Hojii Ergamootaa 16

GAZBIBAfaan Oromoo40 Keeyyattoota8:36 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 8:36 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Phaawulos karaa isaa itti fufee mandara Derbee dhaqee, mandara Lisxiraattis darbe. Achi immoo Ximotewos kan jedhamu dargaggeessi amane tokko ture; haati isaa Yihudii wangeelatti amantee dha, abbaan isaa immoo Griikii dha.

2Ximotewos amantoota Lisxiraadhaa fi Iqoniiyum jiran biratti maqaa gaarii qaba ture.

3Phaawulos akka Ximotewos isa duukaa adeemu barbaadee, dhagna isa qabsiise. Kana gochuun isaas, Yihudoonni naannoo sana jiraatan hundinuu abbaan isaa nama Griikii ta'uu isaa beeku waan turaniif.

4Kana booddees Phaawulosfaa karaa irra bu'an; seerrata ergamoonnii fi jaarsoliin Yerusaalem irratti walii galan, mandara keessa darban hundumaan ga'anii, akka eeganiifis isaan gorsan.

5Waldoonni kristiiyaanaas amantichatti in cimu, lakkoobsaanis guyyaa guyyaatti in guddatu turan.

6Hafuurri qulqulluun kutaa biyya Asiyaatti dubbicha lallabuu waan isaan dhowweef, kutaa biyya Firiigiyaatii fi Galaatiyaa gidduu darban.

7Fuullee kutaa biyya Miisiyaas ga'anii kutaa biyya Bitiiniyaa dhaquu yaalan; hafuurri Yesus garuu achi dhaquu isaanii hin jaallanne.

8Kanaaf kutaa biyya Miisiyaas keessa darbanii, Xro'aasitti gad bu'an.

9Phaawulos halkan sanatti nama Maqedooniyaa tokko mul'atatti arge; namichi dhaabatee, ?Maqedooniyaatti ce'ii, nu gargaari!? jedhee isa kadhate.

10Akkuma inni mul'aticha argeen, Waaqayyo akka wangeela isaaniif lallabnuuf nu waamuu isaa ti, jennee waan fudhanneef, achumaan biyya Maqedooniyaatti ce'uu abballe.

11Mandara Xro'aasii markaba yaabbanne, kallattiidhaan Saamotraaqee biyya bishaan keessaa dhaqne; borumtaas mandara Ne'apholiisitti darbine.

12Achii immoo mandara Filiphisiiyus geenye; isheen kutaa biyya Maqedooniyaa keessaa mandara beekamtu tokko turte, qabiyyee warra Roomaa tis. Nuyi mandara kana keessa takka bubbulle.

13Guyyaa Sanbataatti immoo mandaricha keessaa baanee, gara qarqara lagaa, iddoo itti Yihudoonni kadhataaf walitti in qabamu seene, dhaqne; teenyees dubartoota achitti walitti qabamanitti dubbanne.

14Dubartiin uffata calaqqisaa gati-jabeessa gurgurtu, mandara Tiyaatiraatii kan dhufte, amantii warra Yihudootaas kan fudhatte tokko, achi turte; maqaan ishees Liidiyaa in jedhama. Gooftaan gurra qalbii ishee baneefii waan tureef, isheen waan Phaawulos dubbate dhimmitee dhaggeeffatte.

15Isheen, warri mana ishee hundinuus in cuuphaman; ergasiis, ?Gooftaatti amanuu koo yoo fudhattan, mana koo kottaa na biras buufadhaa!? jettee nu waamtee, akka nuyi dhaqnuufis nu giddisiifte.

16Gaaf tokko nuyi gara iddoo kadhataatti utuu adeemaa jirruu, xomboreen hafuura ?Hooda dubbachiisu? of keessaa qabdu tokko nutti dhufte; isheen hooda dubbachuu isheetiin horii baay'ee gooftota isheetiif in galchiti turte.

17Isheen, ?Namoonni kun hojjetoota Waaqayyoo aabbaa ti; karaa fayyinaa isinitti in himu? jettee iyyaa Phaawulosii fi nu duukaa in adeemti turte.

18Kanas guyyaa baay'ee goote. Phaawulos garuu aaree itti gara galee hafuurichaan, ?Maqaa Yesus Kristosiin akka ishee keessaa baatuuf, sin abbooma!? jedhe; hafuurichi achumaan ishee keessaa ba'e.

19Gooftonni xomboree kanaa garuu, abdiin horii argannaa isaanii akka cite yommuu baratan, Phaawulosii fi Siilaasin qabanii daddarbachaa gara lafa gabaatti, fuula warra biyya seerrataniitti geessan.

20Ergamoota sana fuula ajajjuu warra Roomaatti dhi'eessanii, ?Jarreen kun mandara keenya raasaa jiru. Isaan Yihudoota,

21amala nuyi warri Roomaa fudhachuun, ittiin hojjechuunis, nuuf hin taane nu barsiisaa jiru? jedhan.

