1ffaa Ximotewos 4

GAZBIBAfaan Oromoo16 Keeyyattoota2:45 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 2:45 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Bara booddetti namoonni tokko hafuurota wallaalchisoodhaa fi barsiisa hafuurota hamootaa duukaa bu'anii, amantii wangeelaa irraa akka gara galan, hafuurri qulqulluun keessaa baasee in dubbata.

2Warri sobduun, of-hinargineen, yaadni garaa isaanii diimnaan gubamee milikkita Seexanaa godhate kun, jara kana wallaalchisanii gara galchaniiru.

3Isaan kun, ?Fuudhuunii fi heerumuun, nyaata akkasii fi akkasii nyaachuun dhowwaa dha? jedhu; Waaqayyo garuu, nyaata adda addaa kana, warri amanan, warri dhugaa beekuu bira ga'anis, galataan fudhatanii akka nyaataniif uume.

4Wanti Waaqayyo uume hundinuu gaarii dha, wanta galataan fudhatamu keessas hirmiin hin jiru.

5Dubbiin Waaqayyoo, kadhannis isa in qulleessa.

6Obboloonni kana akka baran yoo goote, Kristos Yesusiif hojjetaa isa ba'eessa in taata; ofii keetiis dubbii amantiitti, barsiisa ba'eessa isa duukaa buute sanattis guddachaa in adeemta.

7Mammaaksa wanta qulqullaa'aadhaan mormu isa dubartoonni dullooman mammaakan hin fudhatin; nama Waaqayyoo ta'uudhaaf of qopheessi!

8Namummaa foonii cimsuuf of qoqqopheessuun wanta muraasaaf nama gargaara; nama Waaqayyoo ta'uudhaaf of qoqqopheessuun garuu, wanta baay'eedhaaf nama gargaara; jireenya ammaaf, isa dhufuufis abdiin isuma keessa jira.

9Dubbichi amanamaa dha, guutummaatti fudhatamuunis in ta'aaf.

10Waaqayyo fayyisaa nama hundumaa ti, addumaan immoo fayyisaa amantootaa ti; nuyi abdii keenya Waaqayyo isa jiraataa irra kaa'anneerra; kanaafis kanatti in dadhabna in dhamaanas.

11Kana hundumaa isaan abboomi, isaan barsiisis!

12Dubbii afaan keessaa ba'uun, akka jireenyaatiin, jaalalaan, amantiidhaan, of-qabuudhaanis amantootaaf fakkeenya ta'i! Namni tokko illees ijoollummaa keetiif si hin tuffatin!

13Hamma ani dhufutti immoo, caaffata qulqullaa'aa namootaaf dubbisuutti, gorsuutti, barsiisuuttis of kenni!

14Sagalee raajii dubbatameen, maanguddoonni harka isaanii mataa kee irra kaa'uudhaanis, kennaa hafuuraa siif kennamee si keessa jiru sana hin dagatin.

15Namoonni hundinuu itti guddachaa adeemuu kee akka arganitti, kennaa kanaan hojjedhu! Ittis of gad dhiisi!

16Ati ofii kee, barsiisa kees eeggadhu, itti jabaadhu! Akkas gochuu keetiin mataa kee, warra si dhaga'anis gara fayyinaatti in geessita.

Ibsa

4:1-5 Hafuurri Qulqulluun, Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa lamaanuu keessatti, deddeebi'ina waliigalaa amantii Kiristoos irraa fi waaqeffannaa Waaqayyoo isa qulqulluu irraa kan namoonni godhan dubbachaa tureera. Kunis bara Kiristiyaanummaa keessatti kan dhufu yoo ta'u, sababni isaas yeroon sun guyyoota dhumaa jedhamu. Barsiisonni sobaa wantoota Waaqayyo heyyame akka hammeenyaatti dhoorgan, akkasumas wantoota inni dhimma giddugaleessaa godhe immoo akka dirqamaatti ajaju. Seera Waaqayyoo gaafii isaa eeguudhaan, dirqamoota yaada keenya qofa irraa maddanii wantoota Inni heyyame didanitti osoo hin hiikamin, dammaqinaa fi ofi-itti-buluu keenyaaf shaakala arganna. Haata'u malee, wantoota daangaa malee yookiin sirrii hin taaneen fayyadamuun homtunuu qajeelcha hin ta'u; akkasumas homtunuu nuuf gaarii hin ta'u, yoo kadhannaan eebba Gooftichaa irra hin barbaanne ta'eef.

**4:6-10 Hojiiwwan of-dhabuu alaa bu'aa xiqqaa qabu. Yoo cubbuu hin ajjeesne, qaama ajjeesuun maal nu fayyada? Dhimmoota alaa qofarratti dammaqinaan hojjechuun tokkollee faayidaa guddaa hin qabu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG መንፈስ ግን በግልጥ፦ “በኋለኞች ዘመናት አንዳንዶች የሚያስቱ መናፍስትንና በውሸተኞች ግብዝነት የተሰጠውን የአጋንንትን ትምህርት እያደመጡ፥ ሃይማኖትን ይክዳሉ፡” ይላል፤ በገዛ ሕሊናቸው እን… አማርኛ ENGNIV The Spirit clearly says that in later times some will abandon the faith and follow deceiving spirits and things taught … English BCV በቲ ዳሕረዋይ ዘመን ግና፥ ገሊኣቶም እምነቶም ክሒዶም፥ ንመታለልቲ መናፍስትን፥ ንትምህርቲ ኣጋንንትን ከም ዝስዕቡ፥ መንፈስ ብገሃድ ይነግር ኣሎ። ትግርኛ BCV GIZ ወመንፈስ ገሃደ ይነግር ከመ በደኃሪ መዋዕል የዐልዉ ሃይማኖቶሙ ብዙኃን ወይተልውዎሙ ለአጋንንት እኩያን ወመስሕታን ወትምህርተ ሰይጣን ዘያናፍቅ። giz GAZGAZ Bara booddetti namoonni tokko hafuurota wallaalchisoodhaa fi barsiisa hafuurota hamootaa duukaa bu'anii, amantii wangee… Afaan Oromoo BCV aksum በቲ ዳሕረዋይ ዘመን ግና፥ ገሊኣቶም እምነቶም ክሒዶም፥ ንመታለልቲ መናፍስትን፥ ንትምህርቲ ኣጋንንትን ከም ዝስዕቡ፥ መንፈስ ብገሃድ ይነግር ኣሎ። ትግርኛ AMHNIV በኋለኞች ዘመናት አንዳንዶች እምነትን ክደው አታላይ መናፍስትንና የአጋንንትን ትምህርት እንደሚከተሉ መንፈስ በግልጥ ይናገራል። አማርኛ SWAHSUV Basi Roho anena waziwazi ya kwamba nyakati za mwisho wengine watajitenga na imani, wakisikiliza roho zidanganyazo, na m… Kiswahili