Hojii Ergamootaa 13

GAZBIBAfaan Oromoo52 Keeyyattoota10:43 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 10:43 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Waldaa kristiiyaanaa Anxokiyaa keessa raajonnii fi barsiisonni turan; isaanis Baarnaabaas, Simi'oon ?Isa gurraachicha? isa jedhamu, Luukiyos nama biyya Qareenee, Maanaa'en isa Herodis abbaa biyyaa wajjin guddate, Saa'olis turan.

2Isaan kun gooftaadhaaf hojjechaa, soomaas utuu jiranii, hafuurri qulqulluun, ?Baarnaabaasii fi Saa'olin hojii ani itti isaan waameef, addaan anaaf baasaa? jedheen.

3Yommus itti dabalanii soomanii erga kadhatanii booddee, warri hafan harka isaanii mataa jara lamaan irra kaa'anii, hojichaaf isaan ergan.

4Baarnaabaasii fi Saa'ol hafuura qulqulluudhaan ergamanii mandara Seluuqiyaatti gad bu'an; achiis markabaan gara Qophros, biyya bishaan keessaa dhaqan.

5Mandara Salaamiis yommuu ga'an, manneen sagadaa warra Yihudootaatti dubbii Waaqayyoo lallaban; Yohannis isa Maarqos jedhamus isaan haa gargaaruuf, fudhatanii dhaqan.

6Biyya galaana keessaa sanas gar tokkoo hamma gara kaaniitti adeemanii, mandara Phaafoos ga'an. Achitti namicha qoricha namatti godhu tokko argan, maqaan isaa Baaryesus jedhama; inni Yihudii, ?Ani raajii dha? ofiin jedhu tokko ture.

7Namichi qoricha namatti godhu kun namicha biyya bishaan keessaa bulchu sanaa wajjin ture; maqaan namichaa Sergiiyos Phaawulos jedhama, inni nama hubataa ture. Biyya bulchaan sun dubbii Waaqayyoo isaan irraa dhaga'uudhaaf Baarnaabaasii fi Saa'olin ofitti waame.

8Namichi qoricha namatti godhu inni afaan Griikiitti ?Eliimaas? jedhamu garuu, biyya bulchaan sun akka hin amanne gochuu waan yaaleef, isaaniin morme.

9Yeroo sanatti Saa'ol inni ?Phaawulos? jedhame, hafuura qulqulluudhaan guutamee, ija namicha qoricha namatti godhu sanaa keessa ilaalee,

10?Ati ilma Seexanaa, diina waan qajeelaa hundumaa, ati haxxumaa fi hammina hundumaatiin guutteetta; ati yeroo hundumaa dhugaa gooftichaa sobatti geddaruu kana hin dhiiftuu?

11Ammas harki gooftichaa si dha'a, jaamaa in taata, hamma yeroottis ifa hin argitu? ittiin jennaan, achumaan hurriin itti marame, dukkannis ija isaatti uffise, nama harka qabee isa geggeessu barbaaddachuudhaaf qaqqabachuutti ka'e.

12Biyya bulchaan sun waan ta'e yommuu arge dinqifatee, barsiisa gooftaatti amane.

13Ergasii Phaawulosii fi miiltoon isaa mandara Phaafoosii markabaan ka'anii kutaa biyya Phamfiliyaa keessaa gara mandara Phergee dhaqan; Yohannis inni Maarqos jedhamu immoo achitti isaan dhiisee Yerusaalemitti deebi'e.

14Warri kaan garuu achumaan darbanii, Phergeedhaa kutaa biyya Phisiidiyaa keessaa mandara Anxokiyaa ga'an; guyyaa Sanbataattis mana sagadaa lixanii taa'an.

15Macaafa seeraa fi macaafa raajotaa keessaa erga dubbifamee, warri geggeessituu mana sagadaa sanaa isaanitti erganii, ?Obbolootaa, dubbii gorsaa namootatti himtan yoo qabaattan dubbadhaa!? ittiin jedhan.

16Yommus Phaawulos ka'ee, harkaan ofitti isaan hawwatee, ?Isin warra Israa'el, isinis saba garaa garaa keessaa dhuftanii Waaqayyoon kan sodaattan hundumti keessan dhaggeeffadhaa!? jedhee lallabuutti ka'e.

17?Waaqayyo gooftaan saba Israa'el kanaa, abboota keenya fo'atee, yeroo isaan biyya Gibxitti galaa turanittis saba guddaa isaan godhe; booddees irree jabaadhaan achii isaan baase.

18Waggaa afurtamas lafa onaa keessatti obsee isaaniif danda'e.

19Biyya Kana'aan keessaa immoo saba biyya torbaa balleesisee, lafa isaanii saba isaa kanaaf hire.

