Iyuu

HanaaniiAfaan Oromoo

Namoota bara mootummaa gargar ba'eetti jiraatan keessaa tokko yoo ta'u, yeroo jalqabaaf kan dubbatame1ffaa Mootota 16:1irratti.

Yehuun (Iyyuun) ilma Hanaanii, raajii bara mootiin Israa'el Baa'ishaan fi mootiin Yihudaa Yehoshaafaax bulchanitti jiraate ture. Innis Baa'ishaa karaa isaa isa hamaa irratti ceepha'uudhaan fi badiisa maatii isaa labsuudhaan Waaqayyo biraa ergaa Baa'ishaaf fide. Boodas, Yehuun (Iyyuun) mootii Israa'el isa hamaa Akaab wajjin walitti dhufeenya waan uumeef Yehoshaafaax ceepha'e. Hojiin isaa dallansuu Waaqayyoo akka fideef Yehoshaafaax akeekkachiise. Yehuun (Iyyuun) akkasumas galmee wantoota bara Yehoshaafaaxitti raawwataman barreesse; kunis kitaaba mootota Israa'el keessatti argama.