Pheexiroos Yesusiin Beekuu Haaleera
10 Lakkoofsota2Afaan OromooMaatewos 26:69-75
69Yommus Phexros ala oobdii keessa in taa'a ture; xomboreen tokko gara isaa dhuftee, ?Atis Yesus namicha Galiilaa sanaa wajjin turte!? jette.
70Inni garuu hunduma isaanii duratti ganee, ?Waan ati jettu kana ani hin beeku? jedhe.
71Gara karra dallichaatti gad baanaan, xomboreen isheen tokko isa argitee, warra achi dhaabataniin, ?Namichi kun Yesus nama Naazireet sanaa wajjin ture? jette.
72Inni garuu ammas ganee, ?Nama kana ani hin beeku? jedhe kakate.
73Yeroo xinnoo booddees warri achi dhaabatan ol dhufanii Phexrosiin, ?Ati dhuguma isaan keessaa tokko, akki haasaa keetii iyyuu si lafafa? jedhan.
74Yommus inni immoo, ?Namicha kana ani hin beeku? jedhee of abaaruu, kakachuuttis ka'e; achumaanis indaanqoon in iyyite.
75Phexros yommus jecha Yesus isa inni, ?Indaanqoon utuu hin iyyin ati si'a sadii na ganta? ittiin jedhee ture yaadate; kanaaf inni gad ba'e mararamee boo'e.
Maatewos 27:3-5
3Yihudaan inni dabarsee isa kenne Yesusitti akka faradame yommuu hubate gaabbee, meetii soddomman deebisee luboota warra angafootaa fi maanguddootatti fidee,
4?Ani dhiiga nama yakka hin qabne dhangala'uutti dabarsee kennuu kootiin yakkeera? isaaniin jedhe. Isaan garuu, ?Nuun maaltu dhibe ree? Atumtuu faladhu malee!? jedhan.
5Yihudaan kana irratti meetticha mana qulqullummaa keessatti darbatee gatee, achii adeeme, dhaqes of rarraase.