaas cirrachicha humnaan gad qotee socho'uu dadhabe; dugda duuba isaa garuu humna dha'aa bishaaniitu caccabse.

42Warra hidhaman keessaa tokko illee daakee akka hin baaneef, warri loltuu hunduma isaanii ajjeesuu yaadan.

43Angafichi dhibbaa garuu Phaawulosin oolchuu barbaadee, warri loltuu isa yaadan akka hin raawwanneef isaan dhowwe. Warri daakaa beekan duraan dursanii galaanatti utaalanii, gara lafaatti haa ba'an;

44warri hafan immoo, battee mukaatiin yookiis caccabaa markabichaatiin duukaa haa bu'an, jedhee abboome. Hundumtinuus akka kanaatti oolanii gara lafaatti ba'an.

Ibsa

27:1-11

Waaqayyo, murtoo Fesxoos dura, Phaawulos gara Roomaa akka deemu murteesseture; sababii Waaqayyo hojii inni achi hojjetu qaba tureef. Daandii isaan qajeelchanii fi iddoowwan isaan dhaaban asiitti tarreeffamanii jiru. Akkasumas Waaqayyo asiitti warra isaaf dhiphatan, isa akka amanatan jajjabeessa; sababii inni garaa warra isaan gargaaranitti, warra isaan homaa isaan irraa hin eegne irraallee, yaada gaarii kaa'uu danda'uuf. Doonii ooftonni qilleensa jiru sirritti fayyadamuu qabu; akkasuma nus hundumti keenya imala keenya galaana addunyaa kanaa irra goonu keessatti gochuu qabna. Yeroo qilleensi nu faallessu, nu garuu hamma dandeenyetti dura deemuu qabna. Baay'een warra raawwii Waaqayyoo faallessaa ta'een boodatti hin deebine, raawwii Waaqayyoo gaarii ta'eenis dura hin deeman. Kristaannoonni dhugaa baay'een immoo dhimma lubbuu isaanii ilaalchisee, bakka dhaabbatanii jiran eeguuf baay'ee akka rakkatan ni komatu. Gabbiini babbareedan hundinuu gabbiina nagaa miti. Baay'een tajaajiltoota gaariidhaaf kabaja ni kennu, garuu gorsa isaanii hin fudhatan. Haa ta'u malee, deeggansi dhumaa cubbamoota abdii isaanii hiika dhabeessummaa ta'uu isaa, akkasumas gocha isaanii gowwummaa ta'uu isaa ni amansiisa.

27:12-20

Warri qilleensa tolchiisaa waliin gara galaana addunyaa kanaatti karaa eegalan bokkaa akkamii yookaan qilleensa hamaa akkamii akka isaan mudatu hin beekan; kanaaf, kaayyoo isaanii akka argatan salphaatti fudhatanii of amansiisuu hin qaban. Hanga ol samii seennetti, guutummaatti nagaan jiraachuuf yoomiyyuu hin eeginu. Isaan guyyoota hedduudhaaf aduu yookaan urjii hin argine. Haaluma kanaan, dhimmoota hafuuraa isaaniitiin yeroo tokko tokko haalli saba Waaqayyoo gaddisiisaa ta'a; dukkana keessa deemu, ifas hin qaban. Qabeenyi addunyaa kanaa maal akka ta'e ilaalaa: eebba jedhamee hawwamee iyyuu, yeroon ba'aa itti ta'u jiraachuu danda'a; karaa nagaa geessuuf ba'aa cimaa ta'uu qofaa osoo hin taane, inni qabeenya sana qabu akka liqimsuuf ulfaataa ta'uu danda'a. Ijoolleen addunyaa kanaa lubbuu isaanii baraaruuf qabeenya isaanii facaasuu danda'u, hata'u malee, hojii qulqullummaa fi arjummaa keessatti, akkasumas Kristoosiif dhiphachuu keessatti qusattoo dha. Namni kamiyyuu lubbuu isaa caalaa qabeenya isaa jigsuuf filata; haa ta'u malee, hedduun isaanii qabeenya isaanii caalaa amantii fi qalbii qulqulluu jigsuuf filatu. Tooftaan doonii ooftonni itti fayyadaman hin milkoofne; garuu yeroo cubbamoonni abdii of baraaruuf qaban hundumaa dhiisan, jecha Waaqayyoo hubachuuf qophaa'u, akkasumas araara Isaa karaa Yesus Kristoos amanachuuf.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ወደ ኢጣሊያም በመርከብ እንሄድ ዘንድ በተቈረጠ ጊዜ፥ ጳውሎስንና ሌሎችን እስረኞች ከአውግስጦስ ጭፍራ ለነበረ ዩልዮስ ለሚሉት ለመቶ አለቃ አሳልፈው ሰጡአቸው። አማርኛ ENGNIV When it was decided that we would sail for Italy, Paul and some other prisoners were handed over to a centurion named J… English BCV ናብ ኢጣልያ ብመርከብ ክንከይድ ምስ ተወሰነ፥(ሀ) ንጳውሎስን ንኻልኦት እሱራትን፥ ነቲ ኣብ ሰራዊት ቄሳር ሓለቓ ሚእቲ ዝኾነ ዩልዮስ ዝስሙ ኣመሓላለፍዎም። ትግርኛ GAZBIB Markabaan biyya Ixaaliyaa dhaquu keenyatu murtoo ta'e. Warri kana murtoo godhan, Phaawulosin, jarreen hidhaman tokkos Y… Afaan Oromoo BCV GIZ ወእምዝ አዘዘ ፊስጦስ ይሰድዎ ኀበ ቄሣር ኢጣልያ፤ ወተውህበ ጳውሎስ ወካልኣንኒ ሙቁሓን ምስሌሁ ለብእሲ እምነ ሐራ ሰብስጥያ ዘስሙ ዩልዮስ ሐቤ ምእት። giz BCV aksum ናብ ኢጣልያ ብመርከብ ክንከይድ ምስ ተወሰነ፥(ሀ) ንጳውሎስን ንኻልኦት እሱራትን፥ ነቲ ኣብ ሰራዊት ቄሳር ሓለቓ ሚእቲ ዝኾነ ዩልዮስ ዝስሙ ኣመሓላለፍዎም። ትግርኛ AMHNIV ወደ ኢጣሊያ እንድንሄድ በተወሰነ ጊዜ፣ ጳውሎስንና ሌሎቹን እስረኞች የንጉሠ ነገሥቱ ክፍለ ጦር አባል ለሆነው፣ ዩልዮስ ለተባለ የመቶ አለቃ አስረከቧቸው። አማርኛ SWAHSUV Basi ilipoamriwa tuabiri hata Italia, wakamtia Paulo na wafungwa wengine katika mikono ya akida mmoja, jina lake Yulio,… Kiswahili