22Kana irratti namoonni baay'een Phaawulosii fi Siilaasiin mormuudhaaf jara kanatti dabalatan; ajajjuuwwan warra Roomaa sunis uffata isaanii irratti tarsaasanii, uleedhaan akka reebaniif abbooman.

23Rukuttaa baay'eedhaanis erga isaan reebsisanii booddee, mana hidhaatti isaan galchisiisan; achittis jabeessee akka isaan eeguuf, eegduu mana hidhaa abbooman.

24Eegduun sunis ajaja akkanaa fudhatee, kutaa mana hidhaa isa gara keessaatti isaan galchee, miilla isaaniis jirma ulfaataa lama gidduutti jabeessee hidhe.

25Gara halkan walakkaatti Phaawulosii fi Siilaas Waaqayyoon kadhatanii faarfatan; warri hidhaman immoo isaan in dhaggeeffatu turan.

26Dingatas hamma hundeen manicha hidhaa raafamutti socho'i lafaa guddaan ta'e; achumaan balbaloonni manicha hidhaa hundinuu banamanii, hidhaan warra hidhamanii hundinuus in hiikaman.

27Namichi mana hidhaa eegu sun warreeree hirribaa dammaqee, balbaloonni mana hidhaa banamuu yommuu argee, warri hidhaman waan sokkan se'e; kanaafis billaa isaa luqqifatee of ajjeesuu barbaade.

28Phaawulos garuu sagalee guddaadhaan, ?Waa of hin godhin! Nuyi hundumti keenya as jirra? jedhee itti iyye.

29Inni mana hidhaa eegu sun ibsaa waammatee ol fiigee, rom'aa miilla Phaawulosii fi Siilaasitti kufe.

30Gadis isaan baasee, ?Ani akkan fayyuuf maal gochuutu anaaf ta'a? gooftolii ko? jedhee isaan gaafate.

31Isaan immoo, ?Gooftaa Yesusitti amani, ati in fayyita, maatiin kees in fayyu? jedhanii deebisaniif.

32Isaan dubbii gooftaa namichatti, warra mana isaa keessa jiran hundumaattis in himan.

33Halkanuma sanas ofitti isaan fuudhee madaa isaanii irraa dhiqe; inni yeroodhuma sanatti nama isaa hundumaa wajjin in cuuphame.

34Phaawulosii fi Siilaasin mana isaatti geessee, nyaata isaaniif dhi'eessisiise; inni nama isaa wajjin Waaqayyotti waan amaneef, guddaa in gammade.

35Lafti bariinaan ajajjuun warra Roomaa, ?Jara sana gad dhiisi!? jedhanii namicha mana hidhaa eegutti akka himaniif itti ergan.

36Kana irratti namichi, ?Ajajjuun warra Roomaa akka gad dhiifamtaniif nutti erganiiru; kanaafis amma gad ba'aatii karaa nagaa adeemaa!? jedhee, kana Phaawulositti beeksise.

37Phaawulos garuu, ?Jarri kun nuyi warra Roomaa taanee utuma jirruu, firdii malee mul'inatti nu reebanii mana hidhaatti nu galchan; amma immoo dhoksaatti gad nu baasuu? Kun hin ta'u, isaanumti ofii isaanii dhufanii nu haa geggeessan malee? jedhe.

38Warri ergamanis yommus, dubbii kana ajajjoota warra Roomaatti in himan; ajajjoonni warra Roomaa Phaawulosii fi Siilaas warra Roomaa ta'uu isaanii yommuu dhaga'an in sodaatan.

39Kanaafis dhaqanii isaan sossobatan; takka isaan geggeessanii mandara isaaniitii akka ba'aniif isaan in kadhatan.

40Phaawulosii fi Siilaas mana hidhaatii erga ba'anii, mana Liidiyaa dhaqan; obbolootas arganii, dubbii jajjabinaatiin isaan gorsanii, achii adeeman.

Ibsa

16:1-5 Waldaan Kiristaanaa tajaajiltoota dargaggoota akka Tiimotewos hafuura walfakkaatuun hojii eegalan irraa tajaajila guddaa eeguun ishee sirriidha. Taʼus, yommuu namoonni homattuu hin abboomamne, yookiin homaattuu hin hirmaanne, bu'uurri amala Kiristaanaa jalqabaa akka dhabame ni mul'ata; akkasumas barumsawwan fi ajajoonni wangeelaa milkaa'inaan akka hin barsiifamne sababii guddaan amanuuf ni jira. Kaayyoon labsichaa seera sirnaa (seera sagadaa) fi ajajoota foonii isaa hambisuu waan tureef, amantoonni amantii Kiristaanaa keessatti cimsaman; sababiin isaa, innis karaa hafuuraa Waaqayyoon ittiin tajaajilamu, uumama Waaqayyoo fi nama lamaaniifis kan wal-simu waan dhaabeef. Kanaanis, Waldaan Kiristaanaa lakkoofsaan guyyaa guyyaan dabalaa deeme.16:6-15

