1ffaa Saamu'eel 17

GAZBIBAfaan Oromoo58 Keeyyattoota12:37 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 12:37 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Baras Filisxeemonni loltoota isaanii“Sokoo” mandara Yihudaatti lolaaf walitti qabatanii, Sokoo fi Azeqaa gidduu Efes-Damiim keessa in buufatan.

2Akkasumas Saa'olii fi namoonni Israa'el walitti qabamanii dachaa Elaa keessa buufatanii, Filisxeemota loluudhaaf dhaqanii loltoota isaanii tarree in galfatan.

3Filisxeemonni gaara tokko irra, Israa'eloonni immoo gaara kan biraa irra dhaabatanii turan; isaan gidduus dachaan ture.

4Yommus Golyaad Gaatichi inni loltoota Filisxeemiif dubbatu tokko iddoo buufata isaanii keessaa as in ba'e; dheerinni hojjaa isaatii dhundhuma ja'aa fi taakkuu ture.

5Gonfoo sibiila borrajjii mataa isaa irraa qaba; maddaa sibiilaa waan akka qola qurxummiis uffatee ture; maddaan sibiila borrajjii sunis akka kiilo graamii shantamii torbaa ulfaata ture.

6Wanta akka qola mukaa sibiila borrajjii irraa tolfame miilla isaatti maratee, bodee sibiila borrajjiis gatiittii isaa irra qaxxaamursee hidhatee ture.

7Somaan eeboo isaatii akkuma muka wayya dhooftuun wayyaa isa dha'ee itti maruu ti; qarri eeboo isaatii sibiila akka kiilo graamii torbaa ulfaatu irraa kan hojjetame ture; namni gaachana isaa baatuufis isa dura in adeema ture.

8Golyaad dhaabatee loltoota Israa'el warra tarree waraanaa irra jiraniin,“Maaliif loltoota tarree galfachuuf baatan” Ani Filisxeemicha miti moo” Isin immoo garboota Saa'ol mitii” Isin nama anatti as ba'u tokko fo'adhaa!

9Namichi ana lolee yoo na ajjeesuu danda'e, nuyi garba isiniif in taana; ani isa mo'ee yoon isa ajjeese garuu, isin garba keenya taatanii nuuf in hojjettu” jedhe.

10Filisxeemichi itti fufee, “ ‘Har'a nama ana lolu tokko anaaf kennaa!” jedheetan isin loltoota Israa'el warra tarree waraanaa irra jirtanitti ga'isa!” jedhe.

11Saa'olii fi Israa'eloonni hundinuu dubbii Filisxeemichi dubbate kana dhaga'anii, in na'an baay'isaniis in sodaatan.

12Daawit ilma Isey Efraatichaa isa mandara Betlihem kutaa biyya Yihudaa keessa jiraatuu ti; Isey ilmaan saddeet qaba; bara Saa'ol keessa inni nama jaarsa, biyya keessattis beekamaa ture.

13Ilmaan Isey warri duraa sadan Saa'ol duukaa lola in dhaqan; maqaan ilmaan isaa warra gara lolaa dhaqan sadaniis, inni angafni Eliiyaab, inni lammaffaan Abinaadaab, inni sadaffaan Shamaahi ture.

14Daawit garuu hundumaa booddee ture; warri duraa sadan Saa'ol duukaa in dhaqan.

15Daawit yommus hoolota abbaa isaatii tiksuudhaaf Saa'ol biraa Betlihemitti in deebi'e.

16Yeroo sanatti Golyaad Filisxeemichi guyyaa afurtama ganama ganamaa fi galgala galgala fuullee loltoota Israa'elitti ba'ee, iddoo qabatee in dhaabata ture.

17Iseyis Daawit ilma isaatiin,“Maaloo, akaayii akka kiilo digdamii lamaan kanaa fi buddeena kurnan kana ariitiidhaan obboloota keetiif iddoo buufata isaaniitti geessi!

