Zebidaah

PeedaayaaAfaan Oromoo

Dubartii yeroo mootummaan qoodame jiraatte, kan2ffaa Mootota 23:36irratti qofa eeramte.

Zebidaan galmee kitaaba qulqulluu keessatti haadha mootii Yihudaa kan taʼe Yoʼaakim jedhamtee eeramteetti. Isheenis intala Pedaayaa kan magaalaa Ruumaa irraa dhuftedha turte. Abbaan manaa Zebidaa mootii Yihudaa kan jijjiirama amantii guddaa fide Yoosiyaas ture. Yoosiyaas erga duʼee booda, ilmi isaanii Yoʼaakim umrii digdamii shanitti teessoo irra taaʼee waggaa kudha tokkoof Yerusaalem keessa bulche. Haa taʼu malee, Yoʼaakim faana abbaa isaa hin buune; fuula Waaqayyoo durattis hamaa hojjete.