1ffaa Pheexiroos 3

GAZBIBAfaan Oromoo22 Keeyyattoota4:53 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:53 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Akkasumas isin dubartoota nana, warra dhiiraa keessaa kaan dubbii Waaqayyoo hin amanne yoo ta'an iyyuu, isin waan tokko utuu hin dubbatin, amala isin warri haadhota manaa isaanii taatan argisiiftaniin akka mo'amanitti, abboota manaa keessaniif abboomamaa!

2Isaan amala keessan isa qullaa'aa fi isa sodaa Waaqayyoo argisiisu in argu.

3Of kuuluun keessan, wanta alaan mul'atu, mataa tolfachuudhaan, warqee naqachuudhaan, uffata babba'eessa uffachuudhaanis hin ta'in!

4Garuu of kuuluun keessan inni hin badne keessa namummaa keessanii isa dhokataadhaan haa ta'u! Kunis hafuura garraamummaa fi gabii isa Waaqayyo duratti guddaa gati-jabeessa ta'e sanaan haa mul'atu!

5Bara duriitti dubartoonni Waaqayyoof qulqullaa'anii isa abdatan, akkasitti abboota manaa isaaniitiif abboomamuudhaan of kuulaa turan.

6Saaraan akkas Abrahaamiif abboomamaa, gooftaa koo jettees isa waamaa turte; ammas isin gaarii yoo gootan, doorsisa tokkos hin sodaattan yoo ta'e, ijoollee ishee ta'uu keessan.

7Akkasuma isinis dhiirota nana, dubartoota keessaniif beekaatii wajjin jiraadhaa! Walii wajjin jireenya isa tola isiniif kennamutti galuuf waan jirtaniif, kadhanni keessan gufuu argatee akka hin ittifamnetti, dubartii keessan akka gar tokko dhagna keessanii isa dadhabaatti ulfina kennaaf!

8Ammas hundumti keessan hafuuraan, dhageettii yaada garaatiinis tokkummaa qabaadhaa! Obboloota jaallachuudhaan, gara-laafinaan, gad of deebisuudhaanis walii wajjin jiraadhaa!

9Hamaa, hamaadhaan, abaarsas, abaarsaan hin deebisinaa! Gara galchii iyyuu eebbisaa! Isin eebba akka argattaniif waamamtan.

10Caaffanni qulqullaa'aan, ?Namni jireenyatti gammaduu barbaadu, inni bara gaarii arguu fedhus, arraba isaa hamaa dubbachuuttii, afaan isaas haxxummaadhaan dubbachuuttii haa ittisu!

11Inni hamaattii gara galee gaarii haa godhu, nagaa haa barbaadu, duukaas haa bu'u!

12Iji gooftichaa, gara warra qajeelotaa in ilaala; gurri isaas kadhata isaanii in dhaga'a; garuu fuulli gooftichaa warra hamaa godhanitti nyaara guureera? in jedha.

13Wanta gaarii gochuudhaaf warra hinaafan yoo taatan, eenyutu hamaa isin irratti hojjeta ree?

14Wanta qajeelaadhaaf utuu dhiphattanii iyyuu immoo attam gammaddu laata! Sodaachisa warra isin sodaachisanii hin sodaatinaa! Hin raafaminaas!

15Kristosiif garuu akka gooftaatti garaa keessan keessatti ulfina addaan ba'e kennaaf! Waa'ee abdii isin keessa jiruuf, nama isin gaafatee, deebii isin irraa barbaaduuf, deebii ga'u deebisuudhaaf yeroo hundumaa qophaa'oo ta'aa!

16Deebiin keessanis arraba laafaadhaan nama safeeffachuudhaanis haa ta'u! Warri hamaa isin irratti dubbachuudhaan maqaa keessan balleessan, amala keessan isa gaarii, isa erga kan Kristos taatanii argisiiftan sana hammeessan akka yeella'aniif, yaadni garaa keessanii akka isin hin ceephaanetti jiraadhaa!

17Isa hamaa godhaniif dhiphachuu mannaa, jaalala Waaqayyoo taanaan, sababii wanta gaarii godhaniif dhiphachuu wayya.

18Kristos immoo gara Waaqayyootti isin fiduudhaaf jedhee, yeroo hundumaaf akka ta'utti al tokkicha, cubbuu namoota baay'eetiif dhiphateera; inni qajeelaan foon uffatee, qooda warra jal'ootaa ajjeefame, hafuuraan jiraachifameera.

19Hafuuruma sanaanis dhaqee hafuurota warra mana hidhaa keessa jiranitti lallabe.

20Isaan hafuurota namoota warra dura bara Nohitti, yeroo markabni tolfame, yommuu Waaqayyo obsaan isaaniif eeggachaa turetti, isaaf hin abboomamin hafanii dha. Markaba kanaan namoonni muraasi, kana jechuun lubbuun saddeet bishaan keessaa oolan.

21Kunis fakkeenya cuupphaa isa isin amma ittiin ooltanii ti; cuupphaan waan ittiin, karaa du'aa ka'uu Yesus Kristos, yaada garaa nama hin ceephaane argachuudhaaf, Waaqayyotti himatanii dha malee, waan ittiin xurii dhagnaa dhiqatan miti.

22Inni du'aa ka'e sun gara waaqaatti ol ba'ee, gara mirga Waaqayyoo jira; ergamoonni Waaqayyoo, warri aboo qabu jedhamanii sodaataman, humnoonnis harka isaa jala jiru.