18Itittuu wal qabatee goge kurnan kana immoo angafa kumaa isaaniitiif geessi! Obboloonni kees nagaa ta'uu isaanii hubadhuutii, milikkita isaan biraa fidii kottu!

19Isaan Saa'olii fi namoota Israa'el hundumaa wajjin dachaa Elaa keessatti Filisxeemota lolaa jiru” jedhe.

20Daawit yommus hoolota tiksituutti kennee, wanta Isey isa abboome fudhatee ganama obboroodhaan ka'ee in adeeme; yeroo inni buufata loltootaa bira ga'etti, loltoonni Israa'el wacaa gara tarree waraanaatti in yaa'u turan.

21Loltoonni Israa'elii fi loltoonni Filisxeem tarree galanii fuullee walii in dhaabatan.

22Daawitis mi'a isaa namicha mi'a eegutti kennatee, fiigee gara loltootaa dhaqee obboloota isaa nagaa in gaafate.

23Utuu inni isaanii wajjin haasa'aa jiruu, Golyaad Gaatichi inni loltoota Filisxeemiif dubbatu, tarree waraana Filisxeemotaa keessaa achii as ba'ee akkuma amala isaatii Israa'elootatti utuu ga'isuu in dhaga'e.

24Namoonni Israa'el hundinuu namicha yeroo arganitti guddaa sodaatanii isa duraa in baqatan.

25Namoonni Israa'el yommus,“Namicha yeroo yerootti as ba'u kana argituu” Inni Israa'elootatti ga'isuudhaaf dhufe; nama namicha kana ajjeese mootiin in badhaasa; akkasuma immoo intala isaa itti in heerumsiisa, maatiin abbaa isaas biyya Israa'el keessatti gibira akka hin baafne in godhaaf” waliin in jedhu turan.

26Daawit immoo,“Nama Filisxeemicha kana ajjeesee, arrabsamuu kana Israa'eloota irraa fageessuuf maaltu godhama” Filisxeemichi dhagna hin qabatin, inni loltoota Waaqayyo isa jiraataatti ga'isu kun eenyu inni?” jedhee, namoota isa bira dhaabatan in gaafate.

27Jarri akkuma duraan dubbatan,“Nama Filisxeemicha ajjeesu kanaaf kanatu godhama” jedhanii itti in himan.

28Yommus Eliiyaab obboleessi Daawit inni angafni, Daawit namootaa wajjin utuu haasa'uu dhaga'ee, baay'isee itti aaree;“Ati maaliif as dhufte” Hoolota warra muraasa sana lafa onaa keessatti eenyu biratti dhiifte” Ati sababii of tuulummaa kee fi hammina garaa keetiitiif lola ilaaluu akka dhufte anuu beeka” jedhe.

29Daawit kana irratti deebisee,“Gaaffii duwwaan gaafadhe malee, maalan godhe?” jedheen.

30Amma immoo Eliiyaab irraa gara galee sanyiidhuma gaaffii isaa isa duraa namoota kan biraa in gaafate; jarris deebii isuma duraa sana in deebisaniif.

31Dubbii Daawit dubbate warri dhaga'an Saa'olitti himnaan, inni achumaan, Daawitin ofitti in waamsise.

32Daawit yeroo sanatti Saa'oliin,“Ani garbichi kee Filisxeemicha kana dhaqee nan lolaatii namni tokko illee garaa isaatti isa hin sodaatin!” jedhe.

33Saa'ol yommus Daawitiin,“Ati ijoollee dha, namichi Filisxeem kun immoo ijoollummaa isaatii jalqabee lolatti waan guddateef, dhaqxee isa loluu hin dandeessu” jedheen.

34Daawit garuu Saa'oliin,“Ani garbichi kee hoolota abbaa kootii nan tiksan ture; yeroo sanatti leenci yookiis amaaketi dhufee hoolota sana keessaa tokko yommuu qabatu,

35ani duukaa bu'ee isa rukutee afaan isaa keessaa nan buusan ture; yoo inni anatti gara gale immoo liqimsituu isaa qabee rukutee nan ajjeesan ture;

36ani garbichi kee leencas amaaketas akkasitti ajjeeseera; akkasumas Filisxeemichi dhagna hin qabatin kun loltoota Waaqayyo isa jiraataatti waan ga'iseef, bineensota kana keessaa akka isa tokkoo in ta'a” jedhe.

