Phaawuloos Hidhame

14 LakkoofsotaAfaan Oromoo

Hojii Ergamootaa 21:27-40

27Guyyaa torbaffaan isaanii raawwatamuu geenyaan, Yihudoonni kutaa biyya Asiyaatii dhufan Phaawulosin mana qulqullummaa keessatti arganii, tuuta jaraa hundumaa itti kaasanii, isa qabatan.

28Jarri kun sagalee isaanii ol fudhatanii, ?Yaa warra Israa'el, kottaa nu gargaaraa! Isa kana namichi nama keenya, seera Musee, mana qulqullummaa kanas tuquudhaan, iddoo halle dhaqee barsiisu, ammuma iyyuu Griikota tokko fidee mana qulqullummaatti galchuudhaan, iddoo qulqulluu kanas xureesseera? jedhanii itti iyyan.

29Duraan Xrofimoos nama Efesoon isaa wajjin mandara keessatti waan arganiif, Phaawulos mana qulqullummaatti isa geesseera ta'a jedhanii yaadanii turan.

30Kana irratti mandarichi guutummaatti socho'e, namoonni walitti dacha'an Phaawulosin butanii daddarbachaa mana qulqullummaa keessaa baasan; achumaanis balbaloonni mana qulqullummaa in cufaman.

31Isaan Phaawulosin ajjeesuuf utuu yaalanii, Yerusaalem guutummaatti goolamuun isaa kutata waraana Roomaa irratti angafa kumaa isa turetti himame.

32Angafichi kumaa sun achumaan loltootaa fi angafoota dhibbaa fudhatee, namoota Phaawulosin qabatan irra ba'e. Isaan angaficha kumaatii fi loltoota yommuu argan, Phaawulosin rukutuu dhiisan.

33Yommus angafichi kumaa Phaawulositti dhi'aatee isa qabsiisee, ?Fuuncaa lamaan hidhaa!? jedhee abboome. Kana booddee immoo, ?Namichi kun eenyu jedhama? Maal balleesses?? jedhee, jara gaafate.

34Tuuta sana keessaa kaan waan tokko jedhee iyya, kaan immoo waan biraa jedha. Angafichi garuu waca jaraatiif akka isaa hubachuu waan dadhabeef, Phaawulosin iddoo buufata loltuutti akka geessan abboome.

35Phaawulos buusaa ittiin ol yaaban bira ga'ee, wal dhiibuu namootaatiif akka itti adeemu dhabnaan, warri loltuu ol fuudhanii isa baatan.

36Yommus tuuti jaraa ?Balleessi!? jedhaa iyyaa duukaa bu'an.

37Yeroo warri loltuu iddoo buufata isaaniitti isa galchuuf jedhanitti Phaawulos, ?Waa sitti dubbachuun in danda'amaa?? jedhee angafa kumaa gaafate. Kana irratti angafichi, ?Afaan Griikii iyyuu beektaa?

38Yoos ati Gibxicha isa kanaan dura, warra kuma arfan godduu hidhatanii, hinaaffaa biyya isaaniif nama ajjeesuu barbaadan, geggeessee lafa onaatti galche sana miti kaa?? jedheen.

39Phaawulos garuu deebisee, ?Ani Yihudii dha, Xarsees mandara biyya Qiliiqiyaattan dhaladhe, ani nama mandara beekamaa tokkoo ti; hadaraa namoota kanatti akkan dubbadhuuf sin kadhadha? jedhe.

40Yommus angafichi kumaa, ?Haa ta'u dubbadhu!? ittiin jedhe. Phaawulos buusaa irra dhaabatee, harkaan isaan hawwate; namoonni gab jennaan, afaan warra Yihudootaatiin isaanitti dubbachuutti ka'e.