Tajaajiltoota waldaa kaasuu fi karaa isaaniitiin ayyaana Waaqayyoo raabsuun, addatti geggeessaa fi qajeelfama Waaqayyoo jala jiru. Nuti qophii Waaqayyoo (Providence) hordofuu qabna; waan gochuuf yaannu kamiyyuu yoo inni nuuf hin hayyamin, nuuf gaarii ta'uu isaa fudhannee amanuu qabna. Namoonni lubbuu isaaniitiif gargaarsa baay'ee barbaadu; isa barbaaduun fi akka isaan gargaaran warra isaan gargaaruu danda'an keessaa afeeruun dirqama isaaniiti. Waamicha Waaqayyoos garaa guutuudhaan fudhachuu qabna. Waaqeffattoonni Waaqayyoo, yoo danda'ame, guyyaa Sanbataatti walga'ii kabajamaa qabaachuu qabu. Yoo mana sagadaa (sinagoogii) hin qabaanne, iddoowwan dhuunfaa ta'aniif galateeffachuu fi isaanitti fayyadamuu qabna; akka carraa keenyaatti walitti qabamuu dhiisuu hin qabnu. Warra Phaawuloosiin dhaggeeffatan keessa dubartii Liidiyaa jedhamtu turte. Ishiin hojii seera qabeessaa qabdi turte, kan barreessaan seenaa ishii galateeffachuuf waan tuqeef. Hojii ishii akka jabaattuu gootu taatus, lubbuu ishiitiif carraa gaarii argamsiisuuf yeroo argatte. ‘Hojii daldalaa qabna’ jennee dirqama amantaa irraa nu hin kaasne; Waaqayyoon tajaajiluu fi lubbuu keenya eeguun nurra hin jiru ree? Amantaan hojii keenya addunyaa irraa nu hin baasne, garuu keessatti nu qajeelcha. Boonaan, loogiin (ilaalcha duraanii) fi cubbuun dhugaa Waaqayyoo ni gufachiisu, hanga ayyaanni isaa sammuu fi miira keessatti isaanitti karaa banutti; Gooftaan qofti garaa sagalee isaa fudhachuuf fi amanuuf bana. Nuti Yesus Kiristoositti amanuu qabna; Waaqayyotti akkuma Abbaatti dhihaachuun hin danda'amu, Ilma isaa karaa Giddu-dhaabduutti yoo ta'e malee.

16:16-24 Seexanni, abbaa sobaa ta’us, yeroo kanaan kaayyoo isaa galmaan ga’achuu danda’u, dhugaawwan ijoo ta’an ni beeksisa.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ወደ ደርቤንና ወደ ልስጥራንም ደረሰ። እነሆም፥ በዚያ የአንዲት ያመነች አይሁዳዊት ልጅ ጢሞቴዎስ የሚባል አንድ ደቀ መዝሙር ነበረ፤ አባቱ ግን የግሪክ ሰው ነበረ። አማርኛ ENGNIV He came to Derbe and then to Lystra, where a disciple named Timothy lived, whose mother was a Jewess and a believer, bu… English BCV ካብኡ ጳውሎስ፥ ኣብ ደርቤንን ኣብ ልስጥራንን በፅሐ፤ ኣብኡ ኸዓ፥ ካብ ሓንቲ ኣይሁዳዊት ኣማኒት ሰበይትን፥ ካብ ሓደ ግሪካዊ ሰብኣይን ዝተወለደ፥ ጢሞቴዎስ ዝበሃል ደቀ መዝሙር ነበረ። ትግርኛ BCV GIZ ወበጽሐ ሀገረ ደርቤን ወልስጥራን ወረከበ አሐደ ረድአ ዘስሙ ጢሞቴዎስ፤ ወእሙሰ አይሁዳዊት ወአምነት ወአቡሁሰ አረማዊ። giz GAZGAZ Phaawulos karaa isaa itti fufee mandara Derbee dhaqee, mandara Lisxiraattis darbe. Achi immoo Ximotewos kan jedhamu dar… Afaan Oromoo BCV aksum ካብኡ ጳውሎስ፥ ኣብ ደርቤንን ኣብ ልስጥራንን በፅሐ፤ ኣብኡ ኸዓ፥ ካብ ሓንቲ ኣይሁዳዊት ኣማኒት ሰበይትን፥ ካብ ሓደ ግሪካዊ ሰብኣይን ዝተወለደ፥ ጢሞቴዎስ ዝበሃል ደቀ መዝሙር ነበረ። ትግርኛ AMHNIV ጳውሎስ ወደ ደርቤንና ወደ ልስጥራን ደረሰ። በዚያም እናቱ አይሁዳዊት ሆና በጌታ ያመነች፣ አባቱ ግን የግሪክ ሰው የሆነ፣ ጢሞቴዎስ የተባለ አንድ ደቀ መዝሙር ነበረ። አማርኛ SWAHSUV Basi akafika Derbe na Listra, na hapo palikuwa na mwanafunzi mmoja jina lake Timotheo, mwana wa mwanamke Myahudi aliyea… Kiswahili