37Itti fufees,“Waaqayyo inni harka leencaatii fi amaaketaa na oolche, harka Filisxeemicha kanaas na oolcha” jedhe; Saa'ol kana irratti Daawitiin,“Egaa dhaqi! Waaqayyo sii wajjin haa ta'u!” jedhe.

38Kana booddee Saa'ol uffata ofii isaatii Daawititti uffisee, gonfoo sibiila borrajjii mataa isaatti kaa'ee, maddaa sibiilaas itti in uffise.

39Daawit billaa isaa uffata isaa irratti hidhatee adeemuu in yaale; garuu waan itti hin bariniif,“Ani isaan kana hundumaa hidhadhee adeemuu hin danda'u” jedhee, Saa'olitti himee, ofittii in baase.

40Achumaanis ulee isaa fudhatee, dhagaa guggumee shan immoo lagaa funaanee korojoo isaatti naqatee, furrisa isaas fudhatee gara Filisxeemichaatti in dhi'aate.

41Yeroo sanatti Golyaad Filisxeemichi namicha isa gaachana isaa baatuuf of fuul dura buufatee gara Daawititti dhi'aachaa in adeeme.

42Filisxeemichi ilaalee Daawitin dargaggeessa diimaa dhaaba tolu tokko yommuu arge in tuffate.

43Innis Daawitiin,“Ani saree dhaa iyyuu ulee qabattee anatti dhuftee?” jedhee, maqaa waaqayyolii isaatiin isa in abaare.

44Itti fufees,“Mee, gara kootti as adeemi! Amman foon kee allaattota waaqa keessa balali'anii fi bineensota caakkaatiif godhaa!” jedhe.

45Daawit immoo Filisxeemichaan,“Ati illee billaa, eeboodhaa fi bodee keetiin anatti dhuftaa, ani garuu maqaa Waaqayyoo gooftaa maccaa, Waaqayyo loltoota Israa'el isa ati itti ga'ifte sanaan sitti nan dhufa;

46har'a Waaqayyo harka koo keessa si buusa; ani si ajjeesee mataa kee si irraa nan kuta, reeffa loltoota Filisxeemis allaattota waaqa keessa balali'anii fi bineensota caakkaatiif nan godha; yommus gooftichi Israa'elootaaf Waaqayyo isaanii akka ta'e guutummaan biyya lafaa in beeka.

47Lolli kan Waaqayyoo waan ta'eef, Waaqayyo harka keenya keessa si buusa; Waaqayyo billaadhaa fi eeboodhaan akka hin oolchine wal ga'iin kun hundinuu in beeka” jedhe.

48Yeroo Golyaad Filisxeemichi ka'ee Daawititti adeemetti, Daawitis isa rukutuudhaaf ariitiidhaan gara tarree lolaatti Filisxeemichatti in fiige.

49Achumaanis korojoo isaa harka kaa'ee, dhagaa fudhatee, darbatee adda Golyaad in rukute; dhagichi adda isaa keessa badnaan, innis lafa dha'ee adda isaatiin gad in gombifame.

50Daawit billaa utuu of harkaa hin qabaatin, akkasitti furrisaa fi dhagaadhaan Filisxeemicha in mo'ate; inni Filisxeemicha rukutee in ajjeese.

51Kana booddee gara isaatti fiigee, irra dhaabatee billaadhuma Golyaad mann'ee isaa keessaa luqqifatee, ittiin mataa isaa irraa in mure; warri Filisxeemis loltuun isaanii inni jabaan akka du'e yommuu argan fiiganii in baqatan.

52Yommus namoonni Israa'elii fi namoonni Yihudaa ka'anii dhaadachaa Filisxeemota hamma dachaa sanaatti, hamma karra Eqroonitti in ari'an; Filisxeemonni warri waraanamanii madaa'anis karaa Shaa'araayim irra hamma Gaatitti, hamma Eqroonittis kukkufanii in dhuman.