20Akka kanatti hamma waggaa dhibba afurii fi shantamaatti turan. ?Isa booddee garuu hamma bara Saamu'el raajichaatti abboota biyyaa isaaniif kenne.

21Yeroo isaan mootii nuuf kenni jedhanii gaafatanittis, Waaqayyo gosa Benyaamiin keessaa Saa'olin ilma Qiish isaaniif kenne; inni immoo waggaa afurtama mo'e.

22Saa'olin mootummaa irraa buusee immoo, Waaqayyo, Daawitin isaaniif moosise. Waa'ee isaatiifis, ?Ani, Daawitin ilma Iseyi nama akka garaa koo argadheera, inni jaalala koo hundumaa in raawwata? jedhee dhugaa ba'e.

23Akkuma abdachiisettis sanyii namicha kanaa keessaa Waaqayyo saba Israa'eliif fayyisaa kaaseera; inni immoo Yesus.

24Dhufa Yesus fuul dura Yohannis, yaada garaa isaanii geddaratanii akka cuuphamaniif saba Israa'el hundumaatti lallabee ture.

25Yohannis hojii isaa raawwachuu isaa jala, saba sanaan, ?Anaan, eenyu na seetu? Anoo isa isin eeggachaa jirtan miti; inni garuu na booddee in dhufa; ani immoo hidhaa kophee isaatii illee hiikuudhaaf nama ta'u miti? jedheen.

26?Obboloota ko, isin hortee ijoollee Abrahaam, isin warri kan biraa warri Waaqayyoon sodaattanii as jirtan, sagaleen fayyinaa kun nuuf ergamee dhufeera.

27Warri Yerusaalem jiraatanii fi warri isaan geggeessanoo akka inni fayyisaa ta'e hin beekne, sagalee raajotaa isa Sanbatuma dhuftu dubbifamus hin hubanne; utuma ta'uu iyyuu immoo Yesusitti faraduu isaaniitiin isa raajonni dubbatan raawwataniiru.

28Sababii du'a isatti farachiisu hin arganne; utuma kana beekanii garuu akka inni ajjeefamuuf Philaaxosin in gaafatan.

29Waa'ee isaatiif kan caafame hundumaa erga raawwatanii, muka fannoo irraa gad buusanii awwaala keessa kaa'an.

30Waaqayyo garuu warra du'an keessaa isa kaase.

31Inni guyyaa baay'ee warra isaa wajjin Galiilaadhaa gara Yerusaalem dhufanitti mul'achaa ture; namoonni isa argan kun amma saba Waaqayyootti isaaf dhugaa ba'u.

32Ammas Waaqayyo waan abaabilii keenya abdachiise akka raawwate misraachoo isinitti in himna;

33inni Yesusin du'aa kaasuu isaatiin nuyi ijoollee ijoollee isaaniitiifis kunoo abdii isaa nuuf raawwateera. Faarfannaa isa lammaffaa keessatti, ?Ati ilma koo ti, ani har'an si dhalche? kan jedhu caafameera.

34Waa'ee du'aa isa kaasuu isaatiif gonkumaas awwaalatti akka inni hin deebine gochuu isaatiif immoo, ?Ayyaana isa qulqullaa'aadhaa fi isa amanamaa, isa ani Daawitin abdachiise isiniif nan kenna? in jedha.

35Kanaafis iddoo biraatti immoo, ?Ati isa qulqulluu kan keetii tortoratti dabarsitee hin kennitu? in jedha.

36?Daawit bara isaatti akka jaalala Waaqayyootti hojjetee, yommuu du'e abboota isaa biratti awwaalamee, tortores.

37Inni Waaqayyo du'aa kaase garuu tortoratti hin kennamne.

38Kanaafis karaa Yesus isa du'aa ka'e kanaan dhiifamuun cubbuu isinitti in lallabama.

39Irra-daddarbaa seera Museetiin ittii hiikamuu hin dandeenye, hundumaattiis hiikamuun isumaan akka argamu isin biratti haa beekamu, yaa obboloota ko! Yesusitti kan amanu hundinuu hiikama in argata.

40Kanaafis wanti raajonni dubbatan isin irratti akka hin raawwatamneef of eeggadhaa!

41?Ilaa isin yaa warra ga'iftuu, dinqifadhaa, badaas! Hojii ani bara jireenya keessaniitti hojjechuudhaaf jiru, yoo namni isinitti hime iyyuu hin amantan? jedha? jedhe.

42Yeroo Phaawulosii fi Baarnaabaas mana sagadaa keessaa ba'anii adeeman, Sanbata itti aanutti immoo dhufanii dubbii kana dabalanii akka itti himaniif namoonni isaan kadhatan.