Ibsa

3:1-7

Haati warraa dirqama ishee abbaa warraa isheef guutummaatti raawwachuu qabdi, innii dubbii (Waaqayyoo) oofuu baatus. Guyyaa hundaa ni argina akka namoonni hamoon daandii fi jireenya warra amantaa dubbatanii cimeen ilaalan. Uffata uffachuun dhorkamee hin jiru, garuu of tuulummaa fi baasii guddaa miidhagina irratti. Namoonni amantii akka amala isaanii hundi dubbii amantaa isaaniitiif walsimu of eeggachuu qabu. Garuu harki meeqaatamaatu beeka daangaa fi safara sirrii warrana lamaan jireenyaaf barbaachisoo ta'anii, nyaataa fi uffataa! Hanga hiyyummaan daangessituu keenya taatee nu gabaabduutti malee, nama nuuf gaarii ta'e caalaa waan biraa hin hawwine jiraachuu baata. Hedduun hiyyummaa haala isaaniitiif galata qabu, hiyyummaa sammuu isaaniitiif caalaa; hedduun garuu akkasitti daangessamuu hin barbaadan, yeroo fi maallaqa isaanii waan xixiqqoo irratti gatu.

Ergamaan dubartoota Kiristaanaa ajaja akka waan hin badne, kan lubbuu miidhagsu uffatan, jechuunis ayyaana Hafuura Qulqulluu Waaqayyoo. Of eeggannoon Kiristaana dhugaa inni guddaan hafuura isaa sirriitti qindeessuu keessa jira. Kun jaalala mirkaneessuuf, akkasumas ulfina abbaa warraa kakaasuuf, waan miidhagina qoratamoo ykn uffata modaatti fakkeeffamanii uffatan, kan amala jallataa fi lolaa qabuun deeggaraman caalaa ni hojjeta. Kiristaanonni dirqama isaanii walii isaaniif raawwachuu qabu, yaada tolaadhaan, ajaja Waaqayyoof abboomamuudhaan. Haatittiin abbaa warraatti abboomamuu qabdi, sodaadhaa fi rifaadhaa miti, garuu waan gaarii hojjechuuf, Waaqayyoos gammachiisuuf fedhii qabaachuu irraan kan ka'e.

Dirqamni abbaa warraa haadha warraatiif qabu ni agarsiisa ulfina sirrii isheef kennuu, abbaa taayitaa ishee kabajuu, ishee eeguu, fi isheetti amanamuu. Jireenya kanaa fi kan dhufuuf eebbawwan hundumaaf dhaaltoota waliin ta'anii, nagaan walii wajjin jiraachuu qabu. Kadhannaan haasaa isaanii ni mi'eessa. Maatii wajjin kadhachuun qofti ga'aa miti, garuu abbaan warraa fi haati warraa of danda'anii waliin, akkasumas ijoollee isaanii wajjin kadhachuu qabu. Warri kadhannaatti dhihoo ta'an mi'aa akkasii dubbatamuu hin dandeenye keessaa argatu, kanaaf isaan keessatti gufachiifamuu hin danda'an. Akka baay'ee kadhattan, qulqullummaan jiraadhaa; akka qulqullummaan jiraattanis, baay'ee kadhadhaa.

3:8-13 Kiristiyaanonni yeroo hundumaa yaada guutummaatti wal fakkaatu qabaachuu baatanis, haata’u malee, walitti garaa laafuu fi akkuma obboleewwanitti wal jaallachuu qabu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG እንዲሁም፥ እናንተ ሚስቶች ሆይ፥ ከባሎቻችሁ አንዳንዱ ለትምህርት የማይታዘዙ ቢኖሩ፥ በፍርሃት ያለውን ንጹሑን ኑሮአችሁን እየተመለከቱ ያለ ትምህርት በሚስቶቻቸው ኑሮ እንዲገኙ ተገዙላቸው። አማርኛ ENGNIV Wives, in the same way be submissive to your husbands so that, if any of them do not believe the word, they may be won … English BCV ከምኡውን፥ ኣትን ኣንስቲ፥ ንሰብኡትክን ተኣዘዛኦም። ንቓል እግዚኣብሄር ዘይእዘዙ ሰብኡት እንተልዮም ድማ፥ ከም እተኽብራኦምን፥ ብንፅህና ኸም እትነብራን ምስ ረአዩ፥ ብዘረባ ዘይኮነስ ብህይወ… ትግርኛ BCV GIZ ወከማሁ አንትንሂ አንስት ተኰነና ለአምታቲክን ከመ እመ ቦ ዘኢየአምን በዝንቱ ነገር እምሥነ ምግባሪሆን ለአንስት ይርአዩ ወዘእንበለ ካሕድ ይርብሕዋ ለነፍሶሙ። giz GAZGAZ Akkasumas isin dubartoota nana, warra dhiiraa keessaa kaan dubbii Waaqayyoo hin amanne yoo ta'an iyyuu, isin waan tokko… Afaan Oromoo BCV aksum ከምኡውን፥ ኣትን ኣንስቲ፥ ንሰብኡትክን ተኣዘዛኦም። ንቓል እግዚኣብሄር ዘይእዘዙ ሰብኡት እንተልዮም ድማ፥ ከም እተኽብራኦምን፥ ብንፅህና ኸም እትነብራን ምስ ረአዩ፥ ብዘረባ ዘይኮነስ ብህይወ… ትግርኛ AMHNIV ሚስቶች ሆይ፤ እናንተም እንደዚሁ ለባሎቻችሁ ተገዙ፤ አንዳንድ ለቃሉ የማይታዘዙ ቢኖሩ፣ ያለ ቃል በሚስቶቻቸው አኗኗር ተማርከው ይመለሳሉ፤ አማርኛ SWAHSUV Kadhalika ninyi wake, watiini waume zenu; kusudi, ikiwa wako wasioliamini Neno, wavutwe kwa mwenendo wa wake zao, pasip… Kiswahili