53Israa'eloonni warra Filisxeem duukaa bu'anii ari'uu irraa yommuu deebi'an iddoo buufata isaanii immoo in saaman.

54Daawit mataa Filisxeemichaa gara Yerusaalemitti in geesse, mi'a lolaa isaa garuu dunkaana isaa keessa in kaa'ate.

55Daawit Filisxeemicha loluuf akka adeeme Saa'ol yommuu arge, Abneer ajajaa humna waraanaatiin,“Yaa Abneer, dargaggeessi kun ilma eenyuu ti?” jedhee in gaafate; Abneeris,“Yaa mootii! Du'a lubbuu keetii ti, ani hin beeku” jedheen.

56Mootichis,“Dargaggeessi kun ilma eenyuu akka ta'e mee qoradhu!” jedheen.

57Daawit Filisxeemicha ajjeesee akkuma deebi'een, amma illee mataan Filisxeemichaa harka isaa keessa utuu jiruu, Abneer Saa'ol duratti isa in dhi'eesse.

58Saa'ol yommus Daawitin,“Dargaggeessa nana! Ati ilma eenyuu ti?” jedheen; Daawit immoo,“Ani ilma garbicha kee Isey Betlihemichaa ti” jedheen.

Ibsa

17:1-11

Ilmi namaa wantoota hundumaa keessatti Waaqayyo irratti guutummaatti waan hirkatuuf, yoo inni gargaarsa isaa irraa dhorge, warri baay'ee jajjaboo fi murtoo qabeeyyiin onnee yookiin harka isaanii hin argatan, akkuma muuxannoon guyyaa guyyaa agarsiisutti.

Boqonnaa 17

Daawit nama Waaqayyo amma ulfeessuuf gammadu dha, inni nama garaa Waaqayyoo irra jiru waan ta'eef. Boqonnaa darbe keessatti, erga dibamee booda, Qophiin Waaqayyoo mana mootummaa keessatti akkamitti akka isa beeksise dubbisne; boqonnaa kana keessatti immoo Qophiin Waaqayyoo dirree waraanaa keessatti akkamitti akka isa caalaatti beeksise, fi kanaan lamaanuu, nama guddaa akka ta'u qofa osoo hin taane, teessoo isaaf qophaa'eef akka isa qopheesse dubbisna. Mana mootummaa keessatti inni ogeessa fayyaa Saa'ol qofa ture; garuu dirree waraanaa keessatti gooftaa Israa'el ture; achitti inni Goliyaad Gatiin lolaa ture, isa injifate. Seenaa kana keessatti, ilaali:

I. Goliyaad bifa akkam bareedaa akka qabu, fi loltoota Israa'el akkamitti akka ija jabinaan qoccolle (Lakk. 1–11).

II. Daawit yeroo Qophiin Waaqayyoo gara loltootaatti isa fide bifa akkam salphaa akka qabu (Lakk. 12–30).

III. Ija jabina Daawit Filisxeemichaan wal arguuf qabu kan hin qixxaanne (Lakk. 31–39).

IV. Murannoo amantaa inni ittiin isa haleele (Lakk. 40–47).

V. Injifannoo ulfina qabeessa inni gaadidaa fi dhagaadhaan isa irratti argate, fi faayidaa Israa'eloonni kanaan Filisxeemota irratti argatan (Lakk. 48–54).