43Sagada booddee immoo Yihudoonni baay'een akkasumas saba garaa garaa keessaa barsiisa Yihudootaa kan fudhatan, Phaawulosii fi Baarnaabaas duukaa bu'an. Phaawulosii fi Baarnaabaas isaan gorsanii, ayyaana isa Waaqayyo isaaniif kennetti qabamanii akka jiraatan, cimsanii isaan yaadachiisan.

44Sanbata itti aanuttis namoonni mandara sanaa garri caalan dubbii Waaqayyoo dhaga'uudhaaf dhufan.

45Warri Yihudootaa baay'ina namootaa yommuu argan hinaaffaan isaan keessa guutee, waan Phaawulos jedheen kan mormu dubbachuudhaan arrabsan.

46Phaawulosii fi Baarnaabaas garuu caalchisanii ija jabinaan dubbatanii, ?Dubbiin Waaqayyoo dura isin saba Israa'elitti himamuun in barbaachisa ture. Amma garuu erga isa fudhachuu diddanii, jireenya bara baraatti galuudhaafis ?Warra hin mallee dha? erga ofiin jettanii, nuyi gara saba warra kaanii dhaquu keenya.

47Gooftaan akkasuma, ?Ani saba koo warra hin ta'iniif ibsaa, biyya lafaa hundumaafis fayyisaa akka taatuuf si kenneera? jedhee nu abboomeera? jedhan.

48Saba Waaqayyoo warri hin ta'in kana dhaga'anii gammadan; dubbii Waaqayyoos in jajan; warri mootummaa Waaqayyootti galuudhaaf yaadataman hundinuu amantoota ta'an.

49Naanna'aa sana hundumaattis dubbiin gooftaa in bal'ate.

50Warri Yihudootaa garuu Griikota keessaa dubartoota beekamoo warra amantii Yihudootaa fudhatan akkasumas dura-buutuu mandara sanaa isaanitti tuqan. Kanaanis Phaawulosii fi Baarnaabaas irratti ari'atamuu kaasanii, biyya naannoo sanaa keessaa isaan in baasan.

51Isaan immoo kana gochuu isaaniitiin mormuudhaaf awwaara miilla isaaniitti qabate dhadha'atanii, gara mandara Iqoniiyum dhaqan.

52Haa ta'u iyyuu malee, amantoonni mandara Anxokiyaa gammachuudhaaf hafuura qulqulluudhaan guutamanii turan.

Ibsa

13:1-3

Walitti qabamni as ture sun akkam nama ajaa'iba! Maqoota kana keessatti Gooftaan hojii Isaatiif meeshaalee, iddoo garaa garaatii fi haala jireenyaa adda addaarraa kan kaasu ta'uu ni argina; akkasumas fedhiin ulfina Isaatiif qaban namoota hariiroo fi abdii jireenyaa of jaallachiisan dhiisanii kaayyoo Isaa babal'isuuf isaan kakaasa. Hafuura Kiristoosidhaan tajaajiltoonni Isaa tajaajila Isaatiif dandeettii fi fedhii guutuu argatu; akkasumas yaaddoo fi dhimmoota biroo hojicha gufachiisan irraa kan fageeffamanis Hafuura Kiristoosidhaanidha. Tajaajiltoonni Kiristoos hojii Kiristoos keessatti bobbaafamuu qabu; akkasumas qajeelfama Hafuura Qulqulluutiin, ulfina Waaqa Abbaatiif hojjechuu qabu. Isaan dhama'anii hojjechuuf qulqullaa'aniiru malee, sadarkaa ol aanaa qabachuuf yookaan ulfina ofii barbaaduuf miti. Hojii isaanii ammaa kana irratti eebbi Barbaanaa fi Saa'oliif akka argamu barbaadame; akkasumas hojii isaanii keessatti Hafuura Qulqulluudhaan akka guutamanis barbaadame. Haalli ittiin hojjetamu yookaan seerri hordofamu maaliiyyuu yoo ta'e, Hafuurri Qulqulluun qofti tajaajiltoota hojii isaanii guddaadhaaf dandeessisuu fi isaan waamuu danda'a.

