2ffaa Qorontos 2

GAZBIBAfaan Oromoo17 Keeyyattoota2:57 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 2:57 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Ani deebi'ee isin gaddisiisuudhaaf gara keessan akka hin dhufne murtoo godheera.

2Isinan gaddisiisa yoo ta'e immoo, warruma ani isaan gaddisiise irraa kan hafe eenyutu na gammachiisa ree?

3Gara keessan dhufee, namoonni warri na gammachiisuun isaaniif ta'u akka ana hin gaddisiifneef kana isiniif caafeera; gammaduu kootti isinis akka gammaddan isin hin mamu.

4Yaadni garaa koo guddaa utuu rakkatuu utuu dhiphatuus, imimmaan baay'ee lolaasaa isiniif caafuun koo, jaalala guddaa ani isiniif qabu sana akka beektaniif malee, isin gaddisiisuuf miti.

5Egaa namni tokko isa kaan yoo gaddisiise ana gaddisiise miti; karaa gar tokkoo garuu, irra tuuluu hin ta'in malee, isin hunduma keessan gaddisiisuu isaa ti.

6Nama akkasii kana, adabni baay'een keessan irratti walii galtanii kanaan dura isa adabdan, in ga'a.

7Namichi gadda baay'ee guddaadhaan liqimfamuu isaa irra, isin yakka isaa dhiiftaniifii isa jajjabeessuun isiniif ta'a.

8Egaa isa jaallachuu keessan argisiisuudhaaf akka walii galtan isinan gorsa.

9Kanaafis ani wanta hundumaatti abboomamoo ta'uu keessan qoree beekuudhaaf isiniif caafeera.

10Nama isin yakka isaa dhiiftaniif anis immoo nan dhiisaaf; wanti ani namaaf dhiisu jira yoo ta'e, sababii keessaniif jedhee fuula Kristos duratti dhiiseeraaf.

11Akeeki Seexanaa maal akka ta'e waan beeknuuf, Seexanni akka nu hin gowwoomsineef kana in goona.

12Wangeela Kristos lallabuudhaaf mandara Xro'aas yommuun dhufe, gooftaan karaa anaaf banuu isaa nan arge.

13Obboleessa koo Tiitoosin achii waanan dhabeef garuu, yaadni koo hin ciifne; kanaafan namootatti nagaa dhaamee, achii ba'ee kutaa biyya Maqedooniyaatti darbe.

14Waaqayyo isa yeroo hundumaa karaa Kristos akka warra mo'e duulaa galutti nu adeemsisuuf, Kristosin beekuus akka foolii urgaa'utti harka keenyaan iddoo hundumaan isa ga'uuf galanni haa ta'u.

15Nuyi, warra karaa fayyinaa irra jiranii fi warra karaa badiisaa irra jiraniifis foolii Kristos isa Waaqayyotti urgaa'uu dha.

16Warra karaa badiisaa irra jiraniif foolii du'aa isa nama ajjeesu, warra karaa fayyinaa irra jiraniif garuu foolii jireenyaa isa nama jiraachisuu dha; egaa eenyutu hojii akkasii kanaaf ta'a ree?

17Nuyi akka warra Waaqayyo biraa ergamaniitti karaa Kristos fuula Waaqayyoo duratti garaa guutuudhaan dubbanna malee, akka namoonni baay'een dubbii Waaqayyoo mi'a harkatti gatii dhabe fakkeessanitti miti.

Ibsa

2:1-4 Ergamaan walgahii gammachiisaa isaan waliin qabaachuu hawwii guddaa qaba ture; akkasumas, wanta isaaniif fayyaduu fi isa jajjabeesu akka isaan hojjetan abdii guutuudhaan barreessee ture; kanaafuu, wanta isa nagaa dhabsiisu hundaa isa irraa kaasuu isaaniitti ni gammadu turan. Yeroo hundumaa miidhaa namaa geessisuun yookiin nama gaddisiisuun, yoo dirqamni keenya akka goonu nu dirqisiise iyyuu, fedhii malee ta'uu qaba.

2:5-11

Ergamaan, nama balleessaa hojjete sana deebisanii gara tokkummaa isaanii akka fudhatan fedha; sababiin isaas, inni balleessaa isaa hubatee ture, akkasumas adabbiisaa jalatti garmalee dararameera.

Gaddini cubbuu irraa dhufu illee hojiiwwan biroo irraa nama gufachiisuu hin qabu, akkasumas gara abdii kutannaatti nama oofuu hin qabu.

Dallaan guddaan ture Seexanni nama qalbii jijjiirrate sana Waaqayyoo fi amantii ilaalchisee yaada hamaatti geessee gara abdii kutannaatti isa oofee faayidaa akka hin arganneef; kana qofa osoo hin taane, Kiristaanonni dhiifama hin qadhiin jedhamanii maqaa hamaa fidanii waldaa Kiristaanaa fi tajaajiltoota Kiristoositti dallaa ture.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6