VI. Daawit mana mootummaa keessatti akkamitti akka beekame (Lakk. 55–58).

Lakk. 1-11

Filisxeemonni yeroo gabaabaa dura Israa'el duraan dursanii jabaatti injifataman, Saa'ol ija jabina dhabuu baatee guutummaatti injifatamuu turan; garuu amma isaan deebi'anii mataa ol qabatanii jiru. Ilaali:

I. Akkamitti loltoota isaaniitiin Israa'el qoccollan, Lakk. 1. Isaan biyya Israa'elootaa irratti bu'anii, akka fakkaatutti, kutaa isaa tokko qabatan, sababiin isaas Yihudaatti buufatan. Israa'el Waaqa isaaniitiif amanamoo ta'anii turanii Filisxeemonni lafa Israa'el irra hin ejjetanii turan. Filisxeemonni (akka fakkaatutti) Saamu'el Saa'olii wajjin wal dhabee isa dhiise, deeggarsa fi gorsa isaaf hin kennine, akkasumas Saa'ol gaddaan liqimfamee hojiif hin taane jedhanii dhaga'anii turan, oduun kunis ulfina dhiheenya kana dhaban deebisuuf yaalii kana akka godhan isaan jajjabeesse. Diinonni waldaa faayidaa argachuuf dammaqoo dha, akkasumas yeroo eegdonni ishee Hafuura Waaqayyoo fi raajota akka isaan dhiisan kakaasan caalaa faayidaa guddaa hin qaban. Saa'ol loltoota isaa walitti qabee isaan dura dhaabate, Lakk. 2, 3. Kanaafuu, asitti hubachuu qabna:

1. Hafuurri hamaan yeroo sanaaf Saa'ol dhiisee ture, 1Sa. 16:23. Faarfaannaan Daawit isaaf tasgabbii waan kenneef, tarii waraanni fi dhimmoonni waraanaa dhukkubichi akka hin deebine dhowwan. Hojiin gaddaa fi yaaddoo irratti qoricha gaarii dha. Sammuun wanta alaa irratti xiyyeeffatee hojii akka qabaatu yoo godhame, ofuma isaa irratti dhiphachuu irraa balaa xiqqaa qabaata. Waaqayyo, garaa laafina Israa'eliif, yeroo muraasaaf firdii dhaabe; sababiin isaas yeroo kana mootiin yoo dhiphatee dhimmoonni uummataa akkamitti dhiphachuu danda'u!

2. Daawit yeroo sanaaf gara Beetliheem deebi'ee mana mootummaa dhiisee ture, Lakk. 15. Saa'ol dhukkuba isaa tasgabbeessuuf isa fayyadamuu dhiisee yeroo ture, inni dibamee waan tureef sababa dhuunfaa gaarii qaba ture, akkasumas iddoo meeshaa waraanaa Saa'ol baatuu ta'uuf heyyama waan qabuuf, mana mootummaa keessatti tajaajila isaa itti fufuuf sababa cimaa qaba ture, garuu gara Beetliheemitti deebi'ee hoolota abbaa isaa tiksuuf deebi'e; kun dargaggeessa ulfina guddaaf qophaa'eef, gad of deebisuu fi jaalala maatii isaatiif qabu kan argisiisu fakkeenya addaa ture. Inni akka namoota hedduu ol ka'uu jalqabee booda deebi'ee gad bu'uu beeka ture, akkasumas jireenya tiksummaa mana mootummaa keessatti gammachuu fi bashannana hundumaa caalaa jaallate. Nama isa caalaa ulfinaaf ta'u hin jiru, akkasumas isa caalaa kan isaaf malu hin jiru, garuu isa caalaa kan ulfinaaf du'e hin jiru.

II. Akkamitti gooftaa isaanii Goliyaadiin Israa'el qoccollan, isa isaan ofii isaa caalaa ittiin boonan, kanaanis maqaa gaarii fi bulchiinsa isaanii deebisuuf abdatan. Loltoonni Israa'el lakkoofsaan fi humnaan kan Filisxeemotaa caaluu danda'u, kunis Filisxeemonni lola akka didan, akkasumas isaan wajjin wal qixxee dhaabatan, dhimma kana lola nama tokkoon xumuruu filatan, kana keessattis, gooftaa akkasii waan qabaniif, injifannoo argachuuf abdatan. Amma gooftaa kana ilaalchisee, ilaali:

1. Dheerinni isaa dinqisiisaa ture. Inni ijoollee Anaak, kan yeroo Yoosuu'eetti Gaat keessatti iddoo isaanii qabatan (Yos. 11:22), akkasumas sanyii gurguddoo achitti jiraachisan keessaa tokko ture, Goliyaad isaan keessaa tokko ture, akkasumas, akka fakkaatutti, isa gurguddaa keessaa tokko ture. Dheerinni isaa dhundhuma ja'a fi qabattoo tokko ture, Lakk. 4. Bishaashii Kambarlaand dhundhumti kitaaba qulqulluu inchi digdamii tokkoo ol akka ta'e (walakkaa yaardii keenyaa inchi sadii ol) fi qabattoon walakkaa dhundhumaa akka ta'e mirkaneesseera, kanaanis Goliyaad dheerinni isaa yaardii afur irraa inchi saddeet qofa akka hir'atu, fi meetira sadii fi inchi kudha afur akka ta'u, dheerina dinqisiisaa fi isa sodaachisaa godhu, keessattuu yoo humna fi hafuura wal gitu qabaate.

2. Meeshaa waraanaa isaa. Ogummaan, akkasumas uumamni, isa sodaachisaa godhan. Inni meeshaa waraanaa ittisaa gaariidhaan qophaa'ee ture (Lakk. 5, 6): Mataa isaa irratti koofiyyaa sibiila diimaa, uffata waraanaa, kan sibiila diimaa wal irra kaa'ame irraa hojjetame, akka qola qurxummii; akkasumas miilli isaa nama idilee bira ga'uu waan danda'uuf, kophee sibiila diimaa uffata ture, akkasumas morma isaa irratti uffata sibiila diimaa guddaa qaba ture. Uffatichi sheekelii 5000 akka ulfaatu dubbatameera, sheekeliin tokko walakkaa onzii avoirdepois ture, ulfaatina guddaa nama tokkoof baatamuu danda'u, kutaan meeshaa waraanaa isaa kan biroo hundi wal gitu ture.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ፍልስጥኤማውያንም ጭፍሮቻቸውን በይሁዳ ባለው በሰኮት አከማቹ፤ በሰኮትና በዓዜቃ መካከል በኤፌስደሚም ሰፈሩ። አማርኛ ENGNIV Now the Philistines gathered their forces for war and assembled at Socoh in Judah. They pitched camp at Ephes Dammim, b… English BCV ፍልስጥኤማውያን ድማ ኽዋግኡ ሰራዊቶም ኣኽቲቶም ኣብ ሰኮት ናይ ይሁዳ ተኣከቡ፤ ኣብ ኣርፌስደሚም ኣብ መንጎ ሰኮትን ዓዜቃን ከዓ ሰፈሩ። ትግርኛ BCV GIZ ወአስተጋብኡ ኢሎፍሊ አሕዛቢሆሙ ለፀብእ ወተጋብኡ ውስተ ሰኰት ዘይሁዳ ወተዐየኑ ውስተ ሰኰት ወማእከለ አዜቃ ውስተ ሴፌርሜም። giz GAZGAZ Baras Filisxeemonni loltoota isaanii“Sokoo” mandara Yihudaatti lolaaf walitti qabatanii, Sokoo fi Azeqaa gidduu Efes-Da… Afaan Oromoo BCV aksum ፍልስጥኤማውያን ድማ ኽዋግኡ ሰራዊቶም ኣኽቲቶም ኣብ ሰኮት ናይ ይሁዳ ተኣከቡ፤ ኣብ ኣርፌስደሚም ኣብ መንጎ ሰኮትን ዓዜቃን ከዓ ሰፈሩ። ትግርኛ AMHNIV ፍልስጥኤማውያን ሰራዊታቸውን ለጦርነት አሰባስበው፣ በይሁዳ ምድር በሰኰት ላይ አከማቹ፤ እነርሱም በሰኰትና በዓዜቃ መካከል ባለው በኤፌሰ ደሚም ሰፈሩ። አማርኛ SWAHSUV Wakati huo Wafilisti walikusanya majeshi yao kwa vita, nao wakakusanyika huko Soko, ulio mji wa Yuda, wakatua kati ya S… Kiswahili