13:4-13

Seexanni karaa addaa ta’een namoota gurguddoo fi aangoo qaban irratti hojii guddaa qaba; kunis akka isaan Waaqeffannaa irraa fagaataniif malee, fakkeenyi isaanii namoota baay'ee irratti dhiibbaa waan fiduufidha. Asitti Saawol yeroo jalqabaatiif Phaawulos jedhamee waamame, sana booda gonkumaa Saawol jedhamee hin waamamne. Saawol maqaa isaa kan akka Yihudiitti qabu ture; Phaawulos immoo maqaa isaa kan akka lammii Roomaatti qabu ture. Hafuura Qulqulluutiin guutummaatti geggeeffamee, Eliimaasitti eenyummaa dhugaa isaa ibse, garuu dheekkamsa yookaan aariin hin turre. Sobni guutuun fi hammeenyi walitti makamee, dhuguma nama ilma seexanaa taasisa. Warri barumsa Yesusitti diinota ta'an, qajeelummaa hundumaatti diinota; sababiin isaa, isarratti qajeelummaan hundumtuu ni raawwatama. Karaawwan Gooftaa Yesus Kiristoos gara waaqaa fi gammachuutti geessan karaawwan qajeelaa qofaadha. Namoonni baay'een karaawwan kana irraa ofii isaanii qofa hin dagan, garuu warra kaanis karaawwan kanatti akka morman kakaasu. Isaan yeroo baay'ee garaa jabaataniiru, kanaaf hammeenya hojjechuu hin dhiisan. Hoggantuun naannoo sun humna barumsichi garaa fi qalbii isaa irratti qabutti, akkasumas humna Waaqayyoo kan ittiin mirkaneesse dinqisiifate. Barumsi Kiristoos nama dinqisiisa; akkasumas, hanga isa beeknuuf, caalaatti isa dinqifachuuf sababa ni arganna. Warri harkasaanii gajjaa irratti kaa'anii boodatti ilaalan, Mootummaa Waaqayyoof hin taane. Warri mormii dura dhaabbachuuf, akkasumas rakkina obsuuf hin qophoofne, hojii tajaajilaaf hin taane.

13:14-31 Yeroo Waaqayyoon waaqeffachuuf walitti qophoofnu, kana gochuu qabna, kadhannaa fi galataan qofa osoo hin taane, Dubbii Waaqayyoo dubbisuu fi dhaggeeffachuudhaanis. Dubbii Qulqulluu walitti qophii ummataa keessatti qofaa isaa dubbisuun gahaa miti; isaan ibsamuu qabu, akkasumas ummanni isaan irraa gorfamuu qabu. Kun dubbichi bu'aa qabeessa akka ta'uuf, akkasumas namoonni ofitti akka fudhatan gochuuf isa barbaachisaa ta'e raawwachuuf gargaarsa gochuudha.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በአንጾኪያም ባለችው ቤተ ክርስቲያን ነቢያትና መምህራን ነበሩ፤ እነርሱም በርናባስ፥ ኔጌር የተባለው ስምዖንም፥ የቀሬናው ሉክዮስም፥ የአራተኛው ክፍል ገዥ የሄሮድስም ባለምዋል ምናሔ፥ ሳውልም… አማርኛ ENGNIV In the church at Antioch there were prophets and teachers: Barnabas, Simeon called Niger, Lucius of Cyrene, Manaen (who… English BCV ኣብታ ኣብ ኣንፆኪያ ዝነበረት ቤተ ክርስቲያን ከዓ፥ ነቢያትን መምህራንን ነበሩ። ንሳቶም ከዓ በርናባስን፥ እቲ “ፀሊም” ተብሂሉ ዝፅዋዕ ስምኦንን፥ ሉቅዮስ ቀሬናውን፥ ምስ ገዛኢ ርባዕ ክፍሊ… ትግርኛ BCV GIZ ወሀለዉ በቤተ ክርስቲያን ዘአንጾኪያ ነቢያት ወሊቃውንት፡ በርናባስ ወስምዖን ዘተሰምየ ኔጎር፡ ወሉቅዮስ ቀሬናዊ፡ ወምናሄ ወልደ ሐፃኒቱ ለሄሮድስ ንጉሥ፡ ወሳውል። giz GAZGAZ Waldaa kristiiyaanaa Anxokiyaa keessa raajonnii fi barsiisonni turan; isaanis Baarnaabaas, Simi'oon ?Isa gurraachicha? … Afaan Oromoo BCV aksum ኣብታ ኣብ ኣንፆኪያ ዝነበረት ቤተ ክርስቲያን ከዓ፥ ነቢያትን መምህራንን ነበሩ። ንሳቶም ከዓ በርናባስን፥ እቲ “ፀሊም” ተብሂሉ ዝፅዋዕ ስምኦንን፥ ሉቅዮስ ቀሬናውን፥ ምስ ገዛኢ ርባዕ ክፍሊ… ትግርኛ AMHNIV በአንጾኪያ ባለችው ቤተ ክርስቲያን ነቢያትና መምህራን ነበሩ፤ እነርሱም፦ በርናባስ፣ ኔጌር የተባለው ስምዖን፣ የቀሬናው ሉክዮስ፣ የአራተኛው ክፍል ገዥ የሄሮድስ አብሮ አደግ የነበረው ምናሔና… አማርኛ SWAHSUV Na huko Antiokia katika kanisa lililokuwako palikuwa na manabii na waalimu, nao ni Barnaba, na Simeoni aitwaye Nigeri, … Kiswahili